-
Isaayyaas 28:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Gonfoo* machooftuuwwan Efreem+ ishii na argaa na argaa jettuuf,*
Akkasumas, abaaboo coolligaa faaya miidhaginaa ishii taʼe,
Isa mataa lafa gabbataa sululichaa kan warra daadhii wayiniitiin moʼamanii taʼe irra jiruuf wayyoo!
2 Kunoo, Yihowaan nama cimaa fi jabaa taʼe tokko qaba.
Innis akkuma bokkaa cabbii bubbee fi kakawwee qabuutti, akkuma obomboleettii badiisa geessisuutti,
Akkuma bubbee kakawwee qabuu fi lolaa cimaa geessisuutti,
Humnaan gara lafaatti ishii ni darbata.
3 Gonfoowwan na argaa na argaa jedhanii* fi kan namoota Efreem warra machooftuu sanaa taʼan
Faana jalatti ni dhidhiitamu.+
-
-
Hoseʼaa 9:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Efreem inni iddoo dheedichaa keessa dhaabame anaaf akkuma Xiirosi;+
Amma Efreem ilmaan isaa qalmaaf haa fidu.”
-