-
Hoseʼaa 2:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Ani mukeetii wayinii ishii fi mukeetii harbuu ishii warra ishiin,
“Kanneen kun mindaa koo isa warri baayʼee na jaallatan naaf kennani dha” jettu sana nan balleessa;
Gara bosonaatti isaan nan jijjiira,
Bineensonni bosonaas isaan ni nyaatu.
-
-
Miikiyaas 1:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Fakkiiwwan ishii warri bocamanii tolfaman hundi ni caccabsamu,+
Kennaawwan ishiin akka gatiitti fudhatte* hundi ibiddaan ni gubamu.+
Waaqolii tolfamoo ishii hundumaa nan balleessa.
Wantoota kana kan walitti qabatte mindaa sagaagalummaa ishiitiin argatteen waan taʼeef,
Ammas isaan mindaa sagaagaltuudhaaf kennamu ni taʼu.”
-