-
Yesuus Yeroo Ijoollee TurettiBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 72
Yesuus Yeroo Ijoollee Turetti
Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin dabalatee ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii wajjin Naazireet keessa jiraatu turan. Yoseef maatii isaa kan bulchu hojii anaaxii taʼee hojjetuun ture; akkasumas waaʼee Yihowaa fi Seera isaa isaan barsiisa ture. Maatichi yeroo hunda waaqeffannaadhaaf gara mana sagadaa, akkasumas waggaa waggaadhaan immoo Ayyaana Faasikaadhaaf gara Yerusaalem ni dhaqa ture.
Yommuu Yesuus umuriin isaa waggaa 12 taʼu, maatiin isaa akkuma yeroo kaanii Yerusaalem dhaquuf karaa dheeraa deeme. Magaalattiin namoota Ayyaana Faasikaa kabajuuf dhufaniin guutamtee turte. Boodas, Yoseefii fi Maariyaam, Yesuus namoota kaanii wajjin deemaa akka jiru yaaduudhaan gara mana isaaniitti deebiʼuuf karaa jalqaban. Haa taʼu malee, firoota isaanii gidduudhaa yommuu isa barbaadan isa argachuu hin dandeenye.
Achiis gara Yerusaalemitti deebiʼanii ilma isaanii guyyaa sadiif barbaadaa turan. Dhuma irrattis gara mana qulqullummaa dhaqan. Achitti Yesuus barsiisota gidduu taaʼee xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa fi gaaffiiwwan gaggaarii isaan gaafachaa ture. Barsiisonni sun Yesuusitti waan dinqisiifamaniif gaaffii isa gaafachuu jalqaban. Deebiin inni isaaniif kennes isaan dinqisiise. Inni Seera Yihowaa hubachuu akka dandaʼu ifatti arguu dandaʼaniiru.
Yoseefii fi Maariyaam baayʼee dhiphataniiru. Maariyaam, ‘Yaa ilma ko, iddoo hunda si barbaadaa turre! Eessa turte?’ isaan jette. Yesuus immoo, ‘As mana Abbaa koo keessa taʼuu akkan qabu hin beektanii?’ jedhe.
Yesuus warra isaa wajjin gara Naazireetitti deebiʼe. Yoseef hojii mukaa akkamitti hojjechuu akka dandaʼu Yesuusiin barsiiseera. Yesuus yeroo mucaa xinnoo turetti nama akkamii kan ture sitti fakkaata? Yesuus yommuu guddachaa deemu ogummaan isaa dabalaa, akkasumas Waaqaa fi namoota duratti surraa argachaa deeme.
“Yaa Waaqa koo, fedhii kee raawwachuun na gammachiisa. Seerri kees garaa koo keessa jira.”—Faarfannaa 40:8
-
-
Yohaannis Karicha QopheesseBarumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
-
-
BARUMSA 73
Yohaannis Karicha Qopheesse
Yohaannis, inni ilma Zakkaariyaasii fi Elsaabex taʼe yommuu guddatu raajii taʼe. Yihowaan, Masiihichi dhufaa akka jiru namoota akka barsiisuuf Yohaannisitti fayyadame. Haa taʼu malee, Yohaannis mana sagadaatti ykn magaalaatti utuu hin taʼin lafa onaa keessaatti lallabaa ture. Namoonni Yohaannis irraa barachuuf, Yerusaalemii fi guutummaa Yihudaa keessaa dhufu turan. Namoonni kun Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaadan, wantoota gadhee raawwachuu dhiisuu akka qaban isaan barsiisa ture. Yohaannisiin erga dhaggeeffatanii booda baayʼeen isaanii yaada geddaratan; Yohaannisis Laga Yordaanositti isaan cuuphe.
Yohaannis jireenya salphaa taʼe jiraata ture. Uffata rifeensa gaalaa irraa hojjetame uffata; akkasumas awwaannisa fi damma bosonaa nyaata ture. Namoonni waaʼee Yohaannis beekuu barbaadu turan. Fariisonnii fi Saduuqonni of tuultota taʼan illee, isa ilaaluu dhufanii turan. Yohaannis akkana isaaniin jedhe: ‘Daandii keessan jijjiiruu fi yaada geddarachuu qabdu. Nuti ijoollee Abrahaam waan jettaniif qofa adda akka taatan gootanii hin yaadinaa. Kun taʼuun isaa qofti ijoollee Waaqayyoo isin hin taasisu.’
Namoonni baayʼeen gara Yohaannis dhufanii, ‘Waaqayyoon gammachiisuuf maal gochuu qabna?’ jedhanii gaafatu turan. Yohaannisis, ‘Uffata lama yoo qabaattan isa tokko nama homaa hin qabneef kenna’ jedhee isaaniif deebise. Akkana kan jedhe maaliif akka taʼe beektaa? Barattoonni isaa Waaqayyoon gammachiisuu yoo barbaadan, namoota jaallachuu akka qaban barsiisuu waan barbaadeefi dha.
Yohaannis warra qaraxa sassaabaniin, ‘Haqaan hojjedhaa, eenyuun iyyuu hin gowwoomsinaa’ jedhe. Loltootaan immoo, ‘Mattaʼaa hin fudhatinaa ykn soba hin dubbatinaa’ jedhe.
Luboonnii fi Leewwoonnis gara Yohaannis dhufanii, ‘Ati eenyu? Namni hundi waaʼee kee beekuu barbaada’ isaan jedhan. Yohaannisis akkana isaaniin jedhe: ‘Akkuma Isaayyaas raajiidhaan dubbate, ani sagalee lafa onaa keessaa namoonni gara Yihowaatti akka deebiʼan gargaaru dha.’
Namoonni wanta Yohaannis isaan barsiisu ni jaallatu turan. Baayʼeen isaanii, Yohaannis ‘Masiihicha taʼinnaa laata?’ jedhanii garaa isaaniitti yaadan. Inni garuu akkana isaaniin jedhe: ‘Inni ana caalaa aangoo qabu dhufaa jira. Ani hidhaa kophee isaa illee hiikuuf gaʼumsa hin qabu. Ani kanan isin cuuphu bishaaniin, inni garuu hafuura qulqulluudhaan isin cuupha.’
“Namichi kun waaʼee ifa sanaa dhugaa baʼuudhaaf dhugaa baatuu taʼee dhufe; kunis kan taʼe akaakuun namootaa hundi karaa isaa akka amananiif ture.”—Yohaannis 1:7
-