-
“Daandiiwwan Isaa Hundi Haqa Qabeessa Dha”Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 11
“Daandiiwwan Isaa Hundi Haqa Qabeessa Dha”
1, 2. (a) Yoseef irratti jalʼina haqaa guddaa akkamiitu raawwatame? (b) Yihowaan jalʼina raawwatame sana kan sirreesse akkamitti?
GOCHI raawwatame jalʼina haqaa guddaa ture. Dargaggeessi bareedaan tokko yakka kan hin raawwanne taʼus, dubartii tokko gudeeduuf yaaleera jedhamee sobaan himatamee mana hidhaa galfame. Haa taʼu malee, kun jalʼina yeroo jalqabaatiif isa irra gaʼe hin turre. Dargaggeessi Yoseef jedhamu kun, waggoota hedduu dura yeroo umuriin isaa waggaa 17 turetti obboloonni isaa warri isa ajjeesuuf yaadan, garbummaadhaan biyya ormaatti isa gurguran. Achitti immoo, haati manaa gooftaa isaa akka ishii wajjin ciisu irra deddeebitee isa gaafatte; inni garuu gaaffii ishii fudhachuu ni dide. Dubartiin baayʼee aarte kun himata sobaa isa irratti dhiheessite; Yoseef mana hidhaa kan galfame akka kanaan ture. Kan nama gaddisiisu, namni Yoseefiif falmu tokko illee waan jiru hin fakkaatu.
2 Haa taʼu malee, Waaqni ‘qajeelummaa fi haqa jaallatu’ kana ilaalaa ture. (Faarfannaa 33:5) Yihowaan haala kana jijjiiree dhuma irratti Yoseef akka gadhiifamu gochuudhaan, jalʼina haqaa raawwatame sirreesseera. Yihowaan, Yoseef mana hidhaa keessaa akka baʼu gochuu qofa utuu hin taʼin, aangoo fi ulfina guddaa akka argatu godheera. (Uumama 40:15; 41:41-43; Faarfannaa 105:17, 18) Haala kanaan Yoseef haqa argateera, aangoo isaas kaayyoo Waaqayyoo raawwachuuf itti fayyadameera.—Uumama 45:5-8.
Yoseef jalʼinaan mana hidhaa galfameera
3. Hundi keenya karaa sirrii taʼeen qabamuu barbaaduun keenya nu dinqisiisuu kan hin qabne maaliifi?
3 Seenaan akkasii garaa nama nyaata mitii? Nu keessaa jalʼinni haqaa yommuu raawwatamu kan hin argine ykn jalʼinni haqaa kan irra hin geenye jiraa? Hundi keenya karaa sirrii fi loogii irraa walaba taʼeen qabamuu barbaanna. Yihowaan amalawwan isaa akka argisiisnu godhee waan nu uumeef, akkas nutti dhagaʼamuun isaa nama hin dinqisiisu; haqni immoo amalawwan isaa warra guguddaa keessaa isa tokko dha. (Uumama 1:27) Akka gaariitti Yihowaa beekuu yoo barbaanne, ilaalcha inni haqaaf qabu hubachuu qabna. Kana yoo goone, daandiiwwan isaa caalaatti dinqisiifachuu fi isatti dhihaachuuf kakaʼuu dandeenya.
Haqni Maalidha?
4. Akka ilaalcha namootaatti yeroo baayʼee haqni akkamitti hubatama?
4 Akka ilaalcha namootaatti, yeroo baayʼee haqa jechuun seera tokko karaa nama hundumaaf qixxee taʼeen hojii irra oolchuu caalaa hiika kan biraa hin qabu. Kitaabni Raayit eendi Riizin—Eetiiksi iin Tiiyoorii eendi Piraaktiis jedhamu, “Haqni, seera, dirqamaa fi mirgaa wajjin walitti dhufeenya kan qabu yeroo taʼu, nama hundumaaf akka gocha isaaniitti badhaasa ykn adaba isaaniif malu kennuu jechuudha” jedheera. Haqni Yihowaa garuu itti gaafatamummaan ykn dirqamni waan nama irra jiruuf qofa seera jiru tokko raawwachiisu caalaa waan dabalatu qaba.
5, 6. (a) Jechoonni “haqa” jedhamanii hiikaman afaan jalqabaatiin hiika maalii qabu? (b) Waaqayyo haqa qabeessa dha jechuun maal jechuu dha?
5 Afaan Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffameen jechoota haqa argisiisan qorachuudhaan, balʼinaa fi gadi fageenya haqa Yihowaa caalaatti hubachuun ni dandaʼama. Kitaabni Qulqulluun afaan Ibrootaa, haqa ibsuuf jechoota sadiitti fayyadameera. Jechi yeroo baayʼee “haqa” jedhamee hiikame, “wanta sirrii” jedhamees hiikamuu dandaʼa. (Uumama 18:25) Jechoonni lamaan hafan immoo, yeroo baayʼee “qajeelummaa” jedhamanii hiikamu. Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii keessatti jechi “qajeelummaa” jedhamee hiikame, “sirrii ykn haqa qabeessa taʼuu” jedhamee ibsameera. Kanaafuu, jecha qajeelummaa fi haqa jedhu gidduu garaa garummaan hin jiru jechuun ni dandaʼama.—Amoos 5:24.
6 Kanaaf, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo haqa qabeessa taʼuu isaa yommuu dubbatu, inni yeroo hundumaa utuu namoota wal hin caalchisin wanta sirrii fi loogii irraa walaba taʼe akka raawwatu ibsuu isaa ti. (Roomaa 2:11) Yihowaan wanta kana irraa faallaa taʼe godha jedhanii yaaduun waan hin taane dha. Eliihuu inni amanamaa taʼe, “‘Waaqni dhugaan jalʼina raawwata, Inni Hundumaa Dandaʼus dogoggora raawwata’ jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha!” jedheera. (Iyyoob 34:10) Dhuguma iyyuu, Yihowaan jalʼina raawwachuu hin dandaʼu. Maaliifi? Sababiiwwan guguddaa lamaan kan kaʼe dha.
7, 8. (a) Yihowaan jalʼina raawwachuu kan hin dandeenye maaliifi? (b) Yihowaan hariiroo warra kaanii wajjin qabuun, qajeelaa fi haqa qabeessa akka taʼu kan isa kakaasu maalidha?
7 Tokkoffaa, inni qulqulluu dha. Akkuma Boqonnaa 3ffaa irratti ilaalle, Yihowaan guutummaatti qulqulluu fi qajeelaa dha. Kanaaf, wanta qajeelaa hin taane ykn jalʼaa taʼe hojjechuu hin dandaʼu. Mee kun maal jechuu akka taʼe ilaali. Abbaan keenya inni samii qulqulluu waan taʼeef, ijoollee isaa matumaa akka hin cunqursine amanuu dandeenya. Yesuus amanannaa akkasii qaba ture. Yesuus, galgala dhumaa jireenya isaa isa lafaa irratti, ‘Yaa Abbaa Qulqulluu, . . . maqaa keef jedhiitii isaan [barattoota] eegi’ jedhee kadhateera. (Yohaannis 17:11) Kitaaba Qulqulluu keessatti “Abbaa Qulqulluu” kan jedhame Yihowaa qofa dha. Abbaan kam iyyuu qulqullummaadhaan isaan qixxaachuu waan hin dandeenyeef, inni Abbaa Qulqulluu jedhamuun isaa sirrii dha. Yesuus, barattoonni isaa Abbaa isaa isa guutummaatti qulqulluu taʼee fi cubbuu kam irraa iyyuu guutummaatti walaba taʼe jalatti eegumsa akka argatan amantii guddaa qaba ture.—Maatewos 23:9.
8 Lammaffaa, Waaqayyo jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe qaba. Jaalalli kun immoo, hariiroo warra kaanii wajjin qabuun qajeelaa ykn haqa qabeessa akka taʼu isa kakaasa. Haa taʼu malee, sabboonummaa fi loogii dabalatee jalʼinni haqaa kam iyyuu, yeroo baayʼee sassataa fi ofittummaa isa faallaa jaalalaa taʼe irraa madda. Waaqa jaalalaa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan qajeelaa dha; inni gocha qajeelaa ni jaallata” jedha. (Faarfannaa 11:7) Yihowaanis waaʼee ofii isaa, “Ani Yihowaan haqa nan jaalladha” jedheera. (Isaayyaas 61:8) Waaqni keenya wanta sirrii fi haqa akka jaallatu beekuun nama hin jajjabeessuu?—Ermiyaas 9:24.
Araaraa fi Haqa Yihowaa Isa Mudaa hin Qabne
9-11. (a) Haqaa fi araara Yihowaa gidduu walitti dhufeenya akkamiitu jira? (b) Ilmaan namootaa cubbamoota taʼanii wajjin haala wal qabateen haqnii fi araarri Yihowaa kan mulʼate akkamitti?
9 Akkuma amalawwan isaa warra guguddaa kaanii haqni Yihowaas mudaa hin qabu. Museen akkas jedhee Yihowaa jajateera: “Inni Qarsaa dha, wanti inni godhu mudaa hin qabu; daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha. Inni Waaqa amanamaa matumaa haqa hin jalʼisne dha; inni qajeelaa fi sirrii dha.” (Keessa Deebii 32:3, 4) Haqni Yihowaa mudaa hin qabu, jechuunis garmalee laafaas taʼe, garmalee cimaa miti.
10 Haqaa fi araara Yihowaa gidduu walitti dhufeenya cimaatu jira. Faarfannaan 116:5, “Yihowaan gara laafessaa fi qajeelaa dha; Waaqni keenya araara qabeessa dha” jedha. Eeyyee, Yihowaan haqaa fi araara qaba. Amalawwan kun lamaan wal hin faallessan. Yihowaan araara kan argisiisu, haqni isaa cimaa waan taʼeef haqa isaa laaffisuuf jedhee miti. Kanaa mannaa, yeroo baayʼee amalawwan kana lamaanuu yeruma tokkotti gocha tokko irratti argisiiseera. Mee fakkeenya tokko ilaali.
11 Ilmaan namootaa hundi cubbuu waan dhaalaniif, duʼa isa adaba cubbuu taʼetu isaaniif mala. (Roomaa 5:12) Taʼus, Yihowaan duʼa cubbamootaatti hin gammadu. Inni ‘Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe, gara laafessaa fi araara qabeessa’ taʼe dha. (Nahimiyaa 9:17) Haa taʼu malee, inni qulqulluu waan taʼeef, cubbuu callisee hin ilaalu. Maarree ilmaan namootaa cubbuu dhaalanitti araara argisiisuu kan dandaʼu akkamitti? Dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamuu fi Yihowaan ilmaan namootaa fayyisuuf furii akka qopheesse ibsu gaaffii kanaaf deebii nuu kenna. Boqonnaa 14ffaa irratti waaʼee qophii jaalala irratti hundaaʼe kanaa caalaatti baranna. Qophiin kun haqaa fi araara Yihowaa of keessatti qabata. Yihowaan karaa qophii kanaa, haqa isaa isa mudaa hin qabne utuu hin jalʼisin cubbamoota yaada geddaratanitti araara argisiisuu dandaʼa.—Roomaa 3:21-26.
Haqni Yihowaa Isatti Nu Harkisa
12, 13. (a) Haqni Yihowaa isatti kan nu dhiheessu maaliifi? (b) Daawit waaʼee haqa Yihowaa maal hubate? Kun hoo kan nu jajjabeessu akkamitti?
12 Haqni Yihowaa kan isa irraa nu fageessu utuu hin taʼin, amala gammachiisaa isatti nu dhiheessu dha. Kitaabni Qulqulluun haqni ykn qajeelummaan Yihowaa gara laafina irratti kan hundaaʼe akka taʼe ifatti dubbata. Mee karaawwan gaggaarii Yihowaan haqa isaa itti argisiisu tokko tokko haa ilaallu.
13 Haqni Yihowaa inni mudaa hin qabne, tajaajiltoota isaatiif amanamaa akka taʼu isa kakaasa. Daawit faarfatichi, amala Yihowaa isa kutaa haqa isaa taʼe kana jireenya isaa keessatti argeera. Daawit, muuxannoo isaa irraa fi hojiiwwan Waaqayyoo qorachuudhaan maal hubachuu dandaʼe? “Yihowaan haqa ni jaallata, warra isaaf amanamoo taʼanis hin gatu. Isaan yeroo hundumaa eegumsa ni argatu” jechuudhaan wanta hubate dubbateera. (Faarfannaa 37:28) Kun yaada nama jajjabeessu mitii? Waaqni keenya yoom iyyuu taanaan warra isaaf amanamoo taʼan hin gatu. Kanaaf, michuu isaa taʼuu akka dandeenyuu fi kunuunsa akka nuu godhu isatti amanamuu dandeenya. Haqni isaa kanaaf wabii nuu taʼa!—Fakkeenya 2:7, 8.
14. Seerri Israaʼelotaaf kenname Yihowaan namoota rakkataniif akka yaadu kan argisiisu akkamitti?
14 Haqni Waaqayyoo namoota rakkatan gargaaruuf isa kakaasa. Yihowaan namoota rakkataniif akka yaadu, Seera Israaʼelotaaf kenne irraa hubachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, Seericha keessatti ijoollee abbaa hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irraa duʼeef qophiin addaa godhameera. (Keessa Deebii 24:17-21) Yihowaan maatiiwwan akkasiitiif jireenyi hangam ulfaataa akka taʼe waan beekuuf, Abbaa Murtii fi Eegduu isaaniif taʼuudhaan, “mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼeef haqaan ni murteessa”a ture. (Keessa Deebii 10:18; Faarfannaa 68:5) Yihowaan, Israaʼelonni dubartootaa fi ijoollee gargaarsa hin qabne yoo miidhan, iyya namoota kanaa akka dhagaʼu isaan akeekkachiiseera. Yihowaan, “aariin koo ni bobaʼa” jedheera. (Baʼuu 22:22-24) Aariin, amalawwan Yihowaa warra guguddaa keessaa tokko taʼuu baatus, keessumaa jalʼinni itti yaadamee namoota gargaarsa hin qabne irratti raawwatamu, aarii qajeelinaa akka aaru isa godha.—Faarfannaa 103:6.
15, 16. Ragaa dinqisiisaan Yihowaan dhugumaan loogii irraa walaba akka taʼe argisiisu maalidha?
15 Yihowaan, ‘eenyuuf iyyuu akka hin loognee fi mattaʼaa akka hin fudhanne’ nuu mirkaneesseera. (Keessa Deebii 10:17) Namoota aangoo ykn beekamtii qaban irraa haala adda taʼeen, Yihowaan qabeenya ykn bifa namootaatiin hin gowwoomfamu. Inni guutummaatti loogii ykn wal caalchisuu irraa walaba dha. Fakkeenya gaarii Yihowaan akka hin loogne argisiisu tokko ilaali. Tajaajiltoota isaa warra dhugaa jireenya bara baraa argatan taʼuuf carraa kan qaban namoota filataman muraasa qofa miti. Kanaa mannaa, “saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.” (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Namoonni lammiin isaanii, sadarkaan hawaasa keessatti qaban, bifti isaanii fi biyyi isaanii maal iyyuu yoo taʼe abdii dinqisiisaa kana argachuu dandaʼu. Haqa dhugaa jechuu kana mitii?
16 Karaan Yihowaan haqa mudaa hin qabne itti argisiisee fi qorachuu qabnu kan biraanis jira; innis akkaataa inni namoota seera isaa cabsan itti qabu dha.
Isa Balleessaa Qabu Matumaa Utuu hin Adabin hin Dhiisu
17. Jalʼinni addunyaa irra jiru Yihowaan haqa qabeessa akka hin taane kan hin argisiisne maaliif akka taʼe ibsi.
17 Namoonni tokko tokko, ‘Yihowaan wanta qajeelaa hin taane callisee hin ilaalu erga taʼee, addunyaa kana keessatti rakkinnii fi jalʼinni kan babalʼate maaliifi?’ jedhanii gaafatu. Jalʼinni akkasii jiraachuun isaa Yihowaan haqa qabeessa akka hin taane kan argisiisu miti. Jalʼinni addunyaa hamaa kana keessatti argamu hedduun isaa, cubbuu ilmaan namootaa Addaam irraa dhaalaniin kan dhufe dha. Addunyaa namoonni cubbamoon daandii dogoggoraa irra deemuu filatan kana keessatti jalʼinni babalʼateera. Taʼus, kun yeroo dheeraaf itti hin fufu.—Keessa Deebii 32:5.
18, 19. Yihowaan namoota taʼe jedhanii seera isaa cabsan utuu hin adabin akka hin hafne wanti argisiisu maalidha?
18 Yihowaan namoota garaa qulqulluudhaan isatti dhihaatanitti araara kan argisiisu taʼus, haala maqaa isaa isa qulqulluu irratti arrabsoo fidu bara baraaf callisee hin ilaalu. (Faarfannaa 74:10, 22, 23) Waaqa haqa qabeessa taʼetti qoosuun hin dandaʼamu; Yihowaan, namoota taʼe jedhanii cubbuu hojjetan, murtii hamaa gocha isaaniitiin isaanitti dhufu irraa isaan hin eegu. Yihowaan, ‘Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa taʼe, aariidhaaf suuta kan jedhu, jaalalli isaa inni amanamaanii fi dhugaan isaa baayʼee taʼe dha. Taʼus isa balleessaa qabu matumaa utuu hin adabin hin dhiisu.’ (Baʼuu 34:6, 7) Yaada kanaa wajjin haala walsimuun Yihowaan yeroo tokko tokko namoota taʼe jedhanii seera isaa cabsan ni adaba.
19 Fakkeenyaaf, walitti dhufeenya Waaqayyo Israaʼelota durii wajjin qabu ilaali. Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda illee, yeroo baayʼee isaaf amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru. Gocha isaanii isa mancaʼaadhaan Yihowaa kan “gaddisiisan” taʼus, inni garuu dafee abdii isaanitti hin kutanne. (Faarfannaa 78:38-41) Kanaa mannaa, araara isaanitti argisiisuudhaan akkaataa jireenyaa isaanii akka jijjiiran carraa isaaniif baneera. Akkas jedhee isaan kadhate: “Ani duʼa nama hamaatti hin gammadu; kanaa mannaa, namni hamaan daandii isaa jijjiiree lubbuudhaan akka jiraatun barbaada. Yaa mana Israaʼel, deebiʼaa, daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa; maaliif duutu?” (Hisqiʼel 33:11) Yihowaan jireenyaaf bakka guddaa waan kennuuf, Israaʼelonni daandii isaanii isa gadhee irraa akka deebiʼan irra deddeebiʼee raajota isaa isaanitti ergeera. Haa taʼu malee, saba mata jabeessa taʼe sana keessaa baayʼeen isaanii yaada geddarachuu didaniiru. Dhuma irrattis, Yihowaan maqaa isaa isa qulqulluuf jecha, harka diinota isaaniitti dabarsee isaan kenne.—Nahimiyaa 9:26-30.
20. (a) Walitti dhufeenyi Yihowaan Israaʼelotaa wajjin qabu waaʼee isaa maal nu barsiisa? (b) Leenci haqa Yihowaatiif fakkeenya gaarii kan taʼe maaliifi?
20 Walitti dhufeenya Yihowaan Israaʼelotaa wajjin qabu irraa waaʼee isaa wanta baayʼee baranna. Ijji isaa inni waan hundumaa ilaaluu dandaʼu jalʼina akka arguu fi wanta arguttis akka gaddu baranna. (Fakkeenya 15:3) Namoota yaada geddaratanitti araara argisiisuu akka barbaadu beekuunis nama jajjabeessa. Kana malees, murtoo kan godhu ariitiidhaan akka hin taane baranna. Namoonni hedduun, Yihowaan obsa qabeessaa waan taʼeef, matumaa hamootatti hin murteessu jedhanii dogoggoraan yaadu. Haa taʼu malee, walitti dhufeenyi Yihowaan Israaʼelotaa wajjin qabu obsi isaa daangaa akka qabu waan argisiisuuf, yaanni kun dhugaa irraa kan fagaate dha. Yihowaan qajeelummaaf ejjennoo cimaa qaba. Ilmaan namootaa yeroo baayʼee haqa raawwachuu irraa duubatti jedhan irraa haala adda taʼeen, Yihowaan wanta sirrii gochuuf ija jabina qaba. Kitaabni Qulqulluun haqa Yihowaa ibsuuf leenca isa ija jabeessa taʼe akka fakkeenyaatti kan fayyadamu kanaafi.b (Hisqiʼel 1:10; Mulʼata 4:7) Kanaafuu, Yihowaan lafa kana jalʼina irraa walaba gochuuf abdii kenne akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Eeyyee, murtii Yihowaa akka armaan gadiitti kaaʼuu dandeenya: yeroo barbaachisaa taʼutti jabaa, yeroo sababii quubsaan jiraatutti immoo araara qabeessa dha.—2 Pheexiros 3:9.
Waaqa Haqaatti Dhihaadhu
21. Akkaataa Yihowaan haqa isaa raawwatu irratti yommuu xiinxallu, waaʼee isaa maal yaaduu qabna? Maaliifi?
21 Akkaataa Yihowaan haqa isaa raawwatu irratti yommuu xiinxallu, inni jaalala kan hin qabnee fi abbaa murtii hamaa warra balleessaa raawwatanitti murteessuu irratti qofa xiyyeeffatu akka taʼetti yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa, Abbaa jaalala qabeessa ejjennoon isaa cimaa taʼee fi yeroo hunda wanta ijoollee isaatiif gaarii taʼe godhu akka taʼetti yaaduu qabna. Yihowaan Abbaa haqa qabeessa ykn qajeelaa waan taʼeef, ejjennoo cimaa waan sirrii taʼe irratti qabuu fi gara laafina ijoollee isaatti argisiisu wal qixa deemsisa.—Faarfannaa 103:10, 13.
22. Yihowaan haqaan geggeeffamee abdii akkamii nuu kenneera? Kana kan godhe maaliifi?
22 Haqni Waaqayyoo, namoota cubbuu hojjetan irratti murtoo dabarsuu caalaa waan hedduu kan dabalatu taʼuun isaa Yihowaa akka galateeffannu nu godha! Yihowaan haqaan geggeeffamee, addunyaa “qajeelummaan keessa buufatu” keessatti jireenya mudaa fi dhuma hin qabne nuu qopheesseera. (2 Pheexiros 3:13) Kun haqni isaa namoota adabuu irra, namoota fayyisuuf karaa akka barbaadu argisiisa. Dhuguma iyyuu, haqa Yihowaa akka gaariitti hubachuun keenya isatti nu dhiheessa! Boqonnaawwan itti aanan irratti Yihowaan amala ajaaʼibsiisaa kana akkamitti akka argisiise gadi fageenyaan baranna.
a Jechi “mucaa abbaa hin qabne” jedhu Yihowaan dhiirota abbaa hin qabneef qofa utuu hin taʼan dubartoota abbaa hin qabneefis garaadhaa akka yaadu argisiisa. Yihowaan seericha keessatti seenaan intaloonni Zelofehaad warri abbaan isaanii jalaa duʼe dhaala argachuu isaanii ibsu akka barraaʼu godheera. Yihowaan mirgi dubartoota abbaa hin qabnee akka eegamu gochuuf murtoon kun seericha keessatti akka dabalamu godheera.—Lakkoofsa 27:1-8.
b Yihowaan Israaʼelota amanamoo hin taane irratti akka murteessu yeroo dubbatu leencatti of fakkeesseera.—Ermiyaas 25:38; Hoseʼaa 5:14.
-
-
“Waaqayyo Haqa ni Jalʼisa Jechuu Dhaa?”Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 12
“Waaqayyo Haqa ni Jalʼisa Jechuu Dhaa?”
1. Jalʼinni yommuu raawwatamu maaltu nutti dhagaʼama?
MAANGUDDOON abbaan manaa irraa duʼe tokko maallaqa kuufatte saamamte. Haati gara jabeettiin tokko daaʼima ishii nama mararu gatte. Namni tokko utuu yakka hin raawwatin mana hidhaa gale. Wantoota akkasii yommuu dhageessu maaltu sitti dhagaʼama? Wantoonni kun hundi akka si aarsan beekamaa dha; kun taʼuun isaas nama hin dinqisiisu. Maaliifi? Sababiin isaas wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee miira cimaa qabna. Jalʼina haqaa raawwatame tokko yommuu arginu ni aarra. Namni jalʼinni irratti raawwatame akka kiifamu, namni jalʼina raawwate immoo akka adabamu barbaanna. Kun taʼuu baannaan garuu, ‘Waaqayyo wanta raawwatamaa jiru ni argaa? Taanaan maaliif tarkaanfii hin fudhatu?’ jennee gaafanna.
2. Anbaaqom, jalʼina raawwatameef maaltu itti dhagaʼame? Akkas itti dhagaʼamuu isaatiif Yihowaan kan isa hin ceephaane maaliifi?
2 Kitaaba Qulqulluu keessatti tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon gaaffii akkasii gaafachaa akka turan ibsameera. Fakkeenyaaf Anbaaqom raajichi, “Balleessaan yommuu raawwatamu akkan argu maaliif goota? Cunqursaa hoo maaliif callistee ilaalta? Badiisnii fi jeequmsi na dura jira. Lollii fi walitti buʼiinsis baayʼateera” jedhee kadhateera. (Anbaaqom 1:3) Yihowaan namoonni haqa akka jaallatan godhee waan uumeef, Anbaaqom gaaffii kana gaafachuu isaatti isa hin ceephaane. Eeyyee, Yihowaan ilaalcha inni haqaaf qabu nutis hamma tokko akka qabaannu godhee nu uumeera.
Yihowaan Jalʼina ni Jibba
3. Yihowaan jalʼina raawwatamu nu caalaa beeka kan jennu maaliifi?
3 Yihowaan jalʼina raawwatamuuf dantaa kan hin qabne miti. Jalʼina raawwatamu ni arga. Kitaabni Qulqulluun bara Noh ilaalchisee, “Yihowaan hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate, fedhiin garaa isaa hundis yeroo hundumaa hamaa akka taʼe ni arge” jedha. (Uumama 6:5) Yaanni kun hiika akkamii akka qabu ilaali. Nuti jalʼinni raawwatamuu isaa kan hubannu yeroo baayʼee wanta dhageenye ykn wanta argine muraasa irraa kaanee ti. Yihowaan garuu jalʼina addunyaa maratti raawwatamu hunda ni arga! Kana malees, garaa namootaa, jechuunis yaada gadhee gara jalʼinaatti geessu hubachuu dandaʼa.—Ermiyaas 17:10.
4, 5. (a) Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan namoota jalʼinni irra gaʼeef akka yaadu kan argisiisu akkamitti? (b) Yihowaa irratti illee jalʼinni kan raawwatame akkamitti?
4 Yihowaan garuu jalʼina raawwatamu beekuu malees wanta godhu qaba. Namoota jalʼinni irratti raawwatameef ni yaada. Sabni isaa Israaʼel diinota isaanii warra “isaan cunqursanii fi gara jabinaan isaan qabaniin kan kaʼe waan aadaniif Yihowaan isaaniif ni gadda ture.” (Abbootii Murtii 2:18) Tarii namoonni tokko tokko yeroo baayʼee jalʼinni yommuu raawwatamu arguun isaanii jalʼinaaf dantaa akka dhaban akka isaan godhe hubatteetta taʼa. Yihowaan garuu akkas miti! Jalʼina waggoota 6,000 keessatti raawwatame hunda kan arge taʼus, jibbi inni jalʼinaaf qabu hin hirʼanne. Kanaa mannaa, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan, “arraba sobuu fi harka dhiiga qulqulluu dhangalaasu,” akkasumas “Ragaa baatuu sobaa yeroo dubbatu hundumaatti sobu” akka jibbu nuu mirkaneessa.—Fakkeenya 6:16-19.
5 Yihowaan, jalʼina geggeessitoonni saba Israaʼel raawwatan akkamitti akka balaaleffates ilaali. Raajiin isaa Miikiyaas, “Wanta sirrii beekuun isin irra hin jiruu?” jedhee akka isaan gaafatu isa kakaaseera. Yihowaan aangoo isaaniitti karaa sirrii hin taaneen akka fayyadaman erga ibsee booda, adaba balleessaa isaaniitiin isaan irra gaʼu ilaalchisee akkana jedheera: “Isaan gargaarsaaf Yihowaa ni waammatu, inni garuu deebii isaaniif hin kennu. Gocha isaanii isa hamaadhaan kan kaʼe, yeroo sanatti inni fuula isaa isaan jalaa ni dhoksa.” (Miikiyaas 3:1-4) Eeyyee, Yihowaan jalʼinaaf jibba guddaa qaba! Isa irratti iyyuu jalʼinni raawwatameera! Seexanni waggoota kumaan lakkaaʼamaniif sababii malee isa arrabsaa tureera. (Fakkeenya 27:11) Kana malees, Yihowaan Ilmi isaa inni “cubbuu tokko illee hin hojjenne” akka nama yakkamaatti jalʼinaan yommuu ajjeefamu baayʼee gaddeera. (1 Pheexiros 2:22; Isaayyaas 53:9) Kanaafuu, Yihowaan, namoota sababa jalʼinaatiin rakkataniif dantaa kan hin qabne akka hin taane ifa dha.
6. Nu irras taʼe warra kaan irra yeroo jalʼinni gaʼu maaltu nutti dhagaʼama? Maaliifi?
6 Nutis jalʼina raawwatame yeroo arginu ykn jalʼinni yeroo nu irratti raawwatamu aaruun keenya waanuma jiru dha. Akka bifa Waaqayyootti uumamne, jalʼinni immoo amalawwan Yihowaa hundaa wajjin wal faallessa. (Uumama 1:27) Maarree, Waaqayyo jalʼinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi?
Gaaffii Ol Aantummaa Waaqayyoo Irratti Kaʼe
7. Bulchiinsa Yihowaa irratti gaaffiin kan kaʼe akkamitti akka taʼe ibsi.
7 Deebiin gaaffii kanaa, gaaffii ol aantummaa Waaqayyoo irratti kaʼee wajjin wal qabata. Akkuma kanaan dura ilaalle, Uumaan keenya lafa kanas taʼe wantoota lafa irratti argaman hunda bulchuuf mirga qaba. (Faarfannaa 24:1; Mulʼata 4:11) Haa taʼu malee, jalqaba seenaa ilmaan namootaa irratti maqaa gaarii Yihowaan qabuu fi bulchiinsa isaa irratti gaaffiin ni kaʼe. Kun kan taʼe akkamitti? Yihowaan, namni jalqabaa Addaam muka Jannata keessa jiru tokko irraa akka hin nyaanne isa ajajee ture. Yoo ajaja kana cabse maaltu isa irra gaʼa? Waaqayyo, “Dhugumaan ni duuta” isaan jedhee ture. (Uumama 2:17) Ajajni Waaqayyo kenne, Addaamiifis taʼe haadha manaa isaa Hewaaniif ulfaataa hin turre. Haa taʼu malee Seexanni, Waaqayyo garmalee isaan cunqursaa akka jiru Hewaaniin amansiise. Muka sana irraa yoo nyaatte maaltu ishii irra gaʼa? Seexanni gaaffii kanaaf deebii akkas jedhu kenne: “Isin matumaa hin duutan Waaqayyo akkana kan jedhe, guyyuma isa irraa nyaattanitti ijji keessan akka banamu, akkasumas gaarii fi hamaa beekuudhaan akka Waaqayyoo akka taatan waan beekuufi.”—Uumama 3:1-5.
8. (a) Wanti Seexanni Hewaanitti dubbate ergaa akkamii qaba? (b) Seexanni maqaa Waaqayyoo fi ol aantummaa isaa irratti gaaffii akkamii kaase?
8 Seexanni yeroo akkas jedhu, Yihowaan odeeffannoo barbaachisaa taʼe akka ishii dhokse qofa utuu hin taʼin, akka ishii sobes dubbachuu isaa ture. Seexanni Hewaan Yihowaan gaarii taʼuu isaa akka shakkitu godhe. Seexanni akkas gochuudhaan maqaa Waaqayyoo irratti arrabsoo guddaa fideera. Kana malees ol aantummaa Yihowaa ykn bulchiinsa isaa qeeqeera. Seexanni Yihowaan Bulchaa waan hundumaa miti jechuu hin barbaanne. Kanaa mannaa, ol aantummaan isaa sirrii taʼuu isaa, kan isaaf malu taʼuu isaa fi qajeelaa taʼuu isaa irratti gaaffii kaase. Karaa biraatiin, Yihowaan ol aantummaa isaa kan fayyadamu karaa sirrii taʼee fi karaa warra isa jalatti bulan fayyaduun taʼuu isaa irratti gaaffii kaasuu isaa ture.
9. (a) Addaamii fi Hewaan Waaqayyoof ajajamuu diduun isaanii maal isaanitti fide? Kunoo gaaffii guguddaa akkamii kaaseera? (b) Waaqayyo warra isa irratti kaʼan yeruma sana kan hin balleessine maaliifi?
9 Achiis Addaamii fi Hewaan muka dhowwame sana irraa nyaachuudhaan Yihowaaf utuu hin ajajamin hafan. Akkuma Waaqayyo dursee jedhe, ajajamuu diduun isaanii duʼa isaanitti fide. Sobni Seexanaa gaaffiiwwan guguddaa tokko tokko kaaseera: Dhuguma Yihowaan ilmaan namootaa bulchuuf mirga qabaa? Moo namootatu ofiin of bulchuu qaba? Yihowaan karaa hunda irra wayyuun ol aantummaa isaatti ni fayyadamaa? Yihowaan humna isaa isa hunda irra caalutti fayyadamee yeruma sana warra isa irratti kaʼan balleessuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, gaaffiin kan kaʼe humna isaa irratti utuu hin taʼin, maqaa isaa isa bulchiinsa isaa dabaltu irratti ture. Kanaaf, Addaam, Hewaanii fi Seexana balleessuun, bulchiinsi Waaqayyoo qajeelaa taʼuu isaa hin mirkaneessu. Kanaa mannaa, akkas gochuun bulchiinsa isaa irratti gaaffii dabalataa kaasuu dandaʼa. Ilmaan namootaa Waaqayyo malee sirriitti ofiin of bulchuu dandaʼuu fi dhiisuun isaanii kan mirkaneeffamu, yeroon yoo kennameef qofa dha.
10. Bulchiinsa ilmaan namootaa ilaalchisee seenaan maal mirkaneesse?
10 Maarree yeroon kennamuun isaa maal mirkaneesse? Ilmaan namootaa bulchiinsa abbootii irree, bulchiinsa dimookraasii, sooshaaliizimii fi koominiizimii dabalatee waggoota kuma hedduuf sirnawwan bulchiinsaa hedduu yaalaniiru. Sirnoonni bulchiinsaa kun hundi yaanni Kitaaba Qulqulluu, “namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti” jedhu dhugaa taʼuu isaa mirkaneessaniiru. (Lallaba 8:9) Ermiyaas, “Yaa Yihowaa, daandiin namaa aangoo isaa jala akka hin jirre akka gaariitti nan beeka. Yommuu deemus ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu” jechuun isaa sirrii dha.—Ermiyaas 10:23.
11. Yihowaan ilmaan namootaa irra rakkinni akka gaʼu kan heyyame maaliifi?
11 Yihowaan, ilmaan namootaa isa irraa adda baʼanii ofiin of bulchuun isaanii rakkina guddaa akka isaanitti fidu jalqabumaa kaasee beeka ture. Rakkinni kun akka jiraatu heyyamuun isaa inni jalʼaa akka taʼe argisiisaa? Matumaa! Kana fakkeenyaan ibsuuf: Mucaan kee dhukkuba lubbuu isaa balaaf saaxiluun waan qabameef, yaaliin baqaqsanii walʼaanuu isa barbaachise haa jennu. Yaaliin kun mucaa kee baayʼee akka dhukkubsuu fi siinis akka gaddisiisu ni beekta. Taʼus, yaaliin kun mucaa kee akka fayyisus beekta. Haaluma wal fakkaatuun Waaqayyos, ilmaan namootaa ofiin akka of bulchan heyyamuun isaa rakkina guddaaf akka isaan saaxilu beeka, kun akka taʼus dubbateera. (Uumama 3:16-19) Haa taʼu malee, bara baraaf boqonnaa argachuun kan dandaʼamu, isa irratti finciluun buʼaa gadhee akkamii akka fidu ilmaan namootaa hundi akka argan yoo heyyame qofa taʼuu isaas beeka. Gaaffiin kun bara baraaf deebii argachuu kan dandaʼu karaa kanaan qofa dha.
Gaaffii Amanamummaa Namootaa Irratti Kaʼe
12. Akkuma seenaa Iyyoob irratti ibsame, Seexanni ilmaan namootaa irratti himata akkamii dhiheesseera?
12 Gaaffiin kaʼe kan biraanis jira. Seexanni bulchiinsi Waaqayyoo sirrii fi qajeelaa taʼuu isaa mormuudhaan, ol aantummaa Yihowaa irratti qofa utuu hin taʼin, amanamummaa tajaajiltoota isaa irrattis gaaffii kaaseera. Fakkeenyaaf Seexanni, Iyyoob isa nama qajeelaa taʼe ilaalchisee Yihowaadhaan akkas jedheera: “Ati isatti, mana isaattii fi wanta inni qabu hundumaatti naannessitee dallaa eegumsaa hin ijaarree ree? Hojii harka isaa eebbisteetta; horiiwwan isaas lafa irra guutaniiru. Garuu, mee harka kee diriirsiitii wanta inni qabu hundumaa rukuti; dhugumaan inni ijuma kee duratti si arrabsa.”—Iyyoob 1:10, 11.
13. Seexanni himata Iyyoob irratti dhiheesseen gaaffii akkamii kaaseera? Himanni kun hoo ilmaan namootaa hunda kan ilaallatu akkamitti?
13 Seexanni, Yihowaan humna eeguuf qabutti fayyadamee Iyyoob akka isa jaallatuu fi isa tajaajilu godheera jedhee isa himate. Kun immoo, Iyyoob Waaqayyoon kan waaqeffatu buʼaa argachuuf jedhee akka taʼee fi amanamummaan isaa fakkeessaa akka taʼe kan ibsu ture. Seexanni, Iyyoob eebba Waaqayyoo utuu dhabee Uumaa isaa ni arrabsa jedhee isa himate. Iyyoob ‘nama qajeelaa fi amanamaa, nama Waaqa sodaatuu fi wanta hamaa taʼe irraa fagaatu’ akka taʼe garuu beeka ture.a Seexanni utuu amanamummaa Iyyoob laaffiseera taʼee, kun waaʼee namoota kaanii ergaa akkamii dabarsa ture? Seexanni kana gochuudhaan amanamummaa namoota Waaqayyoon tajaajiluu barbaadan hundumaa irratti gaaffii kaaseera. Gaaffii kana balʼisuudhaanis Yihowaadhaan, “Namni lubbuu isaatiif jedhee wanta qabu hundumaa ni kenna” jedheera.—Iyyoob 1:8; 2:4.
14. Himata Seexanni ilmaan namootaa irratti dhiheesse ilaalchisee seenaan maal mirkaneesseera?
14 Himata Seexanni dhiheesse irraa haala adda taʼeen, seenaa ilmaan namootaa keessatti Iyyoobiin dabalatee namoonni hedduun qorumsa adda addaa keessatti amanamoo taʼanii jiraataniiru. Namoonni kun amanamummaadhaan jiraachuudhaan garaa Yihowaa ciibsaniiru; kun immoo, Yihowaan falmii Seexanni ilmaan namootaa rakkinni yoo isaan irra gaʼe Waaqayyoon tajaajiluu ni dhiisu jechuudhaan dhiheesseef deebii akka kennu godha. (Ibroota 11:4-38) Eeyyee, namoonni garaa qajeelaa qaban Waaqayyo irraa garagaluu didaniiru. Namoonni kun haala baayʼee rakkisaa taʼe keessatti illee, Yihowaan jabaatanii dhaabachuuf humna akka isaaniif kennu guutummaatti isatti amanamaniiru.—2 Qorontos 4:7-10.
15. Murtii Yihowaan kanaan dura kennee fi gara fuulduraatti kennu ilaalchisee gaaffii akkamiitu kaʼa?
15 Haqni Yihowaa garuu gaaffii ol aantummaa isaa irrattii fi amanamummaa ilmaan namootaa irratti kaʼe caalaa waan dabalatu qaba. Kitaabni Qulqulluun, seenaawwan murtii Yihowaan namoota dhuunfaa fi saboota irratti dabarse ibsan qabateera. Akkasumas murtii Yihowaa fuulduratti kennu ilaalchisee raajiiwwan dubbataman qabateera. Murtiin Yihowaan kanaan dura kennee fi fuulduraatti kennu qajeelaa akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
Haqni Yihowaa Caalmaa Kan Qabu Maaliifi?
Yihowaan matumaa ‘isa qajeelaa isa hamaa wajjin hin balleessu’
16, 17. Haqa ilaalchisee hubannaan namoonni qaban xinnoo akka taʼe fakkeenyonni argisiisan kamfaʼi?
16 Yihowaan, “Daandiiwwan isaa hundi haqa qabeessa dha” jedhamuun isaa sirrii dha. (Keessa Deebii 32:4) Nuti garuu hubannaan keenya daangeffamaa taʼuu isaatiin kan kaʼe, yeroo tokko tokko wanta sirrii taʼe addaan baasnee beekuun waan nu rakkisuuf, waaʼee ofii keenyaa akkas jechuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf mee Abrahaamiin haa ilaalu. Abrahaam magaalaa Sodoom keessatti hamminni kan babalʼate taʼus magaalattiin akka hin balleeffamne Yihowaa kadhatee ture. “Ati dhuguma isa qajeelaa isa hamaa wajjin ni balleessitaa?” jedhee Yihowaa gaafateera. (Uumama 18:23-33) Deebiin isaa, lakki kan jedhu akka taʼe beekamaa dha. Yihowaan Sodoom irratti ‘dinyii fi ibidda kan roobse’ Loox inni nama qajeelaa taʼee fi ijoolleen isaa nagaadhaan magaalaa Zoʼaar erga gaʼanii booda ture. (Uumama 19:22-24) Faallaa kanaatiin, Yoonaas yommuu Waaqayyo namoota Nanawweetiif dhiifama godhu ‘baayʼee aaree’ ture. Namoonni kun akka balleeffaman waan lallabeef, yaada isaanii yoo geddaratan iyyuu yommuu balleeffaman arguu barbaadee ture.—Yoonaas 3:10–4:1.
17 Yihowaan haqni isaa, hamoota balleessuu qofa utuu hin taʼin, qajeeloota fayyisuus akka dabalatu Abrahaamiif mirkaneesseera. Abrahaam irraa haala adda taʼeen, Yoonaas Yihowaan araara qabeessa taʼuu isaa barachuun isa barbaachiseera. Hamoonni daandii isaanii yoo jijjiiran, Waaqayyo ‘dhiifama gochuuf qophaaʼaa dha.’ (Faarfannaa 86:5) Namoota aangoo isaanii akka hin dhabne sodaatan tokko tokko irraa haala adda taʼeen, Yihowaan aangoo isaa argisiisuuf qofa murtoo hin dabarsu ykn akka dadhabaatti akka hin ilaalamne sodaatee gara laafina argisiisuu irraa duubatti hin jedhu. Inni sababii gaʼaan yeroo jiraatu hundatti araara ni argisiisa.—Isaayyaas 55:7; Hisqiʼel 18:23.
18. Fakkeenyonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan miira qofa irratti hundaaʼee akka hin murteessine argisiisan kamfaʼi?
18 Taʼus, Yihowaan miiraan hin geggeeffamu. Yommuu sabni isaa waaqayyolii tolfaman waaqeffachuu itti fufanitti, “akka daandiiwwan keetti sitti nan murteessa; wantoota jibbisiisoo raawwatte hundumaatiifis sin adaba. Ijji koo siif hin gaddu; anis gara laafina sitti hin argisiisu; sababiin isaas, ani akka daandiiwwan keetti siif nan deebisa” jechuudhaan murtii cimaa isaan irratti dabarseera. (Hisqiʼel 7:3, 4) Kanaaf, namoonni yommuu mataa jabaatan Yihowaan akka hojii isaaniitti isaanitti murteessa. Murtiin isaa garuu ragaa qabatamaa irratti kan hundaaʼe dha. Fakkeenyaaf, Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee iyya guddaa yeroo dhagaʼetti Yihowaan, “Ani isaan akkuma iyya isa na bira gaʼe sanaa gochuu fi dhiisuu isaanii ilaaluuf gad nan buʼa” jechuun isaa kana argisiisa. (Uumama 18:20, 21) Yihowaan akka namoota utuu dhimma tokko sirriitti hin dhagaʼin murteessuuf ariifatanii waan hin taaneef baayʼee isa galateeffanna. Akkuma Kitaabni Qulqulluun jedhu, dhuguma Yihowaan “Waaqa amanamaa matumaa haqa hin jalʼisne dha.”—Keessa Deebii 32:4.
Haqa Yihowaa Irratti Amantii Qabaadhu
19. Akkaataa Yihowaan haqa isaa itti argisiisu ilaalchisee wanti nuu hin galle yoo jiraate maal gochuu dandeenya?
19 Kitaabni Qulqulluun wantoota Yihowaan kanaan dura raawwate ilaalchisee gaaffiiwwan kaʼan hundaaf deebii hin kennu; gara fuulduraattis dhuunfaadhaanis taʼe tuutaan akkamitti namootaaf murtii akka kennu balʼinaan hin ibsu. Kanaafuu, seenaawwan ykn raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu ibsa balʼaa hin qabne yommuu nu mudatan, akkuma Miikiyaas raajichi, “Waaqa fayyinaa koo obsaan nan eeggadha” jedhee barreessee amanamoo taʼuu keenya argisiisuu dandeenya.—Miikiyaas 7:7.
20, 21. Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii akka godhu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi?
20 Yihowaan haala akkamii keessatti iyyuu wanta sirrii taʼe akka raawwatu amanuu qabna. Namoonni jalʼina raawwatamu callisanii yoo bira darban illee Yihowaan, “Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jechuudhaan tarkaanfii akka fudhatu waadaa galeera. (Roomaa 12:19) Obsaan Yihowaa kan eeggannu yoo taʼe, akkuma Phaawulos ergamaa isa, “Waaqayyo haqa ni jalʼisa jechuu dhaa? Matumaa!” jedhee dubbatee amantii cimaa akka qabnu argisiisuu dandeenya.—Roomaa 9:14.
21 Hammasitti garuu ‘yeroo addaa baayʼee rakkisaa taʼe’ keessa jiraanna. (2 Ximotewos 3:1) Jalʼinnii fi ‘gochi hacuuccaa’ gochi gara jabinaa hedduun akka raawwatamu godheera. (Lallaba 4:1) Haa taʼu malee, Yihowaan hin jijjiiramne. Amma iyyuu jalʼina ni jibba, namoota jalʼinni irratti raawwatameefis garaadhaa yaada. Yihowaafis taʼe ol aantummaa isaatiif amanamoo yoo taane, Yihowaan hanga inni bulchiinsa Mootummaa isaa jalatti jalʼina hunda balleessutti jabaannee akka dhaabannu nu gargaara.—1 Pheexiros 5:6, 7.
a Yihowaan Iyyoobiin ilaalchisee, “Lafa irra namni akka isaa tokko iyyuu hin jiru” jedheera. (Iyyoob 1:8) Kanaafuu Iyyoob kan jiraate, Yoseef erga duʼee boodaa fi Museen Israaʼelota geggeessuuf muudamuu isaa dura taʼuu hin oolu. Kanaaf, yeroo sanatti namni akka Iyyoob amanamaa taʼe tokko illee hin jiru ture jedhamuu dandaʼa.
-
-
“Seerri Yihowaa Mudaa hin Qabu”Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 13
“Seerri Yihowaa Mudaa hin Qabu”
1, 2. Namoonni hedduun seeraaf kabaja kan hin qabne maaliifi? Taʼus seera Waaqayyoof ilaalcha akkamii qabaachuu dandeenya?
“SEERRI boolla dhuma hin qabne dha . . . wanta hunda liqimsa.” Yaanni kun kitaaba bara 1712 maxxanfame tokko irratti argama. Namni kitaaba kana barreesse, lafa irra harkifamuu falmiiwwan seeraa mana murtiitti godhamanii fi namoota haqa barbaadan kasaarsan mormeera. Biyyoota hedduutti, seerrii fi hojmaanni mana murtii wal xaxaa, jalʼaa fi loogiidhaan kan guutame, akkasumas kan gegeddaramu taʼuun isaa namoonni seera akka tuffatan godheera.
2 Faallaa kanaatiin, gara waggoota 2,700 dura faarfatichi, “Seera kee baayʼee nan jaalladha!” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 119:97) Faarfatichi seera Waaqayyootiif jaalala akkasii qabaachuu kan dandaʼe maaliifi? Seera inni jaallate kana kan tume, mootummaa addunyaa kanaa utuu hin taʼin, Yihowaa waan taʼeefi. Atis seera Yihowaa qoʼachaa yommuu deemtu, akkuma faarfatichaa sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Qoʼannaan akkasii, uumama cufa keessatti qaamni seera kennuu fi abbaa murtii taʼe akkamitti akka yaadu si hubachiisa.
Seera Tumtuu Ol Aanaa
3, 4. Yihowaan Seera Tumtuu taʼuu isaa kan argisiise karaawwan kamiini?
3 Kitaabni Qulqulluun, “Seera kan tumuu fi Abbaan Murtii tokko qofa dha” jedha. (Yaaqoob 4:12) Dhuguma iyyuu waaqni seera tumuuf mirga qabu Yihowaa qofa dha. Qaamonni samii illee ‘Seerawwan samii’ inni baaseen bulu. (Iyyoob 38:33) Raayyaan maleekota qulqulluu Yihowaas, sadarkaa adda addaatiin waan gurmaaʼanii fi ajaja isaa jalatti waan isa tajaajilaniif seera inni baaseen bulu.—Faarfannaa 104:4; Ibroota 1:7, 14.
4 Yihowaan ilmaan namootaafis seera kenneera. Hundi keenya qalbii isa haqa Yihowaa calaqqisu qabna. Qalbiin seera keessa keenyatti barreeffame yeroo taʼu, wanta sirrii fi dogoggora taʼe addaan baasnee beekuuf nu gargaaruu dandaʼa. (Roomaa 2:14) Addaamii fi Hewaan qalbii mudaa hin qabne waan qabaniif, seera muraasa qofatu isaan barbaachisa ture. (Uumama 2:15-17) Namoonni cubbuu dhaalan garuu, fedha Waaqayyoo raawwachuuf seerri dabalataa isaan barbaachisa. Yihowaan mataawwan maatii kan akka Noh, Abrahaamii fi Yaaqoobiif seera kenneera; isaanis seera kana maatii isaaniitti dabarsaniiru. (Uumama 6:22; 9:3-6; 18:19; 26:4, 5) Yihowaan karaa Musee saba Israaʼeliif Seera yeroo kennetti, Seera Tumtuu hunda caalu taʼuu isaa argisiiseera. Seerri kun, haqa Yihowaa ilaalchisee hubannaa guddaa nuu kenna.
Yaada Ijoo Seera Musee
5. Seerri Musee ulfaataa fi baayʼee turee? Akkas jettee kan deebiste maaliifi?
5 Namoonni hedduun Seerri Musee walxaxaa, ulfaataa fi baayʼee akka taʼetti yaadu. Ilaalchi akkasii garuu dhugaa irraa kan fagaate dha. Guutummaan seerichaa seerota 600 ol taʼan kan qabate dha. Kun baayʼee fakkaata; taʼus dhuma jaarraa 20ffaatti seerri fedaraalaa Yuunaayitid Isteetis kitaabota seeraa, fuula 150,000 qaban guuta ture. Waggaa lama lamatti immoo seerawwan 600 taʼan seera kanatti dabalamu! Kanaaf, seera hedduu namoonni baasanii wajjin yeroo wal bira qabamu, seerri Musee baayʼee muraasa dha. Haa taʼu malee, Seerri Waaqayyo Israaʼelotaaf kenne, wantoota seerri yeroo amma jiru hin eerre illee kan of keessatti qabate ture. Mee fakkeenyota tokko tokko ilaali.
6, 7. (a) Seera Musee seera kaan irraa adda kan godhu maali dha? Seericha keessaa inni hunda irra caalu isa kami? (b) Israaʼelonni ol aantummaa Yihowaa akka deggeran akkamitti argisiisuu dandaʼu turan?
6 Seerichi ol aantummaa Yihowaatiif iddoo guddaa kenna. Kanaaf, Seerri Musee seera kam irra iyyuu ni caala. Seera kana keessaa inni hunda irra caalu, “Yaa Israaʼel dhagaʼi: Waaqni keenya Yihowaan, Yihowaa tokkicha dha. Atis Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu” jedha. Sabni Waaqayyoo jaalala Yihowaaf qaban ibsuu kan dandaʼan akkamitti ture? Ol aantummaa isaatiif bitamuudhaan isa tajaajiluudhaani.—Keessa Deebii 6:4, 5; 11:13.
7 Israaʼelonni hundi warra isaan irratti aangoo qabaniif bitamuudhaan, ol aantummaa Yihowaa akka deggeran argisiisu. Warri, geggeessitoonni, abbootiin murtii, luboonnii fi booda immoo mootonni, aangoo Waaqayyoo bakka buʼu turan. Yihowaan, namoota aangoo qaban kana irratti finciluun isa irratti finciluu akka taʼetti ilaala. Karaa kan biraa immoo namoonni aangoo qaban saba isaa irratti jalʼina yoo raawwatan ykn yoo isaan cunqursan Yihowaan isaanitti dheekkama. (Baʼuu 20:12; 22:28; Keessa Deebii 1:16, 17; 17:8-20; 19:16, 17) Kanaaf, sabichis taʼe namoonni aangoo qaban, ol aantummaa Yihowaa deggeruu qabu turan.
8. Seerichi ulaagaa qulqullinaa Yihowaa kan ibse akkamitti?
8 Seerichi ulaagaa qulqullinaa Yihowaa ibsa. Jechi “qulqulluu” fi “qulqullummaa” jedhu Seera Musee keessatti al 280 ol argama. Seerichi gama waaqeffannaatiin wantoota Israaʼelota xureessan adda addaa 70 ibsuudhaan sabni Waaqayyoo wanta qulqulluu fi xuraaʼaa taʼe addaan baasanii akka beekan gargaareera. Seerichi waaʼee qulqullina qaamaa fi nyaataa dabalatee waaʼee balfa ofirraa fageessuu illee ni ibsa ture. Seerawwan kun gama fayyaatiin faayidaa guddaa isaaniif argamsiisaniiru.a Haa taʼu malee, kaayyoon seerawwan kanaa inni guddaan, sabicha gochawwan gadhee saboonni naannoo isaanii turan raawwatan irraa eeguudhaan Yihowaa biratti fudhatama argachuu isaanii akka itti fufan gochuu ture. Mee fakkeenya tokko ilaali.
9, 10. Seerichi, saalqunnamtii fi daʼumsa ilaalchisee ajaja akkamii kenneera? Seerawwan kun faayidaa kan biraa akkamii qabu turan?
9 Seerichi saalqunnamtiin hiriyoota gaaʼelaa gidduutti raawwatamuu illee akka nama xureessu ibsa; dubartiin tokkos erga deessee booda yeroo muraasaaf xuraaʼaa taati. (Leewwota 12:2-4; 15: 16-18) Seerawwan akkasii, kennaawwan qulqulluu Waaqayyo biraa argaman kana kan salphisan hin turre. (Uumama 1:28; 2:18-25) Kanaa mannaa, seerawwan kun waaqeffattoonni isaa akka hin faalamne waan godhaniif, qulqullummaa Yihowaatiif iddoo guddaa kennu. Saboonni naannoo Israaʼel turan waaqeffannaa, saalqunnamtii fi sirna wal hormaataa wajjin walitti maku turan. Amantii warra Kanaʼaan keessa ejjitoonni dhiiraa fi dubartootaa jiru turan. Kanaan kan kaʼes, gochi jibbisiisaan babalʼachuu dandaʼeera. Seerichi garuu, waaqeffannaan Yihowaa dhimmawwan saalqunnamtii wajjin wal qabatan irraa guutummaatti walaba akka taʼu godheera.b Seerichi faayidaa kan biraas qaba ture.
10 Seerawwan kun barumsa guddaa tokko nu barsiisu.c Cubbuun Addaam raawwate dhalootaa dhalootatti darbuu kan dandaʼe akkamitti? Karaa saalqunnamtii fi daʼumsaa mitii? (Roomaa 5:12) Eeyyee, Seerri Waaqayyoo sabni isaa cubbamoota akka taʼan isaan yaadachiiseera. Hundi keenya cubbuu dhaallee dhalanneerra. (Faarfannaa 51:5) Waaqa keenya isa qulqulluutti dhihaachuuf, dhiifama argachuu fi cubbuu irraa furamuun nu barbaachisa.
11, 12. (a) Seerichi dhugaa iddoo guddaa qabu kam barsiisa? (b) Seerichi wantoota haqa jalʼisan akkamii dhowwa?
11 Seerichi haqni Yihowaa mudaa akka hin qabne argisiisa. Seerri Musee haqaa ilaalchisee, murtoo sirriin balleessaa raawwatamee wajjin wal gitu akka kennamu ajaja. Seerichi, “Bakka lubbuu lubbuun, bakka ijaa ijji, bakka ilkaanii ilkaan, bakka harkaa harki, bakka miilaa miilli haa kaffalamu” kan jedhe kanaafi. (Keessa Deebii 19:21) Kanaafuu, yakka ilaalchisee adabni kennamu yakka raawwatamee wajjin qixxe taʼuu qaba ture. Haqni Waaqayyoo kun, Seericha keessatti bakka guddaa kan qabu yeroo taʼu, akkuma Boqonnaa 14 irratti ilaallu, aarsaa furii Kiristoos Yesuus hubachuuf nu gargaara.—1 Ximotewos 2:5, 6.
12 Seerichi haqa jalʼisuus ni dhowwa. Fakkeenyaaf, himanni tokko fudhatama akka qabaatuuf yoo xinnaate ragaa baatonni lama ni barbaachisu. Namni sobaan ragaa baʼu adaba cimaa adabama. (Keessa Deebii 19:15, 18, 19) Malaanmaltummaa fi mattaʼaa fudhachuun dhowwamaa dha. (Baʼuu 23:8; Keessa Deebii 27:25) Sabni Waaqayyoo hojii daldalaa irratti illee, haqa Yihowaa isa hunda irra caalu hordofuu qabu turan. (Leewwota 19:35, 36; Keessa Deebii 23:19, 20) Seerri guddaan namoota wal hin caalchisne kun immoo Israaʼelotaaf eebba guddaa argamsiiseera.
Seera Araaraa fi Loogii Irra Bilisa Taʼuu Jajjabeessu
13, 14. Seerichi nama hateefis taʼe nama jalaa hatameef murtoon haqa irratti hundaaʼe akka kennamu kan godhu akkamitti?
13 Seerri Musee goggogaa fi araara kan hin qabne turee? Matumaa akkas hin turre! Daawit Mootichi hafuuraan geggeeffamee, “Seerri Yihowaa mudaa hin qabu” jedhee barreesseera. (Faarfannaa 19:7) Daawit, Seerichi araara argisiisuu fi loogii irraa walaba taʼuu akka jajjabeessu beeka. Seerichi kana kan godhu akkamitti?
14 Yeroo ammaatti seerri biyyoota tokko tokkoo laafaa fi namoota yakki irratti raawwatame caalaa namoota yakka raawwataniif kan dhaabate fakkaata. Fakkeenyaaf, namoonni hatan mana hidhaa galuu dandaʼu. Namoonni miini jalaa hatame garuu, wanta jalaa hatame deebisanii kan hin arganne taʼuu isaa irra iyyuu, mana hidhaa yakkamtoonni sun keessa jiraataniifis taʼe nyaata isaaniif gibira kan kaffalu namootuma miidhaman kana dha. Israaʼel durii keessa akka yeroo ammaa manni hidhaa hin jiru. Seerichi adaba cimaa kennamuu qabu ilaalchisee daangaa qaba ture. (Keessa Deebii 25:1-3) Hattuun tokko, nama jalaa hate sanaaf wanta hatame bakka buusuu qaba. Kaffaltii dabalataas kennuu qaba. Hammam? Kun haala isaa irratti hundaaʼa. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, abbootiin murtii namni cubbuu hojjete tokko qalbii geddarachuu isaa dabalatee wantoota baayʼee tilmaama keessa akka galchan mirgi isaanii kennamee ture. Wanta hattuun tokko akka bakka buusu irraa eegamu ilaalchisee, adabni Leewwota 6:1-7 irratti ibsame, adaba Baʼuu 22:7 irratti ibsame irra salphaa kan taʼe kanaafi.
15. Nama akka tasaa nama ajjeese ilaalchisee, Seerichi araarri akka argisiifamuu fi haqni akka raawwatamu kan godhu akkamitti?
15 Seerichi namoonni dogoggora kan raawwatan yeroo hunda itti yaadanii akka hin taane ibsuudhaan qophii araara irratti hundaaʼe godheera. Fakkeenyaaf, namni tokko akka tasaa yoo nama ajjeesee fi magaalota Israaʼel warra kooluu itti galan keessaa isa tokkotti baqachuudhaan tarkaanfii sirrii taʼe yoo fudhate, bakka lubbuu lubbuu isaa kaffaluun isa hin barbaachisu. Kanaa mannaa, abbootiin murtii gaʼumsa qaban dhimma isaa erga qoratanii booda, hanga lubni ol aanaan duʼutti magaalaa sana keessa jiraachuu qaba. Sana booda garuu bakka fedhe jiraachuu dandaʼa. Akka kanaan araara Waaqayyoo irraa faayidaa argata. Seerri kun lubbuun ilmaan namootaa bakka guddaa akka qabus kan argisiisu ture.—Lakkoofsa 15:30, 31; 35:12-25.
16. Seerichi mirga namootaa kan eegsise akkamitti?
16 Seerichi, mirgi namootaa akka hin sarbamnes qophii godheera. Namoota liqiin irra jiruuf akkamitti eegumsa akka godhu ilaali. Seerichi mana nama liqiin irra jiru tokkoo seenanii miʼa isaa akka qabsiisaatti fudhachuu hin heyyamu ture. Kanaa mannaa, namni liqeesse sun ala dhaabatee namni isa irraa liqeeffate miʼicha alatti akka isaaf kennu eeguu qaba. Kun immoo, manni nama liqiin irra jiru sanaa akka kabajamu godha. Namni liqeesse isa liqeeffate irraa uffata irraan uffatamu qabsiisa yoo fudhate, halkan akka itti hin qorrinetti yeroo aduun dhiitu deebisuufii qaba ture.—Keessa Deebii 24:10-14.
17, 18. Israaʼelonni dhimmawwan waraanaa wajjin wal qabatan irratti saboota kaan irraa adda kan taʼan akkamitti? Maaliifi?
17 Waraanni illee akka Seerichi ajajutti geggeeffama ture. Sabni Waaqayyoo waraana irratti kan bobbaʼan, ol aantummaa isaanii argisiifachuuf ykn warra kaan weeraruuf utuu hin taʼin, Yihowaa bakka buʼanii “Waraanawwan Yihowaa” irratti hirmaachuuf ture. (Lakkoofsa 21:14) Yeroo baayʼee Israaʼelonni dura diinonni isaanii akka harka kennan isaan gaafachuu qabu. Magaalaan tokko gaaffii kana yoo fudhachuu didde, akka seera Waaqayyootti ishiitti marsuu dandaʼu. Loltoota hedduu irraa haala adda taʼeen, dubartoota gudeeduunis taʼe gara jabinaan nama ajjeesuun loltoota Israaʼeliif hin heyyamamu. Kana malees, mukeetii diinota isaanii warra firii godhatan muranii balleessuu irraa of qusachuudhaan, uumama kabajuu qabu turan.d Loltoonni saboota kaanii garuu kana akka hin goone hin dhowwaman turan.—Keessa Deebii 20:10-15, 19, 20; 21:10-13.
18 Biyyoota tokko tokkotti ijoolleen loltoota taʼuuf akka leenjifaman yommuu dhageessu si hin suukanneessuu? Israaʼel durii keessatti, namni umuriin isaa waggaa 20 hin guunne kam iyyuu loltuu taʼuu hin dandaʼu. (Lakkoofsa 1:2, 3) Namni gaʼeessi illee garmalee yoo sodaate lola dhaquuf hin dirqamu. Namni dhiheenyatti fuudhes, hanga mucaa godhatutti waggaa tokkoof tajaajila lubbuu isaa balaaf saaxilu kana irratti hin hirmaatu. Akka kanaan, Seerichi namni dhiheenya fuudhe sun ‘mana isaa taaʼuudhaan haadha manaa isaa akka gammachiisu’ carraa kennaaf ture.—Keessa Deebii 20:5, 6, 8; 24:5.
19. Seerichi, dubartoota, ijoollee, maatiiwwan, dubartii abbaan manaa irraa duʼee fi ijoollee warri irraa duʼaniif eegumsa gochuuf qophii akkamii godheera?
19 Seerichi Israaʼelonni wanta dubartootaaf, daaʼimmanii fi maatiiwwaniif barbaachisu akka guutan qophii gochuudhaan eegumsa akka argatan godheera. Seerichi warri ijoollee isaaniif xiyyeeffannaa akka kennanii fi waaʼee Yihowaa akka barsiisan ajaja. (Keessa Deebii 6:6, 7) Fira dhihoo wajjin saalqunnamtii raawwachuun duʼaan nama adabsiisa. (Leewwota, boqonnaa 18) Seerichi ejja isa yeroo baayʼee maatii diigu, akkasumas nageenya isaanii fi ulfina isaanii balaaf saaxilus ni dhowwa. Dubartoonni abbaan manaa irraa duʼee fi ijoolleen warri irraa duʼan wanta isaan barbaachisu akka argatan ni ajaja; isaan cunqursuus cimsee balaaleffata.—Baʼuu 20:14; 22:22-24.
20, 21. (a) Seerri Musee, Israaʼelonni haadha manaa tokkoo ol akka fuudhan kan heyyame maaliifi? (b) Wal hiikuu ilaalchisee, Seerichi ulaagaa Yihowaa isa Yesuus iddootti deebisee wajjin garaagarummaa qabaachuu kan dandaʼe maaliifi?
20 Haa taʼu malee, kanaa ilaalchisee namoonni tokko tokko, ‘Seerichi haadha manaa tokkoo ol fuudhuu kan heyyamu maaliifi?’ jedhanii gaafatu taʼa. (Keessa Deebii 21:15-17) Seerawwan akkasii hubachuuf, haala yeroo sana ture tilmaama keessa galchuu qabna. Kana hubachuu kan dandeenyu aadaa fi akkaataan jireenyaa Israaʼelotaa isa yeroo ammaa irraa adda akka taʼe yoo hubanne qofa dha. (Fakkeenya 18:13) Ulaagaan Yihowaan iddoo biqiltuu Eedan keessatti kenne, abbaan manaa fi haati manaa tokko yeroo hundumaaf akka waliin jiraatan kan ajaju ture. (Uumama 2:18, 20-24) Bara Yihowaan Seericha Israaʼelotaaf kennetti garuu, haadha manaa tokkoo ol fuudhuun jaarraawwan hedduuf kan barame ture. Yihowaan ‘Sabni didaa’ taʼe sun, waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuu dabalatee ajajawwan guguddaa taʼan illee irra deddeebiʼee akka cabsu beeka. (Baʼuu 32:9) Kanaan kan kaʼes, dhimmawwan gaaʼelaa wajjin wal qabatan hunda irratti jijjiirama gochuun yeroo isaa akka hin taane itti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. Haa taʼu malee, haadha manaa tokkoo ol fuudhuun akka jalqabamu kan godhe Yihowaa akka hin taane yaadadhu. Taʼus, Yihowaan Israaʼelonni barsiifata kanatti fayyadamanii haadha manaa isaanii akka hin hacuucne Seera Musee keessatti daangaa tokko tokko kaaʼeera.
21 Seerri Musee, namni tokko sababii guguddaa yoo qabaate haadha manaa isaa hiikuu akka dandaʼus ni heyyama. (Keessa Deebii 24:1-4) Yesuus, Waaqayyo Yihudootaaf gocha kana kan heyyame, “sababii mata jabina [isaaniitiif]” akka taʼe ibseera. Kana kan heyyame garuu yeroo muraasaaf qofa dha. Yesuus duuka buutota isaatiif seera Yihowaan jalqaba gaaʼelaaf baase iddootti deebiseera.—Maatewos 19:8.
Seerichi Jaalala Argisiisuu Jajjabeessa
22. Seerri Musee jaalala argisiisuu jajjabeessa kan jennu maaliifi? Jaalala argisiisuu kan qaban eenyufaatti?
22 Yeroo ammaatti seerri jaalala argisiisuu jajjabeessu waan jiru sitti fakkaataa? Seerri Musee waan hunda caalaa jaalala jajjabeessa. Fakkeenyaaf, kitaaba Keessa Deebii irratti qofa jechi “jaalala” jedhu al 20 ol karaa adda addaatiin ibsameera. Seericha keessatti ajajawwan hunda irra caalan keessaa inni lammaffaan, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedha. (Leewwota 19:18; Maatewos 22:37-40) Israaʼelonni sana dura nama biyya ormaa akka turan yaadachuudhaan, walii isaanitti qofa utuu hin taʼin namoota biyya ormaa isaan gidduu jiraatanittis jaalala argisiisuu qabu turan. Hiyyeessotaa fi namoota rakkataniif gargaarsa gochuu, akkasumas karaa sirrii hin taaneen isaan irraa faayidaa argachuu dhiisuudhaan, akka isaan jaallatan argisiisuu qabu turan. Horiiwwan feʼumsaa illee gaarummaadhaan akka qaban ajajamaniiru.—Baʼuu 23:6; Leewwota 19:14, 33, 34; Keessa Deebii 22:4, 10; 24:17, 18.
23. Namni Faarfannaa 119 barreesse maal gochuuf kakaʼeera? Nuti hoo maal gochuuf murteessuu qabna?
23 Sabni seera gaarii akkasii qabu kan biraan jiraa? Faarfatichi, “Seera kee baayʼee nan jaalladha!” jedhee barreessuun isaa nama hin dinqisiisu. Haa taʼu malee, jaalalli isaa miira qofa hin turre. Kanaa mannaa garaadhaa seera kanaaf ajajamuu fi jireenya isaa keessatti hojii irra oolchuuf carraaqqii akka godhu isa kakaaseera. Itti dabaluudhaanis, “Guyyaa guutuu isa irratti nan yaada” jedheera. (Faarfannaa 119:11, 97) Eeyyee, faarfatichi yeroo hunda seera Yihowaa ni qoʼata ture. Kana gochuu isaattis jaalalli seerawwan kanaaf qabu akka guddate hin shakkisiisu. Jaalalli inni Yihowaa isa Seera Tumtuu taʼeef qabus guddateera. Atis seera Waaqayyoo qoʼachuu kee itti fufuudhaan, Yihowaa isa Seera Tumtuu Guddaa fi haqa qabeessa taʼetti caalaatti dhihaachuu dandeessa.
a Fakkeenyaaf, seerichi yeroo sanatti bobbaa namaa akka awwaalan, dhukkubsattoota warra kaan irraa akka adda baasan, akkasumas namni reeffa tuqe akka dhiqatu ajajuun isaa qaroomina guddaa ture.—Leewwota 13:4-8; Lakkoofsa 19:11-13, 17-19; Keessa Deebii 23:13, 14.
b Manni qulqullummaa Kanaʼaanotaa kutaawwan saalqunnamtiin itti raawwatamu kan qaban yommuu taʼu, Seerri Musee garuu namoonni xuraaʼan mana qulqullummaa illee akka hin seenne ni dhowwa ture. Kanaafuu, saalqunnamtiin yeroo murtaaʼeef waan nama xureessuu erga taʼee, namni mana Yihowaan waaqeffatamu keessatti gocha akkasii raawwatu kam iyyuu matumaa fudhatama argachuu hin dandaʼu.
c Kaayyoon Seerichaa inni guddaan barsiisuu ture. Insaaykilooppiidiyaa Judaayikaan, jechi afaan Ibrootaa “seera” ykn tooraah jedhu “barumsa” jechuu akka taʼe ibseera.
d Seerichi, “Akka nama balleessitutti muka balleessuu hin qabdu” jedha. (Keessa Deebii 20:19) Jaarraa jalqabaatti hayyuu Yihudootaa kan ture Fiiloon, seera kana erga caqasee booda, Waaqayyo “namoonni aarii diinota isaaniif qaban wantoota yakka raawwachuu hin dandeenye irratti baʼuun isaanii sirrii akka hin taane” yaada jedheera.
-
-
Yihowaan “Bakka Namoota Hedduu Furii” QopheesseYihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 14
Yihowaan “Bakka Namoota Hedduu Furii” Qopheesse
1, 2. Kitaabni Qulqulluun haala ilmaan namootaa keessatti argaman kan ibsu akkamitti? Kana keessaa baʼuuf kan nu gargaaru hoo maal qofa dha?
‘UUMAMNI hundi walii wajjin aadaa fi dhiphachaa jira.’ (Roomaa 8:22) Phaawulos ergamaan, yaada kanatti fayyadamee haala gaddisiisaa keessa jirru ibseera. Akka ilaalcha namaatti, karaan rakkina, cubbuu fi duʼa jalaa walaba itti baanu waan jiru hin fakkaatu. Haa taʼu malee, Yihowaan akka namootaa humni isaa kan daangeffame miti. (Lakkoofsa 23:19) Waaqni haqa qabeessa taʼe, rakkina keenya jalaa akka baanu qophii nuu godheera. Qophiin kun furii jedhama.
2 Furiin kennaa Yihowaan ilmaan namootaaf kenne hunda irra ni caala. Cubbuu fi duʼa jalaa bilisa nu baasa. (Efesoon 1:7) Furichi, abdii namoonni samii irrattis taʼe lafa irratti jireenya bara baraa argachuuf qabaniif buʼuura dha. (Luqaas 23:43; Yohaannis 3:16; 1 Pheexiros 1:4) Haa taʼu malee, furiin maali dha? Waaʼee haqa Yihowaa isa hunda irra caalu kan nu barsiisu hoo akkamitti?
Furiin Kan Barbaachise Maaliifi?
3. (a) Furiin kan barbaachise maaliifi? (b) Waaqayyo murtoo duʼaa ijoollee Addaam irratti dabarse akkasumaan dhiisuu kan hin dandeenye maaliifi?
3 Furiin kan barbaachise Addaam cubbuu waan hojjeteefi. Addaam Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan, dhukkuba, gadda, dhiphinaa fi duʼa sanyii isaatti dabarseera. (Uumama 2:17; Roomaa 8:20) Waaqayyo sanyii Addaamiif gadduudhaan, murtoo duʼaa isaan irratti dabarse akkasumaan dhiisuu hin dandaʼu. Yoo akkas godhe seera isaa isa, “Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha” jedhu cabsuu isatti taʼa. (Roomaa 6:23) Yihowaan ulaagaa haqaa ofuma isaatii baase utuu cabseera taʼee, uumama cufa keessatti jeequmsii fi seeraa alummaan ni babalʼata ture!
4, 5. (a) Seexanni Waaqayyoon kan arrabse akkamitti? Yihowaan hoo arrabsoo kanaaf deebii kennuuf kan dirqame maaliifi? (b) Seexanni tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan irratti himata akkamii dhiheesse?
4 Akkuma Boqonnaa 12 irratti ilaalle, fincilli Eedan keessatti kaʼe gaaffiiwwan guguddaa kaaseera. Seexanni maqaa Waaqayyoo isa gaarii taʼe balleesseera. Yihowaan sobduu fi bulchaa uumamawwan isaa cunqursu akka taʼetti isa himateera. (Uumama 3:1-5) Seexanni, kaayyoon Waaqayyo lafa kana namoota qajeeloo taʼaniin guutuuf qabu akka hin milkoofne gochuuf yaaluudhaan, Waaqayyo kaayyoo isaa raawwachuu waan hin dandeenye fakkeesseera. (Uumama 1:28; Isaayyaas 55:10, 11) Yihowaan gaaffiiwwan kanaaf utuu deebii kennuu baatee, uumamawwan isaa yaaduu dandaʼan hedduun amanannaa isa irratti dhabu turan.
5 Kana malees, Seexanni tajaajiltoonni Waaqayyoo ofittummaadhaan kakaʼanii akka isa tajaajilanii fi rakkinni yoo isaan irra gaʼe tokkoon isaanii iyyuu isaaf amanamoo akka hin taane ibsuudhaan, tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan maqaa balleesseera. (Iyyoob 1:9-11) Dhimmoonni kun rakkina ilmaan namootaa caalaa bakka guddaa qabu. Yihowaan himatawwan Seexanaa kanaaf deebii kennuu akka qabu itti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuu fi ilmaan namootaa fayyisuu kan dandaʼu akkamitti?
Furiin Maali Dha?
6. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechoonni qophii Waaqayyo ilmaan namootaa oolchuuf godhe ibsan tokko tokko maalfaʼi?
6 Furmaanni Yihowaan qopheesse kun araaraa isaa isa guddaa fi haqa isaa irratti kan hundaaʼe yeroo taʼu, ilmaan namootaa qophii akkasii gochuu hin dandaʼan. Yihowaan garuu furmaata ogummaa irratti hundaaʼee fi salphaa taʼe akkasii qopheessuu dandaʼa. Furiin bituu, araaraa fi dhiifama jedhamee ibsameera. (Faarfannaa 49:8; Daaniʼel 9:24; Galaatiyaa 3:13; Qolosaayis 1:20; Ibroota 2:17) Haa taʼu malee, jechi hunda caalaa yaada kana ibsu, jecha Yesuus itti fayyadame taʼuu hin oolu. Yesuus, “Ilmi namaas kan dhufe warra kaan tajaajiluu fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii [Giriikii, liitroon] godhee kennuufi malee, akka isa tajaajilaniif miti” jedheera.—Maatewos 20:28.
7, 8. (a) Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “furii” jedhu hiika maalii qaba? (b) Furiin, wanta wal gitu kan argisiisu karaa kamiini?
7 Maarree furiin maali dha? Jechi afaan Giriikii as irratti itti hojjetame, gochima hiikni isaa “gadhiisuu, hiikuu” jedhu irraa kan argame dha. Jechi kun, maallaqa loltoota boojiʼaman gadhiisisuuf kaffalamu ibsuuf itti hojjetama ture. Kanaaf, furiin gatii wanta tokko bitanii deebifachuuf kaffalamu jedhamuu dandaʼa. Kitaaba Qulqulluu afaan Ibrootaa keessatti jechi “furii” (koofer) jedhu, jecha hiika “uwwisuu” jedhu qabu irraa kan argame dha. Fakkeenyaaf, Waaqayyo Noh doonicha leelee akka dibu (akka “uwwisuu”) itti himee ture. (Uumama 6:14) Kun immoo, furuu jechuun cubbuu uwwisuu jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaara.—Faarfannaa 65:3.
8 Akka Tiʼooloojikaal Dikshinarii oov za Niiwu Teestaamant jedhutti, jechi koofer jedhu kun “wal qixxaachuu” ykn wal gituu argisiisa. Haaluma wal fakkaatuun, gatiin cubbuu raawwatame tokko furuuf ykn uwwisuuf kaffalamu, badiin sababii cubbuu sanaatiin gaʼe akka hin mulʼanne kan godhu taʼuu qaba. Seerri Waaqayyo Israaʼelotaaf kenne, “Bakka lubbuu lubbuun, bakka ijaa ijji, bakka ilkaanii ilkaan, bakka harkaa harki, bakka miilaa miilli haa kaffalamu” kan jedhu kanaafi.—Keessa Deebii 19:21.
9. Namoonni amantii qaban aarsaa horii kan dhiheessan maaliif ture? Yihowaan hoo aarsaawwan kanaaf ilaalcha akkamii qaba ture?
9 Abeel irraa jalqabee namoonni Waaqayyo irratti amantii qaban Waaqayyoof aarsaa horii dhiheessaa turaniiru. Kana gochuudhaan, cubbamoota taʼuu isaanii akka hubatanii fi furiin isaan barbaachisuu isaa akka amanan, akkasumas abdii Waaqayyo karaa ‘sanyichaa’ bilisa isaan baasuuf kenne irratti amantii akka qaban argisiisaniiru. (Uumama 3:15; 4:1-4; Leewwota 17:11; Ibroota 11:4) Yihowaan aarsaawwan kanatti kan gammade taʼuu isaa irra iyyuu, namoonni kun isa biratti fudhatama akka argatan godheera. Haa taʼu malee, horiin namaa gad waan taʼeef, cubbuu namootaa uwwisuu hin dandaʼu. (Faarfannaa 8:4-8) Kanaan kan kaʼes Kitaabni Qulqulluun, “dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa cubbuu balleessuu hin dandaʼu” jedha. (Ibroota 10:1-4) Aarsaawwan akkasii, aarsaa furii isa dhugaa gara fuulduraatti dhufuuf fakkeenya turan.
“Furii Wal Gitu”
10. (a) Qaamni furii taʼu eenyuu wajjin kan wal gitu taʼuu qaba? Maaliifi? (b) Aarsaa taʼuu kan qabu nama tokko qofa kan taʼe maaliifi?
10 Phaawulos ergamaan, “hundi isaanii karaa Addaam duʼan” jedheera. (1 Qorontos 15:22) Kanaafuu, namni furii taʼuu dandaʼu nama Addaamii wajjin wal gitu, jechuunis nama mudaa hin qabne taʼuu qaba. (Roomaa 5:14) Uumamni madaallii haqaa sirreessuu dandaʼu kan biraan hin jiru. Namni “namoota hundumaatiif furii wal gitu” taʼuu dandaʼu nama Addaamii wajjin guutummaatti qixxee taʼe, jechuunis nama murtiin duʼaa Addaam irratti dabarfame isa hin tuqne qofa dha. (1 Ximotewos 2:6) Tokkoon tokkoon sanyii Addaamiif aarsaa wal gitu dhiheessuuf, namoonni miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman aarsaa taʼuun isaan hin barbaachisu. Phaawulos ergamaan, “cubbuun karaa nama tokkoo [Addaam] addunyaatti gale, duutis karaa cubbuu dhufe” jechuudhaan ibseera. (Roomaa 5:12) Akkasumas “akkuma duuti karaa nama tokkoo dhufe,” Waaqayyo “karaa nama tokkoo” ilmaan namootaatiif furii qopheesse. (1 Qorontos 15:21) Akkamitti?
“Namoota hundumaatiif furii wal gitu”
11. (a) Namni furii taʼu, “tokkoon tokkoon namaatiif duʼa . . . dhandhamuu” kan qabu maaliifi? (b) Addaamii fi Hewaan furicha irraa fayyadamuu kan hin dandeenye maaliifi? (Miiljalee ilaali.)
11 Yihowaan, namni mudaa hin qabne tokko fedhii isaatiin aarsaa akka taʼu qophii godhe. Akka Roomaan 6:23 jedhutti, “Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha.” Namni furii taʼu sun, lubbuu isaa aarsaa gochuudhaan, “tokkoon tokkoon namaatiif duʼa . . . dhandhamuu” qaba. Jecha biraatiin, cubbuu Addaamiif gatii kaffaluu qaba. (Ibroota 2:9; 2 Qorontos 5:21; 1 Pheexiros 2:24) Kana gochuun isaa gama seeraatiin buʼaa guddaa qaba. Furichi, murtoo duʼaa ijoollee Addaam warra ajajamoo taʼan irratti dabarfame hambisuudhaan, humna cubbuun balleessuuf qabu hundee isaatii buqqisuu dandaʼa.a—Roomaa 5:16.
12. Idaan tokko kaffalamuun isaa, namoota hedduu kan fayyadu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
12 Kana fakkeenyaan ibsuuf, magaalaa namoonni hedduun warshaa guddaa tokko keessatti qacaramanii hojjetan keessa jiraatta haa jennu. Atis taate namoonni kaan mindaa gaarii waan argattaniif, jireenya gaarii jiraattu. Haa taʼu malee, warshaan sun ni cufame. Maaliifi? Hogganaan warshaa sanaa sababii malaanmaltummaatiin warshicha waan kasaarseefi. Atii fi namoonni kaan akkuma tasaa hojii keessan waan dhabdaniif waan ittiin jiraattan dhabdan. Hiriyoonni gaaʼelaa fi ijoolleen keessan, akkasumas namoonni warshicha irraa qarshii qaban sababii nama kanaatiin rakkina irra buʼan. Karaan rakkina kana keessaa itti baatan jiraa laata? Eeyyee jira! Sooressi arjaan tokko warshaan kun deebisee hojii isaa akka jalqabu gochuuf murteesse. Namni kun warshichi namoota akka fayyadu beeka. Hojjettoota hedduu fi maatii isaaniitiifis gaddeera. Kanaaf, idaa sana kaffalee warshicha banuuf qophii godhe. Idaan tokkichi sun kaffalamuun isaa hojjettoota hedduu, maatii isaanii fi namoota warshicha irraa qarshii qabaniif boqonnaa guddaa argamsiise. Idaan Addaam kaffalamuun isaas, namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniif faayidaa argamsiisa.
Furicha Kan Qopheesse Eenyu?
13, 14. (a) Yihowaan ilmaan namootaaf furii kan qopheesse akkamitti? (b) Furichi eenyuuf kaffalame? Kaffaltiin akkasii barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
13 “Hoolicha . . . isa cubbuu addunyaa balleessu!” qopheessuu kan dandaʼu Yihowaa qofa dha. (Yohaannis 1:29) Haa taʼu malee, Waaqayyo ilmaan namootaa oolchuuf akkasumaan maleekaadhuma tokko hin ergine. Kanaa mannaa, maleekaa himata Seexanni tajaajiltoota Yihowaa irratti dhiheesseef deebii dhumaa kennu ergeera. Eeyyee, Yihowaan tokkicha Ilma isaa isa ‘haala adda taʼeen itti gammadu’ erguudhaan aarsaa hunda irra caalu kaffaleera. (Fakkeenya 8:30) Ilmi Waaqayyoo fedhiidhaan jireenya hafuuraa isaa dhiisuudhaan, “duwwaa of godhe.” (Filiphisiyus 2:7) Yihowaan dinqiidhaan jireenya Ilma isaa isa angafaa isa samii, gara gadameessa durba Maariyaam jedhamtutti naannesse. (Luqaas 1:27, 35) Yeroo nama taʼee dhalatetti maqaan isaa Yesuus jedhame. Taʼus, akkuma Addaam mudaa kan hin qabne waan taʼeef, Addaam isa lammaffaa jedhamuu dandaʼa. (1 Qorontos 15:45, 47) Kanaan kan kaʼes, Yesuus ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif aarsaa furii godhee of kennuu dandaʼa.
14 Furichi eenyuuf kaffalama? Faarfannaan 49:7, furichi “Waaqayyoof” akka kaffalamu ifatti dubbata. Haa taʼu malee, jalqabuma iyyuu furicha kan qopheesse Yihowaa hin turree? Eeyyee, kana jechuun garuu, akka qarshii kiisii tokkoo baasanii kiisii kaan keessa kaaʼaniitti furichi gatii kan hin qabnee fi maqumaaf kan dhihaate dha jechuu miti. Furichi kan kaffalame wanta seerri gaafatu guutuuf malee akka bittaa fi gurgurtaatti wanta tokko wanta biraatti jijjiiruuf jedhamee miti. Yihowaan aarsaa guddaa kaffalee furicha qopheessuudhaan, haqa isaa isa mudaa hin qabne yeroo kamitti iyyuu akka hojii irra oolchu argisiiseera.—Uumama 22:7, 8, 11-13; Ibroota 11:17; Yaaqoob 1:17.
15. Yesuus dhiphachuu fi duʼuun isaa barbaachisaa kan ture maaliifi?
15 Yesuus Kiristoos, Dh.K.B. bara 33tti fedhii isaatiin furii kana kaffaluuf dhiphina guddaa dhiphateera. Sobaan himatanii akka isa hidhan, balleessaa raawwatteetta jedhanii akka isatti murteessanii fi muka irratti fannisanii akka isa ajjeesan heyyameera. Yesuus hamma kana dhiphachuun isaa barbaachisaa turee? Gaaffiin amanamummaa tajaajiltoota Waaqayyoo irratti kaʼe deebii argachuu waan qabuuf, kun taʼuun isaa barbaachisaa ture. Waaqayyo, Yesuus yeroo daaʼima turetti Heroodis akka isa ajjeesu hin heyyamne. (Maatewos 2:13-18) Haa taʼu malee, Yesuus yommuu gaʼeessa taʼetti waaʼee gaaffii kaʼe sanaa guutummaatti waan beekuuf, dhiibbaa Seexanaa moʼuu dandaʼa.b Yesuus qorumsi guddaan isa irra gaʼus, ‘amanamaa, qulqulluu, xurii kan hin qabnee fi cubbamoota irraa adda’ taʼuudhaan, Yihowaan namoota haala rakkisaa keessatti isaaf amanamoo taʼan akka qabu mirkaneesseera. (Ibroota 7:26) Kanaan kan kaʼes, Yesuus yommuu duʼuuf jedhutti, “Ni raawwatame!” jechuudhaan akka injifate dubbachuun isaa nama hin dinqisiisu.—Yohaannis 19:30.
Hojii Furii Taʼuudhaan Raawwatu Xumuruu
16, 17. (a) Yesuus hojii furii taʼuudhaan raawwatu kan itti fufe akkamitti? (b) Yesuus ‘nuuf jedhee Waaqayyo duratti mulʼachuun’ kan isa barbaachise maaliifi?
16 Yesuus, hojii furii taʼuudhaan raawwatu hin xumurre. Duʼee guyyaa sadaffaatti Yihowaan duʼaa isa kaaseera. (Hojii Ergamootaa 3:15; 10:40) Yihowaan gocha guddaa kana kan raawwate, Ilmi isaa amanamummaadhaan waan isa tajaajileef isa kiisuuf qofa utuu hin taʼin, Luba Ol Aanaa taʼee hojii furii taʼuudhaan raawwatu akka xumuru carraa isaaf kennuufi. (Roomaa 1:4; 1 Qorontos 15:3-8) Phaawulos ergamaan akkas jedheera: “Kiristoos . . . luba ol aanaa taʼee yeroo dhufe . . . inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina bara baraa nuuf argamsiise. Sababiin isaas, Kiristoos iddoo qulqulluu isa harkaan hojjetame, isa fakkeenya isa dhugaa sanaa taʼetti hin seenne; kanaa mannaa, amma nuuf jedhee Waaqayyo duratti mulʼachuuf kallattiidhaan gara samiitti seene.”—Ibroota 9:11, 12, 24.
17 Kiristoos kallattiidhaan dhiiga isaa gara samiitti fudhatee deemuu hin dandaʼu. (1 Qorontos 15:50) Kanaa mannaa, wanta dhiigni isaa bakka buʼu, jechuunis gatii lubbuu isaa isa mudaa hin qabnee fi aarsaa godhame sanaa fudhatee deemeera. Achiis Waaqayyo duratti dhihaachuudhaan, gatii lubbuu isaa isa ilmaan namootaa cubbamoota taʼaniif furii taʼe dhiheesseera. Yihowaan hoo aarsaa sana fudhateeraa? Eeyyee; bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti Yerusaalem keessatti barattoota 120 irratti hafuurri qulqulluun yommuu dhangalaʼe kun ifa taʼeera. (Hojii Ergamootaa 2:1-4) Wanti raawwatame kun baayʼee kan nama gammachiisu taʼus, faayidaawwan guguddaan karaa furichaa argaman reefuu jalqabuu isaanii ture.
Faayidaawwan Furichaa
18, 19. (a) Gareewwan lamaan araara karaa dhiiga Kiristoosiin argamu irraa fayyadaman eenyufaʼi? (b) “Tuutni uummataa guddaan” ammas taʼe fuulduraatti furicha irraa faayidaa akkamii argatu?
18 Phaawulos ergaa warra Qolosaayisiif erge irratti, Waaqayyo dhiiga Yesuus isa muka dhiphinaa irratti dhangalaʼeen waan hundumaa karaa Kiristoos ofitti araarsuu akka barbaade ibseera. Phaawulos araarri kun, gareewwan adda addaa lama, jechuunis “wantoota samii keessa jiran” fi “wantoota lafa irra jiran” akka dabalatu ibseera. (Qolosaayis 1:19, 20; Efesoon 1:10) Warri wantoota samii keessa jiran jedhaman, Kiristiyaanota 144,000 samii irratti luboota taʼanii tajaajilanii fi Yesuus Kiristoosii wajjin mootota taʼuudhaan lafa bulchuuf abdii qabani dha. (Mulʼata 5:9, 10; 7:4; 14:1-3) Ilmaan namootaa ajajamoo taʼan immoo bulchiinsa waggaa kumaa keessatti karaa dibamtoota kanaa suutuma suutaan furicha irraa faayidaa argatu.—1 Qorontos 15:24-26; Mulʼata 20:6; 21:3, 4.
19 “Wantoota lafa irra jiran” kan jedhaman, namoota lafa Jannata taatu irratti jireenya mudaa hin qabne jiraachuuf abdatani dha. Mulʼanni 7:9-17, namoonni kun ‘tuuta uummataa guddaa’ “rakkina guddaa” dhufu jalaa oolan akka taʼan ibsa. Haa taʼu malee, ammuma iyyuu faayidaa furichi argamsiisu irraa buʼaa argachaa jiru. “Uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru.” Furichatti waan amananiif, qophii jaalalaa kana irraa ammuma iyyuu karaa hafuuraa faayidaa argachaa jiru. Michoota Waaqayyoo waan taʼaniif qajeelota jedhamaniiru! (Yaaqoob 2:23) Aarsaa Yesuus kaffaleen kan kaʼe, ‘bilisummaadhaan gara teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti dhihaachuu’ dandaʼu. (Ibroota 4:14-16) Cubbuu yeroo hojjetan dhiifama ni argatu. (Efesoon 1:7) Mudaa kan qaban taʼus, qalbii qulqulluu qabu. (Ibroota 9:9; 10:22; 1 Pheexiros 3:21) Kanaafuu, Waaqayyotti araaramuu jechuun wanta gara fuulduraatti abdatamu utuu hin taʼin, wanta yeroo ammaatti argamuu dandaʼu dha! (2 Qorontos 5:19, 20) Bulchiinsa Barkumee keessatti suutuma suuta, ‘garbummaa tortoruu jalaa bilisa baʼu,’ dhuma irratti immoo ‘bilisummaa ijoollee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa taʼe argatu.’—Roomaa 8:21.
20. Furicha irratti xiinxaluun kee maal akka gootu si kakaasa?
20 Furicha waan nuu qopheesseef, “Karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos Waaqayyoof galanni haa taʼu!” (Roomaa 7:25) Qophiin furichaa wal xaxaa taʼuu baatus, baayʼee ajaaʼibsiisaa dha. (Roomaa 11:33) Gad fageenyaan furicha irratti xiinxaluun keenya, garaan keenya akka tuqamuu fi Waaqa isa haqa qabeessa taʼetti caalaatti akka dhihaannu nu gargaara. Nutis akkuma faarfatichaa, Yihowaa isa ‘qajeelummaa fi haqa jaallatu’ jajachuuf sababii gaʼaa qabna.—Faarfannaa 33:5.
a Addaamii fi Hewaan furicha irraa fayyadamuu hin dandaʼan. Seerri Musee nama itti yaadee nama ajjeesu ilaalchisee qajeelfama, ‘Nama lubbuu balleessee duʼuu qabuuf furii hin fudhatinaa’ jedhu qabateera. (Lakkoofsa 35:31) Addaamii fi Hewaan, itti yaadanii fedha isaaniitiin Waaqayyoof utuu hin ajajamin waan hafaniif, duuni isaaniif mala. Kanaan kan kaʼes, abdii jireenya bara baraa dhabaniiru.
b Yesuus cubbuu Addaam hambisuuf, daaʼima mudaa hin qabne utuu hin taʼin, gaʼeessa mudaa hin qabne taʼee duʼuu qaba ture. Addaam cubbuu kan hojjete itti yaadee yeroo taʼu, kana kan godhes cubbuun sunii fi miidhaan isaa hammam ulfaataa akka taʼe utuu beekuu taʼuu isaa yaadadhu. Kanaaf Yesuus ‘Addaam isa boodaa’ taʼuu fi cubbuu sana uwwisuuf, nama gaʼeessa filannaa isaatiin Yihowaaf amanamu taʼuu qaba ture. (1 Qorontos 15:45, 47) Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame Yesuus jireenya isaa aarsaa gochuu fi waan hundumaan amanamaa taʼuun isaa Yihowaan namoota qajeelota taasisuuf gocha qajeelinaa tokko akka argatu godheera.—Roomaa 5:18, 19.
-
-
Yesuus ‘Lafa Irratti Haqa ni Fida’Yihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 15
Yesuus ‘Lafa Irratti Haqa ni Fida’
1, 2. Yesuus kan aare yeroo kamitti? Kan aare hoo maaliifi?
YESUUS baayʼee aareera; aaruufis sababii gaʼaa qaba. Inni nama garraamii waan taʼeef ni aara jettee yaaduun sitti ulfaachuu dandaʼa. (Maatewos 11:29) Haa taʼu malee, aariin isaa aarii qajeelinaa waan tureef, toʼannaadhaa ala hin turre.a Garuu, nama nagaa jaallatu kana hammana kan aarse maali dha? Jalʼinni guddaan tokko raawwatamuu isaa ti.
2 Yesuus mana qulqullummaa Yerusaalem keessa ture ni jaallata. Lafa irratti bakki qulqulluun Abbaa isaa isa samiitiif waaqeffannaan itti dhihaatu iddoo kana qofa ture. Yihudoonni biyyoota adda addaatti argaman, bakka fagoodhaa dhufanii achitti waaqeffatu turan. Saboota kaan keessaa illee namoonni Waaqayyoon sodaatan, gara mooraa mana qulqullummaa isaaniif qophaaʼetti ni dhufu turan. Haa taʼu malee, Yesuus akkuma tajaajila isaa jalqabeen yommuu mana qulqullummaa seenu wanta nama naasisu tokko arge. Iddoon sun mana waaqeffannaa utuu hin taʼin, gabaa fakkaata ture! Daldaltootaa fi namoota maallaqa jijjiiraniin guutamee ture. Maarree kun dogoggora maalii qaba? Manni qulqullummaa namoota kanaaf bakka warra kaan itti gowwoomsan darbees, itti saaman taʼee ture. Akkamitti?—Yohaannis 2:14.
3, 4. Mana Yihowaa keessatti daldala sassata irratti hundaaʼe akkamiitu raawwatamaa ture? Yesuus kana sirreessuuf tarkaanfii akkamii fudhate?
3 Geggeessitoonni amantii, gibirri mana qulqullummaa saantima gosa tokkoon qofa akka kaffalamu seera baasanii turan. Namoonni bakka biraadhaa dhufan maallaqa isaanii saantima kanatti jijjiiruu qabu turan. Kanaaf, namoonni maallaqa jijjiiran minjaala isaanii mana qulqullummaa keessa kaaʼanii, maallaqa jijjiiran hundaaf gatii kaffalchiisu turan. Daldalli horiis buʼaa hedduu argamsiisa ture. Keessummoonni horii aarsaa gochuu barbaadan daldaltoota magaalattii keessa jiran irraa bituu dandaʼu turan; taʼus namoonni mana qulqullummaa keessatti aangoo qaban, horiin sun hirʼina akka qabu dubbachuudhaan fudhachuu diduu dandaʼu turan. Horiin mana qulqullummaa keessaa bitame garuu, rakkina tokko malee fudhatama argata ture. Yeroo baayʼee daldaltoonni sun, namoota filannaa kan biraa hin qabne kanatti gatii miʼaadhaan gurguratu turan.b Kun daldala sassata irratti hundaaʼe qofa utuu hin taʼin saamicha ture!
4 Yesuus jalʼina haqaa akkasii argee bira darbuu hin dandeenye. Kun mana Abbaa isaa ti! Kanaan kan kaʼes funyoo irraa qaccee dhaʼatee, loonii fi hoolota mana qulqullummaa keessa turan ittiin ariʼe. Achiis gara namoota maallaqa jijjiiran sanaa dhaqee minjaala isaanii gaggaragalche. Saantimoonni sun hundi yommuu lafa irratti facaʼan haalli isaa maal akka fakkaatu mee yaadaan ilaali! Namoota gugee gurguran sanaan, “Wantoota kana asii baasaa!” jedhee cimsee isaan ajaje. (Yohaannis 2:15, 16) Yeroo kanatti eenyu iyyuu nama ija jabeessa taʼe kana mormuu hin dandeenye.
“Wantoota kana asii baasaa!”
“Ilma Abbaatti Baʼe”
5-7. (a) Jireenyi Yesuus nama taʼuu isaa dura samii irratti jiraate ilaalcha haqaaf qabu irratti dhiibbaa kan geessise akkamitti? Nuti hoo, fakkeenya isaa qorachuudhaan barumsa akkamii argachuu dandeenya? (b) Yesuus jalʼina ol aantummaa fi maqaa Yihowaa irratti raawwatame kan morme akkamitti?
5 Dhugaa dha, daldaltoonni sun booda achumatti deebiʼaniiru. Yesuus gara waggoota sadii boodas, daldala akkasii irratti yommuu bobbaʼan waan isaan argeef, wanta Yihowaan bara duriitti namoota mana qulqullummaa isaa “holqa saamtotaa” godhatanitti dubbate caqasuudhaan isaan balaaleffateera. (Ermiyaas 7:11; Maatewos 21:13) Eeyyee, Yesuus daldaltoota sassatoo sanaa fi manni qulqullummaa Waaqayyoo mancaʼuu isaa yeroo argetti akkuma Abbaa isaa itti dhagaʼameera. Kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu! Yesuus, waggoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniif Abbaa isaa isa samii irraa barateera. Kanaan kan kaʼes haqaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu dandaʼeera. Dhuguma iyyuu “Ilma abbaatti baʼe” jechuun kan akka isaa ti. Kanaaf, ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu irratti hubannaa ifa taʼe argachuu yoo barbaanne, fakkeenya Yesuus Kiristoos irratti xiinxaluu caalaa wanti nu gargaaru hin jiru.—Yohaannis 14:9, 10.
6 Yommuu Seexanni jalʼinaan kakaʼee Yihowaadhaan sobduu jedhuu fi bulchiinsi isaa qajeelaa akka hin taane dubbatu Ilmi Yihowaa inni tokkichi isaan bira ture. Kun arrabsoo guddaa mitii? Yesuus yommuu Seexanni himata eenyu iyyuu ofittummaa irraa walaba taʼuudhaan jaalalaan kakaʼee Yihowaa hin tajaajilu jedhu dhiheessus dhagaʼeera. Himatawwan sobaa kun Ilma Waaqayyoo isa qajeelaa kana akka gaddisiisan beekamaa dha. Yesuus, himata kanaaf deebii kennuu irratti shoora guddaa taphachuu akka dandaʼu beekuu isaatti baayʼee gammadee taʼuu qaba! (2 Qorontos 1:20) Kana kan godhu garuu akkamitti?
7 Boqonnaa 14 irratti Yesuus Kiristoos gaaffii Seexanni amanamummaa uumamawwan Yihowaa warra yaaduu dandaʼan irratti kaaseef deebii bara baraa akka kenne ilaalleerra. Yesuus akka kanaan ol aantummaan Yihowaa akka mirkanaaʼuu fi maqaan isaa akka qulqullaaʼuuf buʼuura kaaʼeera. Yesuus Bakka Buʼaa Yihowaa isa Guddaa waan taʼeef, uumama cufa keessatti haqni Yihowaa akka mirkaneeffamu godha. (Hojii Ergamootaa 5:31) Jireenyi isaa inni lafa irraas haqa Waaqayyoo kan argisiisu ture. Yihowaan isa ilaalchisee akkas jedheera: “Ani hafuura koo isa irra nan kaaʼa; innis haqni maal akka taʼe sabootaaf ifa godha.” (Maatewos 12:18) Yesuus kana kan godhe akkamitti?
Yesuus “Haqni Maal Akka Taʼe” Ifa Godha
8-10. (a) Seerri barreeffamaan hin kaaʼamnee fi geggeessitoonni amantii Yihudootaa baasan, namoota Yihudoota hin taanes taʼe dubartoota kan gadi qabe akkamitti? (b) Seerri barreeffamaan hin kaaʼamne tokko, seerri Sanbataa warra kaanitti baʼaa akka taʼu kan godhe akkamitti?
8 Yesuus Seera Yihowaa ni jaallata; akka seerichaattis ni jiraata ture. Geggeessitoonni amantii bara sanaa garuu, Seericha jalʼisaa fi karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamaa turan. Yesuus, “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! . . . wantoota Seericha keessatti caalaatti barbaachisoo taʼan, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti ilaaltu” isaaniin jedheera. (Maatewos 23:23) Barsiisonni Seera Waaqayyoo kun, “haqni maal akka taʼe” ifa hin goone turan. Kanaa manaa haqni Waaqayyoo akka dhokatu godhaniiru. Akkamitti? Mee fakkeenya tokko tokko ilaali.
9 Yihowaan sabni isaa saboota naannoo isaanii turan irraa adda akka taʼan qajeelfama isaanii kennee ture. (1 Mootota 11:1, 2) Haa taʼu malee, geggeessitoonni amantii finxaaleyyii taʼan tokko tokko, sabichi warra Yihudoota hin taane hunda akka tuffatan jajjabeessu turan. Kitaabni Miishnaa jedhamu, seera akkas jedhu illee qabateera: “Warri saba Waaqayyoo hin taane horii wajjin saalqunnamtii waan raawwataniif, horii keessan bakka namoonni kun jiranitti dhiistanii hin deeminaa.” Namoota Yihudoota hin taane hunda halaalatti jibbuun jalʼina taʼuu isaa irra iyyuu, yaada Seera Musee keessatti ibsamee wajjin kan wal faallessu ture. (Leewwota 19:34) Seerri namoonni kun baasan inni kaan immoo dubartoota kan gadi qabu ture. Fakkeenyaaf, seerri barreeffamaan hin kaaʼamne tokko akka jedhutti, haati manaa abbaa manaa ishii cinaa utuu hin taʼin, isa duuba deemuu qabdi turte. Dhiirri tokko haadha manaa isaa dabalatee dubartii kam iyyuu wajjin namoota duratti akka hin haasofne ni dhowwama ture. Akkuma garbootaa, dubartoonnis mana murtii dhaqanii ragaa akka baʼan hin heyyamamuuf ture. Dhiironni, dubartoota taʼanii waan hin uumamneef kadhannaadhaan illee Waaqayyoon galateeffatu turan.
10 Geggeessitoonni amantii Seerri Waaqayyoo seeraa fi dambii namootaatiin akka awwaalamu godhanii turan. Fakkeenyaaf, seerri Sanbataa guyyaan sun waaqeffannaaf, karaa hafuuraa haareffamuu fi boqochuuf akka ooluuf, hojii hojjechuu ni dhowwa ture. Fariisonni garuu, seerri kun baʼaa akka namatti taʼu godhaniiru. “Hojii” jechuun maal jechuu akka taʼe ofuma isaaniitiin murteessu turan. Haamuu fi adamsuu dabalatee, sochiiwwan 39 akka hojiitti tarreessanii turan. Kun immoo gaaffiiwwan dhuma hin qabne kaaseera. Fakkeenyaaf, namni tokko guyyaa Sanbataatti tafkii yoo ajjeese adamseera jedhamaa? Utuu karaa irra deemaa jiruu asheeta ciratee yoo nyaate haameera jedhamaa? Nama dhukkubsate yoo fayyise hojii hojjeteera jedhamaa? Namoonni kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuuf caalaatti seerawwan goggogaa fi wal xaxaa taʼan baasaniiru.
11, 12. Yesuus aadaawwan Fariisotaa isa deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne akka mormu kan argisiise akkamitti?
11 Haala akkasii keessatti, Yesuus namoonni haqa akka hubatan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Barumsi isaa fi akkaataan jireenyaa isaa ejjennoon geggeessitoota amantii sanaa dogoggora akka taʼe ibseera. Mee jalqaba barumsawwan isaa keessaa tokko tokko ilaali. Yesuus, “Aadaa keessan isa dhalootaa dhalootatti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistu” jechuudhaan, seera isaanii isa dhuma hin qabne kallattiidhaan balaaleffateera.—Maarqos 7:13.
12 Yesuus Fariisonni seera Sanbataaf ilaalcha dogoggoraa akka qaban, darbees, kaayyoo seerichaa utuu hin hubatin akka hafan ibseera. Masiihichi, “Gooftaa Sanbataa” waan taʼeef, guyyaa Sanbataatti namoota fayyisuuf mirga akka qabu ibseera. (Maatewos 12:8) Yaada isaa kana mirkaneessuuf, guyyaa Sanbataatti dinqiidhaan namoota fayyiseera. (Luqaas 6:7-10) Dinqiiwwan kun, Bulchiinsa isaa Isa Waggaa Kumaa keessatti namoota addunyaa maratti argaman hunda akka fayyisu kan argisiisan turan. Barkumeen sun, Sanbata isa guddaa, jechuunis yeroo ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi cubbuu fi duʼa jalaa boqonnaa itti argatan taʼa.
13. Yesuus tajaajila isaa isa lafa irraa erga xumuree booda, seera isa kamtu hojii irra ooluu jalqabe? Seerri kun, Seera Musee irraa adda kan taʼe akkamitti?
13 Yesuus, tajaajila lafa irratti raawwatu erga xumuree booda, haqni maal akka taʼe “seera Kiristoos” isa haaraa hundeeffame keessatti ibseera. (Galaatiyaa 6:2) Seera Musee irraa haala adda taʼeen, seerri haaraan kun ajajawwan barreeffaman hedduu irratti utuu hin taʼin, seera buʼuuraa irratti kan hundaaʼe dha. Taʼus seerri kun, ajajawwan kallattiidhaan kennaman tokko tokkos qabateera. Yesuus isaan keessaa isa tokko, “ajaja haaraa” jedhee ibseera. Akkuma inni isaan jaallate duuka buutonni isaa hundi akka wal jaallatan isaan barsiiseera. (Yohaannis 13:34, 35) Eeyyee, namoonni ‘seera Kiristoosiin’ jiraatan hundi, jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuudhaan beekamu.
Haqa Argisiisuudhaan Fakkeenya Taʼa
14, 15. Yesuus, aangoon isaa daangaa akka qabu hubachuu isaa kan argisiise akkamitti? Kana gochuun isaa kan nama jajjabeessu maaliifi?
14 Yesuus waaʼee jaalalaa barsiisuu caalaas wanta godhe qaba. Innumti iyyuu ‘seera Kiristoosiin’ jiraateera. Seerri kun jireenya isaa keessatti mulʼateera. Mee karaawwan Yesuus haqa argisiisuudhaan fakkeenya taʼe sadii ilaali.
15 Tokkoffaa, Yesuus jalʼina kam irraa iyyuu guutummaatti fagaateera. Yeroo baayʼee jalʼinni kan raawwatamu, yommuu ilmaan namootaa cubbamoota taʼan of tuuluudhaan aangoo isaanii irra darbanii deeman akka taʼe hubachuu hin ooltu. Yesuus garuu akkas hin turre. Yeroo tokko, namni tokko gara isaa dhufee, “Barsiisaa, obboleessi koo dhaala keenya akka anaaf hiru itti naa himi” jedheen. Yesuus deebii akkamii kenneefi? “Namicha nana, isin lamaan gidduutti abbaa murtii yookiin araarsituu akkan taʼu eenyutu na muude?” jedhee deebise. (Luqaas 12:13, 14) Deebiin isaa kan nama ajaaʼibsiisu mitii? Hubannaan Yesuus, dandeettiin inni murtoo kennuuf qabuu fi aangoon Waaqayyo isaaf kenne kan nama hundaa irra ni caala; taʼus, wantoota akkasii akka raawwatu aangoon waan isaaf hin kennamneef, dhimma kana keessa galuu irraa of qusateera. Yesuus nama taʼee dhalachuu isaa waggoota kuma hedduu duraa jalqabee illee, gama kanaan gad of qabu isaa itti fufeera. (Yihudaa 9) Yesuus gad of qabuudhaan wanta Yihowaan haqa taʼuu isaa murteesse fudhachuun isaa, amala dinqisiisaa taʼe akka qabu argisiisa.
16, 17. (a) Yesuus misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo yeroo lallabu haqa kan argisiise akkamitti? (b) Yesuus, haqni isaa araaraa irratti kan hundaaʼe akka taʼe kan argisiise akkamitti?
16 Lammaffaa, Yesuus akkaataa Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo itti lallabeen haqa argisiiseera. Namoota wal hin caalchisne. Kanaa mannaa, sooressa ykn hiyyeessa utuu hin jedhin namoota adda addaatiif lallabuuf garaadhaa carraaqeera. Fariisonni garuu hiyyeessota warra kaan biratti bakka guddaa hin qabne, ‘amhaareetis’ ykn “namoota lafaa” jedhanii waamuudhaan isaan tuffatu turan. Yesuus jalʼina sana sirreessuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhateera. Yeroo misiraachicha namoota barsiisu ykn yommuu isaanii wajjin nyaatu, yommuu isaan sooru, yeroo isaan fayyisuu fi yeroo duʼaa isaan kaasutti illee, haqa Waaqa isa “akaakuun namootaa hundi” akka fayyan barbaaduu argisiiseera.c—1 Ximotewos 2:4.
17 Sadaffaa, haqni Yesuus argisiisu araaraa irratti kan hundaaʼe ture. Yesuus cubbamoota gargaaruuf carraaqeera. (Maatewos 9:11-13) Fedhii isaatiin kakaʼee namoota humna hin qabne ni gargaara ture. Fakkeenyaaf, Yesuus akka geggeessitoota amantii yeroo sanaatti, namoota saba Waaqayyoo hin taane hunda hin shakku ture. Kanaa mannaa, adda durummaadhaan Yihudootaaf kan ergame taʼus, gara laafinaan kakaʼee namoota kana keessaa tokko tokko gargaareera; akkasumas barsiiseera. Yesuus, “Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne” jechuudhaan, tajaajilaa ajajaa dhibbaa loltoota Roomaa tokko dinqiidhaan fayyisuuf fedhii akka qabu ibseera.—Maatewos 8:5-13.
18, 19. (a) Yesuus ulfina dubartootaa kan eege karaawwan kamiini? (b) Seenaan Yesuus, walitti dhufeenya ija jabinaa fi haqa gidduu jiru hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
18 Yesuus ilaalcha namoonni yeroo sanatti dubartootaaf qabanis hin deggerre. Kanaa mannaa, ija jabinaan wanta haqa taʼe raawwateera. Dubartoonni Samaariyaa, akkuma saboota kaanii xuraaʼoo akka taʼanitti ilaalamu turan. Haa taʼu malee, Yesuus boolla bishaanii Siikaar biratti dubartii Samaariyaa tokkoof lallabuu irraa duubatti hin jenne. Yesuus Masiihiin abdachiifame isa taʼuu isaa yeroo jalqabaatiif kan ibse illee dubartii kanaaf ture. (Yohaannis 4:6, 25, 26) Fariisonni, dubartoonni Seera Waaqayyoo barachuu hin qaban kan jedhan taʼus, Yesuus yeroo isaa fi humna isaa hedduu dubartoota barsiisuuf oolcheera. (Luqaas 10:38-42) Akka aadaa yeroo sanaatti dubartoonni ragaa baʼuuf gaʼumsa hin qaban kan jedhamu taʼus, Yesuus yeroo duʼaa kaʼu jalqaba dubartoonni hedduun akka isa argan gochuudhaan isaaniif ulfina kenneera. Dhimma guddaa kanas dhaqanii barattoota isaa warra dhiiraatti akka himan isaanitti himeera!—Maatewos 28:1-10.
19 Eeyyee, Yesuus haqni maal akka taʼe sabootatti beeksiseera. Yeroo baayʼee kana kan godhu lubbuu isaa balaadhaaf saaxilee ti. Seenaan Yesuus, haqa dhugaa cinaa dhaabbachuun ija jabina akka gaafatu nu hubachiisa. Kanaafuu Yesuus ‘Leenca gosa Yihudaa’ jedhamuun isaa sirrii dha. (Mulʼata 5:5) Leenci, haqa isa ija jabina gaafatuuf fakkeenya akka taʼe yaadadhu. Dhiheenyatti garuu Yesuus karaa kana irra caaluun “lafa irratti haqa” ni fida.—Isaayyaas 42:4.
Masiihichi Inni Mootii Taʼe ‘Lafa Irratti Haqa ni Fida’
20, 21. Bara keenyatti, Masiihichi guutummaa lafaa irrattis taʼe, gumii Kiristiyaanaa keessatti haqa babalʼisaa kan jiru akkamitti?
20 Yesuus bara 1914tti Mootii erga taʼee jalqabee, lafa irratti haqa babalʼisaa jira. Akkamitti? Raajiin isaa inni Maatewos 24:14 irratti argamu raawwii isaa akka argatu gochaa jira. Duuka buutonni Yesuus lafa irratti argaman, dhugaa waaʼee Mootummaa Yihowaa ibsu namoota biyya hundatti argaman barsiisaa turaniiru. Isaanis akkuma Yesuus, karaa loogii irraa walaba taʼee fi haqaan, ijoollee ykn maanguddoo, sooressa ykn hiyyeessa, dhiira ykn dubartii utuu hin jedhin, namoonni hundi Yihowaa isa haqa qabeessa taʼe beekuuf carraa akka argatan gargaaraniiru.
21 Yesuus, gumii Kiristiyaanaa Mataa taʼee geggeessu keessattis haqa babalʼisaa jira. Akkuma raajiidhaan dubbatame, jaarsolii gumii amanamoo taʼanii fi dursa fudhatanii gumicha geggeessan “kennaa godhee” kenneera. (Efesoon 4:8-12) Namoonni kun hoolota Yihowaa warra gati jabeeyyii taʼan eeguudhaan, haqa babalʼisuu irratti fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofu. Jaarsoliin, Yesuus hoolonni isaa aangoo, iddoo ykn qabeenya akkamii iyyuu yoo qabaatan, haqaan akka qabaman kan barbaadu taʼuu isaa yeroo hunda ni yaadatu.
22. Yihowaan addunyaa kana irratti jalʼinni babalʼachuu isaatti maaltu isatti dhagaʼama? Ilma isaa hoo maal akka godhuuf muudeera?
22 Yeroo dhihootti garuu Yesuus, karaa kana dura taʼee hin beekneen haqa lafa irratti babalʼisa. Addunyaa mancaʼaa kana keessatti jalʼinni babalʼateera. Maallaqaa fi yeroo hedduu meeshaa waraanaa oomishuuf oolu, akkasumas namoota gammachuu argachuuf maallaqa hammana hin jedhamne baasan yommuu ilaallu, daaʼimman hedduun beelaan duʼuun isaanii jalʼina guddaadha jedhamuu dandaʼa. Waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman rakkinoota hambisuun dandaʼamuun kan kaʼe ni duʼu; kunii fi jalʼinni haqaa kan biroon Yihowaan aarii qajeelinaa akka aaru godhu. Yihowaan jalʼina hunda yeroo dhumaatiif balleessuuf, guutummaa sirna hamaa kanaa irratti lola haqa irratti hundaaʼe akka geggeessuuf Ilma isaa muudeera.—Mulʼata 16:14, 16; 19:11-15.
23. Kiristoos Armaagedoon booda bara baraaf haqa kan babalʼisu akkamitti?
23 Haa taʼu malee, haqni Yihowaa hamoota balleessuu qofa miti. Ilmi isaa “Bulchaa Nagaa” taʼee akka bulchu isa muudeera. Armaagedoon booda, Yesuus guutummaa lafaa irratti nagaa kan buusu taʼuu isaa irra iyyuu ‘haqaan’ ni bulcha. (Isaayyaas 9:6, 7) Yeroo sanatti Yesuus, jalʼina isa addunyaa irratti rakkina hammana hin jedhamne geessise hunda balleessuudhaan ni gammada. Haqa Yihowaa isa mudaa hin qabne bara baraaf amanamummaadhaan hojii irra ni oolcha. Nutis, akkuma Yihowaa haqa argisiisuuf ammumaa kaasnee carraaquun keenya barbaachisaa dha. Mee akkamitti kana gochuu akka dandeenyu haa ilaallu.
a Yesuus aarii qajeelinaa aaruu irratti Yihowaa isa hammina hunda irratti ‘dheekkamsa isaa ibsuuf qophaaʼaa’ taʼee wajjin wal fakkaata. (Naahom 1:2) Fakkeenyaaf, Yihowaan sabni isaa warri ajajamoo hin taane mana isaa “holqa saamtotaa” akka godhan erga itti himee booda, “dheekkamsi koo fi aariin koo bakka kanatti, . . . ni dhangalaʼa” jedheera.—Ermiyaas 7:11, 20.
b Kitaabni Mishnaa jedhamu, mana qulqullummaa keessatti gugeen gatii guddaadhaan gurguramuu ishiitiin kan kaʼe, waggoota muraasa booda mormiin akka kaʼe ibsa. Yeruma sana gatiin kun gara dhibbeentaa 99n hirʼateera! Daldala buʼaa guddaa qabu kana irraa caalaatti faayidaa kan argatu eenyu? Namoonni seenaa barreessan tokko tokko akka jedhanitti, daldalli mana qulqullummaa sun kan maatii Luba Ol Aanaa isa Haannaa jedhamuu yeroo taʼu, kunis maatiiwwan isaa hedduuf qabeenya guddaa argamsiisa ture.—Yohaannis 18:13.
c Fariisonni, namoonni warra kaan biratti bakka guddaa hin qabnee fi Seericha hin baranne “abaaramoo” akka taʼan dubbatu turan. (Yohaannis 7:49) Namni tokko namoota kana barsiisuu, isaanii wajjin hojjechuu, isaanii wajjin nyaachuus taʼe kadhannaa dhiheessuu hin qabu jedhu turan. Namni tokko intala isaa namoota kanatti yoo heerumsiise, akka bineensaaf ishii kennetti ilaalama ture. Fariisonni, namoonni kun abdii duʼaa kaʼuu illee akka hin qabnetti ibsu turan.
-
-
‘Haqa Raawwachuudhaan’ Waaqayyoo Wajjin DeddeebiʼiYihowaatti Dhihaadhu
-
-
BOQONNAA 16
‘Haqa Raawwachuudhaan’ Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi
1-3. (a) Yihowaan oolmaa nu irraa qaba kan jennu maaliifi? (b) Waaqni keenya inni nu oolche nu irraa maal barbaada?
DOONII liqimfamaa jiru keessa jirta haa jennu. Yeroo abdii kutattee jirtutti, namni tokko sii dhaqqabee harkisee achi keessaa si baase. Namichi achi keessaa erga si baasee booda, “Amma oolteetta” yommuu siin jedhu gammachuu guddaatu sitti dhagaʼame! Namni kun oolmaa guddaa akka sii oole sitti hin dhagaʼamuu? Lubbuu kee waan sii oolcheef akka galateeffattu beekamaa dha.
2 Karaa tokko tokkoon, haalli kun wanta Yihowaan nuu godhee wajjin wal fakkaata. Yihowaan oolmaa guddaa akka nuu oole beekamaa dha. Inni furii nuu kaffaluudhaan, garbummaa cubbuu fi duʼaa jalaa karaa itti baanu nuu qopheesseera. Aarsaa gati jabeessa taʼe sanatti akka amannu yoo argisiisne, cubbuun keenya akka nuu dhiifamuu fi jireenya bara baraa akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (1 Yohaannis 1:7; 4:9) Akkuma Boqonnaa 14 irratti ilaalle, furiin kun karaa Yihowaan jaalalaa fi haqa isaa itti argisiise keessaa isa guddaa dha. Maarree kun maal akka goonu nu kakaasuu qaba?
3 Wanta Waaqni keenya inni jaalalaan kakaʼee lubbuu keenya nuu oolche nu irraa barbaadu qoruu qabna. Yihowaan karaa Miikiyaas raajichaa akkas jedheera: “Yaa namaa, inni wanta gaarii taʼe sitti himeera. Yihowaan maal si irraa barbaada? Haqa akka raawwattu, amanamummaa akka jaallattu, gad of qabuudhaan Waaqa kee wajjin akka deddeebitu qofa mitii?” (Miikiyaas 6:8) Wanta Yihowaan nu irraa barbaadu keessaa inni tokko, ‘haqa raawwachuu’ akka taʼe hubadhu. Haa taʼu malee, kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
‘Qajeelummaa Dhugaa’ Hordofuu
4. Yihowaan ulaagaawwan isaa wajjin walsimnee akka jiraannu kan barbaadu taʼuu isaa akkamitti beekna?
4 Yihowaan ulaagaa inni wanta sirrii fi dogoggora taʼeef baaseen akka jiraannu nu irraa barbaada. Ulaagaawwan isaa sirrii fi qajeeloo waan taʼaniif, akka ulaagaawwan kanaatti yommuu jiraannu qajeelummaa hordofaa jirra jechuu dha. Isaayyaas 1:17, “Wanta gaarii raawwachuu baradhaa, haqa barbaadaa” jedha. Dubbiin Waaqayyoo ‘qajeelummaa akka barbaaddannu’ nu gorsa. (Sefaaniyaa 2:3) Kana malees, ‘namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti qajeelummaa dhugaadhaan uumame akka uffannu’ nu jajjabeessa. (Efesoon 4:24) Qajeelummaa dhugaan ykn haqni dhugaan, wantoota qulqulluu hin taane kan akka hamminaa, xuraaʼummaa fi halalummaa irraa fagaachuu gaafata.—Faarfannaa 11:5; Efesoon 5:3-5.
5, 6. (a) Ulaagaawwan Yihowaa wajjin walsimnee jiraachuun kan nutti hin ulfaanne maaliifi? (b) Kitaabni Qulqulluun qajeelummaa hordofuun gocha itti fufiinsa qabu akka taʼe kan argisiisu akkamitti?
5 Ulaagaawwan Yihowaa wajjin walsimnee jiraachuun ulfaataadhaa? Ulfaataa miti. Garaadhaa Yihowaatti yoo dhihaanne ulaagaa isaa eeguun nutti hin ulfaatu. Waaqa keenyaa fi amalawwan isaa waan jaallannuuf, karaa isa gammachiisuun jiraachuu barbaanna. (1 Yohaannis 5:3) Yihowaan ‘gocha qajeelaa akka jaallatu’ yaadadhu. (Faarfannaa 11:7) Haqa ykn qajeelummaa Waaqayyoo argisiisuu yoo barbaanne, wanta inni jaallatu jaallachuu fi wanta inni jibbu jibbuu qabna.—Faarfannaa 97:10.
6 Qajeelummaa hordofuun namoota cubbuu dhaalaniif salphaa miti. Namummaa moofaa hojii isaa isa gadhee wajjin of irraa baasnee namummaa haaraa uffachuu qabna. Kitaabni Qulqulluun namummaa haaraan, beekumsa dhugaadhaan ‘haareffamaa akka deemu’ dubbata. (Qolosaayis 3:9, 10) Yaanni “haareffamaa deemu” jedhu, namummaa haaraa uffachuun gocha itti fufiinsa qabuu fi carraaqqii gaafatu taʼuu isaa argisiisa. Wanta sirrii gochuuf hamma fedhe carraaqnus, cubbuu waan dhaalleef yaadaan, dubbii fi gochaan yeroon itti gufannu jira.—Roomaa 7:14-20; Yaaqoob 3:2.
7. Qajeelummaa hordofuuf yommuu carraaqnutti yoo gufanne maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?
7 Qajeelummaa hordofuuf utuma carraaqnuu yoo gufanne hoo maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Cubbuu salphisnee ilaaluu akka hin barbaanne beekamaa dha. Haa taʼu malee, dadhabina waan qabnuuf Yihowaa tajaajiluuf gaʼumsa hin qabnu jennee yaaduudhaan, abdii kutachuu hin qabnu. Waaqni keenya inni amalawwan gaggaarii qabu, namoonni garaadhaa yaada geddaratan deebisanii isa biratti fudhatama akka argatan qophii godheera. Yohaannis ergamaan, “wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneef” erga jedhee booda, “Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete [cubbuu waan dhaaleef] nuti Abbaa biraa gargaaraa qabna; innis Yesuus Kiristoos” jechuudhaan yaada nama jajjabeessu dubbateera. (1 Yohaannis 2:1) Eeyyee, cubbuu kan dhaalle yoo taane iyyuu, Yihowaan karaa fudhatama qabuun akka isa tajaajilluuf aarsaa furii Yesuus nuu qopheesseera. Kun Yihowaa gammachiisuuf hamma dandeenye akka carraaqnu nu hin kakaasuu?
Misiraachichaa fi Haqa Waaqayyoo
8, 9. Misiraachichi lallabamuun isaa haqa Yihowaa kan argisiisu akkamitti?
8 Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuu irratti guutummaatti hirmaachuudhaan, haqa Waaqayyoo hordofuu dandeenya. Haqni Yihowaa misiraachichaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?
9 Yihowaan jalqaba akeekkachiisni akka kennamu utuu hin godhin sirna hamaa kana hin balleessu. Yesuus wantoota bara dhumaatti raawwataman ilaalchisee raajii dubbate irratti, “Jalqaba saba hundumaatiif misiraachoon lallabamuu qaba” jedheera. (Maarqos 13:10; Maatewos 24:3) Yaanni “jalqaba” jedhu, wantoonni hojii lallabaa addunyaa maratti raawwatamutti aansanii raawwataman kan biroon akka jiran argisiisa. Wantoonni kun rakkina guddaa kan dabalatan yeroo taʼu, rakkinni guddaan immoo yeroo hamoonni itti balleeffaman dha; kun immoo addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatuuf karaa bana. (Maatewos 24:14, 21, 22) Yeroo sanatti eenyu iyyuu Yihowaan hamoota irratti jalʼina raawwateera jedhee isa himachuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Yihowaan akeekkachiisni kun akka kennamu gochuudhaan, namoonni akkasii amala isaanii jijjiiranii badiisa irraa akka oolan carraa gaarii isaaniif banaa jira.—Yoonaas 3:1-10.
10, 11. Misiraachicha lallabuun keenya haqa Waaqayyoo kan argisiisu akkamitti?
10 Misiraachicha lallabuun keenya haqa Waaqayyoo kan argisiisu akkamitti? Tokkoffaa, warri kaan fayyina akka argatan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuun keenya wanta sirrii dha. Mee ammas fakkeenya doonii liqimfamaa jiru keessaa ooluu ilaalchisee kenname haa ilaallu. Bidiruu balaa irraa ittiin oolte erga yaabbattee booda, namoota bishaan keessatti hafan kaan gargaaruu akka barbaaddu beekamaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, nutis namoota “bishaan” addunyaa isa hamaa kanaa keessatti wixxifachaa jiran oolchuuf dirqamni nu irra jira. Dhugaa dha, namoonni hedduun ergaa keenya hin fudhatan. Haa taʼu malee, obsi Yihowaa hamma itti fufetti, ‘yaada geddaratanii’ fayyina akka argatan carraa isaaniif kennuuf itti gaafatamummaan nu irra jira.—2 Pheexiros 3:9.
11 Namoota argannu hundaaf loogii malee misiraachicha lallabuudhaanis haqa ni argisiisna. ‘Waaqayyo akka hin loogne, kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama akka qabu’ yaadadhu. (Hojii Ergamootaa 10:34, 35) Haqa Yihowaa argisiisuu yoo barbaanne, dursinee namootatti murteessuu hin qabnu. Kanaa mannaa, namoonni qomoon isaanii, iddoon hawaasa keessatti qaban ykn haalli dinagdee isaanii maal iyyuu yoo taʼe misiraachicha isaanitti himuu qabna. Kana gochuudhaan, namoonni fedhii qaban hundi misiraachicha akka dhagaʼanii fi akka fudhatan carraa isaaniif banna.—Roomaa 10:11-13.
Akkaataa Namoota Itti Qabnu
12, 13. (a) Warra kaanitti murteessuuf ariifachuu kan hin qabne maaliifi? (b) Gorsi Yesuus “murteessuu dhiisaa,” akkasumas “namoota yakkuu dhiisaa” jechuudhaan kenne hiika maalii qaba? (Miiljalees ilaali.)
12 Akkaataa Yihowaan itti nu qabuun namoota kaan qabuudhaanis haqa argisiisuu dandeenya. Dogoggora isaanii caqasanii isaan ceephaʼuu fi sababii wanta tokko gochuuf itti kakaʼan shakkuudhaan warra kaanitti murteessuun salphaa dha. Haa taʼu malee, eenyuun keenya iyyuu Yihowaan sababii wanta tokko gochuuf itti kakaane shakkuudhaan ykn dadhabina keenya funaanuudhaan gara jabinaan akka nutti murteessu hin barbaannu. Yihowaanis akkas hin godhu. Faarfatichi, “Yaa Yaah, ati dogoggora hordofta utuu taʼee, yaa Yihowaa, eenyutu dhaabbachuu dandaʼa ture?” jedheera. (Faarfannaa 130:3) Waaqni keenya inni haqa qabeessii fi araara qabeessi, dogoggora keenya irratti waan hin xiyyeeffanneef isa galateeffachuu hin qabnuu? (Faarfannaa 103:8-10) Maarree, nuti hoo namoota akkamitti qabuu qabna?
13 Haqni Waaqayyoo araara irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa yoo hubanne, dhimmoota nu hin ilaallanne irratti ykn dhimmoota xixinnoo taʼan irratti warra kaanitti murteessuuf hin ariifannu. Yesuus Lallaba isaa Isa Gaaraa irratti, “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa” jedhee akeekkachiiseera. (Maatewos 7:1) Akka Wangeelli Luqaas jedhutti Yesuus dabalataan, “Namoota yakkuu dhiisaa, matumaa hin yakkamtan” jedheera.a (Luqaas 6:37) Yesuus namoonni cubbuu dhaalan warra kaanitti murteessuuf akka ariifatan kan beeku taʼuu isaa argisiiseera. Namoonni isa dhaggeeffachaa turanii fi warra kaanitti murteessuuf ariifatan, kana gochuu isaanii dhaabuu qabu turan.
Misiraachicha loogii malee warra kaanitti yommuu himnu haqa Waaqayyoo argisiisaa jirra
14. Warra kaanitti ‘murteessuu dhiisuu’ kan qabnu maaliifi?
14 Namootatti ‘murteessuu dhiisuu’ kan qabnu maaliifi? Sababiin inni tokko, kana gochuuf aangoo hin qabnu. Yaaqoob baratichi, “Seera kan tumuu fi Abbaan Murtii tokko qofa” akka taʼe nu yaadachiiseera, innis Yihowaa dha. Kanaan kan kaʼes, “nama kan biraatti kan murteessitu ati eenyu?” jedhee gaafateera. (Yaaqoob 4:12; Roomaa 14:1-4) Kana malees, cubbuu dhaaluun keenya, murtii sirrii hin taane akka kenninu nu gochuu dandaʼa. Halaalatti nama jibbuun, ulfinni koo hin tuqamin jechuun, hinaaffaanii fi garmalee qajeelaa of gochuun, ilaalcha namoota kaaniif qabnu jalʼisuu dandaʼa. Dadhabina kan biraas kan qabnu yeroo taʼu, kana irratti xiinxaluun keenya immoo dogoggora warra kaanii funaanuuf akka hin ariifanne nu gochuu qaba. Garaa namootaa beekuu hin dandeenyu; haala namoonni kaan keessa jiran hundas guutummaatti hin beeknu. Sababiin obboloonni keenya wanta tokko gochuuf itti kakaʼan dogoggora akka taʼe dubbachuuf ykn carraaqqii isaan Waaqayyoon tajaajiluuf godhan ceephaʼuuf nuti eenyu? Kanaaf, dogoggora obboloota keenyaa irratti xiyyeeffachuu mannaa, wanta gaarii isaan godhan ilaaluudhaan Yihowaa fakkaachuu hin wayyuu?
15. Jechoonnii fi gochawwan saba Waaqayyoo biratti iddoo hin qabne kamfaʼi? Maaliifi?
15 Miseensota maatii keenyatti hoo murteessuu qabnaa? Maatiin bakka nagaa taʼuu utuu qabuu, addunyaa kana keessatti garuu bakka komii fi ceephoon itti babalʼate taʼuun isaa nama gaddisiisa. Abbootiin manaa, haadhotiin manaa fi warri, miseensota maatii isaanii akka arrabsanii fi akka reeban dhagaʼuun baramaa dha. Haa taʼu malee, jechoonni gadheen, dubbiin nama tuquu fi reebichi tajaajiltoota Waaqayyoo biratti iddoo hin qaban. (Efesoon 4:29, 31; 5:33; 6:4) Gorsi Yesuus, “murteessuu dhiisaa” akkasumas “yakkuu dhiisaa” jechuudhaan kenne maatii keessattis hojii irra ooluu qaba. Haqa argisiisuun, karaa Yihowaan nu qabuun warra kaan qabuu kan dabalatu akka taʼe yaadadhu. Waaqni keenya gara jabinaan nu hin qabu. Kanaa manaa, warra isa jaallatanitti “jaalala guddaa” argisiisa. (Yaaqoob 5:11) Yihowaan fakkeenya gaarii hordofuu qabnu mitii?
Jaarsoliin “Haqaan” Tajaajilu
16, 17. (a) Yihowaan jaarsoliin maal akka godhan barbaada? (b) Namni cubbuu hojjete tokko yaada geddarachuu yoo dide maaltu godhamuu qaba? Maaliifi?
16 Hundi keenya haqa raawwachuuf itti gaafatamummaa kan qabnu taʼus, keessumaa jaarsoliin gama kanaan itti gaafatamummaa guddaa qabu. Isaayyaas ‘bulchitoota’ ykn jaarsolii ilaalchisee, “Kunoo, mootiin qajeelummaadhaan ni bulcha, bulchitoonnis haqaan ni geggeessu” jedhee raajii dubbateera. (Isaayyaas 32:1) Eeyyee, Yihowaan jaarsoliin haqaan akka tajaajilan barbaada. Maarree kana gochuu kan dandaʼan akkamitti?
17 Dhiironni karaa hafuuraa gaʼumsa qaban kun, haqni ykn qajeelummaan qulqullina gumii eeguu akka gaafatu ni hubatu. Al tokko tokko jaarsoliin yeroo cubbuu guddaan hojjetamu murtoo kennuuf ni dirqamu. Yeroo kana godhanitti, haqni Waaqayyoo hanga dandaʼametti araara argisiisuu akka taʼe ni yaadatu. Kanaafuu namni cubbuu hojjete yaada akka geddaratu gargaaruuf yaalu. Haa taʼu malee, nama kana gargaaruuf carraaqqiin akkasii kan godhame taʼus, namni kun garaadhaa yaada geddarachuu yoo dide hoo? Dubbiin Yihowaa, “Nama hamaa of gidduudhaa baasaa” jechuudhaan tarkaanfiin haqa irratti hundaaʼe akka irratti fudhatamu ajaja. Kana jechuun, namni kun gumiidhaa baafamuu qaba jechuu dha. (1 Qorontos 5:11-13; 2 Yohaannis 9-11) Jaarsoliin tarkaanfii akkasii fudhachuun isaanii kan isaan gaddisiisu taʼus, kana gochuun isaanii gumicha karaa naamusaas taʼe karaa hafuuraa qulqulluu akka taasisu ni hubatu. Yeroo kanatti illee, namni cubbuu hojjete sun gaaf tokko yaada geddaratee gara gumiitti akka deebiʼu ni abdatu.—Luqaas 15:17, 18.
18. Jaarsoliin warra kaaniif gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yeroo kennan maal yaadachuu qabu?
18 Haqaan tajaajiluun yeroo barbaachisutti gorsa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kennuus ni dabalata. Jaarsoliin dogoggora warra kaanii akka hin funaanne beekamaa dha. Gorsa kennuufis sababa hin barbaadan. Haa taʼu malee, namni hidhata amantii keenya taʼe tokko, “utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa” fudhachuu dandaʼa. Jaarsoliin, haqni Waaqayyoo gara jabina irratti kan hundaaʼe akka hin taane yaadachuun isaanii, ‘nama akkasii hafuura garraamummaatiin sirreessuuf akka yaalan’ isaan kakaasa. (Galaatiyaa 6:1) Kanaaf, jaarsoliin nama tarkaanfii dogoggoraa fudhate ceephaʼuu ykn dubbii nama salphisu itti dubbachuu hin qaban. Kanaa mannaa, gorsi jaalalaan kenname nama sana jajjabeessuu dandaʼa. Jaarsoliin, namni cubbuu hojjete gochi isaa inni sirrii hin taane rakkina akkamii akka isatti fidu ifatti yeroo itti himanitti illee, namni hidhata amantii keenya taʼe kun hoolaa Yihowaa taʼuu isaa ni yaadatu.b (Luqaas 15:7) Gorsi ykn adabni tokko kakaʼumsa sirrii taʼee fi jaalalaan yoo kenname, yeroo baayʼee nama cubbuu hojjete akka sirreessu beekamaa dha.
19. Jaarsoliin murtoowwan akkamii gochuutu isaan barbaachisa? Murtoo akkasii yeroo godhanitti hoo maal irratti hundaaʼuu qabu?
19 Yeroo baayʼee jaarsoliin murtoo obboloota isaanii irratti dhiibbaa geessisu gochuun isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf jaarsoliin, obboloonni gumichaa jaarsolii ykn tajaajiltoota gumii taʼuuf gaʼumsa qabaachuu fi dhiisuu isaanii gamaaggamuuf yeroo yeroodhaan walgaʼii godhu. Jaarsoliin loogii irraa walaba taʼuun barbaachisaa akka taʼe beeku. Yeroo akkasiitti, miira isaanii irratti utuu hin taʼin ulaagaa Waaqayyo dhimma kanaaf baase irratti hundaaʼanii murtoo godhu. Akka kanaan, “jibba halaalaa yookiin loogii akkamii irraa iyyuu fagaachuudhaan” hojii isaanii raawwatu.—1 Ximotewos 5:21.
20, 21. (a) Jaarsoliin namoota akkamii taʼuuf carraaquu qabu? Maaliifi? (b) Jaarsoliin “warra dhiphatan” gargaaruuf maal gochuu dandaʼu?
20 Jaarsoliin karaa kan biraatiinis haqa Waaqayyoo ni raawwatu. Isaayyaas jaarsoliin ‘haqaan akka geggeessan’ erga raajii dubbatee booda, itti aansee akkas jedheera: “Tokkoon tokkoon isaaniis bakka bubbee jalaa itti dhokatan, bakka bokkaa yandoo jalaa dahoo itti argatan ni taʼu; biyya bishaan hin qabne keessatti akkuma yaaʼaawwan bishaanii, biyya waxalame keessattis akkuma gaaddisa qarsaa guddaa ni taʼu.” (Isaayyaas 32:2) Kanaafuu, jaarsoliin obboloota isaanii jajjabeessuu fi boqonnaa isaaniif argamsiisuuf carraaqu.
21 Yeroo ammaatti, namoonni hedduun rakkoowwan abdii nama kutachiisan waan isaan mudataniif, jajjabinni isaan barbaachisa. Kanaafuu, isin jaarsoliin, “warra dhiphatan” gargaaruuf maal gochuu dandeessu? (1 Tasalonqee 5:14) Gara laafinaan isaan dhaggeeffadhaa. (Yaaqoob 1:19) Obboloonni kun “yaaddoo” garaa isaanii nama amanan tokkotti dhangalaasuu barbaadu taʼa. (Fakkeenya 12:25) Yihowaa birattis taʼe obboloota biratti akka barbaadaman, bakka guddaa akka qabanii fi akka jaallataman mirkaneessaafi. (1 Pheexiros 1:22; 5:6, 7) Namoota kanaa wajjin kadhachuus taʼe isaaniif kadhachuu ni dandeessu. Jaarsi tokko garaadhaa isaaniif yommuu kadhatu dhagaʼuun isaanii baayʼee isaan jajjabeessuu dandaʼa. (Yaaqoob 5:14, 15) Waaqni haqaa carraaqqii jaalalaan kakaatanii namoota dhiphatan gargaaruuf gootan hin irraanfatu.
Jaarsoliin namoota abdii kutatan jajjabeessuudhaan haqa Yihowaa argisiisu
22. Haqa Yihowaa raawwachuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? Kun hoo buʼaa akkamii argamsiisa?
22 Dhuguma iyyuu, haqa Yihowaa argisiisuudhaan caalaatti isatti dhihaachuu dandeenya! Dhugaawwan buʼuuraa isaa yommuu deggerru, misiraachoo lubbu baraarsaa taʼe warra kaanitti yommuu lallabnuu fi dogoggora namootaa irratti utuu hin taʼin wanta gaarii isaan qaban irratti yommuu xiyyeeffannu, haqa Waaqayyoo argisiisaa jirra jechuu dha. Isin jaarsoliin, qulqullummaa gumii yeroo eegdan, gorsa nama jajjabeessuu fi Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe yommuu kennitan, murtoo loogii irraa walaba taʼe yeroo gootanii fi warra abdii kutatan yommuu jajjabeessitan haqa Waaqayyoo argisiisaa jirtu jechuudha. Yihowaan samii irra taaʼee, carraaqqii sabni isaa ‘haqa raawwachuuf’ godhan yommuu argu baayʼee akka gammadu beekamaa dha!
a Hiikkaawwan tokko tokko “hin faradinaa!” akkasumas “yakka hin murinaa” jedhu. Hiikkawwan akkasii “faraduu hin jalqabinaa” akkasumas “yakkuu hin jalqabinaa” yaada jedhu dabarsu. Haa taʼu malee, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu ajaja dhiisuu jajjabeessu kan fayyadaman karaa gocha itti fufiinsa qabu argisiisuuni dha. Kanaaf, namoonni sun gocha as irratti ibsame raawwachaa waan jiraniif dhiisuu qabu turan.
b Kitaabni Qulqulluun, 2 Ximotewos 4:2 irratti jaarsoliin ‘balleessaa hubachiisuu, cimsanii akeekkachiisuu, akkasumas cimsanii gorsuu’ akka qaban dubbata. Jechi afaan Giriikii “cimsanii gorsuu” jedhamee hiikame “paaraakaaleʼoo” kan jedhu yeroo taʼu, “jajjabeessuu” jedhamees hiikamuu ni dandaʼa. Jechi afaan Giriikii Paaraakiliitos jedhuu fi jecha kanaa wajjin wal fakkaatu, seeraa wajjin haala wal qabateen abukaatoo argisiisuu dandaʼa. Kanaaf, jaarsoliin yeroo balleessaa hubachiisanitti illee warra karaa hafuuraa dadhaban gargaaruu qabu.
-