LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yesuus Masiihicha Taʼe
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus Yohaannisiin erga cuuphamee booda hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti yommuu isa irra buʼu

      BARUMSA 74

      Yesuus Masiihicha Taʼe

      Yohaannis, ‘Namni ana irra caalu dhufaa jira’ jedhee lallabaa ture. Yesuus yommuu umuriin isaa gara waggaa 30 taʼu, Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos bakka Yohaannis namoota itti cuuphaa ture dhaqe. Yesuus Yohaannis akka isa cuuphu barbaade; Yohaannis garuu, ‘Ani si cuuphuu hin qabu. Situ na cuuphuu qaba malee’ jedhee deebiseef. Yesuusis deebisee, ‘Yihowaan akka ati na cuuphxu barbaada’ jedheen. Kanaaf, Laga Yordaanos keessa seenan, Yohaannisis Yesuusiin guutummaatti bishaan keessa liccisee isa cuuphe.

      Yesuus erga bishaanicha keessaa baʼee booda kadhannaa dhiheesse. Battaluma sanatti samiin banamee hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti isa irra buʼe. Achiis Yihowaan samii irraa, “Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada” jedhe.

      Hafuurri Yihowaa yommuu Yesuus irra buʼu inni Kiristoos ykn Masiihicha taʼe. Amma hojii inni lafa irratti akka hojjetuuf Yihowaan isa erge hojjechuu jalqaba.

      Yesuus akkuma cuuphameen gara lafa onaa dhaqee guyyaa 40f achuma ture. Yommuu achii deebiʼu Yohaannis bira dhaqe. Yohaannisis, Yesuus gara isaa yommuu dhufu argee, “Ilaa, Hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa balleessu!” jedhe. Innis kana dubbachuudhaan namoonni Yesuus Masiihicha taʼuu isaa akka beekan godhe. Yesuus yommuu lafa onaa keessa ture maaltu akka isa mudate beektaa? Mee haa ilaallu.

      “Sagaleen, ‘Ati Ilma koo isa jaallatamaa dha; ani sitti nan gammada’ jedhu tokko samii irraa ni dhufe.”—Maarqos 1:11

      Gaaffii: Yesuus maaliif cuuphame? Yohaannis, Yesuusiin Hoolaa Waaqayyoo jedhee kan waame maaliifi?

      Maatewos 3:13-17; Maarqos 1:9-11; Luqaas 3:21-23; Yohaannis 1:29-34; Isaayyaas 42:1; Ibroota 10:7-9

  • Diyaabilos Yesuusiin Qore
    Barumsa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barachuu Dandeessu
    • Yesuus fiixee mana qulqullummaa irraa utaaluu yommuu didu

      BARUMSA 75

      Diyaabilos Yesuusiin Qore

      Yesuus dhagaa gara daabboottii geddaruu yommuu didu

      Yesuus erga cuuphamee booda, hafuurri qulqulluun gara lafa onaatti isa geesse. Guyyaa 40f homaa waan hin nyaanneef baayʼee beelaʼe. Achiis Diyaabilos isa qoruuf gara Yesuus dhufee, ‘Ilma Waaqayyoo yoo taate, dhagoonni kun daabboo akka taʼan ajaji’ isaan jedhe. Yesuus garuu Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuudhaan, ‘Jiraachuuf wanti nyaata caalaa barbaachisu akka jiru barreeffameera. Wanta Yihowaan dubbatu hunda dhagaʼuu qabda’ jedhee deebiseef.

      Diyaabilos itti aansee, ‘Waaqayyo maleekota isaa ergee akka si oolchan ni godha kan jedhu barreeffameera, kanaaf Ilma Waaqayyoo yoo taate mee fiixee mana qulqullummaa kana irraa gad of darbadhu’ jedhee isa qore. Yesuus garuu ammas Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuudhaan, ‘Waaqa kee Yihowaa hin qorin kan jedhu barreeffameera’ jedhee deebiseef.

      Yesuus afeerrii Seexanni guutummaa addunyaa isaaf kennuuf dhiheesse fudhachuu yommuu didu

      Achiis Seexanni, mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii isatti argisiisee, ‘Siʼa tokko qofa kuftee yoo na waaqeffatte mootummoota kana hundaa fi ulfina isaanii siif nan kenna’ isaan jedhe. Yesuus garuu, ‘Seexana nana, na duraa deemi! Yihowaa qofa waaqeffadhu kan jedhu barreeffameera’ jedheen.

      Achiis Seexanni isa dhiisee deeme, maleekonnis dhufanii Yesuusiif nyaata kennan. Yesuus yeroo sanaa kaasee misiraachoo Mootummichaa lallabuu jalqabe. Hojiin kun hojii inni akka hojjetuuf gara lafaatti itti ergame dha. Namoonni wanta Yesuus isaan barsiisu waan jaallataniif bakka inni dhaqu hundaatti isa duukaa buʼu turan.

      “[Diyaabilos] sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef, soba yommuu dubbatu of keessaa maddisiisee dubbata.”—Yohaannis 8:44

      Gaaffii: Qorumsiwwan sadan kamfaʼi? Yesuus Diyaabilosiif deebii kan kenne akkamitti?

      Maatewos 4:1-11; Maarqos 1:12, 13; Luqaas 4:1-15; Keessa Deebii 6:13, 16; 8:3; Yaaqoob 4:7

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi