Miiljalee
a Eenyuun keenya iyyuu garraamii taanee hin dhalanne. Kanaafuu, garraamummaa horachuu qabna. Namoota naga qabeeyyii taʼanii wajjin yommuu wal arginu, garraamii taʼuun nutti salphachuu dandaʼa; namoota of tuulanii wajjin yeroo taanu garuu garraamii taʼuun nu rakkisuu dandaʼa taʼa. Mata dureen kun, garraamummaa isa amala baayʼee gaarii taʼe kana horachuu irratti wantoota gufuu nutti taʼuu dandaʼan tokko tokko akkamitti moʼuu akka dandeenyu ibsa.