LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Qajeeltonni Akka Biiftuu In Ifu’
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Bitootessa 15
    • 2. Fakkeenya Yesus waa’ee qamadiifi inkirdaadaa dubbaterratti, sanyii gaariin maal bakka bu’a?

      2 Haata’u malee, fakkeenyawwan Yesus keessaa tokko, warra Yesusii wajjin Mootummaasaarratti bulchan walitti qabuurratti kan xiyyeeffatedha. Fakkeenyi kun yeroo baay’ee fakkeenya qamadiifi inkirdaadaa jedhamee kan beekamu si’a ta’u Maatewos boqonnaa 13⁠rratti argama. Fakkeenya kan biraarratti Yesus, sanyichi facaafame “dubbii mootummichaa” akka ta’e kan dubbate yommuu ta’u, fakkeenya kanarratti garuu sanyii gaariin wanta kan biraa jechuunis “ilmaan mootummaa” akka bakka bu’u ibseera. (Mat. 13:19, 38) Namoonni kun lammiiwwan Mootummichaa utuu hin ta’in, “ilmaan” ykn dhaaltota Mootummichaati.—Rom. 8:14-17; Galaatiyaa 4:6, 7 dubbisi.

  • ‘Qajeeltonni Akka Biiftuu In Ifu’
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Bitootessa 15
    • 4. (a) Namichi fakkeenyicha keessatti ibsame eenyu? (b) Yesus sanyii kana facaasuu kan jalqabe yoomiifi akkamitti?

      4 Namichi qotiisasaarratti sanyii gaarii facaase eenyu? Yesus namichi kun eenyu akka ta’e bartootasaatiif boodarratti yommuu ibsu, “Inni sanyii gaarii facaasu ilma namaa ti” jedhee deebiseera. (Mat. 13:37) “Ilma namaa” kan ta’e Yesus, waggaa sadiifi walakkaa lafarratti tajaajiluudhaan dabarsetti, qotiisicha sanyii facaasuuf qopheesseera. (Mat. 8:20; 25:31; 26:64) Achiis, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetii kaasee sanyii gaarii, jechuunis “ilmaan mootummaa” facaasuu jalqabe. Hojiin facaasuu kun, Yesus bakka bu’aa Yihowaa ta’ee bartootasaarratti hafuura qulqulluu dhangalaasuu jalqabuudhaan, ilmaan Waaqayyoo warra dibamoo yeroo isaan godhetti kan raawwatame ta’uusaa haalasaarraa hubachuun ni danda’ama.b (HoE. 2:33) Sanyii gaariin sun qamadii ta’ee bilchaateera. Kanaaf sanyii gaarii facaasuun kan barbaachise, lakkoofsi namoota Yesusii wajjin Mootummaasaarratti dhaalaniifi bulchanii akka guutu sassaabuu ture.

  • ‘Qajeeltonni Akka Biiftuu In Ifu’
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Bitootessa 15
    • 5. Diinni fakkeenyicha keessatti ibsame eenyu? Inkirdaadatti kan fakkeeffamanoo?

      5 Diinichi inkirdaada facaase eenyu? Inkirdaadichihoo? Yesus diinichi “Seexana” ta’uusaa nutti himeera. Inkirdaadichimmoo “ilmaan isa hamaa” akka ta’an ibsameera. (Mat. 13:25, 38, 39) Yesus kan ibse waa’ee inkirdaada isa summaa’aa ta’ee ta’uu hin oolu. Inkirdaanni summaa’aan kun, bilchaachuusaa dura qamadii wajjin baay’ee wal fakkaata. Fakkeenyi kun, Kiristiyaanota fakkeessituu ilmaan Mootummichaa akka ta’an dubbataniyyuu ija gaarii hin godhanne sirriitti kan argisiisu mitii? Kiristiyaanonni sobaa duuka buutota Kiristos ofiin jedhan kun, dhugumayyuu kutaa “sanyii” Seexanaati.—Uma. 3:15.

  • ‘Qajeeltonni Akka Biiftuu In Ifu’
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Bitootessa 15
    • 7. Qamadiin tokko tokko inkirdaadatti jijjiirameeraa? Ibsi.

      7 Yesus inkirdaanni qamadii gidduutti akka facaafamu dubbate malee qamadichi inkirdaada akka ta’u hin dubbanne. Kanaaf, fakkeenyi kun Kiristiyaanota dhugaarraa fagaatan kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, Seexanni ta’e jedhee gumii Kiristiyaanaa mancaasuuf namoota hamoo isaan gidduu akka galchu kan argisiisudha. Ergamaa Yesus isa dhumaa kan ta’e Yohannis dulloomee yeroo turetti, gantummaan kun mul’ateera.—2 Phe. 2:1-3; 1 Yoh. 2:18.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi