LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Furichi Kan Nu Oolchu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Hagayya 15
    • Dheekkamsa Waaqayyoo Jalaa Ooluu

      4, 5. Dheekkamsi Waaqayyoo biyya lafaa isa hamaa kanarratti hafuuraa kan mirkaneessu maalidha?

      4 Macaafni Qulqulluunis taʼe seenaan ilmaan namootaa akka argisiisutti, erga Addaam cubbuu raawwatee jalqabee sanyii ilmaan namootaarratti ‘dheekkamsi Waaqayyoo hafeera.’ (Yoh. 3:36) Kunis namni kamiyyuu duʼa jalaa ooluu kan hin dandeenye taʼuusaatiin mulʼateera. Olaantummaan Seexanni morkituu taʼuudhaan argate, matumaa ilmaan namootaa rakkina isaanirra gaʼaa jirurraa isaan oolchuu hin dandeenye; bulchiinsi ilmaan namootaa kamiyyuu fedhii buʼuuraa namoota isa jalatti bulanii guutuu hin dandeenye. (1 Yoh. 5:19) Kanaaf, namoonni waraanaan, hammeenyaafi hiyyummaadhaan gidiraan isaanirra gaʼuusaa itti fufeera.

  • Furichi Kan Nu Oolchu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa—2010 | Hagayya 15
    • 7 Phaawulos ergamaan, Yesus “isa dheekkamsa dhufu jalaa nu oolchu” taʼuusaa ibseera. (1 Tas. 1:10) Dheekkamsi Yihowaa inni dhumaa cubbamoota qalbii hin jijjiirranne barabaraaf ni balleessa. (2 Tas. 1:6-9) Eenyuutu jalaa oolaree? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni ilma Waaqayyootti amanu, jireenya bara baraa qaba; ilma Waaqayyoof kan hin abboomamne garuu jireenya hin argatu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irratti hafa malee.” (Yoh. 3:36) Eeyyee, namoonni lubbuudhaan jiran, akkasumas warri Yesusiifi furiisaatti amanan hundi, sirni kun yeroo balleeffamu guyyaa dheekkamsa Waaqayyoorraa ni oolu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi