-
Maatewos 18:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaafuu, harki kee yookiin miilli kee yoo si gufachiise of irraa kutii gati.+ Harka lama yookiin miila lama qabaattee ibidda bara baraatti gatamuu mannaa, qaamni kee hirʼatee yookiin naafa taatee jireenya argachuu sii wayya.+ 9 Akkasumas, ijji kee yoo si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda Gahaannamitti* gatamuu mannaa, ija tokko qabaattee jireenya argachuu sii wayya.+
-