Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Qabiyyee Abbootii Murtii ABBOOTII MURTII QABIYYEE KITAABICHAA 1 Injifannoowwan Yihudaanii fi Simiʼoon argatan (1-20) Yebuusonni Yerusaalem keessa jiraachuu isaanii itti fufan (21) Yoseef Beeteliin fudhate (22-26) Kanaʼaanonni guutummaatti hin ariʼamne (27-36) 2 Akeekkachiisa maleekaan Yihowaa kenne (1-5) Iyyaasuun ni duʼe (6-10) Abbootiin murtii Israaʼeliin oolchuuf ni kaʼan (11-23) 3 Yihowaan Israaʼeliin qore (1-6) Abbaa murtii isa jalqabaa kan taʼe Otniʼel (7-11) Eehud inni abbaa murtii taʼe Egloon Mooticha isa furdaa taʼe ajjeese (12-30) Abbaa murtii kan taʼe Shaamgaar (31) 4 Yaabiin mootiin Kanaʼaan Israaʼeliin cunqurse (1-3) Dibooraa raajittii fi Baaraaq isa abbaa murtii taʼe (4-16) Yaaʼel Siseeraa isa ajajaa raayyaa waraanaa taʼe ajjeeste (17-24) 5 Faarfannaa injifannoo Dibooraa fi Baaraaq (1-31) Urjiileen Siseeraa waraanan (20) Lolaan Qiishoon ni yaaʼe (21) Warri Yihowaa jaallatan akka aduu ni taʼu (31) 6 Miidiyaan Israaʼeliin cunqurse (1-10) Maleekaan tokko Giidewon gargaarsa akka argatu isaaf mirkaneesse (11-24) Giidewon iddoo aarsaa Baʼaal diige (25-32) Hafuurri Waaqayyoo Giidewon irra buʼe (33-35) Qorumsa rifeensa hoolaa irratti godhame (36-40) 7 Giidewonii fi namoota isaa 300n (1-8) Raayyaan waraanaa Giidewon Miidiyaaniin moʼe (9-25) “Goraadee Yihowaa fi kan Giidewon!” (20) Namoonni buufata Miidiyaanotaa keessa jiran ni burjaajaʼan (21, 22) 8 Efreemonni akka malee Giidewoniin ni lolan (1-3) Mootota Miidiyaan duukaa buʼanii ajjeesan (4-21) Giidewon mootii taʼuu dide (22-27) Seenaa gabaabaa waaʼee jireenya Giidewon dubbatu (28-35) 9 Abimelek Sheekem keessatti mootii taʼe (1-6) Fakkeenya Yootaam dubbate (7-21) Bulchiinsa Abimelek isa hamminaan guutame (22-33) Abimelek Sheekemiin rukute (34-49) Dubartiin tokko Abimelek madeessite; innis ni duʼe (50-57) 10 Abbootii murtii kan taʼan Tolaa fi Yaaʼir (1-5) Israaʼel ni fincile, achiis cubbuu isaa irraa deebiʼe (6-16) Amoononni Israaʼeliin doorsisan (17, 18) 11 Yiftaan inni abbaa murtii taʼe biyyaa ariʼame; booda immoo bulchaa godhame (1-11) Yiftaan Amooniif ragaa dhiheesse (12-28) Wareega Yiftaan wareegee fi intala isaa (29-40) Jireenya qeenxummaa intala Yiftaa (38-40) 12 Walitti buʼiinsa Efreemotaa wajjin uumame (1-7) Qorumsa Shiiboleet (6) Abbootii murtii kan taʼan Ibzaan, Eloonii fi Abdoon (8-15) 13 Maleekaan tokko Maanoʼaa fi haadha manaa isaa bira dhaqe (1-23) Saamson ni dhalate (24, 25) 14 Abbaa murtii kan taʼe Saamson dubartii Filisxeem tokko fuudhuu barbaade (1-4) Saamson gargaarsa hafuura Yihowaatiin leenca ajjeese (5-9) Hibboo Saamson cidha irratti dubbate (10-19) Haati manaa Saamson nama kan biraatti kennamte (20) 15 Saamson Filisxeemota haaloo irratti baʼe (1-20) 16 Wanta Gaazaa keessatti Saamson mudate (1-3) Saamsonii fi Deliilaa (4-22) Saamson haaloo baʼuu isaa fi duʼuu isaa (23-31) 17 Waaqolii tolfamoo Miikiyaasii fi luba isaa (1-13) 18 Daanonni biyya barbaaddatan (1-31) Waaqoliin tolfamoon Miikiyaasii fi lubni isaa ni boojiʼaman (14-20) Laaʼish fudhatamtee maqaa Daan jedhu moggaafamte (27-29) Waaqeffannaa waaqa tolfamaa Daan keessa ture (30, 31) 19 Cubbuu ejjaa Biiniyaamonni Gibeʼaa keessatti raawwatan (1-30) 20 Waraana Biiniyaamotaa wajjin godhame (1-48) 21 Gosti Biiniyaam akka oolu godhame (1-25)