-
Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof AjajamaniiruBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 8
Abrahaamii fi Saaraan Waaqayyoof Ajajamaniiru
Magaalaan Uur Baabel irraa baayʼee fagoo miti; namoonni magaalaa kanaa Yihowaa malees waaqolii tolfamoo hedduu waaqeffatu turan. Namni magaalaa Uur keessa jiraatu tokko garuu Yihowaa qofa waaqeffata ture. Maqaan isaa Abrahaam jedhama.
Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Mana kee fi firoota kee dhiisiitii, gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.’ Achiis Waaqayyo akkana jedhee waadaa isaaf gale: ‘Ati saba guddaa taata, sababii keetiin namoonni hedduun guutummaa lafaa irra jiraatan waan gaarii akka argatan nan godha.’
Abrahaam, Yihowaan eessatti isa ergaa akka jiru hin beeku ture; taʼus Yihowaatti amanameera. Kanaaf, Abrahaam, haati manaa isaa Saaraan, abbaan isaa Taaraanii fi mucaan obboleessa isaa Loox ajajamuudhaan miʼa isaanii feʼatanii isaa wajjin karaa dheeraa deemuu jalqaban.
Abrahaamii fi maatiin isaa biyya Yihowaan akka dhaqan barbaade yommuu gaʼan umuriin isaa waggaa 75 ture. Bakki sun biyya Kanaʼaan jedhama. Achitti Waaqayyo Abrahaamiif, ‘Biyya ati naannoo keetti argitu kana hunda ijoollee keetiif nan kenna’ jedhee waadaa gale. Taʼus, Abrahaamii fi Saaraan dulloomaniiru; akkasumas ijoollee hin qaban turan. Maarree Yihowaan waadaa isaaniif gale raawwachuu kan dandaʼu akkamitti?
“Abrahaam . . . iddoo akka dhaalaatti fudhachuuf jiru sana dhaquuf amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu kan hin beekne taʼus, iddoo jiraatu dhiisee baʼe.”—Ibroota 11:8
-
-
Dhuma Irratti Ilma Godhatan!Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 9
Dhuma Irratti Ilma Godhatan!
Abrahaamii fi Saaraan erga gaaʼela godhatanii waggoonni hedduun darbaniiru. Mana isaanii isa mijataa Uur keessa jiru dhiisanii dunkaana keessa jiraachaa jiru. Taʼus, Saaraan Yihowaatti waan amanamtee turteef hin gungumne.
Saaraan mucaa argachuuf baayʼee barbaaddee waan turteef Abrahaamiin, ‘Tajaajiltuun koo Aggaar yoo mucaa godhatte akkuma mucaa koo taʼuu dandaʼa’ jette. Yeroo booda, Aggaar ilma deesse. Maqaan isaas Ishmaaʼel jedhame.
Waggoota hedduu booda, umuriin Abrahaam waggaa 99, kan Saaraa immoo 89 yommuu taʼu, keessummoonni sadii gara isaanii dhufan. Abrahaam muka tokko jala akka boqotan isaan affeeree, nyaata isaaniif dhiheesse. Keessummoonni kun eenyufaa akka turan beektaa? Maleekota dha! Abrahaamiin, ‘Waggaa dhufu yeroo kanatti, atii fi haati manaa kee ilma godhattu’ jedhaniin. Saaraanis dunkaana keessaa isaan dhaggeeffachaa turte. Ofitti kolfitee, ‘Ani hoo baayʼee dulloomeera, dhuguma ilma gochuu nan dandaʼaa?’ jettee yaadde.
Akkuma maleekaan Yihowaa abdii kennee ture, waggaa itti aanu Saaraan ilma deesse. Abrahaam maqaa isaa Yisihaaq jedhee kan moggaase siʼa taʼu, hiikni isaas “Kolfuu” jechuu dha.
Yommuu Yisihaaq umuriin isaa gara waggaa shanii taʼu, Saaraan Ishmaaʼel utuu isatti qoosuu argite. Ilma ishiitiif eegumsa gochuu waan barbaaddeef, gara Abrahaam dhaqxee Aggaarii fi ilma ishii akka ariʼu gaafatte. Jalqaba irratti, Abrahaam kana gochuu hin barbaanne ture. Haa taʼu malee, Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Wanta Saaraan siin jettu dhagaʼi. Ani Ishmaaʼeliin nan kunuunsa. Abdiin ani kenne garuu karaa Yisihaaq raawwatama.’
“Saaraan . . . ulfaaʼuuf amantiidhaan humna argatte; ishiin inni waadaa gale sun amanamaa taʼuu isaa yaaddee turte.” —Ibroota 11:11
-
-
Haadha Manaa Loox YaadadhaaBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 10
Haadha Manaa Loox Yaadadhaa
Loox, Abrahaam isa wasiila isaa taʼee wajjin biyya Kanaʼaan jiraata ture. Yeroo booda, horiin Abrahaamii fi Loox waan baayʼataniif lafti sun isaan gaʼuu hin dandeenye. Kanaaf Abrahaam Looxiin akkana jedhe: ‘Kana booda iddoo tokko waliin jiraachuu hin dandeenyu. Maaloo ati kallattii barbaaddu filadhu; ani immoo kallattii isa kan biraan deema.’ Kun Abrahaam ofittoo akka hin taane kan argisiisu mitii?
Loox biyyicha keessaa iddoo bareedaa magaalaa Sodoom jedhamtutti dhihoo ture tokko arge. Bakki sun bishaanii fi marga hedduu qaba ture. Kanaaf, bakka sana filatee maatii isaa wajjin achi dhaqee jiraachuu jalqabe.
Namoonni Sodoomii fi magaalaa Gomoraa ishii achitti dhihoo jirtu keessa jiraatan baayʼee hamoo turan. Kanaaf, Yihowaan magaalota kana balleessuuf murteesse. Haa taʼu malee, Waaqayyo Looxii fi maatii isaa oolchuu waan barbaadeef, maleekonni lama akkana jedhanii akka isaan akeekkachiisan erge: ‘Dafaa! Magaalaa kana keessaa baʼaa! Yihowaan ishii balleessuuf jedha.’
Loox garuu magaalattii keessaa dafee hin baane. Kanaaf ergamoonni sun isa, haadha manaa isaa fi intaloota isaa lamaan harka isaanii qabanii magaalattii keessaa ariitiidhaan erga isaan baasanii booda akkana jedhaniin: ‘Fiigaa! Lubbuu keessan oolfachuuf baqadhaa; garagaltanii hin ilaalinaa. Yoo garagaltanii ilaaltan garuu ni duutu!’
Magaalaa Zoʼaar jedhamtu yommuu gaʼan, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa irratti ibiddaa fi dhagaa bobaʼu roobse. Magaalonni lamaan guutummaatti barbadeeffaman. Haati manaa Loox Yihowaadhaaf ajajamuu diduudhaan garagaltee yommuu ilaaltu, utubaa soogiddaa taatee hafte! Looxii fi intaloonni isaa garuu Yihowaadhaaf waan ajajamaniif ni oolan. Haati manaa Loox utuu hin ajajamin hafuun ishii baayʼee isaan gaddisiisee taʼuu qaba. Haa taʼu malee, isaan waan Yihowaan isaanitti dubbatee ture dhagaʼuu isaaniitti gammadaniiru.
“Haadha manaa Loox yaadadhaa.”—Luqaas 17:32
-
-
Qorumsa AmantiiBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 11
Qorumsa Amantii
Abrahaam, ilmi isaa Yisihaaq Yihowaa akka jaallatuu fi abdii Yihowaan kenne hundatti akka amanamu isa barsiiseera. Haa taʼu malee, Yisihaaq yommuu umuriin isaa gara waggaa 25 taʼu, Yihowaan wanta baayʼee ulfaataa taʼe tokko akka raawwatu Abrahaamiin gaafate. Wanti kun maal ture?
Waaqayyo, Abrahaamiin akkana jedhe: ‘Maaloo, ilma kee isa tokkicha fuudhiitii gaara biyya Moriiyaa keessa jiru irratti aarsaa godhii dhiheessi.’ Abrahaam, Yihowaan akkas akka godhu kan isa gaafate maaliif akka taʼe hin beeku ture. Taʼus, Yihowaadhaaf ajajameera.
Abrahaam borumtaa isaa ganama bariidhaan Yisihaaqii fi tajaajiltoota isaa lama fudhatee gara Moriiyaatti qajeele. Guyyaa sadii booda, gaarawwan sun fagoodhaa isaanitti mulʼachuu jalqaban. Abrahaam, innii fi Yisihaaq yommuu aarsaa dhiheessuuf deeman tajaajiltoonni isaa achumatti akka isaan eegan itti hime. Abrahaam Yisihaaqiin qoraan baachisee, ofii isaatii immoo halbee fudhate. Yisihaaq, ‘Bineeldi aarsaa goonu meerre?’ jedhee abbaa isaa gaafate. Abrahaamis, ‘Ilma ko, Yihowaan ni qopheessa’ jedhee deebiseef.
Dhuma irratti yommuu gaara sana bira gaʼan, iddoo aarsaa irratti dhiheessan ijaaran. Abrahaamis, harkaa fi miilla Yisihaaq hidhee iddoo aarsaa sana irra isa ciibse.
Achiis Abrahaam halbee fudhate. Battaluma sanatti maleekaan Yihowaa samii keessaa isa waamee akkana jedheen: ‘Abrahaam! Mucicha hin miidhin! Ilma kee aarsaa gochuuf tole waan jetteef, amma Waaqayyo irratti amantii akka qabdu hubadheera.’ Achiis Abrahaam korbeessa hoolaa gaanfi isaa daggala keessatti qabame tokko arge. Innis dafee Yisihaaqiin hiikee korbeessa hoolaa sana aarsaa godhee dhiheesse.
Guyyaa sanaa kaasee, Yihowaan Abrahaamiin michuu koo jedhee isa waamuu jalqabe. Maaliif akka taʼe beektaa? Abrahaam Yihowaan wanta tokko akka godhu kan isa gaafatu maaliif akka taʼe hubachuu baatu illee, wanta Yihowaan akka inni godhu barbaadu hunda ni raawwata ture.
Yihowaan ammas, ‘Sin eebbisa; ijoollee kee ykn sanyii kee nan baayʼisa’ jedhee Abrahaamiif waadaa gale. Kunis Yihowaan karaa maatii Abrahaam namoota gaarii taʼan hunda ni eebbisa jechuu dha.
“Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.”—Yohaannis 3:16
-