-
Maarqos 1:29-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Achiis mana sagadaa keessaa baʼanii, Yaaqoobii fi Yohaannisii wajjin gara mana Simoonii fi Indiriyaas dhaqan.+ 30 Yeroo kanatti amaatiin Simoon+ dhukkuba dhaqna gubaatiin qabamtee ciistee turte; isaanis yeruma sana waaʼee ishii isatti himan. 31 Innis gara ishii dhaqee harka ishii qabee ol ishii kaase. Dhaqna gubaan sunis ishii ni gadhiise; ishiinis isaan tajaajiluu jalqabde.
32 Galgala erga aduun lixxee booda, namoonni warra dhukkubsatanii fi jinniidhaan qabaman hunda gara isaatti fiduu jalqaban;+ 33 namoonni magaalattii hundis balbalicha duratti walitti qabaman. 34 Kanaafuu, inni namoota dhukkuba adda addaatiin qabaman hedduu ni fayyise;+ jinniiwwan hedduus ni baase; taʼus, jinniiwwan kun inni Kiristoos taʼuu isaa* waan beekaniif akka dubbatan isaaniif hin heyyamne.
-
-
Luqaas 4:38-41Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Mana sagadaa sana keessaa erga baʼee booda gara mana Simoonitti seene. Yeroo kanatti amaatiin Simoon dhaqna gubaa cimaadhaan dhiphachaa waan turteef, akka ishii gargaaru isa gaafatan.+ 39 Kanaafuu, inni ishiitti gad jedhee dhaqna gubaa sana ifate; dhaqna gubaan sunis ishii gadhiise. Ishiinis yeruma sana kaatee isaan tajaajiluu jalqabde.
40 Yommuu aduun lixxu immoo, namoonni warra dhukkuba adda addaatiin qabaman gara isaatti fidan. Innis harka isaa tokkoon tokkoon isaanii irra kaaʼee isaan fayyise.+ 41 Kana malees jinniiwwan, “Ati Ilma Waaqayyoo ti”+ jedhanii iyyaa namoota hedduu keessaa baʼan. Inni garuu isaan ifate; isaan Kiristoos taʼuu isaa waan beekaniif akka dubbatan isaaniif hin heyyamne.+
-