LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • 10, 11. (a) Eebbawwan yeroo harʼaatti akkuma lagaatti gara keenyatti yaaʼan kam faʼi? (b) Eebbi Yihowaa biraa yaaʼu guyyoota dhumaatti fedhii namoota lakkoofsi isaanii dabalaa jiruu hamma guututti kan guddate akkamitti?

      10 Laga eebba argamsiisu. Bishaan mana Yihowaa keessaa yaaʼu eebbawwan yeroo ammaatti argachaa jirru akkamii nu yaadachiisa? Bishaan kun wantoota fayyaa fi nyaata hafuuraa keenyaaf gumaacha godhan hundumaa nu yaadachiisa. Wantoota kana keessaa inni hunda irra caalu immoo aarsaa furii Kiristoos isa nu qulqulleessuu fi cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf argamsiisuu dandaʼu dha. Dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman bishaan jireenya argamsiisu, isa karaa naamusaa fi karaa hafuuraa nu qulqulleessuu wajjinis wal fakkeeffamaniiru. (Efe. 5:25-27) Bara keenyatti eebbawwan kun kan yaaʼan akkamitti?

  • Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!
    Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse!
    • Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!

      Hisqiʼel burqaan tokko iddoo qulqulluu Yihowaa keessaa maddee haala dinqii taʼeen fageenya gara kiilomeetira lamaa gidduutti gara laga guddaatti yommuu guddatu argeera. Lagicha qarqarattis mukeetii lalisoo nyaataa fi qorichaaf taʼan argeera. Kun hundi hiika maalii qaba?

      Lagni iddoo qulqulluu Yihowaa keessaa yaaʼu tokko laga gadi fagoo taʼe. Mallattoowwan lagni yaaʼu tokko gadi fageenya hammamii akka qabu argisiisan. dhundhuma 1,000: gulubii bira kan gaʼu. dhundhuma 2,000: jilba bira kan gaʼu. dhundhuma 3,000: mudhii bira kan gaʼu. dhundhuma 4,000: miilaan ceʼuun kan hin dandaʼamne.

      Lagichi Eebba Argamsiisa

      BARA DURIITTI: Warri boojiʼaman biyya isaaniitti erga deebiʼanii booda waaqeffannaa qulqulluu mana qulqullummaa keessatti dhihaatu deebisanii hundeessuu irratti yommuu hirmaatan eebbi gara isaaniitti yaaʼeera

      BARA KEENYATTI: Bara 1919⁠tti waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuudhaan eebbi hedduun tajaajiltoota Waaqayyoo warra amanamoo taʼaniif akka yaaʼu karaa baneera

      GARA FUULDURAATTI: Armaagedoon booda eebbawwan karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa nu fayyadan Yihowaa biraa ni yaaʼu

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi