LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Daawitii fi Goliyaad
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Daawit yommuu furrisaan Goliyaaditti dhagaa darbatu

      BARUMSA 40

      Daawitii fi Goliyaad

      Yihowaan Saamuʼeliin akkana jedhe: ‘Gara mana Issey dhaqi. Ilmaan isaa keessaa tokko mootii Israaʼel isa itti aanu taʼa.’ Kanaaf, Saamuʼel gara mana Issey dhaqe. Ilma Issey isa angafa yommuu argus, ‘Dargaggeessi kun isa filatame taʼuu qaba’ jedhee yaade. Yihowaan garuu isa kana akka hin taane Saamuʼelitti hime. Yihowaan, ‘Ani wanta alaan mulʼatu utuu hin taʼiin, wanta garaa namaa keessa jirun ilaala’ jedhe.

      Saamuʼel Daawitiin yommuu dibu

      Issey dabalataan ilmaan isaa jaʼan gara Saamuʼelitti fide. Saamuʼel garuu, ‘Yihowaan isaan kana keessaa tokko iyyuu hin filanne. Ilmaan kan biraa hin qabduu?’ jedhe. Isseyis, ‘Ilma kan biraa tokko qaba; inni Daawit ilma koo isa quxisuudha; hoolota tiksaa jira’ jedhe. Yommuu Daawit dhufee ol seenu, Yihowaan ‘Inni filatame isa kana!’ jedhee Saamuʼelitti hime. Saamuʼelis, Daawit mootii Israaʼel isa gara fuulduraa akka taʼuuf mataa isaa irratti zayitii dhangalaasee isa dibe.

      Goliyaad

      Yeroo muraasa booda, Israaʼelonni Filisxeemota goota guddaa Goliyaad jedhamu qabanii wajjin wal waraanaa turan. Goliyaad guyyuma guyyaadhaan Israaʼelotatti gaʼisaa ture. Akkana jedhee iyya ture: ‘Nama anaa wajjin wal lolu tokko natti ergaa. Inni yoo moʼe, nuti garboota keessan taana. Ani yoon moʼe immoo, isin garboota keenya taatu.’

      Yeroo kanatti Daawit, obboloota isaa warra loltoota taʼaniif nyaata fidee gara buufata waraanaa Israaʼelotaa dhufe. Wanta Goliyaad jedhu yommuu dhagaʼus, ‘Ani isa nan lola!’ jedhe. Saaʼol Mootichi garuu, ‘Ati mucaa xinnoo dha’ isaan jedhe. Daawit immoo deebisee, ‘Yihowaan na gargaara’ jedhe.

      Saaʼol, Daawitiif miʼa lolaa isaa isaaf kennuu kan barbaade taʼus, Daawit garuu, ‘Ani miʼa lolaa kana hidhadhee loluu hin dandaʼu’ jedhe. Kanaaf, Daawit furrisa isaa fudhatee gara lagaa dhaqe. Achiis dhagaa shan funaannatee korojoo isaa keessa naqatee gara Goliyaaditti fiige. Namichi guddaan sunis, ‘Mucaa xinnoo nana, as kottu. Allaattiiwwan samii fi bineensotaaf nyaata akka taatun sin godha’ isaan jedhe. Taʼus, Daawit hin sodaanne. Daawit immoo deebisee akkana jedhe: ‘Ati goraadee fi eeboodhaan natti dhufte, ani garuu maqaa Yihowaatiinan sitti dhufa. Ati Waaqayyoon malee nuun lolaa jirta miti. Namoonni as jiran hundi, Yihowaan goraadee ykn eeboo caalaa humna guddaa akka qabu ni hubatu. Inni hunda keessan harka keenyatti dabarsee kenna.’

      Achiis Daawit dhagaa tokko furrisa isaa keessa kaaʼee humna isaa hundaan of irra naanneesse. Dhagichi gargaarsa Yihowaatiin darbatamee adda Goliyaad keessa gadi bade. Namichi guddaan sunis lafa dhaʼee duʼe. Achiis Filisxeemonni lubbuu isaanii oolfachuuf baqatan. Ati hoo akkuma Daawit Yihowaatti ni amanamtaa?

      “Kun namaaf hin dandaʼamu, Waaqayyoof garuu akkana miti; Waaqayyoof wanti hundi ni dandaʼama.”—Maarqos 10:27

      Gaaffii: Yihowaan mootii Israaʼel isa itti aanu akka taʼu kan filate eenyuun ture? Daawit Goliyaadiin kan moʼe akkamitti?

      1 Saamuʼel 16:1-13; 17:1-54

  • Daawitii fi Saaʼol
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Daawit buufata loltootaa Saaʼolitti yommuu iyyu

      BARUMSA 41

      Daawitii fi Saaʼol

      Daawit Goliyaadiin erga ajjeesee booda, Saaʼol Mootichi ajajaa raayyaa waraanaa isaa isa godhate. Daawit waraana hedduu irratti waan injifateef, nama baayʼee beekamaa taʼe. Daawit yommuu waraana irraa gara manaatti deebiʼu dubartoonni shubbisaa fi sirbaa, ‘Saaʼol kumaatama ajjeese, Daawit immoo kumaatama kudhan ajjeese!’ jedhu turan. Saaʼol, Daawititti waan hinaafeef isa ajjeesuu barbaade.

      Daawit akka gaariitti baganaa taphachuu dandaʼa ture. Gaaf tokko utuu Daawit Saaʼoliif baganaa taphachaa jiruu, mootichi eeboo isaa itti darbate. Daawit hamma xinnoof waan jalaa miliqeef, eeboon sun keenyan waraane. Sana booda Saaʼol, Daawitiin ajjeesuuf yeroo hedduudhaaf yaalii godhee ture. Dhuma irrattis, Daawit dhokachuuf gara lafa onaatti baqate.

      Daawit utuu Saaʼol ciisuu eeboo isaa yommuu fudhatu

      Saaʼolis loltoota 3,000 fudhatee, barbaadee isa qabuu deeme. Achiis akkuma tasaa holqa dhagaa Daawitii fi namoonni isaa keessa dhokatanitti seene. Namoonni Daawit, ‘Carraan Saaʼoliin itti ajjeestu ammadha’ jedhanii asaasanii dubbatan. Daawit suuta jedhee Saaʼol bira gaʼuudhaan fiixee uffata mootichaa kute. Saaʼol garuu kana hin hubanne. Sana booda, Daawit mootii Yihowaan dibeef kabaja utuu hin argisiisin hafuu isaatti sammuun isaa isa ceephaʼe. Kanaaf, namoonni isaa Saaʼoliin akka ajjeesan isaaniif hin heyyamne. Achiis sagalee guddaadhaan Saaʼoliin waamee, isa ajjeesuuf carraa argatee akka ture itti hime. Haalli kun ilaalcha Saaʼol Daawitiif qabu jijjiireeraa?

      Lakki. Saaʼol Daawitiin barbaaduu isaa ittuma fufeera. Gaaf tokko halkan, Daawitii fi Abishaay ilmi obboleettii isaa bakka Saaʼol buufate keessa dhokatanii seenan. Yeroo kanatti Abneer inni eegduu Saaʼol taʼe illee rafee ture. Abishaay, ‘Kun carraa gaarii dha! Isan ajjeesa’ jedhe. Daawit garuu deebisee, ‘Saaʼol irratti tarkaanfii kan fudhatu Yihowaa dha. Eeboo isaa fi miʼa bishaanii isaa qofa fudhannee haa deemnu’ jedhe.

      Sana booda Daawit tulluu naannoo buufata Saaʼol gubbaa jiru tokkotti ol baʼe. Achiis sagalee isaa guddisee, ‘Abneer, maaliif mootii kee eeguu dhiiste? miini bishaanii fi eeboon Saaʼol eessa jira?’ jedhe. Saaʼolis, sagalee Daawit taʼuu isaa beekee, ‘Ati na ajjeesuu dandeessa turte, garuu kana hin goone. Ati mootii Israaʼel isa itti aanu akka taatu beeka’ jedhe. Kana booda, Saaʼol gara mana mootummaa isaatti deebiʼe. Haa taʼu malee, Daawitiin kan jibbu maatii Saaʼol hunda hin turre.

      “Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa. Yaa obboloota jaallatamo, . . . dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee ofii keessan haaloo hin baʼinaa.” —Roomaa 12:18, 19

      Gaaffii: Saaʼol Daawitiin ajjeesuu kan barbaade maaliifi? Daawitoo Saaʼoliin ajjeesuu kan dide maaliifi?

      1 Saamuʼel 16:14-23; 18:5-16; 19:9-12; 23:19-29; 24:1-15; 26:1-25

  • Yonaataan Isa Ija Jabeessaa fi Amanamaa
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yonaataanii fi nama miʼa lolaa isaaf baatu

      BARUMSA 42

      Yonaataan Isa Ija Jabeessaa fi Amanamaa

      Yonaataan ilmi Saaʼol Mootichaa inni angafti loltuu ija jabeessa ture. Daawit, Yonaataan joobira caalaa kan saffisu fi leenca caalaa kan jabaatu akka taʼe dubbateera. Gaaf tokko Yonaataan loltoota Filisxeem 20 tabba tokko irratti arge. Achiis nama miʼa lolaa isaaf baatuun, ‘Yihowaan yoo mallattoo nuu kenne isaan haleella. Filisxeemonni gara keenyatti ol kottaa yoo nuun jedhan, isaan haleella’ jedhe. Filisxeemonnis, ‘Gara keenyatti ol baʼaatii nuu wajjin wal waraanaa!’ jedhanii iyyan. Kanaaf, namoonni lamaan sun gaaricha irra ol baʼanii loltoota sana injifatan.

      Yonaataan miʼoota tokko tokko yommuu Daawitiif kennu

      Yonaataan ilma Saaʼol isa angafaa waan taʼeef, abbaa isaatti aansee mootii kan taʼu isa ture. Yonaataan garuu, Yihowaan abbaa isaatti aansee mootii Israaʼel akka taʼuuf Daawitiin akka filate beeka ture; taʼus isatti hin hinaafne. Yonaataanii fi Daawit michoota walitti dhihaatan taʼan. Wal irra goruu fi walii falmuuf waadaa walii galanii turan. Yonaataan jaalala isaaf qabu argisiisuuf jecha Daawitiif, uffata isaa, goraadee isaa, iddaa isaa fi qabattoo isaa isaaf kenne.

      Daawit yommuu Saaʼol jalaa baqate, Yonaataan gara isaa dhaqee, ‘Jabaadhu, ija jabeessa taʼi. Yihowaan mootii akka taatuuf si filateera. Abbaan koo iyyuu kana ni beeka’ isaan jedhe. Ati hoo michuu gaarii akka Yonaataan argachuu hin barbaadduu?

      Yonaataan michuu isaa kana balaa irraa oolchuuf jecha, siʼa tokkoo ol lubbuu isaa balaadhaaf saaxileera. Yonaataan, Saaʼol Mootichi Daawitiin ajjeesuu akka barbaadu beeka ture; kanaaf abbaa isaatiin, ‘Daawitiin ajjeesuun kee cubbuu sitti taʼa; inni dogoggora tokko illee hin raawwanne’ jedhe. Saaʼolis Yonaataanitti baayʼee aare. Waggoota muraasa booda, Saaʼolii fi Yonaataan waraana irratti ajjeefaman.

      Yonaataan erga duʼee booda, Daawit Mefibosheet ilma Yonaataaniin argachuuf yaalii godhe. Daawit yommuu isa argatus akkana isaan jedhe: ‘Abbaan kee anaaf michuu gaarii waan tureef, ani jireenya kee guutuu sin kunuunsa. Ati masaraa mootummaa koo keessaa ni jiraatta, maaddii koo irraas ni nyaatta.’ Daawit, michuu isaa Yonaataaniin matumaa hin irraanfanne.

      “Akkuman isin jaalladhe isinis wal jaalladhaa. Nama michoota isaatiif lubbuu isaa dabarsee kennu caalaa, eenyu iyyuu jaalala guddaa qabaachuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 15:12, 13

      Gaaffii: Yonaataan ija jabeessa taʼuu isaa kan argisiise akkamitti? Amanamaa taʼuu isaa hoo kan argisiise akkamitti?

      1 Saamuʼel 14:1-23; 18:1-4; 19:1-6; 20:32-42; 23:16-18; 31:1-7; 2 Saamuʼel 1:23; 9:1-13

  • Cubbuu Daawit Mootichaa
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Naataan raajichi Daawit Mooticha yommuu gorsu

      BARUMSA 43

      Cubbuu Daawit Mootichaa

      Saaʼol yommuu duʼu, Daawit mootii taʼe. Yeroo kanatti umuriin isaa waggaa 30 ture. Waggoota muraasaaf mootii taʼee erga turee booda, gaaf tokko galgala baaxii masaraa mootummaa isaa irra utuu jiruu dubartii bareedduu tokko arge. Daawit dubartiin kun maqaan ishii Baat Sheebaa akka taʼee fi haadha manaa loltuu Uuriyaa jedhamu tokkoo akka taate hubate. Sana booda Baat Sheebaa gara mana mootummaa isaatti akka ishii fidan ajaje. Achiis saalqunnamtii kan raawwatan siʼa taʼu, ishiinis ni ulfoofte. Daawit wanta raawwate kana dhoksuuf yaalee ture. Uuriyaa tarree lolaa isa fuulduraa irra akka dhaabanii fi achiis isa dhiisanii akka baqatan ajajaa loltootaa isaatti hime. Uuriyaan waraana irratti erga duʼee booda, Daawit Baat Sheebaa fuudhe.

      Daawit Mootichi dhiifama argachuuf yommuu kadhatu

      Yihowaan garuu wanta hamaa raawwatame hunda argeera. Maal godha laata? Naataan raajicha gara Daawititti erge. Naataanis akkana isaan jedhe: ‘Namichi sooressi hoolota hedduu qabu tokko jira ture; namichi hiyyeessi tokko immoo hoolaa xinnoo baayʼee jaallatu tokkittii qaba ture. Namichi sooressi sunis hoolaa tokkittii hiyyeessa sanaa jalaa fudhate.’ Yeroo kanatti Daawit baayʼee aaree, ‘Namichi sooressi sun duʼuu qaba!’ jedhe. Naataanis deebisee, ‘Namichi sooressi sun si dha!’ isaan jedhe. Daawitis baayʼee gaddee, ‘Yihowaa irratti cubbuu hojjedheera’ jedhee dhugaa isaa Naataanitti hime. Cubbuun Daawit raawwate kun, isaa fi maatii isaa irratti rakkina hedduu geessiseera. Yihowaan Daawitiin kan adabe taʼus, Daawit amanamaa fi kan gad of qabu waan tureef duʼa isatti hin murteessine.

      Daawit Yihowaadhaaf mana qulqullummaa ijaaruu barbaadee kan ture taʼus, Yihowaan ilmi isaa Solomoon mana qulqullummaa akka isaaf ijaaruuf filate. Daawitis Solomooniif wanta barbaachisu qopheessuu jalqabe; akkasumas akkana isaan jedhe: ‘Manni qulqullummaa Yihowaa baayʼee dinqisiisaa taʼuu qaba. Solomoon ijoollee waan taʼeef wanta barbaachisu qopheessuudhaan isa nan gargaara.’ Daawit hojii ijaarsa kanaatiif qabeenya isaa keessaa qarshii hedduu kenneera. Hojjettoota ogummaa qabanis qopheesseera. Warqii fi meetii walitti qabeera; akkasumas Xiirosii fi Siidoonii muka gaattiraa akka fidan godheera. Yommuu duʼuu jala gaʼu, pilaanii mana qulqullummaa hojjetamu sanaa Solomoonitti kenne. Achiis akkana isaan jedhe: ‘Yihowaan wantoota kana akkan siif barreessu natti himeera. Yihowaan si gargaara. Kanaaf hin sodaatin. Jabaadhuu hojicha jalqabi.’

      Daawit pilaanii mana qulqullummaa irratti Solomoon isa dargaggeessa turee wajjin yommuu mariʼatan

      “Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu, namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.”—Fakkeenya 28:13

      Gaaffii: Daawit cubbuu akkamii raawwate? Daawit ilma isaa Solomooniin gargaaruuf maal godhe?

      2 Saamuʼel 5:3, 4, 10; 7:1-16; 8:1-14; 11:1–12:14; 1 Seenaa Baraa 22:1-19; 28:11-21; Faarfannaa 51:1-19

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi