-
“Ati Hojii Harka Keetii In Yaadda”Masaraa Eegumsaa—2011 | Ebla 1
-
-
Mee haala Iyoob keessa ture ija qalbii keetiin ilaaluuf yaali. Iyoob nama amantii cimaa qabu kan ture siʼa taʼu, qabeenyasaa dhabuu, ijoolleesaa duʼaan dhabuufi dhukkuba cimaadhaan qabamuu dabalatee, qorumsawwan ulfaataa taʼan isarra gaʼaniiru. Rakkina guddaa keessa yommuu ture, ‘maaloo siiʼol [bakka awwaalchaa ilmaan namootaa] keessa utuu na dhoksitee’ jedhee Waaqayyoon kadhateera. (Lakkoofsa 13, hiika bara 1899) Iyoob siiʼoliin bakka itti boqonnaa argatan godhee ilaaleera. Achi keessatti akkuma qabeenya gati jabeessa Waaqayyo dhoksetti, rakkinaafi dhukkubarraa walaba taʼee jiraata.a
Iyoob barabaraaf siiʼol keessa jiraata jechuudhaa? Iyoob akkas jedhee hin amanu ture. Kadhannaasaa yeroo itti fufu, “yeroo muramaa laattee utuu na yaadattee, attam gaarii dha!” jedheera. Yeroo muraasaaf qofa siiʼol keessa akka turuufi Yihowaan akka isa yaadatu ni abdata ture. Iyoob yeroo dirqamaan siiʼol keessa turu sana, “tajaajila dirqamaa,” [NW] wajjin wal fakkeesseera. Maarree Iyoob yeroo hangamiitiif siiʼol keessa tura? “Hamma inni na furu dhufutti” jechuudhaan deebii kenneera. (Lakkoofsa 14) Siiʼol keessaa furamuu jechuun, duʼaa kaʼuu jechuudha!
-