LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 2:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Inni saboota gidduutti murtii ni kenna,

      Dhimmoota namoota hedduutiifis furmaata ni argamsiisa.

      Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,

      Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru.+

      Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,

      Isaan kana booda waraana hin baratan.+

  • Hisqiʼel 39:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Jiraattonni magaalota Israaʼelis gad baʼanii meeshaawwan waraanaatti, jechuunis gaachanoota xixinnoo* fi gaachanoota guguddaatti, iddaawwanii fi xiyyawwanitti, akkasumas uleewwan waraanaa* fi eeboowwanitti ibidda ni qabsiisu. Waggaa torbaafis ibidda bobeessuuf isaanitti fayyadamu.+

  • Zakkaariyaas 9:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Ani Efreem irraa gaarii fardaa waraanaa,

      Yerusaalem irraas farda nan fuudha.

      Iddaan waraanaa ni fudhatama.

      Inni sabootaaf nagaa ni labsa;+

      Bulchiinsi isaa galaanaa hamma galaanaatti,

      Lagicha* irraas hamma andaara lafaatti ni taʼa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi