-
Maatewos 22:41-46Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
41 Fariisonni walitti qabamanii utuu jiranii Yesuus akkana jedhee isaan gaafate:+ 42 “Waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” Isaanis, “Ilma Daawiti”+ isaan jedhan. 43 Innis akkana jedhee isaan gaafate: “Maarree, Daawit akkamitti hafuuraan geggeeffamee+ Gooftaa jedhee isa waama? 44 Inni akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee miila kee jala hamman siif godhutti mirga koo taaʼi”+ jedheera.’ 45 Maarree Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, inni akkamitti ilma isaa taʼa?”+ 46 Yeroo kanatti namni tokko illee deebii isaaf kennuu hin dandeenye; guyyaa sanaa jalqabees namni gaaffii kan biraa isa gaafachuuf onnate hin turre.
-
-
Maarqos 12:35-37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
35 Haa taʼu malee, Yesuus mana qulqullummaa keessatti utuu barsiisaa jiruu akkana jedhe: “Barsiisonni seeraa akkamitti Kiristoosiin ilma Daawit jedhu?+ 36 Daawit hafuura qulqulluudhaan+ geggeeffamee akkana jedheera: ‘Yihowaan* Gooftaa kootiin, “Diinota kee miila kee jala hamman siif godhutti mirga koo taaʼi” jedheera.’+ 37 Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”+
Yeroo kanatti namoonni hedduun gammachuudhaan isa dhaggeeffachaa turan.
-