LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    • 1, 2. (a) Duuka buutonni Yesus wanta inni dubbate hubachuun kan isaanitti ulfaate maaliifi? (b) Yesus waaʼee midhaan haamuu akkamii dubbate?

      YOMMUU Yesus, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan bilchaatee [“addaatee,” NW] haamaan gaʼeera’ jedhu, bartoonnisaa wanta inni dubbate hubachuu hin dandeenye turan. Kallattii Yesus isaanitti argisiisuun yommuu ilaalan, garbuu addaate utuu hin taʼin garbuu magariisa reefuu biqilaa jiru argan. Haamaan kan gaʼu jiʼoota hedduu booda waan taʼeef, duuka buutonnisaa, ‘Haamaa maaliiti?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa.—Yoh. 4:35.

      2 Haataʼu male, Yesus waaʼee haamaa midhaanii dubbachaa hin turre. Kanaa mannaa fakkeenya kanatti fayyadamee waaʼee haamaa hafuuraa, jechuunis waaʼee namoota sassaabuu barumsa barbaachisaa lama isaan barsiisuu barbaadee ture. Barumsi kun lamaan maalidha? Waaʼee kanaa caalaatti beekuuf, seenaa kana gadi fageenyaan haa qorru.

      Hojiidhaaf Waamicha Dhiheessuufi Gammachuu Akka Argatan Abdii Kennuu

      3. (a) Yesus, ‘Midhaan addaatee haamaan gaʼeera’ akka jedhu wanti isa kakaase maal taʼuu dandaʼa? (Miiljalee ilaali.) (b) Yesus wanta dubbate kana ifa kan godhe akkamitti?

      3 Yesus duuka buutotasaa wajjin dhimma kanarratti kan mariʼate Dh.K.B. dhuma bara 30⁠tti, magaalaa Siikaar ishee Samaariyaatti argamtu biratti ture. Bartoonnisaa gara magaalattii yommuu deeman, Yesus boolla bishaanii bira taaʼee dhugaa hafuuraa dubartii tokkotti himaa kan ture siʼa taʼu, isheenis yeruma sana faayidaa barumsichaa hubatteetti. Duuka buutonnisaa yommuu deebiʼan, dubartiin sun wanta baratte sana namoota ollaasheetti himuuf daftee gara magaalaa Siikaar deemte. Wanti isheen dubbatte fedhiisaanii waan kakaaseef, namoonni ollaashee hedduun Yesusiin argachuuf yeruma sana gara boolla bishaanichaa dhaqan. Yesus tarii, ‘Ija keessaniin maasicha ilaalaa! Midhaan ammuma iyyuu bilchaatee, haamaan gaʼeera’ kan isaaniin jedhe, yeroo sanatti namoota Samaariyaa hedduu maasii midhaanii boodaan garasaa dhufaa jiran ilaaluudhaan taʼuu dandaʼa.a Achiis waaʼee midhaan haamuu utuu hin taʼin, waaʼee haamaa hafuuraa dubbachaa akka jiru ifa isaaniif gochuuf, “Inni haamu . . . ija midhaanichaas jireenya bara baraatiif walitti in qaba” isaaniin jedhe.—Yoh. 4:5-30, 36.

      4. (a) Yesus midhaan haamuu ilaalchisee wantoota akkamii lama barsiise? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?

      4 Barumsi barbaachisaan Yesus waaʼee haamaa hafuuraa barsiise lamaan kamfaʼi? Tokkoffaa, hojichi ariifachiisaadha. Yesus ‘Midhaan bilchaatee haamaan gaʼeera’ yommuu jedhu, duuka buutonnisaa hojicharratti akka hirmaatan waamicha isaaniif dhiheessuusaa ture. Itti dabalees hojichi hangam ariifachiisaa akka taʼe isaan hubachiisuuf, “Inni haamu ammayyuu gatii isaa argachaa jira” (NW) jedheera. Haamaan yeruma sanayyuu jalqabee waan tureef yeroo itti duubatti jedhan hin turre! Lammaffaa, warri hojicha hojjetan gammachuu qabu. Yesus warri facaasaniifi warri haaman, “walii wajjin akka gammadan” dubbateera. (Yoh. 4:35b, 36) Yesus ‘warri Samaariyaa baayʼeen isatti akka amanan’ yeroo argetti baayʼee gammadeera. Duuka buutonnisaas hojii midhaan haamuurratti garaa guutuudhaan yommuu hirmaatan gammachuu guddaa argatu. (Yoh. 4:39-42) Seenaan jaarraa jalqabaa kun, wanta yeroo karaa hafuuraa hojiin haamaa guddaan itti hojjetamu kana keessatti raawwatamaa jiru akka gaariitti waan argisiisuuf ergaa guddaa nuuf dabarsa. Bara keenyatti haamaan yoom jalqabe? Hojii kanarratti kan hirmaatanoo eenyufaʼi? Hojichi buʼaa akkamii argamsiise?

  • Buʼaa Lallabuun Argamsiise—‘Midhaan Addaatee Haamaadhaaf Gaʼeera’
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
    • a Yaanni Yesus ‘midhaan akka addaate’ ibse, marxoo adii namoonni Samaariyaa garasaa dhufaa jiran marxifatanis kan argisiisu taʼuu dandaʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi