Ijoo Gabaasa Tajaajilaa
Ji’oota arfan jalqabaa waggaa tajaajilaa kanatti, lakkoofsi babal’istootaa dhibbeentaa tokkoo oliin dabaleera. Walga’ii Biyyoolessaa Keeniyaatti godhamerratti kan argaman obboloota gara dhibba lamaa ta’anis, sa’aatiin dimshaashaa tajaajilaaf oole, sa’aatii ji’oota arfan sanaan dura turaniirra kan caaludha. Haata’u malee, deddeebii gaaffii gochuufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuuf xiyyeeffannaa guddaa kennuu akka qabnu ifadha.
Dhuma ji’a Muddeetti, obboloonni biyya alaa jiran hedduun duula addaa yeroo sadaffaatiif godhamurratti hirmaachuuf dhufuu kan jalqaban si’a ta’u, babal’istoonniifi qajeelchitoonni biyya keessa jiranis isaanii wajjin tajaajiluuf gaaffii dhiheessaniiru. Kanaafuu, sochii ji’oota ittaananitti godhamu hawwii guddaadhaan eegganna. Akkasumas, namoonni haaraa baay’een carraa kanatti fayyadamanii tajaajila jalqabu jennee abdanna.