LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • 4. Kutaa sanyii dubartittii kan taʼan eenyufaʼi? Sanyiin kunoo maal godha?

      4 Yihowaan, Eeden keessatti mormiin isarratti kaʼee utuu hin turin, ‘dubartiin’ tokko “sanyii” akka godhattu abdii kenne.a (Uumama 3:15 dubbisi.) Sanyiin sun yeroo booda mataa Seexana isa boficha jedhame sanaa kan buruqsudha. Yihowaan booda, sanyichi karaa Abrahaam akka dhufu, miseensa saba Israaʼel akka taʼu, karaa qomoo Yihudaafi hidda dhalootaa Daawit Mootichaatiin kan dhufu taʼuusaa ifa godhe. (Uma. 22:15-18; 49:10; Far. 89:3, 4; Luq. 1:30-33) Kutaan sanyii sanaa inni guddaan Yesus Kiristos akka taʼe mirkanaaʼeera. (Gal. 3:16) Kutaan sanyii kanaa inni lammaffaanimmoo miseensota gumii Kiristiyaanota dibamoo kan qabatedha. (Gal. 3:26-29) Yesusiifi Kiristiyaanonni dibamoon kun tokko taʼuudhaan, Mootummaa Waaqayyoo isa Yihowaan Seexana balleessuuf itti fayyadamu hundeessu.​—Luq. 12:32; Rom. 16:20.

      5, 6. (a) Daaniʼeliifi Yohannis mootummoota gurguddoo meeqa ibsan? (b) Mataawwan bineensichaa Macaafa Mulʼataarratti ibsaman maal argisiisu?

      5 Raajiin Eeden keessatti dubbatame kun Seexannis “sanyii” akka godhatu ibsa. Sanyiinsaa sanyii dubartittiitiif diinummaa ykn jibba argisiisa. Sanyii bofichaa kan taʼan eenyufaʼi? Warra akkuma Seexanaa Waaqayyoon jibbaniifi saba Waaqayyoo morman hundadha. Seenaa keessatti, Seexanni sanyiisaa dhaabbata siyaasaa ykn mootummoota garagaraatti gurmeesseera. (Luq. 4:5, 6) Haataʼu malee, saba Israaʼelis taʼe gumii Kiristiyaanota dibamoo taʼanirratti dhiibbaa guddaa kan geessisan mootummoota muraasa qofadha jechuun ni dandaʼama. Dhugaa kana beekuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Mulʼanni Daaniʼeliifi Yohannis, mootummoota aangoo guddaa qaban saddeet qofa kan argisiisu maaliif akka taʼe hubachuuf waan nu gargaaruufidha.

  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • 7. Mataan inni jalqabaa eenyuun argisiisa? Maaliif?

      7 Mataan bineensichaa inni jalqabaa Gibxiin argisiisa. Maaliif? Gibxi saba Waaqayyoo jibbuudhaan mootummaa addunyaa isa jalqabaa waan taateefidha. Sanyiin Abrahaam warri sanyii dubartittii isa abdachiifame argamsiisan, Gibxi keessatti garmalee baayʼatan. Boodas, Gibxi saba Israaʼel cunqursuu jalqabde. Seexanni utuu sanyichi hin dhufin saba Waaqayyoo haxaaʼee balleessuuf yaalii godhee ture. Akkamitti? Faraʼoon ijoollee dhiiraa Israaʼelootaa hunda akka ajjeesu kakaasuudhaanidha. Yihowaan yaalii kana fashaleessuudhaan sabasaa garbummaa Gibxii jalaa bilisa baase. (Bau. 1:15-20; 14:13) Boodas Israaʼeloota Biyyattii Abdachiifamtetti galche.

      8. Mataan inni lammaffaan eenyuun argisiisa? Maal gochuuf yaalee ture?

      8 Mataan bineensichaa inni lammaffaan Asoriin argisiisa. Mootummaan humna guddaa qabu kunis saba Waaqayyoo balleessuuf yaalii godheera. Yihowaan waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuufi jalʼina raawwachuusaaniitiin kan kaʼe, Israaʼeloota gosa kurnan adabuuf Asoritti akka fayyadame beekamaadha. Haataʼu malee Asor, ittaansuudhaan Yerusaalemiin weerarte. Seexanni hidda dhalootaa yeroo booda Yesusiin argamsiisu balleessuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus, lolli kun kaayyoo Yihowaa keessaa tokko waan hin turreef, weerartoonni kun sabasaa amanamoo taʼan akka hin balleessineef dinqiidhaan isaan oolcheera.​—2 Mot. 19:32-35; Isa. 10:5, 6, 12-15.

  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • 13 Yihowaan Baabiloniin garagalchee Israaʼeloonni gara biyyasaaniitti akka deebiʼan gochuufi raajii dubbate raawwachuuf Medoo Faaresitti fayyadameera. (2 Sen. 36:22, 23) Haataʼu malee mootummaan addunyaa kun yeroo booda saba Waaqayyoo balleessuu jala gaʼee ture. Karoorri muummeen ministeeraa Faares inni Hamaa jedhamu baase Macaafa Asteer keessatti galmeeffameera. Namni kun Yihudoonni mootummaa Faares keessa jiran hundi akka balleeffaman qophii kan godhe siʼa taʼu, guyyaa itti isaan balleeffamanis murteessee ture. Sabni Waaqayyoo badiisa sanyiin Seexanaa isaanitti aggaame kanarraa kan oolan, Yihowaan sabasaatiif jedhee waan gidduu galeef qofa ture. (As. 1:1-3; 3:8, 9; 8:3, 9-14) Kanaaf, Medoo Faares mataa bineensa Macaafa Mulʼataa keessatti ibsame isa arfaffaatti fakkeeffamuunsaa sirriidha.

  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • 16. Antaayikas 4⁠ffaan maal godhe?

      16 Giriik Faaresiin erga injifattee booda, saba Waaqayyoorratti moʼuu jalqabde. Yeroo kanatti Yihudoonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuudhaan Yerusaalemitti mana qulqullummaa deebisanii ijaaranii turan. Yihudoonni ammayyuu saba Waaqayyoo warra filatamoo yommuu taʼan, manni qulqullummaa deebiʼee ijaarames bakka waaqeffannaan dhugaa itti geggeeffamu ture. Haataʼu malee, Dh.K.D. jaarraa lammaffaatti, Giriik isheen mataa bineensichaa isa shanaffaa taate saba Waaqayyoo weerarte. Namoota mootummaa Aleeksaandar isa hihhirame dhaalan keessaa tokko kan taʼe Antaayikas 4⁠ffaan, oobdii mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti iddoo aarsaa waaqayyolii tolfamoo dhaabuudhaan, namni sirna amantii Yihudootaa raawwatu duuti akka itti faradamu abboome. Gochi kun jibbaa guddaa sanyiin Seexanaa qabu kan argisiisu ture. Haataʼu malee utuma hin turin, Giriik mootummaa addunyaa taʼuunshee ni hafa. Ittaansuudhaan mataa bineensichaa isa jaʼaffaa kan taʼu eenyudha?

  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • 17. Raajii Uumama 3:15⁠rra jiru raawwachuurratti mataa jaʼaffaan gaʼee guddaa akkamii qaba ture?

      17 Yohannis mulʼata waaʼee bineensichaa ibsu yommuu argetti Roomaan mootummaa addunyaa turte. (Mul. 17:10) Mataa jaʼaffaan kun raajii Uumama 3:15⁠rra jiru raawwachuu wajjin haala wal qabateen gaʼee guddaa qaba ture. Seexanni “koomee” sanyichaa idduuf, jechuunis miidhaa yeroo gabaabaaf turu isarra geessisuuf abbootii taayitaa warra Roomaatti fayyadameera. Akkamitti? Namoonni kun Yesus mootummaarratti fincila akka kaase himata sobaa isarratti dhiheessuudhaan akka ajjeeffamu godhaniiru. (Mat. 27:26) Haataʼu malee, Yihowaan Yesusiin waan duʼaa kaaseef madaan sun yeruma sana fayyeera.

      18. (a) Yihowaan saba haaraa akkamii filate? Maaliif? (b) Sanyiin bofichaa sanyii dubartittii jibbuusaa kan itti fufe akkamitti?

      18 Geggeessitoonni amantii Israaʼelootaa, warra Roomaa wajjin Yesusirratti kan koratan yommuu taʼu, miseensonni sabichaa kaanis isa tuffataniiru. Kanaaf Yihowaan Israaʼeloonni sabasaa akka hin taaneef isaan dhiise. (Mat. 23:38; HoE. 2:22, 23) Sana booda saba haaraa, “Israaʼel Waaqayyoo” jedhamu filate. (Gal. 3:26-29; 6:16) Sabni kun Kiristiyaanota dibamoo namoota Yihudoota taʼaniifi hin taane keessaa dhufan kan qabatedha. (Efe. 2:11-18) Yesus erga duʼeefi duʼaa kaʼee boodas, sanyiin bofichaa sanyii dubartittii jibbuusaa itti fufeera. Roomaan gumii Kiristiyaanaa, warra kutaa sanyichaa lammaffaa taʼan balleessuuf al tokkoo ol yaaltee turte.c

  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • a Dubartiin kun jaarmiyaa Yihowaa haadha manaatti fakkeeffamteefi uumamawwan hafuuraa samiirra jiran qabate kan argisiistudha.​—Isa. 54:1; Gal. 4:26; Mul. 12:1, 2.

  • Yihowaan ‘Wanta Dhokataa In Mulʼisa’
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Waxabajjii 15
    • c Roomaan Dh.K.B. bara 70⁠tti Yerusaalemiin kan balleessite taʼus, gochi kun raawwii raajii Uumama 3:15⁠rra jiruu hin turre. Yeroo sanatti Israaʼeloonni saba Waaqayyoo warra filatamoo taʼuunsaanii hafeera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi