-
“Yihowaa Faarfadhaa”!Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
-
-
Yihowaan warra jaallatu ni adaba. (Ibroota 12:5, 6) Miiryaam waan jaallatuuf koorri ishii oddoo hin sirreeffamin akka hafu hin barbaanne. Adabamuun ishii kan ishii miidhe taʼus, ishii oolcheera. Adabbii kennameef amantii gaariidhaan waan fudhatteef, Waaqayyo deebiʼee ishiitti gammadeera. Israaʼeloonni adeemsa lafa onaa keessatti godhan xumuruu jala hanga gaʼanitti lubbuudhaan jiraatteetti. Qaadesh isa lafa onaa Siin keessatti argamutti yeroo duutetti, umriin ishii waggaa 130tti dhihaachuu hin oolu.b (Lakkoobsa 20:1) Yihowaan jaarraawwan booda jaalalaan kakaʼee, tajaajila Miiryaam amanamummaadhaan raawwatteef ulfina ishiidhaaf kenneera. Karaa raajii isaa Miikiyaas akkana jechuudhaan saba isaa yaadachiiseera: “Garbummaa jalaas sin fure; Museen, Aaronii fi Miiryaam akka si geggeessaniif isaan ergeera.”—Miikiyaas 6:4.
Amantiin Miiryaam qabdu, Yihowaan yeroo ishii adabutti gad of qabuudhaan sirreeffama akka fudhattu ishii gargaareera
-
-
“Yihowaa Faarfadhaa”!Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
-
-
b Obboloonni sadan tartiiba dhaloota isaaniitiin duʼan; dura Miiryaam, itti aansuudhaan Aaron, achii Musee; haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti waggaa tokko keessatti duʼan.
-