LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Onkoloolessa ful. 2-5
  • 1925—Waggaa Dhibba Tokko Dura

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1925—Waggaa Dhibba Tokko Dura
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • WANTI EEGAN UTUU HIN RAAWWATAMIN HAFE
  • BUUFATA RAADIYOO DABALATAA HUNDEESSAN
  • HUBANNAA HAARAA ARGANNE
  • WAAʼEE YIHOWAA DHUGAA BAʼUU
  • NAMOOTA FEDHII QABAN DEEBIʼANII GAAFACHUU
  • YEROO GARA FUULDURAA HAWWIIDHAAN EEGGACHUU
  • 1924—Waggaa Dhibba Tokko Dura
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • 1922—Waggaa Dhibba Tokko Dura
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Mala Ittiin Lallabnu—Mala Namootaaf Lallabuuf Gargaaru Hundatti Fayyadamuu
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Onkoloolessa ful. 2-5
Walgaʼii bara 1925tti Indiyaanaapoolis, Indiyaanaa keessatti geggeeffame irratti obboloota hedduun suuraa kaʼuuf dhaabbatanii jiran.

Walgaʼii guddaa bara 1925 Indiyaanaapoolis, Indiyaanaatti godhame

1925—Waggaa Dhibba Tokko Dura

Masaraan Eegumsaa Amajjii 1, 1925 akkas jedheera: “Kiristiyaanonni waggaa kanatti wantoonni guguddoon akka raawwataman hawwii guddaadhaan eegaa turan.” Haa taʼu malee, mata dureen kun itti fufuudhaan, “Kiristiyaanonni waaʼee wantoota waggaa kanatti raawwatamanii garmalee yaaduudhaan, hojii Gooftaan akka hojjetan isaaniif kenne gammachuudhaan utuu hin raawwatin hafuu hin qaban” jedheera. Barattoonni Kitaaba Qulqulluu bara 1925tti maaltu akka raawwatamu eegaa turan? Barattoonni kun wanti isaan eegan kan hin raawwatamne taʼus, hojii Gooftaa hojjechuu isaanii kan itti fufan akkamitti?

WANTI EEGAN UTUU HIN RAAWWATAMIN HAFE

Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun bara 1925tti lafti gara Jannataatti jijjiiramti jedhanii eegaa turan. Maaliif? Obboleessi Albart Shiroodar inni booda miseensa Qaama Olaanaa taʼee tajaajile akkas jedheera: “Dibamtoonni Kiristoos warri hafan yeroo kanatti gara samii dhaqu jennee yaanna turre; akkasumas namoonni amanamoon bara durii kan akka Abrahaam, Daawitii fi kan biroon, duʼaa kaʼanii lafarratti bulchitoota taʼu jennee yaanna turre.” Haa taʼu malee, abdiinsaanii kun utuu hin raawwatamin yommuu hafu obboloonnii fi obboleettonni tokko tokko ni gaddan.—Fak. 13:12.

Haalli kun isaan mudatus barattoonni Kitaaba Qulqulluu hedduun hojii lallabaarratti xiyyeeffatanii turan; akkasumas waaʼee Yihowaa dhugaa baʼuun itti gaafatamummaa isaanii akka taʼe caalaatti hubachuu jalqaban. Fakkeenyaaf, iddoowwan fagoo taʼan dabalatee bakkawwan hedduutti dhugaa babalʼisuuf wanta isaan hojjetan haa ilaallu.

BUUFATA RAADIYOO DABALATAA HUNDEESSAN

Bara 1924tti namoonni hedduun tamsaasa raadiyoo WBBR dhaggeeffatanii turan; kanaafuu, barattoonni Kitaaba Qulqulluu bara 1925 Ilinooyis, naannoo magaalaa Chikaagootti buufata raadiyoo kan biraa guddaa tokko hundeessan. Maqaan buufata raadiyoo haaraa kanaa WORD jedhama. Raalfi Liiflar inni buufata raadiyoo ijaaruu irratti gargaarsa godhe akkas jedheera: “Tibba gannaa qorraa taʼetti, buufanni raadiyoo WORD iddoowwan fagoo taʼan dabalatee bakkawwan hedduutti ni dhagaʼama ture.” Fakkeenyaaf, maatiin kiilomeetira 5,000 fagaatee Alaaskaa magaalaa Paayileet Isteeshin jedhamu keessa jiraatu tamsaasa raadiyoo kanaa warra jalqabaa keessaa isa tokko dhaggeeffatee ture. Maatiin kun saganticha erga dhaggeeffatee booda, sagantaa hafuuraa nama jajjabeessu waan dhiheessaniif, namoota buufata kana keessaa hojjetan galateeffachuuf xalayaa barreessanii turan.

Bitaa: Utubaa sibiilaa tamsaasa raadiyoo WORD isa Baataaviyaa, Ilinooyisitti argamu

Mirga: Raalfi Liiflar buufata raadiyoo keessaa utuu hojjetuu

Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1925 sababii itti namoonni hedduun sagantaa kana dhaggeeffatan yommuu ibsu akkana jedheera: “Buufanni raadiyoo WORD buufatawwan raadiyoo guguddaa Yuunaayitid Isteetis keessa jiran keessaa tokkodha. Namoonni qarqara galaanaa Bahaa fi Dhiha Yuunaayitid Isteetisitti argamanis taʼe, namoonni Kuubaa fi kaaba Alaaskaa fagootti argaman tamsaasa kana dhagaʼuu dandaʼu turan. Namoonni sana dura matumaa dhugaa dhagaʼanii hin beekne, sagantaa kana waan dhaggeeffataniif dhugaa barachuuf fedhii qabaataniiru.”

Joorji Naayish

Dabalataanis yeroo kanatti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu, raadiyootti fayyadamanii Kaanaadaa keessatti dhugaa babalʼisuuf carraaqaa turan. Bara 1924 buufanni raadiyoo CHUC jedhamu Saaskaatoon, Saaskaachiwaan keessatti hundaaʼee ture. Buufanni raadiyoo kun Kaanaadaa keessatti buufata raadiyoo amantii isa jalqabaa ture. Bara 1925 buufata raadiyoo xinnoo kana bakka biraatti jijjiiruun barbaachisee ture. Kanaafuu, jaarmiyichi gamoo mana tiyaatiraa taʼe tokko bitee haaressuudhaan, tamsaasa kanaaf itti fayyadamuu jalqabe.

Buufata kanaan kan kaʼe, namoonni walirraa faffagaatanii naannoo Saaskaachiwaan keessa jiraatan yeroo jalqabaatiif misiraachicha dhagaʼaniiru. Fakkeenyaaf, dubartiin Girahaam jedhamtuu fi magaalaa fagaatee argamu tokko keessa jiraattu sagantaa kana erga dhaggeeffattee booda, barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu akka ishiidhaaf ergaman gaafatteetti. Obboleessi Joorji Naayish jedhamu, “Gaaffiin ishiin gargaarsa argachuuf dhiheessite baayʼee ariifachiisaa akka taʼe waan nutti dhagaʼameef, kitaaba Istadiis Iin Za Iskiriipcharsi jedhamu guutuusaa ergineef” jedheera. Sana booda utuma baayʼee hin turin, Girahaam ergaa Mootummichaa caalaatti babalʼisteetti.

HUBANNAA HAARAA ARGANNE

Maxxansi Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 1925 mata duree barbaachisaa, “Sabni Tokko ni Dhalate” jedhu qabatee baʼee ture. Mata dureen kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Barattoonni Kitaaba Qulqulluu sana dura Seexanni, jaarmiyaa samii keessaa uumamawwan hafuuraa hamoo taʼan of keessatti qabate, lafarraa immoo amantaa sobaa, sirna daldalaa fi siyaasaa of keessatti qabate akka qabu hubatanii turan. Haa taʼu malee, “garbichi amanamaanii fi ogeessi” mata duree kanatti fayyadamee, Yihowaanis jaarmiyaa akka qabu obboloonni akka hubatan gargaare; jaarmiyaan kun jaarmiyaa Seexanaarraa guutummaatti addadha; akkasumas jaarmiyaawwan kun faallaa waliiti. (Mat. 24:45) Kana malees, garbichi kun Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti akka dhalatee fi waggaa kanatti waraana ‘samii keessatti geggeeffameen kan kaʼe’ Seexannii fi jinniiwwansaa samii keessaa akka gad darbatamanii fi lafa qofarratti akka daangeffaman ibseera.—Mul. 12:7-9.

Namoonni tokko tokko hubannaa haaraa kana fudhachuun isaanitti ulfaatee ture. Kanaan kan kaʼes, mata durichi akkas jedheera: “Namoonni Masaraa Eegumsaa kana dubbisanii fi yaada kanarratti walii hin galle yoo jiraatan, obsa qabaachuu fi Gooftaatti amanamuudhaan isa tajaajiluusaanii akka itti fufan isaan jajjabeessina.”

Toom Eer, inni kolpooltarii (yeroo ammaa qajeelchaa jedhama) taʼee fi Biritaaniyaa keessa jiraatu, mata duree kana ilaalchisee wanta Barattoota Kitaaba Qulqulluu hedduutti dhagaʼame akka itti aanutti ibseera: “Obboloonni ibsa Mulʼata boqonnaa 12f kenname kana baayʼee dinqisiifatanii turan. Mootummichi samii keessatti akka hundeeffame erga hubannee booda, misiraachoo kana warra kaanitti himuuf baayʼee hawwinee turre. Mata dureen kun caalaatti lallabuuf nu kakaaseera; akkasumas Yihowaan gara fuulduraatti, saba isaatiif wantoota dinqisiisoo akka raawwatu nu hubachiiseera.”

WAAʼEE YIHOWAA DHUGAA BAʼUU

Yeroo ammaatti Dhugaa Baatonni Yihowaa yaada, Isaayyaas 43:10rra jiruu fi “Yihowaan akkana jedha: ‘Isin dhugaa baatota koo ti, eeyyee, tajaajilaa koo isan filadhe dha’” jedhu akka gaariitti beeku. Bara 1925 dura garuu caqasni kun barreeffamoota keenyarratti baayʼinaan hin argamu ture. Sana booda garuu haallisaa ni jijjiirame. Bara 1925 Masaraan Eegumsaa, Isaayyaas 43:10 fi 12 maxxansawwan garaagaraa 11rratti ibseera.

Dhuma Hagayya 1925tti, Barattoonni Kitaaba Qulqulluu, Indiyaanaapoolis, Indiyaanaa keessatti walgaʼii guddaa tokko gochuuf walitti qabaman. Obboleessi Joseef Raazarfoordi, ergaa baga nagaan dhuftanii, sagantaa walgaʼii kanaarratti maxxanfamerratti akkas jedheera: “Walgaʼii kanarratti kan argamne . . . humna haaromeen waaʼeesaa dhugaa baʼuuf, Gooftaarraa jabina argannee gara tajaajilaatti akka deebinuufi.” Obboloonni guyyaa saddeetiif walgaʼii kanarratti yeroo hirmaatan hundatti carraa argatanitti fayyadamanii waaʼee Yihowaa dhugaa akka baʼan jajjabeeffamanii turan.

Sanbadduraa, Hagayya 29, obboleessi Raazarfoordi mata duree “Waamicha Hojii” jedhuun haasaa dhiheesse. Haasaa isaarratti barbaachisummaa lallabuu addeessuuf akkas jedheera: “Yihowaan saba isaatiin akkana jedheera: ‘Isin dhugaa baatota koo ti . . . ani Waaqa dha.’ Achiis Yihowaan, ‘Uummatichaaf mallattoo tokko dhaabaa’ jechuudhaan ajaja ifa taʼe isaaniif kenne. [Sabasaa] warra hafuura Gooftaa qabanii fi dhugaa baatotasaa taʼaniin alatti namootaaf mallattoo dhaabuu kan dandaʼu kan biraan lafarra hin jiru.”—Isa. 43:12; 62:10.

Tiraaktii ibsa ejjennoo “Ergaa Abdii” jedhamu qabate.

Tiraaktii Ergaa Abdii jedhamu

Obboleessi Raazarfoordi haasaasaa yommuu xumuru dhaggeeffattoonni, ibsa ejjennoo mata duree “Ergaa Abdii” jedhu qabuu fi “nagaa, badhaadhina, fayyaa, jireenya, bilisummaa fi gammachuu barabaraa” kan fidu Mootummaa Waaqayyoo qofa akka taʼe ibsurratti akka waliigalan argisiisan. Ibsi ejjennoo kun, booda afaanota hedduutti hiikameera, akkasumas bifa tiraaktiitiin maxxanfameera. Tiraaktiin kun gara koppii miliyoona 40 kan taʼu raabsameera.

Sana boodas Barattoonni Kitaaba Qulqulluu waggoota hedduudhaaf maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun waamamuu hin jalqabne. Taʼus, dhugaa baatotasaa taʼuudhaaf itti gaafatamummaan akka isaanirra jiru caalaatti hubachaa turan.

NAMOOTA FEDHII QABAN DEEBIʼANII GAAFACHUU

Lakkoofsi Barattoota Kitaaba Qulqulluu addunyaa maratti dabalaa yommuu deemu, namoota fedhii qaban deebiʼanii akka gaafatan jajjabinni isaaniif kennamus dabalaa deeme. Duula tiraaktii Ergaa Abdii jedhamu raabsuuf godhametti aansuudhaan, barreeffama Bulatiina jedhamurratti yaanni akkas jedhu baʼee ture: “Namoota hojjettoonni barreeffama isaaniif hin kennine, garuummoo tiraaktii Ergaa Abdii jedhamu fudhatan deebitanii gaafachuuf qophii godhaa.”

Barreeffamni Bulatiin maxxansi Amajjii 1925 gabaasa barataan Kitaaba Qulqulluu Pilaanoo Teeksaas keessa jiraatu erge qabatee ture. Gabaasichi akkas jedha: “Naannoo haaraatti lallabuu caalaa, naannoo kanaan dura itti lallabnetti deebinee lallabuun keenya buʼaa gaarii argamsiisuun isaa nu dinqisiiseera. Magaalaa xinnoo naannoo keenyatti argamtutti, waggoottan kurnan darban siʼa shan irra deddeebinee lallabneerra. . . . Dhiheenya kana obboleettiin Heendiriksi jedhamtuu fi haati koo naannoo kanatti lallabuuf deebiʼanii deemanii isa kanaan duraa caalaa kitaabota hedduu raabsaniiru.”

Paanaamaadhaa immoo kolpoltariin tokko akkas jedhee barreesseera: “Namoonni balbala isaaniirraa na ariʼanii turan hedduun yeroo lammaffaaf ykn sadaffaaf deebiʼee yommuun dhaqu ilaalchasaanii jijjiiraniiru. Waggaa kana baayʼinaan kanan xiyyeeffadhe namootan kanaan dura haasofsiise deebiʼee gaafachuurrattidha; warran deebiʼee gaafadhe keessaa tokko tokkoo wajjin haala wal qabateen wanti nama gammachiisu na mudateera.”

YEROO GARA FUULDURAA HAWWIIDHAAN EEGGACHUU

Obboleessi Raazarfoordi xalayaa waggaa kolpooltaroota hundaaf barreesserratti, hojii waggichatti hojjetamee fi hojii fuulduratti isaan eeggatu ibsee ture. Akkas jedheera: “Waggaa darbetti mirga namoota gaddan hedduu jajjabeessuu argattaniittu. Hojiin kun garaa keessan gammachuudhaan guuteera . . . Waggaan fuuldura keenya jirummoo Waaqayyoo fi Mootummaa isaatiif dhugaa baʼuuf, akkasumas ulaagaa inni namootaaf baase eeguuf carraa hedduu isiniif argamsiisa. . . . Waliin taanee Waaqa keenyaa fi Mootii keenyaaf sagalee keenya ol kaasnee faarfannaa galataa faarfachuu keenya itti haa fufnu.”

Barri 1925 xumuramuuf yommuu jedhu, gamoo keenya isa Biruukiliinitti argamu babalʼisuuf karoora baafachaa turan. Barri 1926 seenaa jaarmiyichaa keessatti bara hojiin ijaarsaa balʼinaan itti jalqabame ture.

Obboloota gamoo haaraa ijaaraa jiran.

Bara 1926 ijaarsa Adamsi Istiriit, Biruukiliin, Niiwu Yoorkitti hojjetamaa ture

a Yeroo ammaa, Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Barreeffama Qoʼannaa Walgaʼii jedhama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi