LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Obboleettota Sagaagaltoota Taʼan
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Obboleettota Sagaagaltoota Taʼan

      Hisqiʼel boqonnaa 23⁠ffaan sabni Waaqayyoo gantoota taʼuu isaaniitiin kan kaʼe baayʼee balaaleffatamuu isaanii ibsa. Boqonnaan kun karaawwan hedduudhaan boqonnaa 16⁠ffaa wajjin wal fakkaata. Akkuma boqonnaa 16⁠ffaa, boqonnaa 23⁠ffaanis fakkeenya sagaagalummaatti fayyadameera. Yerusaalem obboleettii quxisuu akka taate, Samaariyaan immoo obboleettii angafaa akka taate ibsameera. Boqonnaawwan lamaan kun obboleettiin quxisuun obboleettii angafaa ishii hordofuudhaan sagaagaltuu kan taate akkamitti akka taʼee fi boodas hamminaa fi halalummaa raawwachuudhaan akka ishii caalte ibsu. Boqonnaa 23⁠ffaa keessatti Yihowaan obboleettota lamaaniif maqaa moggaaseera; obboleettiin angafaa Oholaa jedhamteetti, ishiin Samaariyaa ishii magaalaa guddoo mootummaa gosoota kurnanii Israaʼel taate argisiisti; obboleettii quxisuun Oholibaa jedhamteetti, ishiin immoo Yerusaalem ishii magaalaa guddoo Yihudaa taate argisiisti.a—His. 23:1-4.

  • Obboleettota Sagaagaltoota Taʼan
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • a Maqaawwan kun hiika guddaa qabu. Oholaa jechuun, “Dunkaana [Waaqeffannaa] Ishii” jechuu dha; kun immoo Israaʼel mana qulqullummaa Yihowaa isa Yerusaalemitti argamutti fayyadamuu mannaa wiirtuu waaqeffannaa ofii ishii hundeessuu ishii kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Oholibaa jechuun immoo, “Dunkaanni [Waaqeffannaa] Koo Ishii Keessa Jira” jechuu dha. Yerusaalem bakka manni waaqeffannaa Yihowaa itti argamu dha.

  • Barumsawwan Sirreeffamni Irratti Godhame
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Oholaa fi Oholibaan warri sagaagaltoota taʼan saba Kiristiyaanaatiif, keessumaa immoo amantii Kaatolikii fi Pirootestaantiitiif gaaddidduu taʼuu?

      Caqasoota: His. 23:1-4

      Waaqeffannaa Qulqulluu: Boq. 15, saanduqa 15A

      Hubannaa kanaan dura qabnu: Oholaan (Samaariyaan, magaalaa guddoon Israaʼel) ishiin obboleettii angafaa taate amantii Kaatolikii argisiisti; Oholibaan (Yerusaalem, magaalaa guddoon Yihudaa) ishiin obboleettii quxisuu taate amantii Pirootestaantii argisiisti.

      Sirreeffama: Obboleettonni sagaagaltoota taʼan kun amantii Saba Kiristiyaanaa kamiif iyyuu gaaddidduu hin taʼan. Kanaa mannaa dubartoonni kun Yihowaan sabni isaa warri amanamoo taʼan yommuu karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwatan wanta itti dhagaʼamu nu barsiisu. Yihowaan amantii sobaa hundumaatiif ilaalcha wal fakkaatu qaba.

      Sababa jijjiiramni kun itti godhame: Kitaabni Qulqulluun Oholaa fi Oholibaan Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu akka taʼan hin ibsu. Israaʼelii fi Yihudaan yeroo taʼe tokkotti Yihowaadhaaf haadhotii manaa amanamoo turan; Sabni Kiristiyaanaa garuu Yihowaa wajjin walitti dhufeenya akkasii qabaattee hin beektu. Kana malees, sabni Waaqayyoo warri amanamoo hin taane Hisqiʼel boqonnaa 16 fi 23 irratti sagaagaltootaa wajjin wal bira qabamuun isaanii haareffamuu fi iddootti deebiʼuuf abdii akka qaban argisiisa. Kutaa Baabilon Guddittii kan taate Sabni Kiristiyaanaa garuu abdii akkanaa hin qabdu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi