LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waaqni Dhugaan Eenyu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 5. Yihowaan caalaatti akka isatti dhihaattu barbaada

      Dubartiin Sootan jedhamtuu fi lammii Kaamboodiyaa taate maqaa Waaqayyoo beekuun “miira namatti dhagaʼamu kam irra iyyuu kan caalu” taʼuu isaa dubbatteetti. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Barbaacha Ani Waaqa Dhugaa Argachuuf Godhe (8:18)

      Fakkiiwwan: Suuraawwan viidiyoo ‘Barbaacha Ani Waaqa Dhugaa Argachuuf Godhe’ jedhu irraa fudhataman. 1. Sootan muka bosona keessa jiru tokko jala teessee gara samii ilaalaa, Waaqa dhugaatti kadhannaa dhiheessaa jirti. 2. Haaroldi maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe yommuu Sootanitti himu.
      • Akkuma viidiyicha irratti ibsame, Sootan maqaa Waaqayyoo beekuun ishii jireenya ishii irratti jijjiirama akkamii fide?

      Nama tokko wajjin michuu taʼuu kee dura maqaa isaa barta. Yaaqoob 4:8a dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Yihowaan maal akka gootu si affeereera?

      • Maqaa Waaqayyoo beekuun kee fi itti fayyadamuun kee caalaatti isatti dhihaachuuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

  • Michuu Yihowaa Taʼuu ni Dandeessa
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Michuu Yihowaa Taʼuu ni Dandeessa

      Yihowaan caalaatti akka isa beektu barbaada. Maaliif? Waaʼee amalawwan isaa, akkaataa inni wantoota tokko tokko itti raawwatuu fi kaayyoo isaa caalaatti beekaa yommuu deemtu michuu isaa taʼuuf fedhiin qabdus caalaatti dabalaa akka deemu waan beekuufi. Dhuguma garuu michuu Waaqayyoo taʼuu ni dandeessaa? (Faarfannaa 25:14 dubbisi.) Michuu isaa taʼuuf maal gochuu qabda? Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenna, akkasumas michummaan Yihowaa wajjin qabdu michummaa kam irra iyyuu kan caalu maaliif akka taʼe ibsa.

      1. Yihowaan affeerraa akkamii siif dhiheesse?

      “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.” (Yaaqoob 4:8) Kun maal jechuu dha? Yihowaan michuu isaa akka taatu si affeeraa jira. Namoonni tokko tokko Waaqayyoon arguu waan hin dandeenyeef, michuu isaa taʼuu akka dandaʼan amanuun isaanitti ulfaata taʼa. Taʼus, Yihowaan Kitaaba Qulqulluu isa Dubbii isaa taʼe keessatti isatti dhihaachuu akka dandeenyuuf waaʼee amalawwan isaa wanta beekuun nu barbaachisu hunda nuuf ibseera. Matumaa Yihowaa arginee kan hin beekne taanus, ergaa isaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu yommuu dubbisnu, michummaan isaa wajjin qabnu ni cima.

      2. Yihowaan michoota qabdu hundumaa irra ni caala kan jennu maaliifi?

      Yihowaa caalaa namni si jaallatu hin jiru. Inni gammachuu akka qabaattuu fi yeroo gargaarsi si barbaachisu hundatti akka isa kadhattu barbaada. ‘Inni siif waan yaaduuf, yaaddoo kee hundumaa isa irratti gatuu’ dandeessa. (1 Pheexiros 5:7) Yihowaan michoota isaa deeggaruuf, jajjabeessuu fi dhaggeeffachuuf yoom iyyuu qophaaʼaa dha.—Faarfannaa 94:18, 19 dubbisi.

      3. Yihowaan michoonni isaa maal akka godhan barbaada?

      Yihowaan namoota hundumaa ni jaallata; “warra qajeelota taʼanii wajjin garuu michummaa cimaa qaba.” (Fakkeenya 3:32) Yihowaan michoonni isaa wanta inni gaarii akka taʼetti ilaalu gochuuf akka carraaqan, wanta inni hamaa akka taʼetti ilaalu irraa immoo akka fagaatan barbaada. Namoonni tokko tokko ulaagaalee Yihowaan wanta gaarii fi hamaa taʼeef baasee wajjin matumaa wal simanii jiraachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Yihowaan Waaqa gara balʼeessa taʼe dha. Namni garaadhaa isa jaallatuu fi isa gammachiisuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godhu kam iyyuu isa biratti fudhatama qaba.—Faarfannaa 147:11; Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

      CAALAATTI BARADHU

      Michuu Yihowaa taʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe caalaatti baradhu; Yihowaan michoota qabdu hundumaa irra kan caalu maaliif akka taʼe hubadhu.

      4. Abrahaam michuu Yihowaa ture

      Seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee Abrahaam (Abraam jedhamees ni waamamaa) dubbatu michuu Waaqayyoo taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Uumama 12:1-4 irraa waaʼee Abrahaam dubbisaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Yihowaan Abrahaam maal akka godhu isa gaafate?

      • Yihowaan waadaa akkamii isaaf gale?

      • Abrahaam qajeelfama Yihowaatiif deebii akkamii kenne?

      5. Yihowaan michoota isaa irraa maal eega?

      Yeroo baayʼee michoonni keenya wantoota tokko tokko akka nuuf godhan isaan irraa eegna.

      • Atoo wantoonni michoonni kee akka siif godhan barbaaddu tokko tokko maal faʼi?

      Yohaannis Tokkoffaa 5:3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Yihowaan michoota isaa irraa maal eega?

      Yihowaadhaaf ajajamuuf amalawwan keenya tokko tokko jijjiiruun nu barbaachisa taʼa. Isaayyaas 48:17, 18 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Yihowaan michoonni isaa jijjiirama akka godhan kan isaan irraa eegu maaliifi?

      Namni hojii ijaarsaa irratti hirmaatu tokko nama isaa wajjin hojjetuuf koofiyyaa balaa irraa eegu kennaa jira.

      Michuu gaariin wantoota eegumsa nuuf godhanii fi nu fayyadan nutti hima. Yihowaanis michoota isaatiif akkasuma godha

      6. Yihowaan michoota isaatiif maal godha?

      Yihowaan michoonni isaa rakkoowwan isaan irra gaʼan akka dandamatan isaan gargaara. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Yihowaan Wanta Baayʼee Naaf Godheera (3:20)

      • Yihowaan dubartiin viidiyicha irra jirtu yaadaa fi miira dogoggoraa ishiitti dhagaʼamu akka dandamattu kan ishii gargaare akkamitti?

      Isaayyaas 41:10, 13 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Yihowaan michoota isaa hundaaf maal gochuuf waadaa galeera?

      • Yihowaan michuu gaarii siif taʼuu waan dandaʼu sitti fakkaataa? Maaliif?

      Fakkiiwwan: Michoonni dhugaan wal gargaaru. 1. Namichi tokko minjaala guddaa tokko kaasuuf nama kan biraa yommuu gargaaru. 2. Dubartiin takka dubartii kan biraatti iccitii ishii yommuu himattu. 3. Namichi tokko nama kiraanchiidhaan deemu yommuu gargaaru.

      Michoonni dhugaan yeroo gargaarsi si barbaachisutti si gargaaru. Yihowaanis si gargaara

      7. Michuu Yihowaa taʼuun waliin dubbachuu gaafata

      Michoonni yommuu waliin dubbatan caalaatti walitti dhihaatu. Faarfannaa 86:6, 11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Yihowaa waliin dubbachuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Yihowaan hoo kan nutti dubbatu akkamitti?

      Fakkiiwwan: 1. Dubartii kadhachaa jirtu. Xiyyi mataa ishii irra jiru kallattii oliitti argisiisa. 2. Dubartii Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu. Xiyyi mataa ishii irra jiru kallattii gadiitti argisiisa.

      Nuti kadhannaadhaan Yihowaatti dubbanna; inni immoo karaa Kitaaba Qulqulluu nutti dubbata

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Michuu Waaqayyoo taʼuun matumaa hin dandaʼamu.”

      • Michuu Yihowaa taʼuu akka dandeenyu ibsuuf caqasa Kitaaba Qulqulluu kamitti fayyadamta?

      MAAL BARATTE?

      Yihowaan Michuu kee taʼuu barbaada; isatti dhihaachuu akka dandeessus si gargaara.

      Irra Deebii

      • Yihowaan michoota isaa kan gargaaru akkamitti?

      • Yihowaan michoonni isaa jijjiirama akka godhan kan isaanitti himu maaliifi?

      • Yihowaan michoonni isaa wanta humna isaaniitii ol taʼe akka raawwatan kan isaan irraa eegu sitti fakkaataa? Maaliif?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Waaqayyoo wajjin michummaa uumuun jireenya kee irratti jijjiirama fiduu kan dandaʼu akkamitti?

      “Yihowaan Waaqa Beekuu Qabnu Dha” (Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 15, 2003)

      Michuu Waaqayyoo taʼuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe baradhu.

      “Michuu Waaqayyoo Taʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” (Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2, boqonnaa 35)

      Michummaan dubartiin takka Yihowaa wajjin qabdu jireenya ishii irratti jijjiirama kan fide akkamitti akka taʼe hubadhu.

      “Duʼuu hin Barbaadun Ture!” (Masaraa Eegumsaa Lakk. 1 2017)

      Dargaggoonni waaʼee Yihowaa wanta isaanitti dhagaʼamu yommuu dubbatan dhaggeeffadhu.

      Michuu Waaqayyoo Taʼuu Jechuun Maal Jechuu Dha? (1:46)

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi