Irra Deebii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii
Gaaffiiwwan kanaa gaditti jiran Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii torban Waxabajjii 26 2006 jalqabutti kan irratti mar’iatamudha. Ilaaltuun olaanaa mana barumsichaa, kutaawwan Caamsaa 1 hanga Waxabajjii 26, 2006tti dhihaatanirratti hundaa’uudhaan daqiiqaa 30f irra deebicha geggeessa. [Yaadachiisa: Gaaffiiwwan booda barreeffamni deebiin irratti argamu hin caqasamne taanaan, deebiiwwansaanii argachuuf dhuunfaatti qorannaa gochuu si barbaachisa.—Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 36-37 ilaali.]
AMALAWWAN HAASAWAA
1. Sagalee jijijjiiruu jechuun maal jechuudha? Barbaachisaa kan ta’ehoo maaliifi? [be ful. 111, saanduqoota]
2. Haasawaa yeroo dhiheessinu saffisa sagalee keenyaa gegeddaruu kan dandeenyu akkamitti? [be ful. 112 key. 3– ful. 113 key. 1, saanduqa]
3. Haasawaa keenya miira ho’aadhaan dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo barbaachisaa kan ta’e maaliifi? [be ful. 115 key. 1–ful. 116 key. 2, saanduqoota]
4. Warra kaan yommuu barsiisnu miira michummaa qabaachuu kan qabnu maaliifi? Miira kana argisiisuuf maaltu nu gargaaruu danda’a? [be ful. 118 key. 3–ful. 119 key. 5]
5. Yeroo haasawaa dhiheessinutti sochiin qaamaafi ibsi fuulaa maaliif akka barbaachisu ibsi. (Mat. 12:48, 49) [be ful. 121, saanduqoota]
HAASAWAA LAK. 1
6. Macaafni Iyoob Yihowaa ol ol kan godhuufi ulaagaa inni jireenyaaf baase kan addeessu akkamitti? [si p. 100 pars. 39, 41]
7. Macaafni Faarfannaa sirrii ta’uusaa kan mirkaneessuu maali? [si p. 102 pars. 10-11]
8. Fakkeenyi 13:16 waa’ee nama afchaalaa yommuu dubbatu, waa’ee nama nama gowwoomsuu dubbachuusaatii? Ibsi. [w04 7/15 ful. 28 key. 3-4]
9. Hafuurri qulqulluun kan nu jabeessu akkamitti? Kunoo maal gochuuf nu kakaasuu qaba? (Yoh. 14:25, 26, 1899) [be ful. 19 key. 1-2]
10. Yesus kan “dhufu” haala akkamiitiini? Maatewos 16:28rrattihoo Yesus waa’ee ‘dhufaatii’ akkamii dubbachuusaa ture? [w04 3/1 saanduqa ful. 16rra jiru]
DUBBISA M.Q.
11. Iyoob macaafasaa boqonnaa 42:1-6rratti deebii Yihowaadhaaf kennerraa maal baranna?
12. Namoonni “akkasumaan” kan itti koratan akkamitti? (Far. 2:1, 2)
13. Hundeen diigamu isa kami? (Far. 11:3)
14. Waaqayyo nama ‘kooraadhaaf isa hojjaterra dabarsee kan deebisuuf’ akkamitti? (Far. 31:23)
15. Qorumsa foon keenya isa dadhabaafi rakkoowwan adda addaa sirna hamaa kanarraa nutti dhufan mo’uuf, Faarfannaa 40rraa jajjabina akkamii arganna? (Far. 40:1, 2, 5, 12)