-
“Waaqayyoof Akka Bulchaa Keenyaatti Ajajamuu Qabna”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
Nutis akkuma ergamootaa “manaa gara manaatti” lallabna
16. Ergamoonni guutummaatti dhugaa baʼuuf kutatanii akka turan kan argisiisan akkamitti? Nutoo mala lallabaa ergamoonni itti fayyadaman kana kan hordofnu akkamitti?
16 Ergamoonni utuu yeroo hin gubin gara hojii lallabaa isaaniitti deebiʼan. Sodaa tokko malee, “Guyyuma guyyaadhaan mana qulqullummaa keessattii fi manaa gara manaatti, misiraachoo waaʼee Kiristoos Yesuus ibsu . . . lallabuu isaanii itti fufan.”d (HoE. 5:42) Labsitoonni hinaaffaa qaban kun guutummaatti dhugaa baʼuuf kutatanii turan. Akkuma Yesuus Kiristoos isaan ajaje, ergaa kana namootatti kan himan gara mana isaanii deemuudhaan akka taʼe hubadhu. (Mat. 10:7, 11-14) Yerusaalemiin barumsa isaaniitiin kan guutan haala kanaan akka taʼe hin shakkisiisu. Yeroo harʼaattis Dhugaa Baatonni Yihowaa mala lallabaa ergamoonni itti fayyadaman kana hordofuudhaan beekamu. Nutis mana tokkoon tokkoon nama naannoo tajaajilaa keenyatti argamuu dhaqnee lallabuudhaan, namni hundi carraa misiraachicha itti dhagaʼu akka argatuuf guutummaatti dhugaa baʼuuf fedhii akka qabnu argisiisna. Maarree Yihowaan tajaajila manaa gara manaatti raawwannu eebbiseeraa? Eeyyee eebbiseera! Guyyoota dhumaa kanatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman ergaa Mootummichaa fudhachaa jiru. Hedduun isaaniimmoo jalqaba misiraachicha kan dhagaʼan Dhugaa Baatonni Yihowaa mana isaanii deemanii yeroo itti himanittidha.
-