LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Waaqayyoof Akka Bulchaa Keenyaatti Ajajamuu Qabna”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • Hiriyoota gaaʼelaa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan qabatanii nama tokko balbala isaa duratti haasofsiisaa jiran.

      Nutis akkuma ergamootaa “manaa gara manaatti” lallabna

      16. Ergamoonni guutummaatti dhugaa baʼuuf kutatanii akka turan kan argisiisan akkamitti? Nutoo mala lallabaa ergamoonni itti fayyadaman kana kan hordofnu akkamitti?

      16 Ergamoonni utuu yeroo hin gubin gara hojii lallabaa isaaniitti deebiʼan. Sodaa tokko malee, “Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessattii fi manaa gara manaatti, misiraachoo waaʼee Kiristoos Yesuus ibsu . . . lallabuu isaanii itti fufan.”d (HoE. 5:42) Labsitoonni hinaaffaa qaban kun guutummaatti dhugaa baʼuuf kutatanii turan. Akkuma Yesuus Kiristoos isaan ajaje, ergaa kana namootatti kan himan gara mana isaanii deemuudhaan akka taʼe hubadhu. (Mat. 10:7, 11-14) Yerusaalemiin barumsa isaaniitiin kan guutan haala kanaan akka taʼe hin shakkisiisu. Yeroo harʼaattis Dhugaa Baatonni Yihowaa mala lallabaa ergamoonni itti fayyadaman kana hordofuudhaan beekamu. Nutis mana tokkoon tokkoon nama naannoo tajaajilaa keenyatti argamuu dhaqnee lallabuudhaan, namni hundi carraa misiraachicha itti dhagaʼu akka argatuuf guutummaatti dhugaa baʼuuf fedhii akka qabnu argisiisna. Maarree Yihowaan tajaajila manaa gara manaatti raawwannu eebbiseeraa? Eeyyee eebbiseera! Guyyoota dhumaa kanatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ergaa Mootummichaa fudhachaa jiru. Hedduun isaaniimmoo jalqaba misiraachicha kan dhagaʼan Dhugaa Baatonni Yihowaa mana isaanii deemanii yeroo itti himanittidha.

      “MANAA GARA MANAATTI” LALLABUU

      Manni Murtii Saanhedriin hojii lallabaa kan dhorke taʼus, barattoonni “guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessattii fi manaa gara manaatti” lallabuu fi barsiisuu isaanii itti fufaniiru. (HoE. 5:42) “Manaa gara manaatti” yeroo jedhamu maal jechuudha?

      Jechi afaan Giriikii kaatiikon jedhu kallattiidhaan yeroo hiikamuu “akka mana manaatti” jechuudha. Hiiktonni hedduun jechi kataa jedhu barattoonni mana isa tokkoo gara isa kan biraa deemanii akka lallaban kan argisiisu taʼuusaa ibsaniiru. Jechi kataa jedhu Luqaas 8:1 isa Yesuus “magaalaa tokko irraa gara magaalaa kan biraa, ganda tokko irraas gara ganda kan biraa” deemee akka lallabe ibsurratti haaluma wal fakkatuun itti hojjetameera.

      Jechumti kun Hojii Ergamootaa 20:20 irratti lakkoobsa baayʼeedhaan kaatiikuus jedhamee itti hojjetameera. Phaawulos ergamaan ilaaltoota olaanaa Kiristiyaanaatiin, “Bakka namoonni walgaʼanittii fi manaa gara manaatti isin barsiisuu irraa duubatti hin jenne” jedhee ture. Akka namoonni tokko tokko jedhanitti Phaawulos asirratti waaʼee mana jaarsolii keessatti barsiisuu dubbachaa hin turre. Kanas caqasa itti aanee jiruu fi “Kanaa mannaa, Yihudoonnis taʼan Giriikonni yaada geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebiʼanii fi Gooftaa Yesuusitti akka amanan guutummaatti isaaniif ragaa baʼeera” jedhurraa hubachuu dandeenya. (HoE. 20:21) Namoonni hidhata amantiisaa taʼan durumayyuu yaada geeddaratanii Yesuusitti amananiiru. Kanaafuu, manaa gara manaa deemanii lallabuu fi barsiisuun namoota hin amanneef dhugaa baʼuu akka argisiisu beekamaadha.

  • “Waaqayyoof Akka Bulchaa Keenyaatti Ajajamuu Qabna”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi