BARUMSA 38
Yihowaan Saamsoniif Humna Guddaa Kenne
Israaʼelonni hedduun ammas deebiʼanii waaqolii tolfamoo waaqeffachuu waan jalqabaniif, Yihowaan Filisxeemonni biyya Israaʼelotaa akka toʼatan heyyame. Israaʼelonni Yihowaa waaqeffatan muraasni garuu jiru turan. Namoota akkasii keessaa tokko Maanoʼaa ture. Innii fi haati manaa isaa ijoollee hin qaban turan. Gaaf tokko Yihowaan maleekaa tokko gara haadha manaa Maanoʼaatti erge. Maleekaan sunis akkana ishiidhaan jedhe: ‘Ati ilma ni deessa. Innis Israaʼelota Filisxeemota jalaa ni oolcha. Akkasumas Naaziricha taʼa.’ Namoonni Naaziroota taʼan namoota akkamii akka turan beektaa? Isaan namoota tajaajila Yihowaatiif addaan baafamani dha. Namoonni kun rifeensa mataa isaanii murachuun isaaniif hin heyyamamu ture.
Yeroo booda, Maanoʼaan ilma kan godhate siʼa taʼu, maqaa isaas Saamson jedhee moggaase. Saamson yommuu guddatu, Yihowaan humna guddaa isaaf kenne. Inni harka isaa duwwaa leenca ajjeesuu dandaʼeera. Yeroo tokko immoo, Saamson kophaa isaa Filisxeemota 30 ajjeeseera. Filisxeemonni waan isa jibbaniif, karaa itti isa ajjeesan barbaadu turan. Gaaf tokko halkan Saamson Gaazaa keessa utuu rafaa jiruu, yommuu lafti bariʼu isa ajjeesuu akka dandaʼaniif, gara karra magaalattii dhaqanii achitti isa eeggachuu jalqaban. Haa taʼu malee, Saamson halkan walakkaa kaʼee gara karra magaalattii dhaqee, karra dallichaa buqqise. Achiis karricha gatiittii isaatti baatee fiixee gaara Kebroonitti dhihoo jirutti ol baase!
Boodas, Filisxeemonni gara jaalallee Saamson Deliilaa jedhamtu bira dhaqanii akkana ishiidhaan jedhan: ‘Saamson humna guddaa akkasii akka qabaatu kan taasise maal akka taʼe yoo beekte, meetii sheeqilii kuma hedduu siif kennina. Nutis isa qabnee mana hidhaatti isa galchuu barbaanna.’ Deliilaanis meeticha argachuu waan barbaaddeef wanta isaan jedhan irratti walii galte. Jalqaba irratti, Saamson humna guddaa akkasii akkamitti akka argate ishiitti himuu dide. Ishiin garuu hamma inni iccitii isaa itti himutti garmalee isa dhiphiste. Innis akkana ishiidhaan jedhe: ‘Ani Naaziricha waanan taʼeef, rifeensi mataa koo muramee hin beeku. Rifeensi koo yoo murame, dadhabaa nan taʼa.’ Saamson wanta dubbachuu hin qabne kana ishiitti himuun isaa dogoggora guddaa sitti hin fakkaatuu?
Deliilaan yeruma sana, ‘Ani iccitii isaa bareera!’ jettee Filisxeemotatti himte. Achiis Saamsoniin gudeeda ishii irra raffistee rifeensa isaa irraa mursiiste. Sana booda Deliilaan, ‘Saamson, Filisxeemonni dhufan’ jettee iyyite. Saamson yommuu dammaqu humna isaa dhabee ture. Filisxeemonnis isa qabanii erga ija isaa jaamsanii booda, mana hidhaatti isa galchan.
Gaaf tokko Filisxeemonni kumaan lakkaaʼaman galma Daagon waaqa isaanii keessatti walitti qabamanii akkana jedhanii iyyu turan: ‘Waaqni keenya Saamsoniin dabarsee nutti kenneera! Saamsoniin as fidaa! Mee nu haa bashannansiisu.’ Achiis utuboota lama gidduu isa dhaabachiisanii isatti gaʼisuu jalqaban. Saamsonis, ‘Yaa Yihowaa, maaloo aluma tokkicha na jabeessi’ jedhee iyye. Yeroo kanatti, rifeensi Saamson deebiʼee guddatee ture. Saamson utuboota galma sanaa lamaan humna isaa guutuudhaan ni dhiibe. Achiis guutummaan galma sanaa waan jigeef, namoonni achi keessa turan hundi ni duʼan, Saamsonis ni duʼe.
“Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”—Filiphisiyus 4:13