-
Fakkeenya Maasii Wayinii Ilaalchisee Dubbatame LamaYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
BOQONNAA 106
Fakkeenya Maasii Wayinii Ilaalchisee Dubbatame Lama
MAATEWOS 21:28-46 MAARQOS 12:1-12 LUQAAS 20:9-19
FAKKEENYA ILMAAN LAMA ILAALCHISEE DUBBATAME
FAKKEENYA QONNAAN BULTOOTA MAASII WAYINII ILAALCHISEE DUBBATAME
Yesuus mana qulqullummaa keessatti, dura buutota lubootaa fi maanguddoota sabichaa warra aangoo maaliitiin wantoota kana akka hojjetu isa gaafataniif deebii kennee ture. Deebiin Yesuus isaanii kenne afaan isaan qabsiise. Achiis, fakkeenya namoota akkamii akka taʼan saaxilu tokko dubbate.
Akkana jedhe: “Namichi tokko ijoollee lama qaba ture. Gara ilma isaa isa jalqabaa dhaqee, ‘Ilma ko, harʼa gara maasii wayinii dhaqii hojjedhu’ jedheen. Ilmi isaa kunis, ‘Hin dhaqu’ jedhee deebiseef, booda garuu gaabbee dhaqe. Ilma isaa isa lammataa bira dhaqees akkanuma jedheen. Innis, ‘Nan dhaqa Gooftaa ko’ jedhee deebiseef; garuu utuu hin dhaqin hafe. Lamaan isaanii keessaa fedhii abbaa isaa kan raawwate isa kami?” (Maatewos 21:28-31) Deebiin isaa ifa dha; dhuma irratti fedha abbaa isaa kan raawwate mucaa isa jalqabaa ti.
Kanaaf, Yesuus mormitoota isaatiin akkana jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni isin dursanii Mootummaa Waaqayyootti galu.” Warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni jalqaba irratti Waaqayyoon hin tajaajilan turan. Taʼus, akkuma ilma isa jalqabaa yeroo booda yaada geddarachuudhaan Waaqayyoon tajaajilaa jiru. Gama biraatiin geggeessitoonni amantii akka ilma isa lammaffaa ti; Waaqayyoon akka tajaajilan kan dubbatan taʼus, hojiidhaan hin argisiisan. Yesuus akkana jedhe: “Yohaannis [Cuuphaan] daandii qajeelummaa isin barsiisaa dhufe; isin garuu isatti hin amanne. Warri qaraxa sassaabanii fi gaalamootonni garuu isatti amananiiru; isin garuu, kanuma ilaaltanii illee gaabbitanii isatti hin amanne.”—Maatewos 21:31, 32.
Yesuus itti aansee fakkeenya kan biraa dubbate. Yesuus yeroo kanatti wanti geggeessitoonni amantii raawwatan, Waaqayyoon tajaajiluu dhiisuu irra iyyuu kan darbu akka taʼe agarsiise. Namoonni kun hamoota dha. Yesuus akkana jedhe: “Namni tokko wayinii dhaabee naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare; sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe. Yeroon itti firii sassaaban yommuu gaʼus, firii wayinichaa keessaa gaʼaa isaa akka isaaf fiduuf garbicha isaa tokko gara qonnaan bultoota sanaatti erge. Isaan garuu qabanii isa reeban, harka duwwaas isa ariʼan. Ammas garbicha kan biraa isaanitti erge, isaan garuu mataa isaa buruqsan, akkasumas isa salphisan. Ammas garbicha kan biraa erge, isaan garuu isas ni ajjeesan; kan biraa hedduus isaanitti erge, isaan garuu isaan keessaa tokko tokko ni reeban, tokko tokko immoo ni ajjeesan.”—Maarqos 12:1-5.
Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran fakkeenyicha ni hubatuu laata? Wanta Isaayaas akkana jechuudhaan dubbate yaadatanii taʼuu dandaʼa: “Iddoon dhaabaa waynii Waaqayyo gooftaa maccaa kun mana Israaʼel; [dhaabni] waynii inni itti gammadus namoota Yihudaa ti; inni isaan keessatti firdii qajeelaa abdatee ture, kunoo, dhiiga dhangalaasuutu taʼe.” (Isaayaas 5:7) Fakkeenyi Yesuus dubbates yaada kanaa wajjin wal fakkaata. Abbaan lafaa Yihowaa, maasiin wayinichaa saba Israaʼel yommuu taʼu, akka dallaatti eegumsa kan isaaniif godhu immoo Seera Waaqayyoo ti. Yihowaan saba isaa barsiisuudhaan firii gaarii akka godhatan akka isaan gargaaraniif raajota isaa ergee ture.
Haa taʼu malee, ‘qonnaan bultoonni’ kun ‘garboota’ gara isaaniitti ergaman sana miidhaniiru, akkasumas ajjeesaniiru. Yesuus itti aansee akkana jedhe: “Amma kan isa hafe ilma isaa isa jaallatamaa dha. Dhuma irrattis ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge. Qonnaan bultoonni sun garuu, ‘Dhaaltichi isa kana dha. Kottaa, isa ni ajjeesna, dhaalli isaas kan keenya taʼa’ waliin jedhan. Kanaaf isaan qabanii isa ajjeesan.”—Maarqos 12:6-8.
Achiis Yesuus, “Maarree, abbaan maasii wayinichaa maal isaan godha?” jedhee isaan gaafate. (Maarqos 12:9) Geggeessitoonni amantiis akkana jedhanii deebisan: “Hamoota waan taʼaniif badiisa guddaa isaan irra geessisa; maasii wayinii isaas qonnaan bultoota kan biraa oomisha isaa yeroo isaatti isaaf kennaniif kireessa.”—Maatewos 21:41.
Namoonni kun “qonnaan bultoota” “maasii wayinii” Yihowaa keessaa hojjetan, jechuunis saba Israaʼel keessaa waan taʼaniif yeroo akkana jedhan utuu hin beekin ofuma isaaniitti murteessan. Firii Yihowaan qonnaan bultoota kana irraa eegu Ilma isaatti, jechuunis Masiihichatti amanuu kan dabalatu dha. Yesuus geggeessitoota amantii sana ilaalaa akkana isaaniin jedhe: “Isin Kitaaba Qulqulluu keessaa isa akkana jedhu kana matumaa hin dubbisnee? ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu taʼe. Kunis Yihowaa biraa dhufe, ija keenyaafis dinqii dha.’” (Maarqos 12:10, 11) Achiis, Yesuus akkana jechuudhaan yaada isaa ifa taasise: “Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba firii isaa godhatuuf ni kennama kan ani isiniin jedhus kanaafi.”—Maatewos 21:43.
Barreessitoonnii fi dura buutonni lubootaa, Yesuus “fakkeenya kana kan dubbate isaaniin yaadatti qabatee akka taʼe” hubatan. (Luqaas 20:19) Kanaaf, yeroo kam iyyuu caalaa, Yesuusiin, jechuunis ‘dhaalticha’ isa mirga qabu ajjeesuu barbaadan. Taʼus, namoota walitti qabamanii jiranii fi Yesuusiin akka raajiitti ilaalan waan sodaataniif yeruma sana isa ajjeesuuf hin yaalle.
-
-
Mootiin Tokko Namoota Cidha Gaaʼelaa Irratti Afeeraman WaameYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
BOQONNAA 107
Mootiin Tokko Namoota Cidha Gaaʼelaa Irratti Afeeraman Waame
FAKKEENYA CIDHA GAAʼELAA ILAALCHISEE DUBBATAME
Yesuus yeroon inni tajaajila isaa itti raawwatu gara xumuraatti yommuu dhihaatu, fakkeenyota dubbachuudhaan barsiisota seeraa fi dura buutota lubootaa saaxiluu isaa itti fufe. Kanaaf, namoonni kun isa ajjeesuu barbaadan. (Luqaas 20:19) Taʼus, Yesuus isaan saaxiluu isaa hin dhiisne. Fakkeenya kan biraa dubbate.
Akkana jedhe: “Mootummaan samii, mootii ilma isaatiif cidha gaaʼelaa qopheessee wajjin wal fakkaata. Mootichi namoota cidha gaaʼelaa sana irratti afeeraman akka waamaniif garboota isaa isaanitti erge; warri afeeraman garuu dhufuu hin barbaadne.” (Maatewos 22:2, 3) Yesuus fakkeenya isaa kan jalqabe “Mootummaan samii” jechuudhaani dha. Kanaaf, “mootichi” Yihowaa taʼuu qaba. Ilmi mootichaa fi namoonni cidha gaaʼelaa irratti afeeraman hoo eenyuun argisiisu? Ilmi mootichaa, Ilma Yihowaa isa fakkeenya kana dubbachaa jiru akka taʼe, warri afeeraman immoo warra Mootummaa samii keessatti Ilmichaa wajjin taʼan akka taʼan hubachuun ulfaataa miti.
Jalqaba irratti kan afeeramu eenyu faʼi? Yesuusii fi ergamoonni isaa waaʼee Mootummichaa lallabaa kan turan eenyutti? Yihudootatti dha. (Maatewos 10:6, 7; 15:24) Sabni kun Dh.K.D. bara 1513 tti kakuu Seerichaa fudhachuudhaan, “Mootummaa lubootaa” (NW) taʼuuf mirga argachuudhaan warra jalqabaa taʼaniiru. (Baʼuu 19:5-8) Haa taʼu malee, gara ‘cidha gaaʼelaatti’ kan waamaman yoomi? Afeerraan kun dhihaachuu kan jalqabe Dh.K.B. bara 29 tti, yeroo Yesuus waaʼee Mootummaa samii lallabuu jalqabetti dha jechuun ni dandaʼama.
Israaʼeloonni hedduun afeerraa kanaaf deebii akkamii kennan? Akkuma Yesuus jedhee ture, “dhufuu hin barbaadne.” Geggeessitoota amantii fi sabicha keessaa hedduun Yesuus Masiihichaa fi Mootii Waaqayyo muude taʼuu isaa hin amanne.
Haa taʼu malee, Yesuus Yihudoonni kun carraa kan biraa akka argatan argisiiseera. Akkana jedhe: “Ammas [mootichi] ‘Warra afeeraman sanaan, “Kunoo, ani cidha qopheesseera; sangoonnii fi horiin koo warri coccoomoon qalamaniiru; wanti hundinuus qophaaʼeera. Kanaaf, gara cidha gaaʼelaatti kottaa” jedhaatii itti himaa’ jedhee garboota kan biraa isaanitti erge. Isaan garuu afeerrii isaa tuffatanii, inni tokko gara qotiisa isaatti deeme; inni tokko immoo gara daldala isaatti deeme; warri kaanis garboota isaa qabanii erga isaan salphisanii booda isaan ajjeesan.” (Maatewos 22:4-6) Kun erga gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee booda wanta taʼu kan argisiisu dha. Yeroo sanatti, Yihudoonni Mootummicha dhaaluuf ammas mirga kan argatan taʼus, baayʼeen isaanii afeerraa kana kan hin fudhanne taʼuu isaa irra iyyuu, ‘garboota mootichaa’ salphisaniiru.—Hojii Ergamootaa 4:13-18; 7:54, 58.
Kun sabicha irratti maal geessisa? Yesuus, “Mootichis akka malee waan aareef, loltoota isaa ergee namoota garboota isaa ajjeesan sana ni ajjeese; magaalaa isaaniis ni gube” jedhe. (Maatewos 22:7) Dh.K.B. bara 70 tti warri Roomaa “magaalaa isaanii” Yerusaalemiin yeroo balleessanitti kun Yihudoota irra gaʼeera.
Yihudoonni waamicha mootichaa waan hin fudhanneef namni afeeramu kan biraa hin jiru jechuu dhaa? Fakkeenya Yesuus irraa akka hubannutti akkas jechuu miti. Yesuus itti fufee akkana jedhe: “Achiis [mootichi] garboota isaatiin akkana jedhe: ‘Cidhni gaaʼelaa qophaaʼeera; warri afeeraman garuu kan isaaniif hin malle taʼaniiru. Kanaaf, gara karaa guguddaa magaalattiitti baʼaatii, nama argattan hunda gara cidha gaaʼelaa kanatti waamaa.’ Garboonni sunis akkuma jedhaman karaa guguddaatti baʼanii namoota argatan hunda, isa hamaas isa gaariis walitti qaban; galmi cidhichaas keessummootaan guutame.”—Maatewos 22:8-10.
Pheexiros ergamaan yeroo booda Kiristiyaanota dhugaa akka taʼaniif, warra saba Waaqayyoo hin taane jechuunis, warra dhalootaan Yihudii hin taane ykn warra gara Yihuudiitti hin jijjiiramne ni gargaara. Dh.K.B. bara 36 tti, ajajaa dhibbaa warra Roomaa kan taʼe Qorneelewosii fi maatiin isaa hafuura qulqulluu kan fudhatan siʼa taʼu, Mootummaa samii Yesuus caqase dhaaluuf mirga argataniiru.—Hojii Ergamootaa 10:1, 34-48.
Yesuus ‘mooticha’ biratti fudhatama kan argatan warra cidhicha irratti argaman hunda akka hin taane ibseera. Akkana jedhe: “Mootichi keessummoota sana ilaaluu yommuu dhufu garuu, nama uffata cidhaa hin uffanne tokko arge. Namichaanis, ‘Michuu ko, uffata cidhaa utuu hin uffatin akkamitti ol galte?’ jedheen. Namichis waan dubbatu wallaale. Yeroo kanatti mootichi tajaajiltoota isaatiin, ‘Harka isaa fi miilla isaa hidhaatii dukkana ala jirutti gad darbadhaa. Achittis ni booʼa, ilkaan isaas ni qara’ jedhe. Namoonni afeeraman hedduu dha; kan filataman garuu muraasa.”—Maatewos 22:11-14.
Geggeessitoonni amantii Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran hiika ykn ergaa wanta inni dubbachaa jiruu hin hubanne taʼa. Haa taʼu malee, namoonni kun wanta kanatti kan hin gammadne siʼa taʼu, nama qaanii isaanitti fide kana dhabamsiisuuf yeroo kam iyyuu caalaa kutatan.
-
-
Yesuus Yaalii Kiyyootti Isa Galchuuf Taasifame FashaleesseYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
BOQONNAA 108
Yesuus Yaalii Kiyyootti Isa Galchuuf Taasifame Fashaleesse
MAATEWOS 22:15-40 MAARQOS 12:13-34 LUQAAS 20:20-40
WANTA KAN QEESAAR TAʼE QEESAARIIF
DUʼAA KAʼUU BOODA GAAʼELLI JIRAA?
AJAJAWWAN HUNDA IRRA CAALAN
Yesuus fakkeenyota hamoota taʼuu isaanii saaxilan waan dubbateef, diinonni isaa aaraniiru. Amma Fariisonni kiyyootti isa galchuuf mariʼatan. Wanta bulchaa warra Roomaa duratti isa dhiheessuuf isaan dandeessu akka inni dubbatu gochuuf kan yaalan siʼa taʼu, kiyyootti akka isa galchaniifis barattoota isaanii muraasaaf ni kaffalan.—Luqaas 6:7.
Barattoonni isaanii kunis akkana jedhan: “Barsiisaa, ati wanta sirrii taʼe akka dubbattuu fi akka barsiistu, namootas akka wal hin caalchisne, kanaa mannaa, daandii Waaqayyoo dhugaadhaan akka barsiistu beekna. Qeesaariif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti?” (Luqaas 20:21, 22) Yesuus akkana kan jedhan fakkeessuudhaan akkasumas haxxummaadhaan akka taʼe waan hubateef jaja isaaniitiin hin gowwoomfamne. ‘Gibira kana kaffaluun sirrii miti’ yoo jedhe, mootummaa Roomaa irratti namoota kakaase jedhamee himatamuu dandaʼa. ‘Gibira kana kaffalaa’ yoo jedhe immoo, namoonni bittaa warra Roomaatiin hacuucaman isa irratti kaʼuu dandaʼu. Kanaaf, maal jedhee deebisa laata?
Yesuus, “Fakkeessitoota nana, maaliif na qortu? Mee saantima gibiraaf kaffalamu sana natti argisiisaa?” jedhe. Isaanis dinaaree tokko isatti kan fidan siʼa taʼu, Yesuus “Fakkiin kunii fi barreeffamni kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafateen. Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. Achiis Yesuus, “Yoos wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof kennaa” jechuudhaan deebii ogummaa irratti hundaaʼe isaaniif kenne.—Maatewos 22:18-21.
Namoonni kun deebii Yesuus baayʼee dinqisiifatan. Deebii inni ogummaadhaan deebise, afaan waan isaan qabsiiseef achii deeman. Haa taʼu malee, guyyaan kunis taʼe carraaqqiin isaan kiyyootti isa galchuuf taasisan hin xumuramne. Yaaliin Fariisonni taasisan erga fashalaaʼee booda, geggeessitoonni garee amantii kan biraa gara Yesuus dhufan.
Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan, waaʼee duʼaa kaʼuu fi waaʼee obboleessa abbaa manaatti heerumuu isa gaafatan. Akkana jedhan: “Barsiisaa, Museen ‘Namni tokko utuu dhala hin godhatin yoo duʼe, obboleessi isaa haadha manaa namicha duʼe sanaa fuudhee, sanyii obboleessa isaa bakka haa buusu’ jedhee ture. Obbolaan torba nuu wajjin jiraatu turan. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu dhala hin godhatin waan duʼeef, obboleessi isaa dubartittii fuudhe. Inni lammaffaan, inni sadaffaan, hamma isa torbaffaatti ishii fuudhanii utuu dhala hin godhatin duʼan. Hunduma isaanii boodas dubartittiin ni duute. Kanaaf, hundi isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti torban isaanii eessaa haadha manaa isa kamii taati?—Maatewos 22:24-28.
Yesuusis yaada Museen barreessee fi Saduuqonni itti amanan irratti hundaaʼuudhaan akkana jedhee isaaniif deebise: “Isin kan dogoggortan Kitaabota Qulqulluus taʼe humna Waaqayyoo waan hin beekneef mitii ree? Sababiin isaas yeroo duʼaa kaʼan dhiironni hin fuudhan, dubartoonnis hin heeruman; kanaa mannaa, akka maleekota samii irraa taʼu. Duʼaa kaʼuu warra duʼanii ilaalchisee garuu kitaaba Musee isa waaʼee tusii bobaʼuu dubbatu keessatti Waaqayyo Museedhaan akkana jechuu isaa hin dubbisnee? ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi.’ Inni Waaqa warra jiraniiti malee, Waaqa warra duʼanii miti. Isin baayʼee dogoggortaniittu.” (Maarqos 12:24-27; Baʼuu 3:1-6) Namoonni walitti qabamanii jiran deebii isaa kana baayʼee dinqisiifatan.
Yesuus Fariisotaa fi Saduuqota afaan waan qabsiiseef, mormitoonni kun dabalataan isa qoruuf tokkummaa uumanii dhufan. Barsiisaan seeraa tokko, “Barsiisaa, Seericha keessaa ajajni hunda irra caalu isa kami?” jedhee isa gaafate.—Maatewos 22:36.
Yesuusis akkana jedhee deebiseef: “Inni duraa isa kana, ‘Yaa Israaʼel dhagaʼi, Waaqni keenya Yihowaan, Yihowaa tokkicha dha; Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan jaalladhu.’ Ajajni inni lammaffaanis, ‘Nama akka ofii keetti jaalladhu’ kan jedhu dha. Ajajni kana irra caalu kan biraan hin jiru.”—Maarqos 12:29-31.
Barsiisaan seeraa sunis kana yeroo dhagaʼu akkana jedhe: “Barsiisaa, wanti ati dubbatte dhugaa dha, ‘Inni Tokkicha, isa malees kan biraan hin jiru’; garaa guutuudhaan, hubannaa guutuudhaan, humna guutuudhaan isa jaallachuun, akkasumas nama akka ofiitti jaallachuun kennaa guutummaatti gubamuu fi aarsaa hundumaa irra baayʼee caala.” Yesuus barsiisaan seeraa kun hubannaadhaan akka deebise waan argeef, “Ati Mootummaa Waaqayyoo irraa kan fagaatte miti” jedheen.—Maarqos 12:32-34.
Yesuus guyyaa sadiif (Niisaan 9, 10 fi 11) mana qulqullummaa keessatti barsiisaa ture. Namoonni tokko tokko akkuma barsiisaa seeraa kanaa gammachuudhaan isa dhaggeeffataniiru. Geggeessitoonni amantii garuu akkana hin goone. Isaan amma ‘gaaffii isa gaafachuuf illee ija hin jabaanne.’
-
-
Mormitoota Isaa BalaaleffateYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
BOQONNAA 109
Mormitoota Isaa Balaaleffate
MAATEWOS 22:41–23:24 MAARQOS 12:35-40 LUQAAS 20:41-47
KIRISTOOS ILMA EENYUU TI?
YESUUS MORMITOOTA ISAA FAKKEESSITUU TAʼAN SAAXILE
Mormitoonni Yesuus, maqaa isaa balleessuu fi kiyyootti isa galchuudhaan warra Roomaatti dabarsanii isa kennuuf yaalii isaan taasisan hin milkoofne. (Luqaas 20:20) Ammas guyyaan isaa Niisaan 11 yommuu taʼu, Yesuus amma iyyuu mana qulqullummaa keessa jira. Yeroo kanatti Yesuus dhimmicha isaanitti kan garagalche siʼa taʼu, eenyummaa isaa isa dhugaas isaan beeksise. Dursa fudhatee, “Waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate. (Maatewos 22:42) Kiristoos ykn Masiihichi sanyii Daawit keessaa akka dhufu namoonni sirriitti beeku. Namoonni kunis akkanuma jedhanii deebisan.—Maatewos 9:27; 12:23; Yohaannis 7:42.
Yesuusis akkana jedhee gaafate: “Maarree, Daawit akkamitti hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ jedhee isa waama? Daawit, ‘Yihowaan Gooftaa kootiin, “Ani diinota kee miilla kee jala hamman siif godhutti ati mirga koo taaʼi” jedheera’ jedhee dubbateera. Maarree Daawit Gooftaa jedhee erga isa waamee, akkamitti ilma isaa taʼa?”—Maatewos 22:43-45.
Fariisonni kan eegaa turan nama sanyii Daawit keessaa dhufuu fi bittaa warra Roomaa jalaa bilisa isaan baasu waan taʼeef ni callisan. Yesuus garuu yaada Daawit isa Faarfannaa 110:1, 2 irratti galmeeffamee jiru irratti hundaaʼuudhaan, Masiihichi nama mootii taʼe tokkoo ol akka taʼe hubachiise. Inni Gooftaa Daawiti dha; mirga Waaqayyoo erga taaʼee boodas, aangoon isaaf kennama. Deebiin Yesuus kenne mormitoota isaa afaan qabsiise.
Barattoonnii fi namoonni hedduun dhaggeeffachaa turan. Amma Yesuus isaanitti kan dubbate siʼa taʼu, waaʼee barsiisota seeraa fi Fariisotaa isaan akeekkachiise. Geggeessitoonni kun Seera Waaqayyoo barsiisuuf, “barcuma Musee irra of kaaʼaniiru.” Yesuus dhaggeeffattootaan akkana jedhe: “Wanta isaan isinitti himan hunda hojii irra oolchaa, akkasumas eegaa; garuu isaan wanta dubbatan hojii irra waan hin oolchineef, akka isaan godhan hin godhinaa.”—Maatewos 23:2, 3.
Achiis Yesuus wantoota fakkeessitummaa isaanii argisiisan tokko tokko caqase. “Kudhaama guguddaa kaaʼatu” jedhe. Yihudoonni tokko tokko addaa fi harka isaanii irratti kudhaama xinnoo caqasni Seericha irraa fudhatame keessa jiru ni hidhatu. Fariisonni garuu Seerichaaf waan hinaafan fakkeessuuf kudhaama guddaa hidhatu. “Foʼaa fiixee uffata isaaniis ni dheereffatu.” Israaʼeloonni fiixee uffata isaanii irratti shaashara baafachuu qabu turan. Fariisonni garuu shaashara kana garmalee dheeressu. (Lakkoobsa 15:38-40) Kana hunda kan godhan “namootatti of argisiisuuf” jedhanii ti.—Maatewos 23:5.
Barattoonni Yesuus illee fedhiin iddoo guddaa argachuu isaan keessatti uumamuu waan dandaʼuuf akkana jedhee isaan gorse: “Barsiisaan keessan tokko qofa waan taʼeef, ‘Rabbii’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin hundi keessan obbolaa dha. Kana malees Abbaan keessan tokkicha isa samii qofa waan taʼeef, lafa irratti eenyuun iyyuu ‘abbaa’ jettanii hin waaminaa. Geggeessaan keessanis tokko, innis Kiristoos qofa waan taʼeef, ‘geggeessaa’ jedhamtanii hin waamaminaa.” Erga akkas taʼee barattoonni ilaalcha akkamii ofiif qabaachuu qabu, akkasumas gochi isaanii kan akkamii taʼuu qaba? Yesuus, “Inni hunda keessan irra caalu tajaajilaa keessan haa taʼu. Namni ol ol of qabu hundi gad ni deebisama; namni gad of qabu hundi garuu ol ol ni qabama” isaaniin jedhe.—Maatewos 23:8-12.
Achiis Yesuus barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessituu taʼan kanatti yaada jabaa dubbate. Akkana jedhe: “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana isiniif wayyoo! Isin balbala Mootummaa samii namootatti cuftu; ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuu dhufanis ni dhowwitu!”—Maatewos 23:13.
Yesuus, Fariisonni wanta Yihowaa duratti caalaatti barbaachisaa taʼeef xiyyeeffannaa waan hin kennineef isaan balaaleffate. Fakkeenyaaf, “Namni tokko mana qulqullummaatiin yoo kakate homaa miti; warqii mana qulqullummaa keessa jiruun yoo kakate garuu waadaa isaa raawwachuuf dirqamni isa irra jira” jedhu. Kan isaan xiyyeeffatan manni qulqullummaa bakka Waaqa isaanii Yihowaa itti waaqeffatanii fi isatti itti dhihaatan taʼuu isaa irratti utuu hin taʼin, warqii achi keessa jiru irratti taʼuun isaa karaa hafuuraa jaamota akka taʼan argisiisa. Akkasumas, namoonni kun “wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti” ilaalu.—Maatewos 23:16, 23; Luqaas 11:42.
Yesuus Fariisonni kun, ‘jaamota jaamotatti karaa argisiisanii fi warra bookee calalanii baasan, garuu immoo warra gaala liqimsan!’ akka taʼan dubbate. (Maatewos 23:24) Bookeen akka sirna amantiitti xurooftuu waan taateef wayinii keessaa calalanii baasu. Haa taʼu malee, wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman akka laayyootti kan ilaalan taʼuun isaanii, gaala isa bookee irra baayʼee guddaa fi akka sirna amantiitti xuraaʼaa taʼe liqimsuu wajjin tokko dha.—Lewwoota 11:4, 21-24.
-