LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w26 Amajjii ful. 14-19
  • Furiin Kan Nu Barbaachisu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Furiin Kan Nu Barbaachisu Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2026
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • FURICHI DHIIFAMA CUBBUU NUUF ARGAMSIISA
  • FURICHI FAYYINA NUUF ARGAMSIISA
  • FURICHI ARAARA NUUF ARGAMSIISEERA
  • FURICHI YIHOWAAN GARA LAAFESSA AKKA TAʼE ARGISIISA
  • Furicharraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Furicha Akka Dinqisiifattu Argisiisuu Kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2026
  • Jaalalli Yihowaa kan Nu Fayyadu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Dhiifama Yihowaan Nuuf Godhu kan Dinqisiifannu Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2026
w26 Amajjii ful. 14-19

BITOOTESSA 16-22, 2026

FAARFANNAA 20 Ilma Kee Jaallatamaa Nuu Laatte

Furiin Kan Nu Barbaachisu Maaliifi?

“Qaama gara duʼa kanaatti na geessu kana irraa eenyutu na oolcha?”—ROM. 7:24.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti furichi dhiifama kan nuuf argamsiisu, kan nu fayyisuu fi Waaqayyotti kan nu araarsu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1-2. Qaamni nu oolchu kan nu barbaachisu maaliifi? (Roomaa 7:22-24) (Fakkichas ilaali.)

MEE kana yaadi. Namni tokko gamoon isarratti jigee karaa itti keessaa baʼu dhabe haa jennu. Namichi kun lubbuudhaan jira, garuu ofumsaatiin achi keessaa baʼuu hin dandaʼu. Wanti inni gochuu dandaʼu gargaarsa argachuuf iyyuu fi namni tokko dhufee akka isa oolchu abdachuu qofadha.

2 Hundi keenyayyuu haala kanaa wajjin wal fakkaatu keessatti argamna. Akkas kan jennu maaliifi? Addaam Uumaasaarratti yeroo finciletti cubbamaa taʼe. Boodas cubbuusaa kana ijoolleesaatti dabarse. Kanaan kan kaʼes, akkuma namicha olitti ibsame sanaa ilmaan namootaa hundi cubbuu dhaalan keessaa karaa itti baʼan dhaban. Phaawulos ergamaan haala cubbuu dhaaluu keenyaan nu mudate kana xalayaa warra Roomaatiif barreesserratti akka gaariitti ibseera. (Roomaa 7:22-24 dubbisi.) “Qaama gara duʼa kanaatti na geessu kana irraa eenyutu na oolcha?” jedheera. Phaawulos cubbuu dhaalee fi gara duʼaatti isa geessu keessaa baʼuu akka hin dandeenye isatti dhagaʼameera. (Rom. 6:23) Nutis haaluma akkasii keessatti argamna. Qaamni nu oolchu tokko nu barbaachisa.

Namichi gamoon irratti jigee madaaʼe tokko gargaarsa argachuuf harkasaatiin ol hiixachaa jira.

Akkuma nama gamoo jige keessaa karaa itti baʼu dhabe tokkoo, nutis cubbuu dhaalle keessaa karaa itti baanu waan hin qabneef qaamni nu oolchu nu barbaachisa (Keeyyata 1-2 ilaali)


3. Furichi kan nu oolchu akkamitti?

3 Phaawulos haala ulfaataa keessatti akka argamu erga dubbatee booda, yaada abdii namatti horus caqaseera. “Qaama gara duʼa kanaatti na geessu kana irraa eenyutu na oolcha?” jedhee erga gaafatee booda, “Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa taʼu!” jechuudhaan gaaffii gaafateef ofumasaatii deebii kenneera. (Rom. 7:25) Phaawulos yeroo akkas jedhu waaʼee aarsaa furii Yesuus dubbachuusaa ture.a Furichi, (1) dhiifama cubbuu nuuf argamsiisuudhaan, (2) cubbuu keenyarraa nu fayyisuudhaan, akkasumas (3) Uumaa keenyatti akka araaramnu gochuudhaan nu oolcha. Qabxiiwwan kanarratti mariʼachuun keenya jaalala Yihowaa isa ‘Waaqa abdii kennu’ taʼeef qabnu nuuf guddisa. (Rom. 15:13) Kana malees, dinqisiifannaa Yesuus ‘isa furichaan bilisa nu baaseef’ qabnu nuuf guddisa.—Qol. 1:14.

FURICHI DHIIFAMA CUBBUU NUUF ARGAMSIISA

4-5. Hundi keenyayyuu furiin kan nu barbaachisu maaliifi? (Lallaba 7:20)

4 Cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf furiin nu barbaachisa. Namni mudaa qabu hundi dubbiidhaan ykn gochaan cubbuu ni raawwata. (Lallaba 7:20 dubbisi.) Cubbuuwwan tokko tokko warra kaan caalaa ciccimoodha. Fakkeenyaaf, akka Seera Museetti ejjii fi ajjeechaan duʼaan nama adabsiisa. (Lew. 20:10; Lak. 35:30, 31) Cubbuuwwan kaan garuu akka cubbuuwwan kanaa ciccimoo taʼuu baatanis cubbuudha. Fakkeenyaaf, Daawit, “Arraba kootiin cubbuu hojjechuu irraa fagaachuuf, tarkaanfii koo nan eeggadha” jedheera. (Far. 39:1) Eeyyee, yeroo tokko tokko wanti dubbannu cubbuu taʼuu dandaʼa.—Yaq. 3:2.

5 Mee wanta kanaan dura dubbattee fi raawwatte yaadi. Wanta booda itti gaabbite tokko warra kaanitti dubbattee beektaa? Dogoggora booda itti gaabbite hoo raawwattee beektaa? Gaaffiiwwan kana eeyyee jettee akka deebistu hin shakkisiisu. Kitaabni Qulqulluun, “‘Cubbuu hin qabnu’ jennee yoo dubbanne of gowwoomsaa jirra, dhugaanis nu keessa hin jiru” jedha.—1 Yoh. 1:8.

6-7. Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama kan godhu maalirratti hundaaʼeeti? (Fakkichas ilaali.)

6 Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama kan godhu furicharratti hundaaʼeeti. (Efe. 1:7) Yihowaan furicharratti hundaaʼee cubbuu keenyaaf dhiifama godha jechuun garuu, cubbuu yoo raawwanne homtuu isatti hin dhagaʼamu jechuu miti. Yihowaan cubbuu ni jibba. (Isa. 59:2) Yihowaan haqa qabeessa waan taʼeef sababii malee cubbuudhaaf dhiifama hin godhu.

7 Seerri Musee Israaʼelonni cubbuun isaanii akka isaaniif haguugamuuf aarsaa horii akka dhiheessan isaan ajaja ture. (Lew. 4:27-31; 17:11) Aarsaawwan sun aarsaa Yesuus isa gatii guddaa qabuu fi faayidaawwan hedduu argamsiisuuf gaaddidduu turan. Aarsaan Yesuus Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama akka godhu buʼuura taʼa. Phaawulos faayidaa aarsaan Yesuus qabu hubatee ture. Xalayaa warra Qorontosiif barreesserratti wantoota gadhee isaan duraan raawwachaa turan erga ibsee booda, akkana jedheera: “Maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtanii qulqullooftaniittu, qulqulloota taataniittu, akkasumas qajeelota jedhamtaniittu.”—1 Qor. 6:9-11.

Maatiin Israaʼel tokko gammachuudhaan mana qulqullummaa keessatti luba tokkotti hoolaa kennaa jiru.

Aarsaawwan horii cubbuu haguuguuf dhihaachaa turan, aarsaa furii Yesuusii fi eebbawwan inni argamsiisuuf gaaddidduudha (Keeyyata 6-7 ilaali)


8. Tibba Ayyaana Yaadannootti waaʼee maalii yaaduu dandeessa?

8 Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaatiif yeroo qophooftu, Yihowaan cubbuu keetiif dhiifama gochuunsaa jireenya kee akkamitti akka fooyyesse yaadi. Fakkeenyaaf, furichi waan kaffalameef cubbuu duraan raawwatteef erga yaada geddarattee booda miira balleessaatiin dhiphachuun si hin barbaachisu. Haa taʼu malee, kana fudhachuun yoo sitti ulfaate hoo? Tarii, ‘Yihowaan dhiifama akka naaf godhu beeka, ani garuu dhiifama ofiif gochuu hin dandaʼu’ jetta taʼa. Akkas sitti dhagaʼama yoo taʼe kana yaadadhu: Dhiifama gochuuf aangoo kan qabu Yihowaadha, akka murtii kennuuf aangoo kan kennemmoo Ilmasaatiifi. Dhiifamni kan malu eenyuuf akka taʼe akka murteessitu aangoo siif hin kennine; nama kan biraatiifis aangoo akkasii hin kennine. Kitaabni Qulqulluun, “Akkuma [Yihowaan] ifa keessa jiru nutis ifaan yoo deddeebine, . . . dhiigni Ilma isaa Yesuus cubbuu hundumaa irraa nu qulqulleessa” jedha. (1 Yoh. 1:6, 7) Akkuma barumsawwan Kitaaba Qulqulluu kan biroo amannu, barumsa kanas amanuu dandeenya. Yihowaan dhiifama kan nuuf godhu furicharratti hundaaʼeeti; Dubbiinsaa Yihowaan ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaadha’ jedha.—Far. 86:5.

FURICHI FAYYINA NUUF ARGAMSIISA

9. Cubbuun wanta dogoggoraa raawwachuu malees maal dabalata? (Faarfannaa 51:5 fi miiljalee)

9 Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi cubbuu jedhu kan argisiisu gocha dogoggoraa raawwachuu qofa miti; mudaa qabaannee dhalannes ni argisiisa. (Faarfannaa 51:5 fi miiljalee dubbisi.) Mudaan dhaalle kun gocha dogoggoraa akka raawwannu qofa utuu hin taʼin, dhukkuba, dullumaa fi duʼaaf nu saaxila. Daaʼimman cubbuu akkamiiyyuu hin raawwanne kan dhukkubsatan, darbees kan duʼan kanaafi. Kana malees, namoonni gaariinis taʼan namoonni hamoon kan rakkatanii fi kan duʼan kanaafi. Addaamirraa cubbuu dhaaluu keenyaan kan kaʼe hundi keenyayyuu haala gaddisiisaa akkasii keessa jirra.

10. Cubbuun Addaamii fi Hewaanirratti dhiibbaa akkamii geessise?

10 Mee cubbuun Addaamii fi Hewaanirratti dhiibbaa akkamii akka geessise yaadi. Cubbuu hojjechuun isaanii miirri gadheen akka isaanitti dhagaʼamu godhe. Addaamii fi Hewaan erga fincilanii booda miidhaa seera Waaqayyoo, jechuunis ‘seera garaa isaanii keessatti barreeffame’ cabsuun geessisu yeruma sana arguu jalqaban. (Rom. 2:15) Akkuma tasaa miirrisaanii akka jijjiirame hubatan. Qaamasaanii dhokfachuu fi akka yakkamaatti Uumaasaanii jalaa dhokachuu akka qaban isaanitti dhagaʼame. (Uma. 3:7, 8) Addaamii fi Hewaan yeroo jalqabaatiif miirri balleessaa, dhiphinni, sodaanii fi qaaniin isaanitti dhagaʼame. Sana boodas hamma duʼanitti miirawwan kanaa wajjin walʼaansoo gochuu isaanii itti fufaniiru.—Uma. 3:16-19.

11. Cubbamoota taʼuun keenya dhiibbaa akkamii nurratti godha?

11 Cubbamoota waan taaneef, nutis akkuma Addaamii fi Hewaan miirri balleessaa, qaaniinii fi dhiphinni nutti dhagaʼama. Kan dhukkubsannuu fi kan dhiphannu cubbamoota taʼuu keenyaan kan kaʼedha. Haala keenya fooyyessuu fi rakkina hambisuuf hammamiyyuu yoo carraaqne ofii keenyaan rakkina balleessuu hin dandeenyu. Maaliif? Sababiinsaas akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu ‘wanta gatii hin qabneef bitamneerra.’ (Rom. 8:20) Namoonni dhuunfaadhaanis taʼe gareedhaan rakkina balleessuu akka hin dandeenye argaa jirra. Fakkeenyaaf, namoonni naannoosaanii kunuunsuuf, yakka toʼachuuf, hiyyummaa balleessuu fi waraana hambisuuf carraaqqii godhu. Taʼus, hamma tokko fooyyaʼiinsa yoo godhaniyyuu isaaniif hin milkoofne. Haa taʼu malee, furichi abdii akka qabaannu nu gargaara. Abdii akkamii?

12. Furichi abdii akkamii nuuf argamsiiseera?

12 Furichi, ‘uumamni garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼuuf’ abdii akka qabaatu taasiseera. (Rom. 8:21) Addunyaa haaraa keessatti furicharraa guutummaatti fayyadamuu yommuu jalqabnu, dhukkuba qaamaa, sammuu ykn miiraatiin hin dhiphannu. Akkasumas miirri balleessaa, dhiphinni, sodaan ykn qaaniin nutti hin dhagaʼamu. Kana malees, carraaqqiin naannoo kunuunsuu fi nagaadhaan jiraachuuf goonu gatii kan hin qabne hin taʼu. Bulchiinsa Yesuus Kiristoos isa “Bulchaa Nagaa” taʼee jalatti carraaqqiin keenya ni milkaaʼa.—Isa. 9:6, 7.

13. Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaatiif yeroo qophooftu wanta kan biraa kamirratti yaaduu dandeessa?

13 Cubbuu dhaallerraa guutummaatti yeroo bilisa taanu jireenyi keenya maal fakkaachuu akka dandaʼu mee yaadi. Yeroo hunda ganama ganama yommuu hirribaa kaatu miirri gaariin sitti dhagaʼama, ati ykn namni jaallattu ni beelofna, ni dhukkubsanna ykn ni duuna jettee hin sodaattu. Ammumallee “abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu” jabeessitee qabachuudhaan hamma tokko nagaa qabaachuu ni dandeessa. (Ibr. 6:18, 19) Akkuma qofoon doonii, doonii tokko qabee dhaabu, abdiin kees amantiin kee akka cimuu fi rakkina keessatti jabaattee akka dhaabbattu si gargaaruu dandaʼa. Eeyyee, Yihowaan “warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu” mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa. (Ibr. 11:6) Furichi yeroo ammaatti jajjabina akka argattuu fi gara fuulduraatti abdii akka qabaattu godheera.

FURICHI ARAARA NUUF ARGAMSIISEERA

14. Cubbuun hariiroo Uumaa keenyaa wajjin qabnurratti dhiibbaa akkamii geessise? Maaliif?

14 Addaamii fi Hewaan erga cubbuu hojjetanii kaasee ilmaan namootaa Waaqayyorraa adda baʼaniiru. Kitaabni Qulqulluun ilmaan namootaa Uumaarraa akka addaan citanillee ni dubbata. (Rom. 8:7, 8; Qol. 1:21) Maaliif? Yihowaan mudaa waan hin qabneef cubbuu callisee ilaaluu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “Ijji kee baayʼee qulqulluu waan taʼeef wanta hamaa hin ilaalu” jedha. (An. 1:13) Cubbuun Waaqayyoo fi namoota gidduutti hallayyaa guddaa uumeera. Riqichi hallayyaa sanarra darbuuf nu dandeessisu yoo jiraate malee Waaqayyoo wajjin deebinee hariiroo uumuu hin dandeenyu. Waaqayyotti nu araarsuu kan dandaʼu furicha qofadha.

15. Duuti Yesuus ilmaan namootaa deebiʼanii Waaqayyoo wajjin hariiroo akka qabaatan kan godhe akkamitti?

15 Kitaabni Qulqulluun, Yesuus, “aarsaa araaraa cubbuu keenyaaf dhihaate” akka taʼe dubbata. (1 Yoh. 2:2) Aarsaan Yesuus namoonni Yihowaa wajjin akka araaraman kan godhe akkamitti? Duuti Yesuus Waaqni keenya inni mudaa hin qabne namootaa wajjin deebiʼee hariiroo uumuuf buʼuura sirrii akka qabaatu godheera. (Rom. 3:23-26) Yihowaan namoota Kiristoos duʼuusaa dura amanamummaadhaan isa waaqeffatanillee qajeelota akka taʼanitti ilaaleera. (Uma. 15:1, 6) Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti? Furii yeroo booda kaffalamurratti hundaaʼuudhaani. Yihowaan Ilmisaa furicha akka kaffalu guutummaatti mirkanaaʼaa ture. (Isa. 46:10) Furichi ilmaan namootaa deebiʼanii Waaqayyotti akka araaraman karaa baneera.

16. Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaatiif qophaaʼuuf wanta kan biraa akkamiirratti xiinxaluu dandeessa? (Fakkichas ilaali.)

16 Waaqayyotti araaramuun kee faayidaa akkamii akka siif argamsiise mee yaadi. Fakkeenyaaf, akkuma Yesuus barsiise Yihowaa ‘Abbaa koo’ jettee waamuu dandeessa. (Mat. 6:9) Yeroo tokko tokkommoo ‘Michuu koo’ jetteellee waamuu dandeessa. Yihowaa ‘Abbaa koo’ ykn ‘Michuu koo’ jennee yeroo waamnu kabaja guddaa fi gad of qabuudhaan taʼuu qaba. Maaliif? Sababiinsaas cubbamoota waan taaneef ofuma keenyaan Waaqayyotti dhihaachuu hin dandeenyu. Yihowaa wajjin hariiroo qabaachuu kan dandeenye furichaan kan kaʼedha. Yihowaan “dhiiga Kiristoos muka dhiphinaa irratti dhangalaase sanaan nagaa uumee wantoota hunda karaa [Yesuus] ofitti araarseera.” (Qol. 1:19, 20) Ammumallee utuu cubbamoota taanee jirruu Yihowaa wajjin hariiroo qabaachuu kan dandeenye kanaafi.

Loltoonni Roomaa Yesuusiin mukarratti fannisuuf qophaaʼaa jiru. Loltoonni Roomaa lama Yesuusiin qabanii fidaa jiru; loltuun tokkommoo burruusaa fi mismaara harkatti qabatee jira.

Yihowaa fi namoonni deebiʼanii hariiroo gaarii akka qabaataniif buʼuura taʼuu kan dandaʼu duʼa Yesuus qofadha (Keeyyata 16 ilaali)


FURICHI YIHOWAAN GARA LAAFESSA AKKA TAʼE ARGISIISA

17. Furichi Yihowaan gara laafessa akka taʼe kan argisiisu akkamitti? (Efesoon 2:4, 5)

17 Furichi Yihowaan ‘gara laafina guddaa’ akka qabu argisiisa. Inni “yeroo cubbuu keenyaan kan duune turretti . . . nu jiraachiseera.” (Efesoon 2:4, 5 dubbisi.) Namoonni “jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” cubbuu dhaalan keessaa karaa itti baʼan akka hin qabnee fi qaamni isaan oolchu akka isaan barbaachisu hubatanii gargaarsa argachuuf ni iyyu. (HoE. 13:48) Yihowaanis isaa fi Ilmasaa akka beekaniif, ergaa Mootummichaa akka dhagaʼan gochuudhaan isaan gargaara. (Yoh. 17:3) Seexanni Addaamii fi Hewaan cubbuu hojjechuunsaanii kaayyoon Waaqayyoo akka hin raawwatamne godha jedhee yaadeera yoo taʼe dogoggoreera.

18. Furicharratti yommuu xiinxallu maal sammuutti qabachuu qabna?

18 Faayidaa furichi nuuf argamsiiserratti yommuu xiinxallu, sababii guddaa Yihowaan furicha itti qopheesse dagachuu hin qabnu. Furichi qophii faayidaa keenyaaf qofa godhame akka taʼetti ilaaluu mannaa, qophii Yihowaan mormii Seexanni iddoo biqiltuu Eedan keessatti kaaseef deebii kennuuf godhe akka taʼe yaadachuu qabna. (Uma. 3:1-5, 15) Yihowaan furichatti fayyadamee maqaasaa ni qulqulleessa, akkasumas himata hundumaarraa bilisa godha. Kana malees, cubbuu fi duʼarraa nu oolchuudhaan Waaqa jaalalaa akka taʼe argisiisa. Cubbamoota taanus Yihowaan gaarummaasaa isa guddaadhaan, mormii Seexanni kaaseef deebii kennuurratti akka hirmaannu nuuf heyyameera. (Fak. 27:11) Maarree, furichaaf dinqisiifannaa akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Deebii gaaffii kanaa mata duree itti aanurratti irratti mariʼanna.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Furichi dhiifama kan nuuf argamsiise akkamitti?

  • Furichi kan nu fayyisu akkamitti?

  • Furichi Yihowaatti kan nu araarse akkamitti?

FAARFANNAA 19 Irbaata Gooftaa

a IBSA JECHAA: Furiin gatii boojuu jalaa bilisa baasuuf kaffalamudha. Aarsaan Yesuus kaffale furiidha, sababiinsaas ilmaan namootaa ajajamoo taʼan boojuu cubbuu fi duʼaa jalaa bilisa baasa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi