-
Hubachiisa Warraaf KennameBarumsa Macaafa Qulqulluukoo
-
-
Hubachiisa Warraaf Kenname
Ijoollee keessaniif kennaa gaarii akkamii kennuu dandeessu? Jaalala, qajeelfamaafi eegumsa keessan dabalatee wanti isaan barbaachisu hedduun jira. Haataʼu malee, kennaa guddaan hundarra caalu, waaʼee Yihowaafi waaʼee dhugaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuu isaan barsiisuudha. (Yohannis 17:3) Beekumsi kun, ijoolleen keessan xinnummaasaaniitii jalqabanii garaa guutuudhaan Yihowaa akka jaallataniifi akka isa tajaajilan isaan gargaaruu dandaʼa.—Maatewos 21:16.
Warri hedduun, ijoolleen xixinnoon barumsaafi gilgaala gaggabaabaa dafanii akka hubatan bira gaʼaniiru. Kanaafuu, birooshura Barumsa Macaafa Qulqulluukoo jedhu kana isinii qopheessuu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Barumsi as keessa jiru hundi, seera buʼuuraa ykn barumsa Macaafa Qulqulluu karaa salphaa taʼeen barsiisuuf kan qophaaʼedha. Fakkiifi ibsi fakkii sanarratti kenname, keessumaa ijoollee umrii waggaa sadiifi isaa gad taʼaniif kan qophaaʼedha. Yaadawwan gilgaala hojjechuuf gargaaranis itti dabalamaniiru. Birooshurri Barumsa Macaafa Qulqulluukoo jedhu kun ijoolleen akka itti xaphataniif kan qophaaʼe miti. Kanaa manna, ijoollee keessanii wajjin akka dubbistaniifi carraa isaanii wajjin mariʼachuuf qabdan akka guddistan yaadamee kan qophaaʼedha.
Birooshurri kun, ijoollee keessan ‘mucummaa isaaniitii jalqabee’ dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuuf akka isin gargaaru ni abdanna.—2 Ximotewos 3:14, 15.
Obboloota keessan,
Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa
-
-
Barumsa 1Barumsa Macaafa Qulqulluukoo
-
-
Barumsa 1
Lafa eenyutu uume?
Galaana eenyutu uume?
Anaafi siin eenyutu uume?
Billaacha bareedaa eenyutu tolche?
Yihowaatu uume hundumaa bareechee.
GILGAALA
Mucaakeetiif dubbisi:
Mucaankee wantoota kana akka sitti argisiisu gaafadhu:
Urjoota Duumessa Aduu
Bidiruu Lafa Mana
Galaana Billaacha
Mucaakee gaafadhu:
Maqaan Waaqayyoo eenyu?
Yihowaan eessa jiraata?
Inni maalfaa uume?
-
-
Barumsa 2Barumsa Macaafa Qulqulluukoo
-
-
Barumsa 2
Bineeldota markaba Nohi bira jiran argitaa?
Kamtu duta? Kamtu marʼata?
Bineeldonni gabaabaanis taʼan dheeraan markabatti galanii badiisarraa oolan.
GILGAALA
Mucaakeetiif dubbisi:
Mucaankee wantoota kana akka sitti argisiisu gaafadhu:
Amaaketa Saree Arba
Sattawwaa Leenca Qamalee
Booyyee Harree diidaa
Hoolaa Sabbata waaqaa
Mucaankee sagalee bineeldota armaan gadii akka dhageessisu gaafadhu:
Saree Leenca Qamalee
Booyyee Hoolaa
-
-
Barumsa 3Barumsa Macaafa Qulqulluukoo
-
-
Barumsa 3
Abdiin hiriyaan isaa akka dhukkubsate dhagaʼe.
Kanaaf akkas jedhe: “Kaʼeen waa godhaaf.
Isa gammachiisuuf xalayaan barreessaaf achiis manattan geessaaf!”
Namaaf waan gaarii godhi; atis, namni sunis ni gammaddu!
GILGAALA
Mucaa keetiif dubbisi:
Mucaankee wantoota kana akka sitti argisiisu gaafadhu:
Mana Minjaala Abdii
Aduu Simbira Muka
Mucaakee gaafadhu:
Nama dhukkubsate tokko beektaa?
Nama akkasii akkamitti gammachiisuu dandeenya?
-
-
Barumsa 4Barumsa Macaafa Qulqulluukoo
-
-
Barumsa 4
“Maaliif hin
Caamu Bokkaan kun?
Harʼa natti hafe ala taphachuun”
Jettee boosse Hawwiin.
Akkuma tasaa.
Bokkaan ni dhaabate.
Aduun ni baate.
Hawwiin ni gammadde!
Achiis fiigdee gadi baatee, wanta nama ajaaʼibu argite.
Hawwiin akkas jette: “Ani hin beekun ture duraan bokkaa Waaqa biraa dhufetu abaaboo guddisa edaan!”
GILGAALA
Mucaakeetiif dubbisi:
Mucaankee wantoota kana akka sitti argisiisu gaafadhu:
Foddaa Simbira Hawwii
Muka Abaaboo
Wantoota dhokatan barbaadii argadhu.
Kubbaa Xiyyaara
Mucaakee gaafadhu:
Yihowaan bokkaa kan uume maaliifi?
-
-
Barumsa 5Barumsa Macaafa Qulqulluukoo
-
-
Barumsa 5
Hiriyaan kee waa ennaa sii kennu yookiin waan gaarii ennaa sii godhu, atimmoo isa galateeffadhu!
Eessayyuu jiraattu maaliyyuu hojjettu, hin irraanfatin “Galatoomi!” jechuu.
GILGAALA
Mucaakeetiif dubbisi:
Muucaankee wantoota kana akka sitti argisiisu gaafadhu:
Kennaa Mucaa
Balbala Nyaata
Wantoota dhokatan barbaadii argadhu.
Appilii Mobaayilii
Mucaakee gaafadhu:
“Galatoomi” jechuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
-
-
Barumsa 6Barumsa Macaafa Qulqulluukoo
-
-
Barumsa 6
Mee harka kee ilaali, mataa kee sochoosi.
Gurri kee eessa jira? Funyaan kee argisiisi.
Miilli sii kennameera, fiiguufi utaaluuf, ofirra naannoftee akka ittiin taphattuuf!
Mee daawwitii ilaali, maal sitti mulʼisa?
Wanti Yihowaan uume nama dinqisiisa!
GILGAALA
Mucaakeetiif dubbisi:
Mucaankee wantoota kana akka sitti argisiisu ykn argisiistu gaafadhu:
Quba Miilla Funyaan
Gurra Afaan
Wantoota dhokatan barbaadii argadhu.
Afuuffee Adurree
Mucaakee gaafadhu:
Anaafi siin eenyutu uume?
-