-
Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti HimatteettiFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
9. Haannaan, masaanuunshee maal akka ishee gootu utuma beektuu, Shiiloo dhaquunshee maal nu barsiisa?
9 Maatichi ganamaan hojiin itti baayʼateera. Ijoollee dabaltee, hundinuu karaa deemuuf qoqophaaʼaa jiru. Maatii balʼaan kun Shiiloo gaʼuuf biyya Efreem isa gaarri itti baayʼatu keessa qaxxaamuruudhaan karaa gara kiilomeetira 30 deemuu qaba.b Karaan kun miilaan guyyaa tokko ykn lama fudhata. Yeroo kanatti Haannaan masaanuunshee ishee jibbitu kun maal akka gootu beekti. Haataʼu malee, manatti hafuu hin barbaanne. Kanaaf, Haannaan namoota yeroo harʼaatti Yihowaa waaqeffataniif fakkeenya guddaa taati. Amalli gadheen warri kaan argisiisan, Yihowaa waaqeffachuu akka nu dhowwu heyyamuun matumaa sirrii miti. Akkas kan goonu yoo taʼe, eebba jabaannee dhaabachuuf nu gargaaru dhabuu dandeenya.
-
-
Waan Garaashee Keessa Jiru Waaqayyotti HimatteettiFakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
-
-
b Fageenyi asirratti ibsame, magaalaa Raamaa ishee Elqaanaan itti dhalateefi bara Yesusittimmoo Armaatiyaa jedhamturratti hundaaʼuudhaan kan shallagamedha.
-