-
“Balleessaa Malee Jiraachuu Koo Irraa hin Deebiʼu!”Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
-
-
Haa taʼu malee, Iyoob nama amantii guddaa qabu ture. Wantoonni Iyoob falmii dheeraa sana irratti dubbatee fi jechoonni dhugaan, gaggaariinii fi nama jajjabeessan kun nama amantii guddaa qabu akka ture mirkaneessu. Inni waaʼee uumamawwan dinqisiisoo taʼanii yeroo dubbatetti wanta namni kam iyyuu gargaarsa Waaqayyoo malee ibsuu hin dandeenye ibsuu dandaʼeera. Fakkeenyaaf, Iyoob wanta saayintistoonni waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura bira gaʼuu hin dandeenye, jechuunis Yihowaan ‘biyya lafaa homtuu utuu jala hin jiraatin akka rarraase’ dubbateera.b (Iyoob 26:7) Akkasumas akkuma namoota amanamoo kaanii innis gara fuulduraatti abdii qabu ilaalchisee amanannaadhaan miira isaa ibseera. Iyoob yoo duʼe illee, Waaqayyo akka isa yaadatu, akka isa yaaduu fi yeroo booda immoo jireenya akka isaaf kennu ni amana ture.—Iyoob 14:13-15; Ibroota 11:17-19, 35.
-
-
“Balleessaa Malee Jiraachuu Koo Irraa hin Deebiʼu!”Fakkeenya Amantii Isaanii Hordofaa
-
-
b Akkuma beekamu saayintistoonni yaada lafti wanti kam iyyuu utuu jala hin jiraatiin rarraafamtee jirti jedhu kan hubatan waggoota 3000 booda dha. Kunis hanga namoonni hawaa irraa suuraa kaasuudhaan wanti Iyoob dubbate kun dhugaa taʼuu isaa hubatanitti hin mirkaneeffamne ture.
-