-
Giidewon Miidiyaanota ni MoʼeBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 34
Giidewon Miidiyaanota ni Moʼe
Yeroo booda, Israaʼelonni ammas Yihowaa irraa garagalanii waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqaban. Miidiyaanonni waggaa torbaaf horii Israaʼelotaa hataa fi midhaan isaanii balleessaa turan. Israaʼelonni Miidiyaanota jalaa miliquuf gaarotaa fi holqawwan keessa dhokatu turan. Yeroo kanatti, Yihowaan akka isaan oolchu kadhatan. Kanaaf, Yihowaan maleekaa tokko gara dargaggeessa Giidewon jedhamutti erge. Maleekichis, ‘Yihowaan loltuu jabaa akka taatuuf si filateera’ isaan jedhe. Giidewon garuu, ‘Ani akkamittan Israaʼeliin oolcha? Anoo nama iddoo guddaa hin qabne dha’ jedhe.
Giidewon, Yihowaan akka isa filate akkamitti beeka? Giidewon rifeensa hoolaa muraasa lafa irra kaaʼee Yihowaadhaan akkana jedhe: ‘Ganama rifeensi hoolaa sun fixeensaan jiidhee lafichi immoo gogaa yoo taʼe, Israaʼeliin akka ani oolchu akka barbaaddu kanaan nan beeka.’ Ganama itti aanutti rifeensi hoolaa sun kan jiidhe siʼa taʼu, lafichi garuu gogaa ture! Achiis Giidewon ganama itti aanutti immoo rifeensi hoolaa sun gogaa akka taʼuu fi lafichi garuu jiidhaa akka taʼu gaafate. Wanti kun yommuu taʼu, dhuma irratti Giidewon Yihowaan akka isa filate hubate. Achiis Miidiyaanota irratti waraana baanuuf loltoota isaa walitti qabate.
Yihowaan, Giidewoniin akkana jedhe: ‘Ani Israaʼelotaaf moʼicha nan kenna. Garuu loltoonni kee hedduu waan taʼaniif, waraanicha ofuma keetii waan moote sitti fakkaachuu dandaʼa. Namni sodaate kam iyyuu gara mana isaatti akka deebiʼu itti himi.’ Kanaaf, loltoonni 22,000 gara mana isaanitti kan deebiʼan siʼa taʼu, 10,000 immoo ni hafan. Achiis Yihowaan akkana jedhe: ‘Loltoonni kun amma iyyuu hedduu dha. Gara lagaatti isaan geessiitii bishaan akka dhugan itti himi. Achiis warra diina ilaallachaa dhugan qofa of biratti hambisi.’ Yeroo kanatti namoonni ilaallachaa dhugan 300 qofa taʼan. Yihowaan namoonni muraasni kun loltoota Miidiyaan 135,000 akka moʼan waadaa gale.
Halkan gaafa sanaa Yihowaan, Giidewoniin, ‘Yeroon ati Miidiyaanota itti rukuttu amma gaʼeera!’ isaan jedhe. Giidewon xurumbaa fi okkotee guguddaa guca of keessaa qabu namoota isaatiif kenne. Giidewon, ‘Anaan ilaalaatii wantuma ani godhu godhaa’ isaaniin jedhe. Giidewon xurumbaa isaa afuufe, okkotee isaa caccabse, guca isaa sochoosee, ‘Goraadee Yihowaa fi goraadee Giidewon!’ jedhee iyye. Namoonni isaa 300 sunis akkasuma godhan. Yeroo kanatti Miidiyaanonni sodaatanii kallattii hundaan fiiganii baqatan. Jeequmsaan kan kaʼe, walii isaanii rukutuu jalqaban. Yihowaan, Israaʼelonni ammas diinota isaanii akka moʼan isaan gargaare.
“Humni humna caalu kun kan keenya utuu hin taʼin, kan Waaqayyoo [ti].”—2 Qorontos 4:7
-
-
Haannaan Ilma Argachuuf KadhatteBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 35
Haannaan Ilma Argachuuf Kadhatte
Elqaanaan inni nama Israaʼel taʼe, haadhotii manaa Haannaa fi Peniinaa jedhaman qaba ture; taʼus, Elqaanaan caalaatti Haannaa jaallata ture. Peniinaan ijoollee hedduu kan qabdu siʼa taʼu, Haannaan garuu ijoollee waan hin qabneef, yeroo hunda ishiitti gaʼisti turte. Elqaanaan godoo qulqullaaʼaa Shiiloo jirutti waaqeffachuuf waggaa waggaadhaan maatii isaa fudhatee dhaqa ture. Yeroo tokko utuu achi jiranii, haati manaa isaa Haannaan ishiin inni jaallatu baayʼee akka gaddite hubate. Kanaaf, ‘Haannaa, maaloo hin booʼin. Ani siif jira. Sin jaalladhas’ ishiidhaan jedhe.
Boodas, Haannaan kadhannaa dhiheessuuf kophaa ishii baatee deemte. Imimmaan ishii dhangalaasaa Yihowaan akka ishii gargaaru kadhatte. Akkasumas, ‘Yaa Yihowaa, ati yoo ilma naaf kennite, ani isa siif nan kenna, innis jireenya isaa guutuu si tajaajila’ jettee waadaa galte.
Eelii inni Luba Ol Aanaa taʼe yommuu ishiin hirqinfattee boossu argee, ni machoofte jedhee yaade. Yeroo kanatti Haannaan, ‘Lakki, yaa gooftaa ko, ani hin machoofne. Ani rakkina cimaan qaba, waaʼee rakkina koo Yihowaatti himachaan jira’ jette. Eeliiniis akka dogoggore waan hubateef, ‘Waaqayyo wanta ati barbaaddu siif haa kennu’ ishiidhaan jedhe. Haannaanis jajjabaattee karaa ishii irra buutee deemte. Achiis waggaa tokko utuu hin guutin, ilma godhattee maqaa isaa Saamuʼel jettee moggaaste. Yeroo kanatti, Haannaan hammam gammaddee akka turte tilmaamuu dandeessaa?
Haannaan waadaa Yihowaadhaaf galtee turte hin irraanfanne. Akkuma Saamuʼeliin harma guusteen godoo qulqullaaʼaa keessa akka tajaajiluuf isa fidde. Achiis Eeliidhaan, ‘Kun ilma isa ani argachuuf kadhadhee ture dha. Umurii isaa guutuu ani Yihowaadhaaf isa kenneera’ jette. Elqaanaa fi Haannaan waggaa waggaadhaan Saamuʼeliin ni gaafatu, akkasumas uffata haaraa irra keessatti uffatamu isaaf fidu turan. Yihowaan, Haannaadhaaf dabalataan ijoollee dhiiraa sadii fi durba lama ishiidhaaf kenne.
“Kadhachuu keessan itti fufaa isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa ni argattu.”—Maatewos 7:7
-