-
Maatewos 3:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Bara sanatti Yohaannis+ Cuuphaan lafa onaa Yihudaa keessatti lallabaa+ dhufe; 2 lallabni isaas, “Mootummaan samii waan dhihaateef, yaada geddaradhaa”+ kan jedhu ture. 3 Kunis isa Isaayyaas raajichi+ waaʼee isaa, “Lafa onaa keessaa sagaleen, ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa’ jedhu tokko ni dhagaʼama”+ jechuudhaan dubbate sana dha.
-
-
Maarqos 1:2-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Isaayyaas raajichi akkana jedhee barreesseera: “(Kunoo, ani ergamaa koo isa karaa siif qopheessu si* dura nan erga.)+ 3 Sagaleen tokko lafa onaa keessaa, ‘Daandii Yihowaa* qopheessaa! Karaa isaas wal qixxeessaa’ jedhee iyya.”+ 4 Yohaannis Cuuphaan, cuuphaa isa mallattoo yaada geddarannaa taʼee fi dhiifama cubbuu argachuuf karaa banu lafa onaa keessatti lallaba ture.+
-