-
Qorumsa Gaara Qarmeelos Irratti GeggeeffameBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 46
Qorumsa Gaara Qarmeelos Irratti Geggeeffame
Mootonni Mootummaa Israaʼel gosoota kurnanii hedduun hamoo kan turan taʼanis, Ahaab garuu hunda isaanii caalaa hamaa ture. Inni dubartii hamtuu Baʼaaliin waaqeffattu fuudhee ture. Maqaan ishii Iizaabel jedhama. Ahaabii fi Iizaabel biyyicha waaqeffannaa Baʼaaliin guutaniiru; akkasumas raajota Yihowaa ajjeesaniiru. Yihowaan hoo maal godhe ree? Ergaa tokko akka isatti himuuf Eeliyaas raajicha gara Ahaabitti erge.
Eeliyaasis sababii hammina Ahaab Mootichaatiin, Israaʼel keessatti bokkaan akka hin roobne isatti hime. Waggaa sadii oliif midhaan waan hin biqilleef, sabichi ni beelaʼe. Yihowaan yeroo booda deebisee Eeliyaasiin gara Ahaabitti erge. Mootichis, ‘Ati nama rakkina uumu dha! Kun hundi kan taʼe balleessaa keetiini’ isaan jedhe. Eeliyaas garuu, ‘Ongeen kun kan dhufe sababii kootiin miti. Rakkinni kun kan dhufe, waan ati Baʼaaliin waaqeffattuufi dha. Qorumsa tokko haa qopheessinu. Sabichaa fi raajota Baʼaal Gaara Qarmeelos gubbaatti walitti qabi’ isaan jedhe.
Sabichi gaaricha irratti walitti qabame. Eeliyaasis, ‘Egaa murteessaa. Yihowaan Waaqa dhugaa yoo taʼe isa hordofaa. Baʼaal waaqa dhugaa yoo taʼe immoo isa hordofaa. Ani yaada kana nan dhiheessa. Raajonni Baʼaal 450ni aarsaa qopheessanii waaqa isaanii haa waammatan; anis aarsaa qopheessee Yihowaa nan waammadha. Inni ibiddaa ergee deebisu Waaqa dhugaa dha’ jedhe. Namoonni sunis kana irratti walii galan.
Raajonni Baʼaalis aarsaa qopheessan. Guyyaa guutuu, ‘Yaa Baʼaal, deebii nuu kenni!’ jedhanii gara waaqa isaaniitti iyyaa oolan. Baʼaal utuu deebii isaaniif hin kennin yommuu hafu, Eeliyaas isaanitti qoosuu jalqabe. ‘Hamma dandeessan sagalee keessan guddisaatii waamaa. Tarii hirribatu isa fudhate taʼa, kanaaf namni isa dammaqsu isa barbaachisuu dandaʼa’ jedhe. Aduun dhihus, raajonni Baʼaal garuu waammachuu isaanii ittuma fufan. Taʼus amma iyyuu deebiin hin jiru.
Eeliyaas aarsaa isaa iddoo aarsaa irra kaaʼee bishaan irratti dhangalaase. Achiis, ‘Yaa Yihowaa, maaloo namoonni kun ati Waaqa dhugaa taʼuu kee akka beekan godhi’ jedhee kadhate. Yihowaanis aarsaa sana gubuuf yeruma sana samii irraa ibidda erge. Namoonnis, ‘Yihowaan Waaqa dhugaa dha!’ jedhanii iyyan. Eeliyaas, ‘Raajonni Baʼaal akka hin miliqne godhaa!’ jedhe. Gaafa sana raajonni Baʼaal 450ni ni ajjeefaman.
Duumessi xinnoon tokko galaanicha irratti yommuu mulʼatu Eeliyaas Ahaabiin, ‘Bokkaa cimaan dhufaa jira. Gaarii fardaa kee feʼadhuutii gara mana kee dhaqi’ jedhe. Samiin duumessaan ni gurraachaʼe; bubbeen ni bubbise; achiis bokkaa yandoon roobuu jalqabe. Dhuma irrattis, ongeen ni dhaabate. Ahaab hamma dandaʼe gaariin fardaa isaa akka oofamu godhe. Eeliyaas gargaarsa Yihowaatiin gaarii sana caalaa ariitiidhaan fiiguu dandaʼeera! Haa taʼu malee, Eeliyaas rakkina isaa hundaaf furmaata argateeraa? Mee haa ilaallu.
“Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe, guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii taʼuu kee namoonni haa beekan.”—Faarfannaa 83:18
-
-
Yihowaan Eeliyaasiin ni JabeesseBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 47
Yihowaan Eeliyaasiin ni Jabeesse
Iizaabel wanta raajota Baʼaal irra gaʼe yommuu dhageessu baayʼee aarte. Kanaaf, ‘Bor atis akkuma raajota Baʼaal ni ajjeefamta’ jettee Eeliyaasitti ergaa ergite. Eeliyaasis baayʼee waan sodaateef, gara lafa onaatti baqate. Achiis, ‘Yaa Yihowaa, ani kana caalaa hin dandaʼu. Akkan duʼu godhi’ jedhee kadhate. Eeliyaas baayʼee dadhabee waan tureef muka tokko jala ciise.
Maleekaan tokko isa dammaqsee, sagalee laafaadhaan, ‘Kaʼiitii nyaadhu’ isaan jedhe. Eeliyaasis daabboo dhagaa hoʼaa irra kaaʼamee fi miʼa bishaan qabate tokko arge. Innis erga nyaatee fi dhugee booda deebiʼee rafe. Maleekaan sun ammas isa dammaqsee, ‘Nyaadhu. Karaa waan deemtuuf jabina argachuu qabda’ isaan jedhe. Kanaaf, Eeliyaas ammas ni nyaate. Achiis hamma Gaara Horeeb gaʼutti guyyaa 40 fi halkan 40 deeme. Achittis Eeliyaas rafuuf gara holqa tokkoo seene. Yihowaan garuu ‘Eeliyaas, asii maal hojjetta?’ jedhee isa gaafate. Eeliyaasis akkana jedhee deebise: ‘Israaʼelonni waadaa siif galan cabsaniiru. Iddoowwan aarsaa kee diiganiiru; raajota kees ajjeesaniiru. Kunoo amma immoo ana ajjeesuuf yaalaa jiru.’
Yihowaan garuu, ‘Dhaqiitii gaara sana irra dhaabadhu’ isaan jedhe. Jalqaba, bubbeen cimaan holqicha bira darbe. Achiis, lafti ni sochoʼe, itti aanee immoo ibiddi ni mulʼate. Dhuma irrattis, Eeliyaas sagalee laafaa suuta jedhee dubbatu tokko dhagaʼe. Fuula isaa uffata isaatiin haguugee holqicha ala dhaabate. Achiis Yihowaan maaliif akka baqate isa gaafate. Eeliyaasis, ‘Ana qofatu hafe’ jedhe. Yihowaan garuu, ‘Ati qofaa kee miti. Israaʼel keessa namoonni amma iyyuu ana waaqeffatan 7,000 jiru. Dhaqiitii bakka kee Eelsaaʼiin raajii godhii muudi’ isaan jedhe. Eeliyaasis yeruma sana wanta Yihowaan itti hime raawwachuuf deeme. Ati hoo Yihowaan wanta inni akka gootu barbaadu yommuu raawwattu, waan si gargaaru sitti fakkaataa? Eeyyee, inni si gargaara. Mee wanta bara ongee sanatti raawwatame tokko haa ilaallu.
“Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa.”—Filiphisiyus 4:6
-