- 
	                        
            
            Luqaas 20:45-47Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
45 Achiis utuma namoonni sun hundi isa dhagaʼanii barattoota isaatiin akkana jedhe: 46 “Barsiisota seeraa irraa of eegaa; isaan uffata dhedheeraa uffatanii naannaʼuu fi iddoo gabaatti nagaa gaafatamuu jaallatu; mana sagadaa keessatti fuuldura,* affeerraa irbaataa irrattis bakka filatamaa taaʼuu jaallatu;+ 47 mana* dubartoota abbaan manaa irraa duʼee ni onsu; argisiifachuuf* jedhaniis kadhannaa isaanii dheeressu. Isaan warra kaan caalaa adabamu.”
 
 -