-
Kadhannaa Fakkeenya Taʼuu Wajjin Haala Wal Simuun Jiraadhaa—Kutaa 1Masaraa Eegumsaa—2015 | Waxabajjii 15
-
-
Kadhannaa Fakkeenya Taʼuu Wajjin Haala Wal Simuun Jiraadhaa—Kutaa 1
“Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu.”—MAT. 6:9.
1. Tajaajila keenya irratti Maatewos 6:9-13tti akkamitti fayyadamna?
NAMOONNI hedduun kadhannaa Maatewos 6:9-13 irratti argamu jechaa jechatti irra deebiʼuu ni dandaʼu. Manaa gara manaatti yeroo tajaajillu, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiruu fi yeroo dhihootti lafa irratti jijjiirama guddaa fidu taʼuu isaa namni nuti haasofsiisnu akka hubatu gargaaruuf yeroo baayʼee kadhannaa kana Macaafa Qulqulluu irraa itti argisiisna. Yookiin immoo, yaada kadhannaa kana keessa jirutti fayyadamuudhaan Waaqayyo maqaa dhuunfaa qulqulleeffamuu qabu akka qabu ibsuuf itti fayyadamna taʼa.—Mat. 6:9.
2. Yesus kadhannaan fakkeenya taʼu jechaa jechatti irra deddeebiʼamee akka kadhatamu akka hin yaadne kan beeknu akkamitti?
2 Haa taʼu malee, Yesus kadhannaa kana kan nu barsiise akkuma namoonni Saba Kiristiyaanaa keessa jiran godhan yeroo kadhannu hundatti jechaa jechatti akka irra deddeebinu barbaadee tii? Lakki. Yesus kadhannaa kana akka fakkeenyaatti dubbachuu isaa dura, “Yeroo kadhattanis . . . dubbii waaʼee hin baafne [“waanuma wal fakkaatu,” NW] keessa hin deddeebiʼinaa!” jedheera. (Mat. 6:7) Yesus yeroo kan biraatti kadhannaa kana irra deebiʼee yeroo barsisetti, jechoota kan biraatti fayyadameera. (Luq. 11:1-4) Karaa kanaan Yesus wantoonni kadhannaa keenya irratti caqasuun nu barbaachisu maalfaa akka taʼanii fi duraa duubni barbaachisummaa isaanii maal akka taʼe akka beeknu nu gargaareera. Kanaafuu, kadhannaan kun kadhannaa fakkeenya taʼu jedhamuun isaa sirrii dha.
3. Kadhannaa fakkeenya taʼu yeroo qorrutti gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?
3 Mata duree kanaa fi isa itti aanu irratti qabiyyee kadhannaa fakkeenya taʼu kanaa qorra. Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Kadhannaan fakkeenya taʼu kun kadhannaa koo fooyyessuuf kan na gargaaru akkamitti? Hunda caalaa immoo kadhannaa kanaa wajjin wal simee jiraachaan jiraa?’
“YAA ISA WAAQA IRRA JIRTU ABBAA KEENYAA!”
4. Yaanni “Abbaa keenya” jedhu maal nu yaadachiisa? Yihowaan Kiristiyaanota lafa irra jiraachuuf abdii qabaniif “Abbaa” kan taʼe akkamitti?
4 “Abbaa koo” utuu hin taʼin “Abbaa keenya” jedhamuun isaa, “obbolummaa amantootaa” dhugumaan wal jaallatu qabaachuu keenya nu yaadachiisa. (1 Phe. 2:17) Kun mirga guddaa dha! Kiristiyaanonni dibamoon, warri ilmaan Waaqayyoo taʼanii fi gara fuulduraatti samii irra jiraachuuf abdii qaban, guutummaatti Yihowaa “Abbaa keenya” jedhanii waamuu ni dandaʼu. (Rom. 8:15-17) Kiristiyaanonni bara baraaf lafa irra jiraachuuf abdii qabanis Yihowaa “Abbaa keenya” jedhanii waamuu ni dandaʼu. Jireenya kan isaanii kenne isa dha; wanta tajaajiltoota isaa warra dhugaatiif barbaachisu kan guutus isa dha. Namoonni lafa irra jiraachuuf abdii qaban, cubbuu irraa walaba erga taʼanii fi yeroo qorumsaa isa dhumaatti amanamoo taʼuu isaanii erga mirkaneessanii booda, guutummaatti ijoollee Waaqayyoo ni taʼu.—Rom. 8:21; Mul. 20:7, 8.
5, 6. Kennaa gaariin warri ijoollee isaaniitiif kennuu dandaʼan maali dha? Ijoolleen hoo kennaa kanatti fayyadamanii maal gochuu qabu? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
5 Warri, ijoolleen isaanii akkamitti kadhachuu akka qaban yeroo barsiisanii fi Yihowaa akka Abbaa isaanii isa samii isaan kunuunsutti akka ilaalan yommuu isaan gargaaran kennaa gaarii taʼe isaaniif kennaa jiru jechuu dha. Obboleessi amma Afriikaa Kibbaa keessatti daawwataa ol aanaa aanaa taʼee tajaajilaa jiru akkana jedheera: “Bakka kan biraa hamman hin deemnetti, guyyaa dhalatanii kaasee ijoollee durbaa keenyaa wajjin yeroo hunda galgala galgala nan kadhadhan ture. Ijoolleen keenya jechootan kadhannaa koo irratti itti fayyadamu sirriitti akka hin yaadanne yeroo baayʼee ni dubbatu. Haa taʼu malee, haala yeroo sana ture, Abbaa keenya Yihowaa wajjin wal qunnamuun ulfina qabeessa taʼuu isaa, akkasumas miira tasgabbii fi nagaa isaanitti dhagaʼamaa ture ni yaadatu. Ofiin kadhachuu yeroo itti dandaʼanii kaasee yaadaa fi miira isaanii Yihowaadhaaf ennaa ibsan dhagaʼuu akkan dandaʼuuf sagalee isaanii baasanii akka kadhatan isaan jajjabeesseera. Kunis wanta garaa isaanii keessa jiru beekuuf carraa gaarii naa baneera. Achii, kadhannaan isaanii buʼuura gaarii akka qabaatuuf, yaadawwan kadhannaa isa fakkeenya taʼu irratti ibsaman kadhannaa isaanii irratti akka dabalanan isaan barsiise.”
6 Ijoolleen obboleessa kanaa karaa hafuuraa guddina gaarii gochuun isaanii nama hin dinqisiisu. Amma gaaʼela gammachuu qabu kan qaban siʼa taʼu, abbootii manaa isaanii wajjin tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachuudhaan jaalala Waaqayyoo raawwachaa jiru. Warri, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa akka qabaatan gochuu caalaa kennaa kan biraa ijoollee isaaniitiif kennuu hin dandaʼan. Dhugaa dha, walitti dhufeenya gati jabeessa taʼe kana eeganii jiraachuun itti gaafatamummaa ijoollee ti. Kunis maqaa Waaqayyoo jaallachuu fi maqaa kana ulfina guddaadhaan qabuu kan dabalatu dha.—Far. 5:11, 12; 91:14.
“MAQAAN KEE QULQULLUU TAʼEE HAA EEGAMU”
7. Sabni Waaqayyoo mirga akkamii qabu? Mirgi kun hoo itti gaafatamummaan akkamii akka nu irra jiraatu godha?
7 Maqaa Waaqayyoo beekuu qofa utuu hin taʼin, “namoota maqaa isaatiif taʼan” taʼuun keenya mirga guddaa dha. (HoE. 15:14, NW; Isa. 43:10) Abbaa keenya isa samii, “Maqaan kee qulqulluu taʼee haa eegamu” jennee ni kadhanna. Akkas jettee kadhachuun kee, wanta maqaa isaa isa qulqulluu irratti arrabsoo fidu kam iyyuu gochuu ykn dubbachuu irraa akka fagaattu akka si gargaaru Yihowaa kadhachuuf si kakaasuu dandaʼa. Akka namoota jaarraa jalqabaa wanta dubbatan hojii irra hin oolchine tokko tokkoo taʼuu hin barbaadnu. Phaawulos ergamaan, “Sababii keessaniif maqaan Waaqayyoo warra saba Waaqayyoo hin taʼin gidduutti in arrabsama” jechuudhaan waaʼee isaanii barreesseera.—Rom. 2:21-24.
8, 9. Yihowaan namoota qulqullinni maqaa isaa isaan yaaddessu akkamitti akka eebbisu fakkeenya argisiisu dubbadhu.
8 Maqaa Waaqayyoo qulqulleessuu ni barbaadna. Obboleettiin Noorweey keessa jiraattu tokko, abbaan manaa ishee yeroo isaa malee yeroo duʼetti ilma ishee waggaa lamaa wajjin kophaa hafte. Akkana jetteetti: “Yeroon kun, jireenya koo keessatti yeroo baayʼee ulfaataa ture dha. Murtoo sirrii hin taane godhee ykn amanamummaa koo balleessee, Seexanni sababii Yihowaa itti arrabsu akka argatu akkan hin goonetti miira koo toʼachuu akkan dandaʼu guyyaa hunda saʼaatii saʼaatiitti nan kadhadhan ture. Maqaa Yihowaa qulqulleessuu, akkasumas mucaan koo Jannata keessatti abbaa isaa akka argatu nan barbaada.”—Fak. 27:11.
9 Yihowaan kadhannaa ofittummaa irraa walaba taʼe kanaaf deebii kenneeraa? Eeyyee. Obboleettiin kun yeroo hunda obboloota hafuuraa isheedhaaf yaadanii wajjin taʼuudhaan gargaarsa argatteetti. Waggaa shan booda jaarsa gumii tokkotti heerumte. Ilmi ishee inni amma umuriin isaa waggaa 20 taʼe obboleessa cuuphame dha. “Abbaan manaa koo isa guddisuu akkan dandaʼu waan na gargaareef gammachuu guddaatu natti dhagaʼama” jetteetti.
10. Maqaan Waaqayyoo guutummaatti akka qulqulleeffamuuf maaltu barbaachisa?
10 Maqaan Waaqayyoo guutummaatti akka qulqullaaʼuu fi arrabsoo irraa walaba akka taʼu gochuuf maaltu barbaachisa? Kun akka taʼu, Yihowaan qaamota taʼe jedhanii ol aantummaa isaa fudhachuu didan balleessuu qaba. (Hisqiʼel 38:22, 23 dubbisi.) Ilmaan namootaa suuta suuta cubbuu irraa guutummaatti walaba taasifamu. Yeroo uumamawwan yaaduu dandaʼan hundi maqaa Yihowaa itti qulqulleessan hawwiidhaan eegganna! Dhuma irratti, Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe ‘hundumaatiif waan hunda ni taʼa.’—1 Qor. 15:28, NW.
“MOOTUMMAAN KEE HAA DHUFU”
11, 12. Yihowaan naannoo dhuma jaarraa 19ffaatti Kiristiyaanonni dhugaan maal akka hubatan godhe?
11 Yesus gara samiitti ol baʼuu isaa dura duuka buutonni isaa, “Yaa gooftaa, siʼa kana Israaʼeliif mootummaa deebiftaafii ree?” jedhanii isa gaafatanii turan. Deebiin Yesus isaanii kenne, Mootummaan Waaqayyoo bulchuu kan jalqabu yoom akka taʼe yeroon itti beekan akka hin geenye argisiisa. Duuka buutonni isaa hojii lallabaa barbaachisaa taʼe hojjechuu irratti akka xiyyeeffatan isaanitti hime. (Hojii Ergamootaa 1:6-8 dubbisi.) Taʼu iyyuu Yesus yeroo Mootummaan Waaqayyoo itti dhufu hawwiidhaan akka eeggatan isaan barsiiseera. Kanaafuu, bara ergamootaatii jalqabee Kiristiyaanonni Mootummichi akka dhufu kadhachaa jiru.
12 Yeroon Mootummaan Waaqayyoo inni Yesusiin geggeeffamu samii irratti bulchuu itti jalqabu yommuu dhihaatetti, Yihowaan tajaajiltoonni isaa yeroo isaa akka hubatan gargaareera. Bara 1876tti mata dureen Chaarlis Teez Raasil barreesse tokko barruu Baayibil Egzaaminar jedhamu irratti baʼee ture. Mata dureen kun, “Barri Warra Saba Waaqayyoo Hin Taʼinitti Kenname Kan Xumuramu Yoomi?” kan jedhu siʼa taʼu, barri 1914 bara iddoo guddaa qabu akka taʼe ibseera. Akkasumas, “barri torba” inni raajii Daaniʼel irratti ibsame ‘bara warra saba Waaqayyoo hin taʼinitti kennamee’ fi Yesus dubbatee wajjin akka wal qabatu ibseera.a—Dan. 4:16; Luq. 21:24.
13. Bara 1914tti maaltu taʼe? Haalli addunyaa yeroo sanaa kaasee jiru maal mirkaneessa?
13 Bara 1914tti saboota Awurooppaa gidduutti waraanni kan jalqabe siʼa taʼu, yeroo booda babalʼatee guutummaa addunyaa waliin gaʼe. Waraanichi bara 1918tti ennaa dhaabatu immoo, hirʼina nyaataa hamaa, akkasumas dhukkuba iinfluweenzaa namoota waraanicha irratti dhuman caalaa namoota hedduu fixetu uumame. Kanaafuu, “milikkinni” Yesus karaa hin mulʼanneen Mootii haaraa lafa bulchu taʼee akka argame mulʼisu raawwii isaa argachuu ni jalqabe. (Mat. 24:3-8; Luq. 21:10, 11) Ragaawwan jiran akka argisiisanitti, “gonfoon” Gooftaa keenya Yesus Kiristosiif kan “kenname” bara 1914tti dha. Inni “moʼaa, ammas moʼuudhaaf in baʼe.” (Mul. 6:2) Yesus, Seexanaa fi ergamoota isaa warra gara naannoo lafaatti darbatamanii wajjin waraana banuudhaan samii qulqulleesseera. Yeroo sanaa kaasee, ilmaan namootaa yaadni armaan gadii geggeessaa hafuuraatiin barreeffame dhugaa taʼuu isaa hubataniiru: “Yaa lafaa, yaa galaanaa, Seexanni gara keessanitti waan gad buʼeef isiniif garuu wayyoo! Inni yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf, guddaa aareera!”—Mul. 12:7-12.
14. (a) Yeroo harʼaattis Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Mirga akkamii arganneerra?
14 Raajiin Mulʼata 12:7-12 irratti argamu Mootummaan Waaqayyoo bulchuu akkuma jalqabeen rakkinni nama suukanneessu ilmaan namootaa irra gaʼuu kan jalqabe maaliif akka taʼe ibsa. Yesus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe diinota isaa gidduutti bulchuu jalqabe. Guutummaatti bulchuu jalqabee hammina lafa irraa hanga balleessutti, Mootummaan Waaqayyoo akka dhufu kadhachuu keenya itti fufna. Akkasumas, raawwii kutaa ‘milikkitichaa’ dinqisiisaa taʼe tokko irratti hirmaachuudhaan, kadhannaa keenya kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuu qabna. Yesus, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa” jechuudhaan dursee dubbateera.—Mat. 24:14.
“JAALALLI KEE . . . LAFA IRRATTI HAA TAʼU”
15, 16. Kadhannaa jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu dhiheessinuu wajjin haala wal simuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Gara waggaa 6,000 dura fedhiin Waaqayyoo lafa irratti guutummaatti taʼaa ture. Yihowaan haala ilmaan namootaa jalqaba ture ilaaluudhaan, “Baayʼee gaarii ture” kan jedhe kanaafi dha. (Uma. 1:31) Sana booda garuu Seexanni mormii kan kaase siʼa taʼu, yeroo sanaa kaasee lafa irratti fedha Waaqayyoo kan raawwatan namoota muraasa dha. Haa taʼu malee, yeroo Dhugaa Baatonni gara miliyoona saddeetii taʼanii fi jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu kadhachuu qofa utuu hin taʼin kadhannaa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachaa jiran kanatti lubbuudhaan jiraachuun mirga guddaa dha. Kanas kan godhan akkaataa jireenyaa isaaniitiin, akkasumas hojii bartoota gochuu irratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaani.
Ijoolleen keessan kadhannaa jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu dhiheessinuu wajjin haala wal simuun akka jiraatan gargaaraa jirtuu? (Keeyyata 16 ilaali)
16 Fakkeenyaaf, obboleettiin bara 1948tti cuuphamtee fi Afriikaa keessatti misiyoonii taatee tajaajilaa jirtu tokko akkana jetteetti: “Kutaa kadhannaa fakkeenya taʼu kanaa wajjin haala wal simuun, namoonni hoolaatti fakkeeffaman yeroon utuu itti hin darbin akka argamanii fi Yihowaa beekuuf gargaarsa akka argatan yeroo baayʼeen kadhadha. Akkasumas, yeroon nama tokko haasofsiisuuf jedhu garaa nama sanaa tuquu akkan dandaʼuuf ogummaa argachuuf nan kadhadha. Warra hoolaatti fakkeeffamanii fi nuu wajjin wal argan ilaalchisee immoo Yihowaan isaan kunuunsuuf carraaqqii nuti goonu akka nuuf eebbisu nan kadhadha.” Obboleettiin umuriin ishee waggaa 80 taʼe kun tajaajila ishee irratti milkaaʼina kan argattee fi gargaarsa warra kaaniitiin namoonni hedduun Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan kan gargaarte taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Ati hoo obboloota kan dullooman taʼus, hinaaffaadhaan jaalala Waaqayyoo raawwachaa jiran yaadachuu ni dandeessaa?—Filiphisiiyus 2:17 dubbisi.
17. Wanta Yihowaan gara fuulduraatti ilmaan namootaa fi lafaaf godhu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?
17 Diinonni Mootummaa Waaqayyoo hanga lafa irraa balleeffamanitti jaalalli Waaqayyoo lafa irratti akka taʼu kadhachuu keenya itti fufna. Achii, lafti erga jannata taatee booda namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman yommuu duʼaa kaafamanitti jaalalli Waaqayyoo guutummaatti yeroo taʼu argina. Yesus, “Waaʼee kanaa hin dinqifatinaa; warri duʼanii awwaalaman sagalee [koo] yeroon itti dhagaʼan in dhufa” jedheera. (Yoh. 5:28, 29) Lubbuudhaan jiraannee namoota jaallannuu fi duʼaa kaafaman simachuun baayʼee kan nama gammachiisu dha! Waaqayyo “imimmaan hundumaa ija [keenya irraa] in haqa.” (Mul. 21:4) Namoota duʼaa kaafaman keessaa hedduun isaanii “jalʼoota,” jechuunis namoota dhugaa waaʼee Waaqa keenya Yihowaa fi Ilma isaa dubbatu utuu hin baratin duʼani dha. Namoonni duʼaa kaafaman “jireenya barabaraa” argachuuf gaʼumsa akka qabaataniif, jaalala Waaqayyoo fi kaayyoo isaa isaan barsiisuun mirga guddaa dha.—HoE. 24:15; Yoh. 17:3.
18. Wanti caalaatti ilmaan namootaa barbaachisu maali dha?
18 Uumama cufa irratti nagaa fi tokkummaan argamuu kan dandaʼu, karaa Mootummaa Waaqayyoo maqaan Yihowaa yeroo qulqulleeffamutti dha. Eeyyee, Waaqayyo kadhannaa fakkeenya taʼu keessaa kadhannaawwan sadan jalqabaatiif yeroo deebii kennu, wantoota ilmaan namootaatiif caalaatti barbaachisan ni guuta. Kadhannaa Yesus akka fakkeenyaatti barsiise keessatti kadhannaawwan ibsaman afur wantoota ilmaan namootaa barbaachisan gara biraa qabataniiru. Kadhannaawwan kun mata duree itti aanu keessatti ibsamu.
a Raajiin kun bara 1914tti yeroo Mootummaan Masiihichaa hundeeffametti raawwii isaa kan argate akkamitti akka taʼe beekuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu fuula 215-218 ilaali.
-
-
Kadhannaa Fakkeenya Taʼuu Wajjin Haala Wal Simuun Jiraadhaa —Kutaa 2Masaraa Eegumsaa—2015 | Waxabajjii 15
-
-
Kadhannaa Fakkeenya Taʼuu Wajjin Haala Wal Simuun Jiraadhaa —Kutaa 2
“Abbaan keessan . . . waan isiniif barbaachisu in beeka.”—MAT. 6:8.
1-3. Yihowaan wanta nu barbaachisu akka beeku obboleettii tokkoof wanti mirkaneesse maali dha?
LAANAAN wanta bara 2012tti Jarmanii yeroo deemtetti ishee mudate hin irraanfattu. Kadhannaa dhiheessite keessaa lamaaf deebii akka argatte itti dhagaʼama. Kadhannaa isa jalqabaa kan dhiheessite baaburaan gara buufata xiyyaaraa utuu deemaa jirtuu ti. Dhugaa baʼuudhaaf carraa akka argattu Yihowaa kadhatte. Kadhannaa isa lammaffaa kan dhiheessite, buufata xiyyaaraa geessee, adeemsi ishee guyyaa lama booda akka taʼe yeroo itti himametti dha. Laanaan kadhannaa kana kan dhiheessite qarshii qabdu baayʼee isaa waan of harkaa fixxee fi iddoo turtu waan hin qabneefi dha.
2 Laanaan kadhannaa isa lammaffaa dhiheessitee utuu hin xumurin sagalee, “Laanaa, akkam jirta? Asii maal hojjeta?” jedhu dhageesse. Kan ishee dubbisaa ture dargaggeessa kanaan dura ishee wajjin barate dha. Dargaggeessi kun haadha isaa fi akkoo isaa wajjin kan ture siʼa taʼu, isaanis adeemsa inni gara Afriikaa Kibbaatti godhuuf isa geggeessuu dhufan. Haati isaa Eelk, haala Laanaan keessa jirtu erga hubattee booda isaanii wajjin akka turtu ishee afeerte. Eelkii fi haati ishee, Laanaa akka gaariitti kan keessummeessan siʼa taʼu, waaʼee amantii ishee fi waaʼee hojii isheen tajaajila yeroo guutuu keessatti hojjettuu ishee gaafatan.
3 Guyyaa itti aanutti ganama ciree gaarii erga nyaatanii booda, Laanaan gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu hedduu kan isaaniif deebiste siʼa taʼu, deddeebii gaaffiin akka isaaniif godhamuuf teessoo isaanii fudhatte. Laanaan nagaadhaan gara biyya isheetti deebitee, qajeelchituu taatee tajaajiluu ishee itti fufteetti. Waaqni inni ‘kadhata namaa dhagaʼu,’ haala kana keessatti akka ishee gargaare isheetti dhagaʼama.—Far. 65:2.
4. Wantoota nu barbaachisan kam qorra?
4 Rakkinni tokko akka tasaa yeroo nu mudatu gargaarsa argachuuf kadhachuun nutti hin ulfaatu; Yihowaanis kadhannaa namoonni amanamoon dhiheessan akkasii gammachuudhaan dhagaʼa. (Far. 34:15; Fak. 15:8) Kadhannaa fakkeenya taʼu irratti kan xiinxallu yoo taʼe garuu, wantoonni caalaatti barbaachisanii fi dagachuu dandeenyu akka jiran hubanna taʼa. Fakkeenyaaf, kadhannaawwan sadan xumura kadhannaa fakkeenya taʼuu irratti caqasaman, wanta karaa hafuuraa nu barbaachisu akkamitti akka ibsan ilaali. Kadhannaa isa arfaffaa nyaata guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisu argachuuf kadhannuu wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanti nuti caalaatti gochuu dandeenyu jiraa?—Maatewos 6:11-13 dubbisi.
“NYAATA HARʼAAF NU BARBAACHISU NUU KENNI”
5, 6. Qabeenya gaʼaa kan qabnu yoo taʼe illee, nyaata harʼaaf nu barbaachisu argachuuf kadhachuu kan qabnu maaliifi?
5 Kadhannaan kun nyaata harʼaaf “na” barbaachisu utuu hin taʼin, nyaata harʼaaf “nu” barbaachisu kan jedhu taʼuu isaa hubadhaa. Viiktoor inni Afriikaa keessatti ilaaltuu ol aanaa aanaa taʼee tajaajilu akkana jedheera: “Anii fi haati manaa koo nyaata eessaa akka nyaannu ykn kiraa manaa kan nuuf kaffalu eenyu akka taʼe waan hin yaaddofneef Yihowaa nan galateeffadha. Obboloonni keenya yeroo hundumaa gaarummaadhaan kakaʼanii wanta nu barbaachisu nuu guutu. Haa taʼu malee, warri nu gargaaran gama dinagdeetiin dhiibbaa isaan irra gaʼu dandamachuu akka dandaʼaniif nan kadhadha.”
6 Nyaata yeroo baayʼeedhaaf nu gaʼu kan qabnu yoo taʼe illee, waaʼee obboloota hiyyummaa keessa jiranii ykn balaan isaan mudatee yaaduu dandeenya. Isaaniif kadhachuu qofa utuu hin taʼin, tarkaanfii kadhannaa keenyaa wajjin wal simu fudhachuu qabna. Fakkeenyaaf, wanta qabnu obboloota hidhata amantii keenya taʼaniif kennuu dandeenya. Akkasumas, buusiin goonu akka gaariitti hojii irra akka oolu waan beeknuuf, hojii addunyaa maraatiif yeroo hundumaa buusii gochuu dandeenya.—1 Yoh. 3:17.
7. Yesus gorsa “Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa” jechuudhaan kenne fakkeenyaan kan ibse akkamitti?
7 Yesus waaʼee nyaata guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisuu yeroo caqasetti, waaʼee wanta hatattamaan nu barbaachisuu dubbachuu barbaadee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, Waaqayyo biqiltuu bakkeetti argamutti akkamitti akka uwwisu erga dubbatee booda, “Isinitti guddaa caalchisee hin uffisuu ree? Isin warra amantiin itti hirʼatuu dha malee. Kanaafis isin . . . ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa!” jedheera. Gorsa barbaachisaa, “Waaʼee boriifis hin yaaddaʼinaa” jedhu irra deebiʼuudhaan yaada isaa xumureera. (Mat. 6:30-34) Kunis qabeenya jaallachuu mannaa, wantoota buʼuuraa guyyaa guyyaatti nu barbaachisan qabaachuu keenyatti gammaduu akka qabnu argisiisa. Wantoonni nu barbaachisan kun bakka jireenyaa mijataa, hojii wanta maatii keenyaaf barbaachisu guutuuf nu gargaaruu fi fayyaa wajjin haala wal qabateen murtoo gaarii gochuu kan dabalatu dha. Wantoota karaa foonii nu barbaachisan kana argachuuf qofa kan kadhannu yoo taʼe garuu, madaallii keenya eegaa hin jirru jechuu dha. Caalaatti kan nu barbaachisu wantoota hafuuraa ti.
8. Wanti Yesus nyaata guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisu ilaalchisee dubbate wanta baayʼee nu barbaachisu kam nu yaadachiisuu qaba? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
8 Wanti Yesus nyaata guyyaa guyyaadhaaf nu barbaachisu ilaalchisee dubbate, nyaanni hafuuraa akka nu barbaachisu nu yaadachiisuu qaba. Gooftaan keenya, “Namni nyaata duwwaadhaan hin jiraatu, dubbii afaan Waaqayyoo keessaa baʼu hundumaan malee” jedheera. (Mat. 4:4) Kanaafuu, Yihowaan yeroo isaatti karaa hafuuraa akka nu sooru kadhachuu keenya itti fufuu qabna.
“IDAA KEENYA NUU DHIISI”
9. Cubbuun keenya “idaa” kan nutti taʼu akkamitti?
9 Yesus yeroo kan biraatti jecha “cubbuu” jedhutti kan fayyadame taʼus, kadhannaa kana irratti jecha “idaa” jedhutti kan fayyadame maaliifi? (Mat. 6:12, NW; Luq. 11:4) Masaraan Eegumsaa waggaa 60 dura akkana jechuudhaan dhimma kana akka gaariitti ibseera: “Cubbuun seera Waaqayyoo irra darbuudhaan hojjennu idaan Waaqayyoo akka nu irra jiraatu godha. . . . Waaqayyo cubbuu hojjenneef lubbuu keenya nu dhabsiisuu dandaʼa. . . . Walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu addaan kutuudhaan nagaa nuuf kenne nu dhabsiisuu dandaʼa. . . . Isaaf ajajamuudhaan jaalala isaaf kennina; cubbuu hojjechuun Waaqayyoon jibbuu waan taʼeef, yeroo cubbuu raawwannutti idaa jaalalaa nu irra jiru utuu isaaf hin kaffalin hafna.”—1 Yoh. 5:3.
10. Yihowaan cubbuu keenya kan nuuf dhiisu maal irratti hundaaʼee ti? Waaʼee kanaa maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?
10 Guyyaa guyyaatti dhiifamni cubbuu nu barbaachisuun isaa, karaa seera qabeessa Waaqayyo cubbuu keenya ittiin nuu haqu, jechuunis aarsaa furii Yesus kan ibsu dha. Furiin kun gara waggaa 2,000 dura kan kaffalame taʼus, akka waan kennaa harʼa nuuf kennameetti iddoo guddaa kennuufii qabna. Namni cubbamaan gonkumaa kaffaluu waan hin dandeenyeef, “gatiin furee” nuuf kaffalame kanaa “sonaan guddaa” dha. (Faarfannaa 49:7-9; 1 Phexros 1:18, 19 dubbisi.) Kennaa guddaa kanaaf, yeroo hunda Yihowaa galateeffachuu qabna. Akkasumas, yaanni “cubbuu koo” utuu hin taʼin “cubbuu keenya” jedhu, qophiin gaarummaa irratti hundaaʼee godhame kun obboloota nuu wajjin waaqeffatan hunda akka barbaachisu argisiisa. Yihowaan wanta karaa hafuuraa ofii keenyaaf qofa barbaachisu utuu hin taʼin, warra nu yakkan dabalatee, wanta karaa hafuuraa warra kaan barbaachisuufis akka yaaddofnu akka barbaadu ifa dha. Yeroo baayʼee cubbuun obboloonni keenya nu irratti hojjetan salphaa taʼuu isaa irra iyyuu, obboloota keenya dhugumaan akka jaallannu argisiisuuf, akkasumas akkuma Waaqayyo araara isaatiin cubbuu keenya nuuf dhiisu, nutis dhiifama gochuuf fedhii akka qabnu argisiisuuf carraa nuu bana.—Qol. 3:13.
Waaqayyo dhiifama akka sii godhu yoo barbaadde, dhiifama gochuu kee itti fufuu qabda (Keeyyata 11 ilaali)
11. Namootaaf dhiifama gochuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
11 Kan nama gaddisiisu, cubbamoo waan taaneef, namoota irratti yeroo tokko tokko haaloo ni qabanna taʼa. (Lew. 19:18) Waaʼee dhimmichaa nama kan biraatti dubbachuun, namoonni kaan nu irra akka goran waan godhuuf gumii keessatti qoqqoodamni akka jiraatu godha. Haalli kun akka itti fufu kan heyyamnu yoo taʼe, araara Waaqayyootii fi furichaaf dinqisiifannaa kan hin qabne taʼuu keenya argisiisa. Namoota kaaniif dhiifama hin goonu taanaan, Abbaan keenya Yihowaan gatii furii Ilma isaa nuuf fayyadamuu dhiisa. (Mat. 18:35) Yesus akkuma kadhannaa fakkeenya taʼu barsiisee xumureen waaʼee yaada kanaa balʼinaan ibseera. (Maatewos 6:14, 15 dubbisi.) Dhiifama Waaqayyo godhu irraa fayyadamuuf, cubbuu cimaa raawwachuu irraa fagaachuuf carraaquu qabna. Cubbuu cimaa raawwachuu irraa fagaachuun keenya immoo kadhannaa itti aanee jiru dhiheessuuf nu dandeessisa.—1 Yoh. 3:4, 6.
“QORAMATTIS NU HIN GALCHIN”
12, 13. (a) Yesus akkuma cuuphameen maaltu isa irra gaʼe? (b) Qorumsatti yoo galle kan itti gaafatamu numa dha kan jennu maaliifi? (c) Yesus hanga duʼaatti amanamaa taʼuudhaan maal mirkaneesse?
12 Wanta Yesus akkuma cuuphameen isa mudate ilaaluun keenya, “Qoramattis nu hin galchin” jennee kadhachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe hubachuuf nu gargaara. Yesus hafuura Waaqayyootiin gara lafa onaatti geeffamee ture. Maaliif? “Seexanaan qoramuudhaaf.” (Mat. 4:1; 6:13) Kun nu dinqisiisuu qabaa? Sababii guddaa Waaqayyo Ilma isaa gara lafaatti itti erge yoo beekne nu hin dinqisiisu. Kan isa erge, gaaffii yeroo Addaamii fi Hewwaan ol aantummaa Yihowaa fudhachuu didanitti kaʼeef deebii kennuuf ture. Gaaffiin tokko deebii akka argatuuf yeroon ni barbaachisa. Fakkeenyaaf, karaan Waaqayyo ittiin namoota uume rakkina qaba turee? Namni cubbuu hin dhaalle tokko, utuu inni ‘hamaan’ dhiibbaa isa irraan gaʼuu ol aantummaa Waaqayyoo deggeruu ni dandaʼaa? Akkasumas, akkuma Seexanni jedhe ilmaan namootaa bulchiinsa Waaqayyootiin alatti utuu jiraatanii wayyaaf turee? (Uma. 3:4, 5) Gaaffilee akkasii deebisuun yeroo kan gaafatu taʼus, Yihowaan ol aantummaa isaatti kan fayyadamu karaa faayidaa qabuun taʼuu isaa uumamni samii fi lafa irra jiru hundi akka hubatu godha.
13 Yihowaan qulqulluu waan taʼeef, waan hamaa akka hojjetu eenyuun iyyuu hin qoru. Kanaa mannaa, ‘inni nama qoru’ Diiyaabilosi dha. (Mat. 4:3) Seexanni haalawwan nu qoran akka uumaman gochuu ni dandaʼa. Haa taʼu malee, namni tokko qoramatti of galchuus taʼe of galchuu dhiisuu ni dandaʼa. (Yaaqoob 1:13-15 dubbisi.) Yesus Dubbii Waaqayyoo irraa caqasuudhaan qorumsa isa mudate hundumaa of irraa ittiseera. Karaa kanaan, ol aantummaa Waaqayyoo guutummaatti deggereera. Seexanni garuu abdii hin kutanne. “Hanga yeroo mijaaʼaa gara biraa argatutti isa dhiisee deeme.” (Luq. 4:13, NW) Yesus carraaqqii Seexanni amanamummaa isaa jalaa balleessuuf godhe of irraa ittisuu isaa itti fufee ture. Kiristos ol aantummaan Yihowaa sirrii taʼuu isaa deggereera; akkasumas, qorumsi cimaan yoo isa irra gaʼe iyyuu namni cubbuu hin dhaalle kam iyyuu amanamaa taʼuu akka dandaʼu mirkaneesseera. Haa taʼu malee, Seexanni si dabalatee duuka buutota Yesus hunda kiyyootti galchuu barbaada.
14. Qoramatti akka hin galle maal gochuu qabna?
14 Gaaffiin ol aantummaa Yihowaa ilaalchisee kaʼe amma iyyuu deebii waan barbaaduuf, Yihowaan Seexanni biyya lafaa kanatti fayyadamee akka nu qoru heyyameera. Kana jechuun garuu, Waaqayyo qoramatti nu galcha jechuu miti. Kanaa mannaa nutti amanama; nu gargaaruus ni barbaada. Yihowaan mirga filachuuf qabnu waan nuu kabajuuf, qoramatti akka hin galle dhiibbaa nu irratti hin godhu. Qoramatti akka hin galleef wantoota lama, jechuunis karaa hafuuraa dammaqoo taʼuu fi kadhannaatti jabaachuu qabna. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti?
Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduu fi hinaaffaa tajaajila irratti qabdu guddifadhu (Keeyyata 15 ilaali)
15, 16. (a) Qorumsawwan kamfaa of irraa ittisuu qabna? (b) Qoramatti yoo galle kan itti gaafatamu eenyu dha?
15 Yihowaan jabina nuu kennuu fi akka qorumsa of irraa ittisnu nu gargaaruuf hafuura isaa isa humna cimaa qabuu nuu kenna. Akkasumas, wantoota barbaachisaa hin taaneef yeroo, qarshii fi humna baayʼee baasuu akka hin qabne dabalatee, wantoota irraa fagaachuu qabnu ilaalchisee karaa Dubbii isaa fi karaa gumii dursee nu akeekkachiisa. Eespenii fi Yaaneen biyya Awurooppaa dureettii taate tokko keessa jiraatu. Kutaa biyya isaanii gargaarsi caalaatti barbaachisu tokko deemanii waggoota hedduudhaaf qajeelchitoota taʼanii tajaajilaa turan. Mucaan isaanii inni jalqabaa yeroo dhalatu qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu kan dhaaban yommuu taʼu, amma daaʼima kan biraas qabu. Eespen akkana jedheera: “Akka kanaan duraatti sochiiwwan tiʼookraasii irratti hirmaachuu waan hin dandeenyeef qorumsatti akka hin galle yeroo hundumaa Yihowaa kadhanna. Yihowaan walitti dhufeenya isaa wajjin qabnuu fi hinaaffaa tajaajilaaf qabnu eeguuf akka nu gargaarus isa kadhanna.”
16 Qorumsi gara biraan yeroo harʼaatti nu mudatu poornoogiraafii ilaaluu dha. Qorumsa akkasiitti yoo galle Seexana komachuu hin dandeenyu. Maaliif? Seexannis taʼe addunyaan inni bulchu, fedhii keenyaan alatti wanta tokko iyyuu akka goonu nu dirqisiisuu waan hin dandeenyeefi dha. Namoonni tokko tokko sammuun isaanii wanta gadhee yaaduu isaa akka itti fufu heyyamuudhaan qorumsa kanatti galaniiru. Haa taʼu malee, akkuma obboloonni keenya hedduun gochaa jiran nutis qorumsa kana of irraa ittisuu ni dandeenya.—1 Qor. 10:12, 13.
“HAMAA NU OOLCHI”
17. (a) Kadhannaa isa hamaa jalaa ooluuf kadhannuu wajjin haala wal simuun jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Yeroo dhihootti boqonnaa akkamii arganna?
17 Kadhannaa “hamaa nu oolchi” jedhuu wajjin haala wal simuun jiraachuu yoo barbaanne, “kan biyya lafaa” akka hin taane carraaqqii gochuu qabna. “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuu” hin qabnu. (Yoh. 15:19; 1 Yoh. 2:15-17) Kana gochuun yeroo hunda walʼaansoo gochuu gaafata. Yeroo Yihowaan Seexana balleessuudhaan, akkasumas biyyi lafaa kun akka darbu gochuudhaan kadhannaa kanaaf deebii kennutti boqonnaa guddaa arganna! Haa taʼu malee, Seexanni samii irraa yeroo darbatametti, yeroon isa hafe gabaabaa akka taʼe akka beeku dagachuu hin qabnu. Baayʼee waan aareef, amanamummaa keenya balleessuuf wanta isaa dandaʼame hunda godha. Kanaafuu, isa jalaa ooluuf kadhachuu keenya itti fufuun barbaachisaa dha.—Mul. 12:12, 17.
18. Badiisa sirna Seexanaa jalaa ooluuf maal gochuu keenya itti fufuu qabna?
18 Yeroo gammachiisaa akkasiitti jiraachuu ni barbaaddaa? Taanaan, Mootummaan Waaqayyoo maqaa Waaqayyoo akka qulqulleessuu fi jaalala isaa lafa irratti akka raawwatu kadhachuu kee itti fufi. Yihowaan wanta karaa hafuuraas taʼe karaa foonii si barbaachisu akka sii guutu isatti amanami. Eeyyee, kadhannaa fakkeenya taʼu kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf murtoo godhi.
-