-
Haaraa Dhalachuun Hangam Barbaachisaadha?Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
-
-
Yesus maree Niqoodemosii wajjin godherratti haaraa dhalachuun hammam barbaachisaa ta’uusaa akkamitti akka ibse qalbeeffadhu. “Eenyu illee olii [“lammata,” NW] yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u” jedheera. (Yohannis 3:3) Jechoonni “eenyu illee” akkasumas “hin danda’u” jedhan, haaraa dhalachuun barbaachisaa ta’uusaa akka gaariitti ibsu. Fakkeenyaan ibsuuf: Namni tokko, “Aduun ba’uu baannaan, ifni jiraachuu hin danda’u” yoo jedhe, ifni akka jiraatuuf aduun ba’uunshee dirqama barbaachisaa ta’uusaa ibsuusaati. Haaluma walfakkaatuun, Yesusis Mootummaa Waaqayyoo arguuf lammata dhalachuun dirqama barbaachisaa akka ta’e dubbachuusaa ture.
-
-
Haaraa Dhalachuun Filannoo Dhuunfaarratti Kan Hundaa’edhaa?Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
-
-
Wanta Yesus dubbate xiyyeeffannaadhaan yoo dubbisne, haaraa dhalachuun filannoo nama tokkoorratti kan hundaa’edha jedhee akka hin barsiisne qalbeeffachuu dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Jechi afaan Giriikii “lammata dhalachuu” jedhu, Macaafa Qulqulluu afaan Oromoo keessatti “olii dhalachuu” jedhamee hiikameera.a Kanaaf, akka hiika kanaatti haaraa dhalachuun “olii,” jechuunis “samiirraa,” ykn “Abbaa biraa” kan argamudha. (Yohannis 19:11; Yaaqoob 1:17) Eeyyee, akka haaraa dhalatan kan godhu Waaqayyodha.—1 Yohannis 3:9.
-
-
Haaraa Dhalachuun Filannoo Dhuunfaarratti Kan Hundaa’edhaa?Masaraa Eegumsaa—2009 | Adoolessa 1
-
-
a Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduun Yohannis 3:3 karaa kanaan hiiku. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun afaan Oromoo “eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u” jedhee hiikeera.
-