LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 23:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “Ammas wanta kitaaba Seera+ Musee irratti barreeffame hundumaa eeguu fi raawwachuuf baayʼee onnatoo taʼaa; kanas kan gootan wanta barreeffame irraa matumaa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti jalʼachuu dhiisuudhaan,+ 7 akkasumas matumaa saboota warra isin biratti hafan kanatti makamuu dhiisuudhaani.+ Isin maqaa waaqolii isaanii illee hin dhaʼinaa,+ isaaniin hin kakatinaa, matumaa isaan hin tajaajilinaa yookiin isaaniif hin sagadinaa.+

  • 1 Mootota 11:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Ani kana kanan godhu, isaan na dhiisanii+ waaqayyittii Siidoonotaa kan taate Ashtooretiif, waaqa Moʼaabotaa kan taʼe Kemooshii fi waaqa Amoonotaa kan taʼe Milkoomiif waan sagadaniif, akkuma abbaan isaa Daawit godhettis wanta na duratti sirrii taʼe hojjechuudhaan, akkasumas dambiiwwan koo fi murtiiwwan koo eeguudhaan daandiiwwan koo irra waan hin deemneefi.

  • Ermiyaas 49:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 49 Amoonota+ ilaalchisee Yihowaan akkana jedha:

      “Israaʼel ilmaan hin qabuu?

      Dhaaltuu hoo hin qabuu?

      Maarree Maalkaam+ Gaadiin kan dhaale maaliifi?+

      Namoonni isaa magaalota Israaʼel keessa kan jiraatan hoo maaliifi?”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi