-
“Dubartii Baʼeettii”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
22, 23. (a) Kennaan Boʼaz Ruutiif kenne ergaa maalii kan dabarsu taʼuu dandaʼa? (Miiljalees ilaali.) (b) Naaʼomiin Ruut maal akka gootu gorsite?
22 Yommuu Ruut mana geessu, Naaʼomiin “Intala ko attam taate?” jettee gaafatteen. Naaʼomiin akkas kan jette tarii Ruut ammayyuu qulqulluu taʼuushee ykn nama abbaa manaa isheedhaaf taʼu argachuufi dhiisuushee beekuu barbaaddee taʼu dandaʼa. Ruut yeruma sana wanta isheeniifi Boʼaz walitti dubbatan hunda amaatiisheetti himte. Kana malees, garbuu hedduu Boʼaz, Naaʼomiidhaaf erge itti kennite.c—Rut. 3:16, 17.
-
-
“Dubartii Baʼeettii”Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
c Boʼaz, Ruutiif garbuu qodaa safaraa jaʼa kenneef. Kana kan godhe tarii akkuma boqonnaan Sanbataa guyyaa hojii jaʼa booda jalqabu, Ruut yeroo mana gaariifi abbaa manaa argachuudhaan rakkinasheerraa “uffee” itti jettu dhihaachuusaa argisiisuuf taʼuu dandaʼa. Yookiin qodaa safaraa jaʼa kan jedhame tarii hamma Ruut baachuu dandeessu, jechuunis midhaan akaafaa jaʼa taʼuu dandaʼa.
-