-
Maatewos 19:16-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yeroo kanatti namichi tokko gara isaa dhufee, “Yaa Barsiisaa, jireenya bara baraa argachuuf wanta gaarii akkamii gochuun qaba?”+ isaan jedhe. 17 Yesuusis, “Waaʼee wanta gaarii maaliif na gaafatta? Gaarii kan taʼe tokko qofa dha.+ Ati garuu jireenya argachuu yoo barbaadde yeroo hundumaa ajajawwan Waaqayyoo eegi”+ isaan jedhe. 18 Namichis, “Warra kam?” isaan jedhe. Yesuusis akkana jedhe: “Hin ajjeesin,+ hin ejjin,+ hin hatin,+ sobaan ragaa hin baʼin,+ 19 abbaa kee fi haadha tee kabaji,+ akkasumas nama* akka ofii keetti jaalladhu.”+ 20 Dargaggeessi sunis, “Isaan kana hundumaa eegeera; kan biraa hoo maaltu na hafa?” isaan jedhe. 21 Yesuusis, “Mudaa kan hin qabne* taʼuu yoo barbaadde, dhaqi, wanta qabdu gurguriitii hiyyeeyyiidhaaf kenni; samii irratti qabeenya ni argatta;+ sana booda kottuutii duuka buutuu koo taʼi”+ isaan jedhe. 22 Dargaggeessi sun yommuu kana dhagaʼu qabeenya hedduu waan qabuuf gaddaa achii deeme.+
-
-
Maarqos 10:17-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Utuu inni deemaa jiruus namni tokko fiigee dhufee, isa duratti jilbeenfatee, “Yaa Barsiisaa gaarii, jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?”+ jedhee isa gaafate. 18 Yesuusis akkana isaan jedhe: “Maaliif gaarii jettee na waamta? Waaqa tokkicha malee gaariin hin jiru.+ 19 Ajajawwan, ‘Hin ajjeesin,+ hin ejjin,+ hin hatin,+ sobaan ragaa hin baʼin,+ hin gowwoomsin,+ abbaa kee fi haadha tee kabaji’+ jedhan beekta.” 20 Namichis, “Yaa barsiisaa, wantoota kana hunda ijoollummaa kootii jalqabee eegeera” isaan jedhe. 21 Yesuusis isa ilaalee isa jaallate; achiis, “Wanta tokkotu sitti hirʼata: Dhaqi, wanta qabdu gurguriitii hiyyeeyyiidhaaf kenni; samii irratti qabeenya ni argatta; sana booda kottuutii duuka buutuu koo taʼi”+ isaan jedhe. 22 Inni garuu yommuu kana dhagaʼu ni gadde; qabeenya hedduu waan qabuufis gaddaa achii deeme.+
-
-
Luqaas 10:25-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yeroo kanatti namni Seericha beeku tokko isa qoruuf kaʼee dhaabbatee, “Barsiisa, jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuutu na barbaachisa?”+ jedhe. 26 Yesuusis, “Seericha keessatti kan barreeffame maali dha? Ati hoo akkamitti hubatta?” isaan jedhe. 27 Namichis deebisee, “‘Waaqa kee Yihowaa* garaa kee guutuudhaan, lubbuu* kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaanis jaalladhu,’+ akkasumas ‘nama* akka ofii keetti jaalladhu’”+ jedhe. 28 Yesuusis, “Deebii sirrii kenniteetta; kana gochuu kee itti fufi, jireenyas ni argatta”+ isaan jedhe.
-