-
Maatewos 19:28, 29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, yeroo wanti hundi haareffamuu* fi Ilmi namaa teessoo isaa isa ulfina qabeessa taʼe irra taaʼutti, isin warri na duukaa buutan teessoo 12 irra teessanii gosoota Israaʼel 12n irratti murteessitu.+ 29 Namni maqaa kootiif jedhee, manneen yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin maasii isaa dhiise, dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni argata.+
-
-
Maarqos 10:29, 30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Yesuusis akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, namni anaa fi misiraachichaaf jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin maasii dhiise,+ 30 yeroo ammaatti ariʼatamaa wajjin+ manneen, obboloota, obboleettota, haadholii, ijoollee fi maasii dachaa 100, sirna* dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru.
-