LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kiristiyaanummaan Biyyoota Hedduutti Babalʼate
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Phaawulos ergamaa fi Barnaabaas bulchaa biyya Qophros Sargiwos Phaawulosiif yommuu lallaban

      BARUMSA 98

      Kiristiyaanummaan Biyyoota Hedduutti Babalʼate

      Ergamoonni ajaja Yesuus misiraachicha addunyaa maratti akka lallabaniif kenne ajajamaniiru. Dhaloota Kiristoos Booda bara 47​tti obboloonni Anxokiyaa Phaawulosii fi Barnaabaas deemanii akka lallaban isaan ergan. Obboloonni hinaaffaadhaan lallaban kun lamaan, guutummaa Eeshiyaa Ishii Xinnoo, jechuunis gara Darbee, Lisxiraa fi Iqoniyum deemaniiru.

      Phaawulosii fi Barnaabaas, namoota hundaaf, jechuunis sooreyyii, hiyyeeyyii, dargaggootaa fi maanguddootaaf lallabaniiru. Namoonni baayʼeen dhugaa waaʼee Kiristoos dubbatu fudhataniiru. Phaawulosii fi Barnaabaas, Sargiwos Phaawulos isa bulchaa biyya Qophros taʼeef yommuu lallaban falfaltuun tokko isaan morme. Phaawulos falfaltichaan, ‘Dheekkamsi Yihowaa sitti dhufa’ jedhe. Falfaltichis yeruma sana jaame. Sargiwos Phaawulos kana yommuu argu ni amane.

      Phaawulosii fi Barnaabaas bakka hundaatti, jechuunis manaa gara manaatti, gabaatti, karaa irrattii fi manneen sagadaa keessatti lallabaniiru. Lisxiraatti namicha naafa ture tokko yommuu fayyisan, namoonni dinqii raawwatame kana argan akka waaqaatti isaan ilaalanii isaan waaqeffachuu barbaadan. Phaawulosii fi Barnaabaas garuu, ‘Waaqayyoon qofa waaqeffadhaa, nutis namoota dha’ jedhanii isaan dhowwan. Achiis Yihudoonni muraasni dhufanii namoota sana Phaawulos irratti kakaasan. Namoonni sun Phaawulosiin dhagaadhaan erga tumanii booda, kan duʼe waan isaanitti fakkaateef lafa irra harkisanii magaalattii keessaa gad isa baasan. Phaawulos garuu hin duune! Obboloonni yeruma sana gara isaa dhufanii gara magaalaatti isa deebisan. Boodas, Phaawulos gara Anxokiyaatti deebiʼe.

      Phaawulos Dh.K.B. bara 49​tti marsaa lallabaa lammaffaa godhe. Obboloota ilaaluuf Eeshiyaa Ishii Xinnootti erga deebiʼee booda, misiraachicha biyyoota fagootti argaman, jechuunis Awurooppaa keessatti lallabe. Gara Ateenaa, Efesoon, Filiphisiyus, Tasalonqee fi bakkawwan biroo dhaqe. Siilaas, Luqaasii fi dargaggeessi Ximotewos jedhamu Phaawulosii wajjin deemaniiru. Gumiiwwan hundeessuu fi akka jabaatan gargaaruuf walii wajjin hojjetaniiru. Phaawulos obboloota achi jiran jajjabeessuuf waggaa tokkoof walakkaa Qorontos keessa ture. Achi taaʼee lallabeera, barsiiseera, akkasumas gumiiwwan hedduudhaaf xalayaa barreesseera. Kana malees dunkaana hodhaa kan ture siʼa taʼu, yeroo booda, Anxokiyaatti deebiʼeera.

      Phaawulos ergamaan gabaa keessatti yommuu lallabu

      Yeroo booda immoo, Phaawulos Dh.K.B. bara 52​tti adeemsa lallabaa marsaa sadaffaa Eeshiyaa Ishii Xinnoodhaa jalqabe. Gara kaabaatiin hanga Filiiphisiyusitti, karaa gadii immoo hanga Qorontositti deeme. Phaawulos barsiisaa, namoota dhukkubsatan fayyisaa fi gumicha gargaaraa waggaa hedduu Efesoon keessatti dabarse. Kana malees, galma mana barumsaa tokkotti guyyaa guyyaadhaan haasaa sabaa dhiheessa ture. Namoonni hedduun haasaa kana dhaggeeffachuudhaan akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiraniiru. Phaawulos xumura irratti misiraachicha biyyoota hedduutti erga lallabee booda gara Yerusaalem deeme.

      “Kanaafuu, dhaqaatii saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa.”—Maatewos 28:19

      Gaaffii: Kaartaa buukleetii Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru jedhamuu fi Lakkoofsa 17 irratti argamutti fayyadamtee adeemsa lallabaa Phaawulos godhe ibsuu dandeessaa?

      Hojii Ergamootaa 13:1–23:35

  • Eegduun Mana Hidhaa Tokko Kiristiyaana Taʼe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Eegduun mana hidhaa Filiphisiyus balballi mana hidhaa banaa taʼuu isaa fi hidhamtoonni hundi achuma jiraachuu isaanii yommuu ilaalu

      BARUMSA 99

      Eegduun Mana Hidhaa Tokko Kiristiyaana Taʼe

      Magaalaa Filiphisiyus keessa garbittiin jinniidhaan qabamte tokko jirti turte. Jinniin ishii irra jiru, intalattiin wanta gara fuulduraa akka dubbattu ishii taasisa ture; ishiinis gooftolii ishiitiif qarshii hedduu argamsiisti turte. Phaawulosii fi Siilaas gara Filiphisiyus yommuu dhufan, guyyoota hedduudhaaf isaan duukaa deemti turte. Jinnichi, ‘Namoonni kun garboota Waaqa Hundaa Olii ti’ jettee akka iyyitu taasisa ture. Dhuma irratti, Phaawulos ‘Maqaa Yesuus Kiristoosiin ishii keessaa baʼi!’ jedhee jinnicha ajaje. Jinnichis intalattii keessaa ni baʼe.

      Gooftoliin intalattii kana booda qarshiin karaa ishii argamu akka addaan cite yommuu hubatan baayʼee aaran. Phaawulosii fi Siilaasiin gara bulchitoota magaalattiitti isaan geessanii akkana jedhan: ‘Namoonni kun seera cabsuudhaan guutummaa magaalattii jeeqaa jiru!’ Bulchitoonni magaalattiis Phaawulosii fi Siilaas akka reebamanii fi mana hidhaa akka isaan galchan ajajan. Eegduun mana hidhaa sunis kutaa mana hidhaa isa keessi isaa dukkanaaʼaa taʼetti isaan galchee miilla isaanii jirma gidduu galchee hidhe.

      Phaawulosii fi Siilaas hidhamtoonni kaan utuu isaan dhaggeeffatanii faarfannaadhaan Yihowaa jajachaa turan. Akkuma tasaa halkan walakkaa kirkirri lafaa guddaan waan uumameef, manni hidhaa sun gararraadhaa hamma gajjallaatti ni raafame. Balballi mana hidhaa hundi ni baname; fuuncaa fi jirmi hidhamtoonni ittiin hidhamanis isaan irraa hiikaman. Eegduun mana hidhaa sun fiigee gara keessaa yommuu lixu balballi hundi banaa taʼuu isaa arge. Namoonni hidhaman hundi miliqaniiru jedhee waan yaadeef, goraadee isaa luqqifatee of ajjeesuuf kaʼe.

      Yeroo kanatti Phaawulos sagalee guddaadhaan, ‘Hundi keenya asuma waan jirruuf, of hin miidhin!’ jedhe. Eegdichis fiigee gara keessaatti lixee miilla Phaawulosii fi Siilaas jalatti kufe. Achiis, “Fayyuuf maal gochuun qaba?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, ‘Atii fi maatiin kee Yesuusitti amanuu qabdu’ isaan jedhan. Achiis, Phaawulosii fi Siilaas dubbii Yihowaa isaan barsiisan, eegduun mana hidhaa fi namoonni mana isaa hundi ni cuuphaman.

      “Namoonni isin qabu, isin ariʼatu, akkasumas manneen sagadaa fi manneen hidhaatti dabarsanii isin kennu. Maqaa kootiif jettaniis moototaa fi bulchitoota duratti ni dhiheeffamtu. Kunis akka dhugaa baatan carraa isiniif bana.”—Luqaas 21:12, 13

      Gaaffii: Phaawulosii fi Siilaas kan hidhaman maaliifi? Eegduun mana hidhaa sun Kiristiyaana kan taʼe akkamitti?

      Hojii Ergamootaa 16:16-34

  • Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewos
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewos

      BARUMSA 100

      Phaawulosii fi Ximotewos

      Ewunqee , Looyisii fi Ximotewos yeroo mucaa xinnoo turetti

      Ximotewos obboleessa dargaggeessa gumii Lisxiraa keessa jiraatu ture. Abbaan isaa nama Giriikii, haati isaa immoo nama Yihudii turan. Haati isaa Ewunqee fi akkoon isaa Looyis ijoollummaa isaatii jalqabanii waaʼee Yihowaa isa barsiisaniiru.

      Phaawulos adeemsa lallabaa isaa isa marsaa lammaffaa irratti yommuu Lisxiraa daawwatu, Ximotewos obbolootaaf jaalala guddaa akka qabuu fi isaan gargaaruuf hawwii akka qabu hubate. Phaawulos, adeemsa isaa kana irratti Ximotewos isaa wajjin akka deemu isa affeere. Yeroo waliin turan hundatti Phaawulos Ximotewos barsiisaa fi lallabaa misiraachichaa isa gaarii akka taʼuuf isa leenjiseera.

      Phaawulosii fi Ximotewos bakka dhaqaan hundaatti hafuurri qulqulluun isaan geggeessa ture. Gaaf tokko galgala, mulʼataan namni tokko Phaawulos gara Maqedooniyaa dhaqee akka isaan gargaaru isa gaafate. Kanaaf, Phaawulos, Ximotewos, Siilaasii fi Luqaas lallabuu fi gumiiwwan hundeessuuf achi dhaqan.

      Magaalaa Tasalonqee ishii Maqedooniyaatti argamtu keessaa dhiironnii fi dubartoonni baayʼeen Kiristiyaanota taʼan. Haa taʼu malee, Yihudoonni tokko tokko Phaawulosii fi namoota hidhata isaa taʼanitti hinaafan. Namoota isaan irratti kaasan; achiis obboloota lafa irra harkisanii gara bulchitoota magaalattiitti geessuudhaan, ‘Namoonni kun diinota mootummaa Roomaa ti!’ jedhanii iyyan. Phaawulosii fi Ximotewos balaadhaaf waan saaxilamaniif, halkaniin gara Beeriyaatti baqatan.

      Namoonni Beeriyaa misiraachicha barachuuf fedhii guddaa waan qabaniif, Giriikonnii fi Yihudoonni achi jiraatan amantoota taʼan. Haa taʼu malee, Yihudoonni tokko tokko Tasalonqeedhaa dhufanii jeequmsa waan isaan irratti kaasaniif Phaawulos gara Ateenaa dhaqe. Ximotewosii fi Siilaas garuu obboloota jajjabeessuuf Beeriyaatti hafan. Yeroo booda, Phaawulos obboloota ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼaa jiru akka gargaaruuf Ximotewosiin deebisee gara Tasalonqeetti erge. Boodas, gumiiwwan hedduu kan biraa akka daawwatuu fi akka jajjabeessuuf isa ergeera.

      Phaawulos yeroo mana hidhaatti fuuncaadhaan hidhamee eegamaa turetti, Ximotewos xalayaa akka barreessu yommuu itti himu

      Phaawulos Ximotewosiin, ‘Namoonni Yihowaa tajaajiluu barbaadan ni ariʼatamu’ jedheera. Ximotewos sababii amantii isaatiin ariʼatameera, akkasumas hidhameera. Taʼus, carraa Yihowaadhaaf amanamaa akka taʼe itti argisiisu argachuu isaatti gammadeera.

      Phaawulos warra Filiphisiyusiin akkana jedhe: ‘Ani Ximotewosiin gara keessanitti nan erga. Inni dhugaa keessa jiraachuu jechuun maal jechuu akka taʼe isin barsiisa, tajaajilaafis isin leenjisa.’ Phaawulos Ximotewositti amanamuu akka dandaʼu beeka ture. Isaan akka michootaatti waliin hojjetaniiru, waggoota hedduudhaafis waliin tajaajilaniiru.

      “Ani nama akka isaatti waaʼee keessan garaadhaa yaadu kan biraa hin qabu. Warri kaan hundi faayidaa Yesuus Kiristoosiif utuu hin taʼin, faayidaa mataa isaaniitiif carraaqu.”—Filiphisiyus 2:20, 21

      Gaaffii: Ximotewos eenyu dha? Phaawulosii fi Ximotewos michoota gaarii kan waliif taʼan maaliifi?

      Hojii Ergamootaa 16:1-12; 17:1-15; Filiphisiyus 2:19-22; 2 Ximotewos 1:1-5; 3:12, 14, 15; Ibroota 13:23

  • Phaawulos Roomaatti Ergame
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Phaawulosii fi namoonni doonicha irra jiran kaan daakanii ykn caccabaa dooniitti rarraʼanii gara qarqara galaana Maaltaa gaʼuuf yommuu yaalan

      BARUMSA 101

      Phaawulos Roomaatti Ergame

      Adeemsi lallabaa Phaawulos marsaa sadaffaan Yerusaalemitti xumurame. Achitti qabamee mana hidhaatti galfame. Yesuus halkan mulʼataan, ‘Roomaa dhaqxee achitti ni lallabda’ isaan jedhe. Phaawulos Yerusaalemii fuudhamee gara Qisaariyaa ishii waggaa lamaaf itti hidhametti geeffame. Bulchaa Biyyaa Feesxos duratti murtiidhaaf yommuu dhihaatu Phaawulos, ‘Qeesaar murtii akka naa kennuuf Roomaa dhaquun barbaada’ jedhe. Feesxosis, “Qeesaaritti waan ol iyyatteef, gara Qeesaar ni dhaqxa” isaan jedhe. Phaawulos doonii gara Roomaa deemu akka yaabbatu taasifame; obboloonni Kiristiyaanota taʼan lama, jechuunis Luqaasii fi Arisxaarkos isaa wajjin deemaniiru.

      Galaana irra yommuu deemanitti qilleensi jabaan guyyoota hedduudhaaf ture galaanicha irratti kaʼe. Hundi isaanii ni duuna jedhanii yaadan. Haa taʼu malee, Phaawulos akkana jedhe: ‘Maleekaan tokko abjuudhaan “Yaa Phaawulos, hin sodaatin. Roomaa ni dhaqxa, namoonni si wajjin doonii irra jiranis ni ooluu” naan jedhe. onnadhaa! Ni oollaa!’

      Qilleensi jabaan sun guyyaa 14f isaan rakkise. Dhuma irratti lafti ni mulʼate. Lafti kunis odoola Maaltaa jedhama ture. Doonichi cirracha keessa galee kan caccabe taʼus, namoonni 276 doonicha keessa turan hundi lubbuudhaan oolanii nagaadhaan gara lafaatti baʼan. Namoonni tokko tokko daakaadhaan gara lafaatti kan baʼan yommuu taʼu, warri kaan immoo caccabaa doonichaatiin gara qarqara galaanaatti baʼan. Namoonni Maaltaa kunuunsa isaaniif godhan; akkasumas akka qaqqaammataniif ibidda isaaniif qabsiisan.

      Loltoonni sun jiʼa sadii booda doonii kan biraatiin Phaawulosiin gara Roomaatti geessan. Yommuu inni achi gaʼu obboloonni dhufanii isa simatan. Phaawulos yommuu isaan argu Yihowaa galateeffate, akkasumas jajjabina argate. Phaawulos kan hidhame taʼu illee, mana kireeffate keessa jiraachaa loltuun tokko akka isa eegu isaaf heyyamame. Bakka kana waggaa lamaaf jiraate. Namoonni gara isaa kan dhufan yommuu taʼu, innis waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaaniif lallabaa fi waaʼee Yesuus isaan barsiisaa ture. Kana malees, Phaawulos gumiiwwan Eeshiyaa Xinnoo fi Yihudaatti argamaniif xalayaa barreesseera. Dhuguma iyyuu, Yihowaan misiraachicha sabootaaf akka lallabuuf Phaawulositti fayyadameera.

      “Karaa hundumaan akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina; kanas kan goonu, jabaannee dhaabbachuudhaan, rakkinaan, dhabaan, haalawwan rakkisoo [taʼaniini dha].”—2 Qorontos 6:4

      Gaaffii: Feesxos Phaawulosiin gara Roomaatti kan erge maaliifi? Phaawulos gara Roomaa utuu deemaa jiruu maaltu isa mudate?

      Hojii Ergamootaa 21:30; 23:11; 25:8-12; 27:1–28:31; Roomaa 15:25, 26

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi