Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Qabiyyee Iyyoob IYYOOB QABIYYEE KITAABICHAA 1 Amanamummaa fi badhaadhina Iyyoob (1-5) Seexanni kakaʼumsa Iyyoob irratti gaaffii kaase (6-12) Iyyoob qabeenya isaa fi ijoollee isaa dhabe (13-19) Iyyoob Waaqa hin komanne (20-22) 2 Seexanni ammas kakaʼumsa Iyyoob irratti gaaffii kaase (1-5) Seexanni qaama Iyyoob madaadhaan akka rukutu heyyamameef (6-8) Haati manaa Iyyoob, “Waaqa arrabsiitii duʼi!” jette (9, 10) Michoonni Iyyoob sadan gara isaa dhufan (11-13) 3 Iyyoob guyyaa itti dhalate abaare (1-26) Rakkinni maaliif akka isa irra gaʼu gaafate (20, 21) 4 Dubbii Eliifaaz isa jalqabaa (1-21) Amanamummaa Iyyoobitti qoose (7, 8) Ergaa hafuura tokko irraa dhufe dubbate (12-17) ‘Waaqayyo tajaajiltoota isaa irratti amantii hin qabu’ (18) 5 Dubbiin Eliifaaz inni jalqabaa itti fufe (1-27) ‘Waaqayyo warra ogeeyyii taʼan haxxummaa isaaniitiin isaan qabata’ (13) ‘Iyyoob adaba Waaqayyoo tuffachuu hin qabu’ (17) 6 Deebii Iyyoob (1-30) Komiin isaa sirrii akka taʼe dubbate (2-6) Jajjabeessitoonni isaa gantoota dha (15-18) “Dubbii dhugaan nama hin dhukkubsu!” (25) 7 Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-21) Jireenyi akkuma hojii dirqamaa ti (1, 2) “Ati akeeka kee kan na godhatte maaliifi?” (20) 8 Dubbii Bildaad isa jalqabaa (1-22) Ilmaan Iyyoob cubbuu akka hojjetan dubbate (4) ‘Qulqulluu turte utuu taʼee Waaqayyo si eega ture’ (6) Iyyoob nama Waaqa hin qabne akka taʼe dubbate (13) 9 Deebii Iyyoob (1-35) Namni duʼu Waaqaa wajjin wal falmuu hin dandaʼu (2-4) ‘Waaqayyo wantoota qoramuu hin dandeenye ni hojjeta’ (10) Namni Waaqaa wajjin wal falmuu hin dandaʼu (32) 10 Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-22) ‘Waaqayyo kan na mormu maaliifi?’ (2) Waaqni Iyyoob irraa adda dha (4-12) ‘Utuun xinnoo boqonnaa argadhee’ (20) 11 Dubbii Zofaar isa jalqabaa (1-20) Iyyoob dubbii gatii hin qabne akka dubbatu ibse (2, 3) Hammina akka of irraa fageessu Iyyoobitti dubbate (14) 12 Deebii Iyyoob (1-25) “Ani isinii gad miti” (3) Ani “nama itti kolfamu taʼeera” (4) ‘Ogummaan Waaqayyo bira jira’ (13) Waaqni abbootii murtii fi mootota irra ni caala (17, 18) 13 Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-28) ‘Utuun Waaqayyoo wajjin dubbadhee nan filadha’ (3) ‘Isin ogeeyyii fayyaa gatii hin qabne dha’ (4) “Ani sirrii akkan taʼe beeka” (18) Waaqni maaliif akka diinaatti akka isa ilaalu gaafate (24) 14 JIyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-22) Namni umuriin isaa gabaabaa fi rakkinaan kan guutame dha (1) “Mukti illee abdii qaba” (7) “Maal taʼa, Awwaala keessatti utuu na dhoksitee!” (13) “Namni yoo duʼe deebiʼee jiraachuu dandaʼaa?” (14) Waaqni hojii harka isaatii ni yaada (15) 15 Dubbii Eliifaaz isa lammaffaa (1-35) Iyyoob Waaqa akka hin sodaanne dubbate (4) Iyyoob akka malee kan ofitti amanamu taʼuu isaa dubbate (7-9) ‘Waaqayyo qulqulloota isaa irratti amantii hin qabu’ (15) ‘Dhiphinni nama hamaa irra gaʼa’ (20-24) 16 Deebii Iyyoob (1-22) ‘Isin jajjabeessitoota rakkina uumtani dha!’ (2) Waaqni akeeka godhee akka isa dhaabe dubbate (12) 17 Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-16) “Qoostonni natti marsan” (2) “Kanan tuffatamu akkan taʼu godheera” (6) “Awwaalli mana koo ni taʼa” (13) 18 Dubbii Bildaad isa lammaffaa (1-21) Carraa cubbamootaa dubbate (5-20) Iyyoob Waaqa akka hin beekne dubbate (21) 19 Deebii Iyyoob (1-29) Ifannaa “michoota” isaa fudhachuu dide (1-6) Akka dhiifame dubbate (13-19) ‘Inni na furu jiraataa dha’ (25) 20 Dubbii Zofaar isa lammaffaa (1-29) Iyyoob akka isa arrabse isatti dhagaʼame (2, 3) Iyyoob hamaa akka taʼe dubbate (5) Iyyoob cubbuutti akka gammadu dubbate (12, 13) 21 Deebii Iyyoob (1-34) ‘Hamoonni badhaadhota kan taʼan maaliifi?’ (7-13) “Jajjabeessitoota” isaa saaxile (27-34) 22 Dubbii Eliifaaz isa sadaffaa (1-30) “Namni Waaqa fayyaduu dandaʼaa?” (2, 3) Iyyoob sassataa fi haqa kan jalʼisu akka taʼe dubbate (6-9) ‘Gara Waaqayyotti deebiʼi, deebitees ni haaromta’ (23) 23 Deebii Iyyoob (1-17) Dhimma isaa Waaqa duratti dhiheeffachuu barbaade (1-7) Waaqa argachuu akka hin dandeenye dubbate (8, 9) “Karaa irraa utuu hin gorin daandii isaa irra buʼuu koo itti fufeera” (11) 24 Iyyoob deebii kennuu isaa itti fufe (1-25) ‘Waaqayyo yeroo kan hin ramadne maaliifi?’ (1) Waaqni hammina akka heyyamu dubbate (12) Cubbamoonni dukkana jaallatu (13-17) 25 Dubbii Bildaad isa sadaffaa (1-6) ‘Namni akkamitti Waaqayyo duratti qulqulluu taʼuu dandaʼa?’ (4) Namni amanamaa taʼuun isaa gatii akka hin qabne dubbate (5, 6) 26 Deebii Iyyoob (1-14) “Ati isa humna hin qabne akkam gargaarte!” (1-4) ‘Waaqni lafa homtuu utuu jala hin jiraatiin ni rarraase’ (7) “Wantoonni kun fiixee daandiiwwan isaa qofa dha” (14) 27 Iyyoob amanamummaa isaa eeguuf murteesse (1-23) “Amanamummaa koo hin dhiisu” (5) Namni Waaqa hin qabne abdii hin qabu (8) “Dubbiin keessan guutummaatti duwwaa kan taʼe maaliifi?” (12) Namni hamaan harka duwwaa hafa (13-23) 28 Iyyoob albuudota lafaa ogummaa wajjin wal bira qabee ibse (1-28) Carraaqqii namni albuuda baasuuf godhu (1-11) Ogummaan callee gatii guddaa qabu irra ni caala (18) Ogummaa dhugaan Yihowaa sodaachuu dha (28) 29 Iyyoob yeroo gammachiisaa qorumsa isaa dura dabarse yaadate (1-25) Karra magaalattii duratti kabajamaa ture (7-10) Yeroo haqaan itti deddeebiʼaa ture (11-17) Namni hundi gorsa isaa ni dhagaʼa ture (21-23) 30 Iyyoob haalli isaa akka jijjiirame ibse (1-31) Warri gatii hin qabne itti qoosan (1-15) Waaqa irraa gargaarsa kan hin arganne fakkaata (20, 21) “Gogaan koo gurraachaʼe” (30) 31 Iyyoob amanamaa akka taʼe falme (1-40) “Ija koo wajjin kakuu galeera” (1) Waaqni akka isa madaalu gaafate (6) Ejja irraa akka fagaatu dubbate (9-12) Maallaqa kan jaallatu akka hin taane dubbate (24, 25) Waaqa tolfamaa kan waaqeffatu akka hin taane dubbate (26-28) 32 Eliihuun inni dargaggeessa taʼe dubbachuu jalqabe (1-22) Iyyoobittii fi michoota Iyyoobitti aare (2, 3) Dubbachuu isaa dura kabajaan eegeera (6, 7) Umurii qofti nama ogeessa hin godhu (9) Eliihuun dubbachuu barbaade (18-20) 33 Eliihuun Iyyoob qajeelaa waan of godheef isa ifate (1-33) Furiin isaaf ni argame (24) Jabina bara dargaggummaatti deebiʼuu (25) 34 Eliihuun haqaa fi daandiiwwan Waaqaa deggere (1-37) Iyyoob Waaqni akka haqa isa dhowwate dubbateera (5) Waaqni dhugaan matumaa hammina hin raawwatu (10) Iyyoob beekumsi kan itti hirʼate dha (35) 35 Eliihuun sababii dogoggoraa Iyyoob dhiheesse dubbate (1-16) Iyyoob Waaqa caalaa qajeelaa akka taʼe dubbate (2) Waaqni ol gubbaa jira; cubbuun isa irratti dhiibbaa hin godhu (5, 6) Iyyoob Waaqa eeggachuu qaba (14) 36 Eliihuun guddina Waaqaa isa qoramee bira hin gaʼamne ol qabe (1-33) Namni ajajamu ni badhaadha, namni Waaqa hin qabne ni bada (11-13) ‘Barsiisaan akka Waaqaa eenyu?’ (22) Iyyoob Waaqa ol qabuu qaba (24) “Waaqayyo isa beekuu dandeenyu caalaa guddaa dha” (26) Waaqni bokkaa fi bakakkaa ni toʼata (27-33) 37 Humnoonni uumamaa guddina Waaqaa mulʼisu (1-24) Waaqni sochii namaa dhaabsisuu dandaʼa (7) ‘Hojiiwwan Waaqayyoo warra dinqisiisoo taʼan ilaali’ (14) Waaqa hubachuun humna namootaatii oli (23) Namni kam iyyuu ogeessa akka taʼe yaaduu hin qabu (24) 38 Yihowaan namni xinnoo akka taʼe barsiise (1-41) ‘Yommuu lafti uumametti ati eessa turte?’ (4-6) Ilmaan Waaqaa gammachuudhaan iyyan (7) Gaaffiiwwan waaʼee taʼeewwan uumamaa gaafataman (8-32) “Seerawwan samiin ittiin bulu” (33) 39 Uumamni bineensotaa namni wallaalaa taʼuu isaa argisiisa (1-30) Reʼoota gaaraa fi gadamsa (1-4) Harree bosonaa (5-8) Gafarsa (9-12) Guchii (13-18) Farda (19-25) Coroffee fi risaa (26-30) 40 Gaaffiiwwan dabalataa Yihowaan gaafate (1-24) Iyyoob wanta dubbatu akka hin qabne amane (3-5) “Haqa koo ni shakkitaa?” (8) Waaqni jabina Behemoot ibse (15-24) 41 Waaqni waaʼee Lewaataan isa dinqisiisaa taʼee ibse (1-34) 42 Iyyoob Yihowaadhaaf deebii kenne (1-6) Michoonni isaa sadan ni balaaleffataman (7-9) Yihowaan Iyyoobiif badhaadhina isaa ni deebise (10-17) Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa Iyyoob (13-15)