LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 18:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Ani obboloota isaanii gidduudhaa raajii akka keetii isaaniif nan kaasa;+ dubbii koo afaan isaa keessa nan kaaʼa;+ innis wantan isa ajaju hundumaa isaanitti ni hima.+

  • Luqaas 7:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Inni duʼe sunis ol jedhee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis haadha isaatiif isa kenne.+ 16 Yeroo kanatti hundi isaanii baayʼee sodaatanii, “Raajii guddaan tokko nu gidduutti kaʼeera”+ akkasumas, “Waaqayyo saba isaa yaadateera” jedhanii Waaqayyoof ulfina kennuu jalqaban.+

  • Yohaannis 3:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Inni halkan keessa gara Yesuus dhufee,+ “Rabbii,+ ati barsiisaa Waaqayyo biraa dhufe taʼuu kee beekna; sababiin isaas, Waaqayyo yoo isaa wajjin taʼe malee namni dinqiiwwan ati hojjettu kana+ hojjechuu dandaʼu hin jiru”+ isaan jedhe.

  • Yohaannis 6:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Namoonni sun dinqii Yesuus hojjete yommuu argan, “Kun dhuguma iyyuu Raajicha isa gara addunyaa akka dhufu dubbatame sana dha”+ jedhan.

  • Hojii Ergamootaa 2:22
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “Yaa namoota Israaʼel dubbii kana dhagaʼaa: Yesuus namni Naazireet hojiiwwan guguddaa, dinqiiwwanii fi mallattoowwan Waaqayyo karaa isaa isin gidduutti raawwateen,+ nama Waaqayyo ifatti isinitti mulʼise taʼuu isaa isinumti iyyuu ni beektu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi