-
Iyyaasuu 23:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Ammas wanta kitaaba Seera+ Musee irratti barreeffame hundumaa eeguu fi raawwachuuf baayʼee onnatoo taʼaa; kanas kan gootan wanta barreeffame irraa matumaa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti jalʼachuu dhiisuudhaan,+ 7 akkasumas matumaa saboota warra isin biratti hafan kanatti makamuu dhiisuudhaani.+ Isin maqaa waaqolii isaanii illee hin dhaʼinaa,+ isaaniin hin kakatinaa, matumaa isaan hin tajaajilinaa yookiin isaaniif hin sagadinaa.+
-
-
1 Mootota 11:33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Ani kana kanan godhu, isaan na dhiisanii+ waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretiif, waaqa Moʼaabotaa kan taʼe Kemooshii fi waaqa Amoonotaa kan taʼe Milkoomiif waan sagadaniif, akkuma abbaan isaa Daawit godhettis wanta na duratti sirrii taʼe hojjechuudhaan, akkasumas dambiiwwan koo fi murtiiwwan koo eeguudhaan daandiiwwan koo irra waan hin deemneefi.
-