-
2 Mootota 17:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Isaan garuu hin dhageenye; akkuma abbootii isaanii warra Waaqa isaanii Yihowaa irratti amantii hin qabne sanaa mata jabeeyyii taʼanii* itti fufan.+ 15 Dambiiwwan isaa fi kakuu+ isaa isa inni abbootii isaanii wajjin gale, akkasumas yaadachiisawwan isaa warra inni isaan akeekkachiisuuf kenne ni tuffatan;+ saboota naannoo isaanii warra Yihowaan akka isaan hin fakkaanne isaan akeekkachiise hundumaa fakkaachuudhaan,+ waaqolii tolfamoo gatii hin qabne hordofan;+ isaanumti iyyuu warra gatii hin qabne taʼan.+
-
-
Zakkaariyaas 1:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 “‘Isin akka abbootii keessanii warra raajonni durii, “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Maaloo, daandii keessan isa hamaa fi gocha keessan isa hamaa irraa deebiʼaa’+ jedhanii itti himan sanaa hin taʼinaa.”’
“‘Isaan garuu hin dhageenye, xiyyeeffannaadhaanis na hin dhaggeeffanne’+ jedha Yihowaan.
-