BITOOTESSA 2-8, 2026
FAARFANNAA 97 Jireenyi Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼa
Fedhii Hafuuraa Keessan Guuttadhaa!
CAQASA WAGGAA BARA 2026: “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha.”—MAT. 5:3.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti nyaata, uffataa fi mana hafuuraa Yihowaan nuu qopheesserraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
1. Yihowaan fedhii akkamii akka qabaannu godhee nu uume? (Maatewos 5:3)
YIHOWAAN namoota kan uume fedhiiwwan tokko tokko akka qabaatan godheeti. Fakkeenyaaf, jiraachuuf nyaata, uffataa fi mana keessa jiraannu argachuun nu barbaachisa. Wantoota barbaachisoo kana keessaa tokko yeroo muraasaafillee yoo dhabne jiraachuun nutti ulfaata. Yihowaan wantoota kana malees fedhii hafuuraa akka qabaannu godhee nu uumeera. (Maatewos 5:3 dubbisi.) Gammachuu dhugaa argachuu yoo barbaanne, fedhii hafuuraa akka qabnu hubachuu fi fedhii kana guuttachuu keenya itti fufuu qabna.
2. ‘Wantoota hafuuraa dheebochuu’ jechuun maal jechuu akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
2 ‘Wantoota hafuuraa dheebochuu’ jechuun maal jechuudha? Yaanni ‘wantoota hafuuraa dheebochuu’ jedhamee hiikame afaan jalqaba ittiin barreeffameen, hafuura argachuuf kadhachuu yaada jedhu dabarsa. Mee nama karaa qarqara taaʼee kadhatu tokko yaadaa. Namni kun uffannisaa cicciteera, hanqina nyaataatiin kan kaʼe laafeera, akkasumas bifa isaatiin kan kaʼe namoonni isatti hin dhihaatan. Guyyaa aduu keessa oola, halkanimmoo qorra keessa bula. Namni kun jireenyisaa akka fooyyaʼuuf gargaarsi akka isa barbaachisu sirriitti beeka. Haaluma wal fakkaatuun, namni dheebuu hafuuraa qabu ykn hafuura argachuuf kadhatu, jireenyisaa akka fooyyaʼuuf gargaarsi akka isa barbaachisu beekuu qaba. Kanaafuu, qophii hafuuraa Yihowaan namoota isa jaallataniif qopheesserraa fayyadamuuf hawwii guddaa qaba.
3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
3 Mata duree kana keessatti, jalqaba dubartii biyya Fiinqee Yesuus akka ishii gargaaru kadhatterraa maal akka barannu ilaalla. Seenaan kun amaloota namoonni wantoota hafuuraa dheebotan horachuu qaban sadi ibsa. Achiis fakkeenya Pheexiros, Phaawulosii fi Daawit Mootichaa irraa maal akka barannu ilaalla.
AMALOOTA BARBAACHISOO HORACHUU QABNU SADI
4. Dubartiin biyya Fiinqee tokko Yesuus maal akka ishiidhaaf godhu barbaadde?
4 Gaaf tokko dubartiin biyya Fiinqee tokko gara Yesuus dhufte. Intalli ishii “jinniidhaan qabamtee akka malee dhiphachaa” turte. (Mat. 15:21-28) Dubartiin kun Yesuus akka ishii gargaaru miila isaatti kuftee kadhatte. Dubartiin biyya Fiinqee kun gara Yesuus yeroo dhuftetti amaloota gaggaarii akka qabdu argisiisteetti. Mee amaloota kana keessaa muraasa isaanii haa ilaallu.
5. Dubartiin biyya Fiinqee sun amaloota akkamii akka qabdu argisiisteetti? Yesuus hoo maal ishiidhaaf godhe? (Fakkichas ilaali.)
5 Dubartiin biyya Fiinqee sun garaadhaa akka gad of qabdu argisiisteetti. Akkas kan jennu maaliifi? Sababiinsaas, akkaataan itti Yesuus deebii ishiidhaaf kenne ishii hin mufachiisne. Yesuus buchullaa namoonni Yihudii hin taane guddifatanitti ishii fakkeesseera. Yesuus utuu akkas siin jedhee maal goota turte? Akka arrabsamte yaaduudhaan gargaarsasaa gaafachuu ni dhiistaa? Dubartiin biyya Fiinqee sun garuu akkas hin goone. Akka gad of qabdu argisiisuu qofa utuu hin taʼin, wanta kan biraas gooteetti. Yesuus akka ishii gargaaru kadhachuu ishii itti fufteetti. Akkas akka gootu maaltu ishii kakaase? Amantii Yesuus irratti qabdudha. Amantiin ishii Yesuus ishii gargaaruuf tarkaanfii akka fudhatu isa kakaaseera. Yesuus “hoolota mana Israaʼel keessaa badaniif” qofa akka ergame kan dubbate taʼus hafuura xuraaʼaa sana intala dubartii sanaa keessaa baaseera.
Dubartiin biyya Fiinqee sun gargaarsa barbaadde argachuuf gad of qabdeetti, gaafachuu ishii itti fufteetti, akkasumas amantii akka qabdu argisiisteetti (Keeyyata 5 ilaali)
6. Seenaa waaʼee dubartii biyya Fiinqee ibsurraa maal baranna?
6 Nutis fedhii hafuuraa keenya guuttachuuf amaloota kana horachuu qabna. Gad of qabuu fi amantii cimaa qabaachuu qabna; akkasumas gargaarsa argachuuf kadhachuu keenya itti fufuu qabna. Namni gad of qabu gargaarsa argachuuf utuu abdii hin kutatin Waaqayyoon kadhachuusaa itti fufa. Kiristoos Yesuus irrattis amantii cimaa qabaachuu qabna; akkasumas namoota inni barattoota isaatiif qajeelfama kennuuf itti fayyadamu amanuu qabna. (Mat. 24:45-47) Yihowaa fi Yesuus fedhii hafuuraa namoota amaloota kana argisiisanii guutuun isaan gammachiisa. (Yaaqoob 1:5-7 wajjin walbira qabii ilaali.) Mee amma Yihowaan nyaata, uffataa fi mana hafuuraa kan nuuf kennu akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Fakkeenya Pheexiros, Phaawulosii fi Daawit Mootichaa qoruudhaan wantoota kana argachuuf maal gochuu akka qabnu ilaalla.
AKKUMA PHEEXIROS NYAATA HAFUURAA SIRRIITTI SOORADHAA
7. Pheexirosiif hojiin akkamii kennamee ture? Innoo maal gochuu qaba ture? Ibsi. (Ibroota 5:14–6:1)
7 Mee fakkeenya Pheexiros ergamaa haa ilaallu. Pheexiros Yihudoota jalqaba Yesuus Masiihicha akka taʼe hubatan keessaa tokko ture. Yihowaan waaʼee jireenya barabaraa namoota barsiisuuf Yesuusitti akka fayyadamu hubatee ture. (Yoh. 6:66-68) Yesuus duʼaa kaʼee gara samii deemuusaa dura Pheexirosiin, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheera. (Yoh. 21:17) Pheexiros hojii kana amanamummaadhaan raawwateera; kana malees, Yihowaan xalayaawwan kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼan lama barreessisuuf isatti fayyadameera. Haa taʼu malee, Pheexirosis nyaata hafuuraa soorachuun isa barbaachisa ture. Fakkeenyaaf, xalayaawwan Phaawulos ergamaan sana dura geggeessaa hafuuraatiin barreesse qoʼateera. Pheexiros wantoonni Phaawulos barreesse tokko tokko “hubachuuf ulfaataa” akka taʼan dubbateera. (2 Phe. 3:15, 16) Taʼus, Pheexiros xalayaawwan kana qoʼachuusaa itti fufeera. Yihowaan wanta barate akka hubatuu fi hojiirra oolchuuf akka isa gargaaru amantii qaba ture.—Ibroota 5:14–6:1 dubbisi.
8. Pheexiros qajeelfamni haaraan yeroo isaaf kennamu maal godhe?
8 Pheexiros qajeelfama isaaf kenname hojiirra oolchuudhaan Yihowaarratti amantii akka qabu argisiiseera. Fakkeenyaaf, magaalaa Yoophee keessa yeroo turetti mulʼata tokko argee ture; maleekaan Waaqayyoo tokko Pheexiros bineeldota akka Seera Museetti xuraaʼoo taʼan qalee akka nyaatu isatti hime. Yihudootaaf qajeelfamni akkasii baayʼee kan nama naasisudha. Jalqabarratti Pheexiros, “Yaa Gooftaa, hin taʼu; ani matumaa wanta xuraaʼaa fi wanta qulqulluu hin taane nyaadhee hin beeku” jedhe. Achiis maleekaan sun, “Wanta Waaqayyo qulqulleesse xuraaʼaa dha jechuu dhiisi” isaan jedhe. (HoE. 10:9-15) Pheexirosis tole jechuudhaan ilaalchasaa sirreesse. Kana akkamitti beekna? Mulʼaticha erga argee utuma baayʼee hin turin namoonni Qorneelewos erge sadi garasaa dhufanii, Pheexiros gara gooftaasaanii dhaqee akka isa haasofsiisu isa gaafatan. Pheexiros kanaan dura mana nama Yihudii hin taanee matumaa hin seenu ture. Yihudoonni saboota kaan qulqulluu akka hin taanetti ilaalu turan. (HoE. 10:28, 29) Taʼus, Pheexiros qajeelfama haaraa Yihowaan isaaf kenne yeruma sana hojiirra oolcheera. (Fak. 4:18) Qorneelewosii fi maatii isaatiif lallabeera; akkasumas yeroo isaan Yesuusitti amanan, hafuura qulqulluu fudhatanii fi cuuphaman arguudhaan gammadeera.—HoE. 10:44-48.
9. Nyaata hafuuraa jabaa soorachuun karaawwan lamaan kamfaʼiin nu fayyada?
9 Nutis akkuma Pheexiros barumsawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanii fi aannanitti fakkeeffaman yeroo hunda soorachuu qabna. Taʼus, nyaata hafuuraa jabaa, jechuunis dhugaawwan hubachuuf ulfaatoo taʼan soorachuufis fedhii qabaachuu qabna. Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan hubachuuf yeroo ramaduu fi carraaqqii gochuu qabna; akkas gochuun nama kiisa. Akkamitti? Yoo xinnaate faayidaa lama arganna: Tokkoffaa, barumsawwan jaalalaa fi kabaja Yihowaadhaaf qabnu nuuf guddisan arganna; lammaffaa, waaʼee Abbaa keenya isa samii warra kaanitti himuuf caalaatti kakaana. (Rom. 11:33; Mul. 4:11) Fakkeenya Pheexirosirraa wanti barannu kan biraanis jira: Hubannaa Kitaaba Qulqulluurratti qabnu ilaalchisee sirreeffamni yeroo godhamu ilaalchaa fi gocha keenya dafnee sirreessuu qabna. Karaa hafuuraa akka gaariitti soorachuu fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu kan dandeenyu yoo akkas goone qofadha.
AKKUMA PHAAWULOS UFFATA HAFUURAA UFFADHAA
10. Uffata hafuuraa uffachuun maal dabalata? (Qolosaayis 3:8-10)
10 Waaqayyoon gammachiisuuf qophii inni nuuf godhe kan biraa irraas fayyadamuu qabna. Innis uffata hafuuraati. Kana jechuun maal jechuudha? Phaawulos ergamaan ‘namummaa moofaa of irraa baasnee gatuu’ akka qabnuu fi “namummaa haaraa” uffachuu akka qabnu barreesseera. (Qolosaayis 3:8-10 dubbisi.) Kana gochuun yeroo fi carraaqqii gaafata. Mee fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Phaawulos ijoollummaa isaatii kaasee Waaqayyo biratti fudhatama argachuuf carraaqqii guddaa godheera. (Gal. 1:14; Filp. 3:4, 5) Haa taʼu malee, kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee beekumsa sirrii waan hin qabneef karaa hafuuraa haala rakkisaa keessa ture. Phaawulos barumsa Yesuus hin beeku ture. Kana malees, nama kooru waan tureef karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachaa hin turre. Innumtiyyuu nama ‘of tuulu’ akka ture dubbateera.—1 Xim. 1:13.
11. Phaawulos jijjiirama akkamii gochuun isa barbaachiseera? Ibsi.
11 Phaawulos Kiristiyaana taʼuusaa dura nama dafee aaru ture. Seenaan Hojii Ergamootaarra jiru Phaawulos barattoota Yesuusitti baayʼee aaree “isaan ajjeesuuf dhaadachaa” akka ture ibsa. (HoE. 9:1) Phaawulos Kiristiyaana erga taʼee booda namummaasaa isa moofaa kana ofirraa baasee gatuuf carraaqqii guddaa akka godhe ifadha. (Efe. 4:22, 31) Taʼus, Baarnaabaasii wajjin yeroo walii galuu dadhabanitti “falmii guddaan isaan gidduutti” kaʼee ture. (HoE. 15:37-39) Phaawulos yeroo kanatti amallisaa isatti deebiʼee ture; garuu abdii hin kutanne. Yihowaa biratti fudhatama akka hin dhabneef ‘qaamasaa haleeluu,’ jechuunis cubbuu dhaale wajjin waldhaansoo gochuusaa itti fufeera.—1 Qor. 9:27.
12. Phaawulos amalasaa jijjiiruusaa akka itti fufu maaltu isa gargaare?
12 Phaawulos namummaa moofaa ofirraa baasee namummaa haaraa uffachuu kan dandaʼe jabina mataasaatiin hin turre. (Filp. 4:13) Akkuma Pheexiros “humna Waaqayyo kennutti amanamee” ture. (1 Phe. 4:11) Garuu yeroo tokko tokko dogoggora waan raawwatuuf akka isaaf hin milkoofne isatti dhagaʼama ture. Haa taʼu malee, yeroo abdii kutatutti wantoota gaggaarii Abbaansaa inni samii isaaf godherratti yaada ture; kunimmoo carraaqqii gochuusaa akka itti fufuuf humna isaaf kenneera.—Rom. 7:21-25.
13. Fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Yihowaa kan tajaajille yeroo dheeraadhaaf yoo taʼellee namummaa moofaa ofirraa baasuu fi namummaa haaraa uffachuuf carraaqqii gochuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuu dandeenya. Amalli keenya durii yoo nutti deebiʼe, fakkeenyaaf aarii keenya toʼachuu yoo dadhabne ykn nama tokkotti dubbii gaarii hin taane yoo dubbanne, nuuf milkaaʼuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamuu hin qabu. Kanaa mannaa, yaada keenyaa fi gocha keenya jijjiiruuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. (Rom. 12:1, 2; Efe. 4:24) Haa taʼu malee, yeroo akkas goonutti kana yaadachuu qabna: Uffanni tokko akka nutti taʼuuf uffaticharratti sirreeffama gochuu qabna; uffanni hafuuraa Yihowaan nuuf qopheesse akka nutti taʼuuf garuu ofirratti sirreeffama gochuu qabna. Ulaagaa Waaqayyoo wajjin wal simnee jiraachuuf eenyummaa keenyarratti jijjiirama gochuun keenya barbaachisaadha.
AKKUMA DAAWIT MANA HAFUURAA KEESSA JIRAADHAA
14-15. Yihowaan sabasaatiif eegumsa kan godhu akkamitti? (Faarfannaa 27:5) (Fakkii ilaali.)
14 Gammachuu dhugaa qabaachuuf nyaata hafuuraa fi uffata hafuuraa malees wanti nu barbaachisu jira. Manni hafuuraas nu barbaachisa. Manni hafuuraa kun maalidha? Keessa jiraachuudhaan eegumsa argachuu kan dandeenyu hoo akkamitti?
15 Daawit Mootichi Yihowaan mana hafuuraa akka isaaf qopheesse ykn eegumsa akka isaaf godhu dubbateera. (Faarfannaa 27:5 dubbisi.) Yihowaan qaamni kamiyyuu ykn wanti akkamiiyyuu amantii sabasaa akka hin balleessineef eegumsa isaaniif godha. Yihowaan sabasaatiif eegumsa kan godhu akkamitti? Meeshaan waraanaa isaan balleessuuf tolfamu kamiyyuu milkaaʼina akka hin arganne waadaa galeera. (Far. 34:7; Isa. 54:17) Seexannii fi bakka buutonnisaa humna guddaa kan qaban taʼanis miidhaa dhaabbataa nurraan gaʼuu hin dandaʼan. Yoo nu ajjeesanillee Yihowaan duʼaa nu kaasa. (1 Qor. 15:55-57; Mul. 21:3, 4) Yihowaan isa tajaajiluu keenya akka hin dhaabneef yeroo dhiphannus nu gargaara. (Fak. 12:25; Mat. 6:27-29) Kana malees, Abbaan keenya maatii hafuuraa, jechuunis obbolootaa fi obboleettota nu deeggaranii fi jaarsolii nu tiksan nuuf kenneera. (Isa. 32:1, 2) Waaqeffannaadhaaf yeroo walitti qabamnu eegumsa Yihowaarraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe yaadachiisni nuuf kennama.—Ibr. 10:24, 25.
Obboleettiin tokko obboloota faana walgaʼii gumiirratti argamuudhaan gargaarsa hafuuraa argachuuf yaalaa jirti (Keeyyata 14-15 ilaali)
16. Yihowaan Daawitiif eegumsa kan godhe karaawwan kamiini?
16 Daawit Yihowaadhaaf yeroo ajajametti miidhaa namoota taʼe jedhanii cubbuu hojjetanirra gaʼurraa ooleera. (Fakkeenya 5:1, 2 wajjin walbira qabii ilaali.) Faallaa kanaatiin ulaagaa Yihowaa yeroo cabsetti, Yihowaan miidhaa gochisaa isatti fiderraa isa hin eegne. (2 Sam. 12:9, 10) Yeroo kan biraatti garuu balleessaasaa malee miidhaan isarra gaʼeera. Daawit yeroo akkasiitti miira isatti dhagaʼamu kadhannaadhaan Yihowaatti himeera; Yihowaanis akka isa jaallatuu fi akka isa kunuunsu isaaf mirkaneessuudhaan isa jajjabeesseera.—Far. 23:1-6.
17. Fakkeenya Daawit hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Nutis murtoo yeroo goonu qajeelfama Yihowaa argachuuf carraaquudhaan fakkeenya Daawit hordofuu dandeenya. Yeroo tokko tokko rakkinni kan nurra gaʼu Yihowaan eegumsa nuuf gochuu waan dadhabeef utuu hin taʼin, murtoo dogoggoraa waan gooneef akka taʼe ni hubanna. (Gal. 6:7, 8) Balleessaa keenya malee rakkinni yeroo nurra gaʼummoo, Yihowaan garaa keenyaa fi yaada keenya akka nuuf eegu amanuudhaan kadhannaadhaan miira nutti dhagaʼamu isatti himna.—Filp. 4:6, 7.
FEDHII HAFUURAA QABDAN GUUTTACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
18. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun ilaalcha akkamii qabu? Fedhii hafuuraa keenya guuttachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
18 Caqasni waggaa keenya bara 2026, “Warri wantoota hafuuraa dheebotan gammadoo dha” jedha. Kun yeroo kamiyyuu caalaa dhugaadha. Maaliif? Sababiinsaas, namoota gammachuu hin qabneen marfamnee jirra; namoonni kun fedhii hafuuraa akka qaban hin amanan ykn fedhii isaanii kana karaa amantaa sobaa ykn karaa falaasama namootaa guuttachuuf yaalu. Ilaalchisaanii kun dhiibbaa akka nurratti hin goone of eeggachuu qabna. Akkamitti? Nyaata hafuuraa Yihowaan nuuf dhiheessu soorachuudhaan, namummaa haaraa uffachuudhaan, akkasumas eegumsa Yihowaa argachuuf carraaquudhaani.
Nyaata, uffataa fi mana hafuuraa Yihowaan qopheesserraa fayyadamuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna (Keeyyata 18 ilaali)a
FAARFANNAA 162 Fedha Hafuuraa
a IBSA FAKKII: Obboleettiin fakkii jalqabaarratti mulʼatte Masaraa Eegumsaa qoʼachuudhaan nyaata hafuuraa soorachaa jirti, warra kaanitti gaarummaa argisiisuudhaan namummaa haaraa calaqqisiisaa jirti, akkasumas jaarsolii jaalalaan ishii tiksan irraa gargaarsa argachaa jirti.