LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Izraan Seera Waaqayyoo Barsiise
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Izraan waltajjii uummataa irratti Yihowaa kan jajate siʼa taʼu, isaanis irratti walii galuudhaan harka isaanii yommuu ol kaasan

      BARUMSA 66

      Izraan Seera Waaqayyoo Barsiise

      Israaʼelonni hedduun Yerusaalemitti erga deebiʼanii gara waggaan 70 kan darbe taʼus, tokko tokko amma iyyuu kutaawwan Bulchiinsa Faarsi garaa garaa keessa jiraatu turan. Isaan keessaa tokko luba Izraa jedhamuu fi Seera Yihowaa barsiisu dha. Izraan namoonni Yerusaalem keessa jiraatan Seericha hordofaa akka hin jirre waan beekeef, achi dhaqee isaan gargaaruu barbaade. Mootii Faarsi kan taʼe Arxeksis, ‘Waaqayyo Seera isaa barsiisuu akka dandeessuuf ogeessa si godhe. Nama si wajjin deemuu barbaadu kam iyyuu fudhadhuutii dhaqi’ isaan jedhe. Izraanis namoota gara Yerusaalemitti deebiʼuu barbaadan hundaa wajjin wal arge. Karaa isaanii isa dheeraa taʼe irratti akka isaan eeguuf gara Yihowaatti kadhannaa erga dhiheessanii booda deemsa jalqaban.

      Jiʼoota afur booda Yerusaalem gaʼan. Bulchitoonni achiis, ‘Israaʼelonni Yihowaadhaaf hin ajajaman; akkasumas dubartoota waaqolii sobaa waaqeffatan fuudhaniiru’ jedhanii Izraatti himan. Izraan maal godhe ree? Izraan sabicha duratti jilbeenfatee, ‘Yaa Yihowaa, ati waan baayʼee nuuf gooteetta; nuti garuu si irratti cubbuu raawwanneerra’ jedhee kadhate. Namoonni sun yaada kan geddaratan taʼus, amma iyyuu wantoota sirrii hin taane godhu turan. Izraan dhimmoota kana akka ilaalaniif jaarsolii fi abbootii murtii filate. Jiʼoota sadii keessatti, warri Yihowaa hin waaqeffanne ni ariʼaman.

      Waggoonni kudha lama ni darban. Yeroo kanatti dallaawwan Yerusaalemitti marsanii jiran deebifamanii ijaaraman. Kanaaf, Izraan Seera Waaqayyoo isaaniif dubbisuuf, sabicha gara waltajjii uummataatti walitti qabe. Yommuu Izraan kitaabicha banu sabichi ol kaʼee dhaabate. Innis Yihowaa kan jajate siʼa taʼu, isaanis irratti walii galuudhaan harka isaanii ol kaasan. Achiis Izraan yommuu Seericha dubbisee isaaniif ibsu, sabichi xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffata ture. Isaanis deebiʼanii Yihowaa irraa akka fagaatan amananii kan fudhatan siʼa taʼu ni booʼan. Guyyaa itti aanutti Izraan Seericha irraa wanta dabalataa isaaniif dubbise. Isaanis utuma baayʼee hin turin Ayyaana Daasii ayyaaneffachuu akka qaban hubatan. Yeruma sana ayyaanichaaf qophii gochuu jalqaban.

      Sabichi gammadee oomisha gaarii argameef guyyoottan ayyaana sanaa torbaaf Yihowaa galateeffate. Bara Iyyaasuutii jalqabee Ayyaanni Daasii akkasii kabajamee hin beeku. Ayyaanicha booda sabichi sassaabamee kadhate: ‘Yihowaa, ati garbummaa jalaa nu baasteetta; lafa onaa keessatti nu soorteetta; biyya bareedduu taate kanas nuuf kenniteetta. Nuti garuu irra deddeebinee utuu siif hin ajajamin hafne. Ati nu akeekkachiisuuf raajota kee nuuf ergiteetta; nuti garuu si hin dhaggeeffanne. Taʼus ati nuuf obsite. Waadaa Abrahaamiif galte eegdeetta. Amma garuu siif ajajamuuf waadaa galla.’ Isaanis waadaa galan kan barreessan siʼa taʼu, bulchitoonni, Leewwonnii fi luboonni irratti mallatteessan.

      “Gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” —Luqaas 11:28

      Gaaffii: Izraan Israaʼeloota walitti qabamanii turan maal barsiise? Sabichi maal gochuuf waadaa gale?

      Izraa 7:1-28; 8:21-23, 31, 32; 9:1–10:19; Nahimiyaa 8:1-18; 9:1-38

  • Dallaawwan Yerusaalem
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Nahimiyaan dallaawwan Yerusaalem deebiʼanii akka ijaaramanii fi eegdonni akka ramadaman qajeelfama yommuu kennu

      BARUMSA 67

      Dallaawwan Yerusaalem

      Mee waggoota muraasa gara duubaatti haa deebinu. Tajaajilaa Arxeksis Mootichaa kan taʼe Nahimiyaan, nama Israaʼel Shushaan ishii magaalaa warra Faarsi taate keessa jiraatu ture. Obboleessi Nahimiyaa Yihudaadhaa oduu gaddisiisaa akkana jedhu fidee dhufe: ‘Namoonni gara Yerusaalemitti deebiʼan balaadhaaf saaxilamoodha. Dallaawwanii fi karrawwan magaalattii warri Baabilon balleessan hin ijaaramne.’ Nahimiyaan ni aare. Gargaarsa gochuuf gara Yerusaalem deemuu waan barbaadeef mootichi akka isaaf heyyamu kadhannaa dhiheesse.

      Boodas mootichi Nahimiyaan akka gadde hubate. ‘Takkaa akkana taatee si argee hin beeku. Maali rakkinni jiraa?’ isaan jedhe. Nahimiyaanis, ‘Magaalaan koo Yerusaalem akkuma diigamtetti utuu jirtuu maaliifan hin gaddu?’ jedhe. Mootichis, ‘Maal akkan siif godhu barbaadda?’ jedhee isa gaafate. Nahimiyaanis yeruma sana sagalee isaa utuu hin dhageessisin kadhannaa dhiheesse. Achiis, ‘Maaloo, gara Yerusaalem dhaqeen dallaawwan sana deebisee ijaara’ jedhe. Arxeksis Mootichis Nahimiyaan deemuu akka dandaʼu itti hime; akkasumas karaan isaa nagaa akka isaaf taʼu gargaarsa isaaf godhe. Nahimiyaan bulchaa Yihudaa akka taʼuu kan godhe siʼa taʼu, dallaawwan magaalattii akka ittiin ijaaruufis muka isaaf kenne.

      Nahimiyaan yommuu Yerusaalem gaʼu dallaawwan magaalattii naannaʼee ilaale. Achiis lubootaa fi bulchitoota walitti qabee, ‘Haalli kun ulfaataadha. Hojiitti seenuu qabna’ isaaniin jedhe. Namoonni sunis irratti walii galanii dallaawwan sana deebisanii ijaaruu jalqaban.

      Haa taʼu malee, diinonni Israaʼelootaa tokko tokko isaanitti qoosuudhaan, ‘Dallaa isin ijaaraa jirtan Jeedalli iyyuu diiguu dandeessi’ isaaniin jedhan. Hojjettoonni sun garuu arrabsoo isaanii tuffachuudhaan ijaaruu isaanii itti fufan. Dallichis dheerachaa fi cimaa deeme.

      Diinonni sunis kallattii garaa garaatiin dhufanii Yerusaalem irratti tasa miidhaa geessisuuf murteessan. Yihudoonni waaʼee karoora isaanii kanaa yommuu dhagaʼan ni sodaatan. Haa taʼu malee Nahimiyaan, ‘Hin sodaatinaa. Yihowaan nu wajjin jira’ isaaniin jedhe. Hojjettoota sana eeguuf eegdota ramade; kanaafuu, diinonni isaanii isaan miidhuu hin dandeenye.

      Guyyaa 52 gidduutti dallaawwanii fi karrawwan sana ijaaranii xumuran. Nahimiyaan Leewwoonni hundi eebbaaf gara Yerusaalem akka dhufan godhe. Achiis garee faarfattootaa lamatti isaan qindeesse. Isaanis karaa Karra Burqaa Bishaanii jedhamuun yaabbannoodhaan gara dallichaatti ol baʼuudhaan magaalattiitti marsanii kallattii faallaatiin deeman. Malakata, siimbaalii fi baganaa taphachuudhaan, Yihowaadhaaf faarfatan. Hamma mana qulqullummaa biratti walitti dhufanitti, Izraan garee isa tokkoo wajjin, Nahimiyaan immoo garee isa kaanii wajjin deeman. Dhiirota, dubartootaa fi ijoollee dabalatee namoonni hundi Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessan; akkasumas ni gammadan. Sagaleen isaan gammachuudhaan dhageessisan kun fagootti iyyuu ni dhagaʼama ture.

      “Meeshaan waraanaa si balleessuuf tolfamu kam iyyuu milkaaʼina hin argatu.”—Isaayyaas 54:17

      Gaaffii: Nahimiyaan gara Yerusaalem kan deeme maaliifi? Dallaawwan Yerusaalem ijaaruun yeroo hammamii fudhate?

      Nahimiyaa 1:1-11; 2:1-20; 4:1-23; 5:14; 6:1-19; 12:27-43

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi