-
Keessa Deebii 11:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 ani lafa keessaniif yeroo isaatti bokkaa, jechuunis bokkaa birraa fi bokkaa arfaasaa nan kenna; atis midhaan kee, wayinii kee isa haaraa fi zayitii kee walitti ni qabatta.+
-
-
Ermiyaas 14:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Waaqolii tolfamoo sabootaa warra gatii hin qabne keessaa bokkaa roobsuu kan dandaʼu jiraa?
Samiiwwan illee ofii isaaniitiin bokkaa roobsuu ni dandaʼuu?
Waaqa keenya kan taate yaa Yihowaa, kana gochuu kan dandaʼu si qofa mitii?+
Wantoota kana hundumaa kan raawwate si qofa waan taʼeef,
Nuti si abdanna.
-
-
Ermiyaas 51:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Sagalee isaa yommuu dhageessisu,
Bishaanonni samiiwwan keessa jiran ni jeeqamu,
Inni duumessoonni* andaara lafaatii akka ol baʼan ni godha.
-