-
Mulʼata 10:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Maleekaa jabaan kan biraan tokko duumessa uffatee* utuu samii irraa gad buʼuu nan arge; mataa isaa irra sabbanni waaqaa jira ture, fuulli isaa aduu fakkaata,+ miilli isaas utubaa ibiddaa fakkaata ture; 2 inni maraa kitaabaa hiikamee jiruu fi xinnoo taʼe harka isaatti qabatee ture. Akkasumas miila isaa mirgaatiin galaana irra, miila isaa bitaatiin immoo lafa gogaa irra ejjete;
-